Eliyaas Kifluu / Dani / “Keenya Dabareen” Wallee Video Haaraa Waxabajjii 11,2015

Aside

Warraaqsa Bilisummaa Qindeessitan Sababaa Jedhuun Sabboontoti Oromoo Heddumminaan Hidhamaa Jiru.Milishooti Gandaa Bakka Adda Addaatti FDG Deggeruun Muldhate.

Aside

Waxabajjii 11,2015 Finfinnee

Because I am OromoMootummaan Wayyaanee  FDG dura dhaabbachuuf, uummata Oromoo hidhuu araada godhatee  itti fufuun isaa beekame. Filannoon mootummaa akka hin mulkoofneef FDG qindeessitu jechuun hojjetootni, barattootni hedduun godina Shaggar lixaatti guyyaa guyyaadhaan tika mootummaa Wayyaaneen qabamaa akka jiran Qeerroon gabaasaa jira. Uummata bilisummaa dheebote, kan guyyuudhaan WBO faarsuun Wayyaanee fi jalee isaa garaa gubaa jiru,manneen barnootaa garagaraa, yuuniversitii fi godinaalee adda addaa keessatti Qeerroo Bilisummaan diddaan wayita jabaate kanatti mootummaan hidhaadhaan uummata dura dhaabbachuuf ka’e. gabaasa Qeerroo irraa ibsuun hojjetootni dhuunfaa garagara fi barattootni kan maqaan isaanii armaan gaditti argamu godina Shaggara lixaa aanaa garagaraa keessaa hidhamanii jiraachuu gabaafame.
1. Urgaa Addnyaa
2. Darejjee Taayyee
3. Ingiddaa Qusii
4. Warquu Gurmuu
5. Magarsaa Fiqaaduu
6. Birhanuu Bookkiisaa
7. Mokonin Zawudee
8. Maammush Bookiisaa
9. Garramuu Addunyaa kan jedhaman uummata kaasuudhaaf kanneen FDG qindeessanii fi ABOdhaan hoogganam jechuun mootummaan Wayyaanee halkanii guyyaa sodaan uummataa oromiyaa keessatti FDG qabsiisee jiru mana hidhaatti darbuu kan maqaan isaanii nu gahe fi kanneen hafanillee deebisnee miidiyaa irra kan oolchinuu, Qeerroon gabaasee jira.
Akkasuma FDG godina Shaggar kaabaa keessatti kan itti fufee fi mootummaan nama qabee gadhiisu wallaale, uummannis Qeerroo Bilisummaa waliin hiriire dhaabbate,
– Qeerroon Korri yoomi, lolaa yaa Qeerroo
– WBO WBO gaachana sabaa
– Biisummaa dheebonne
– Yaa wayyaanee gaafa Abbaan Biyyaa dhufee si baasisa hurgufee jechuun dhaadatan.
Jechuudhaan dargaggootni sirbaan dhaadannoo dhageessisuun oromiyaa bakka hundaa itti fufee jira. milishootni gandaa shaggar kaabaa diddaa uummataa deggeruun keessatti hirmaatan.

Godina Jimmaa Aanaa Mannaa Magaalaa Yabbuu Keessatti Jiraatotaa fi Loltoota Wayyaanee Jidduutti Waldhabbii Ka’een Hokkorri Mootummaa Hammaate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 11,2015 Yabbuu

diddaa9Gaafa Waxabajjii 9,2015 Godina Jimmaa Aanaa Mannaa Magaalaa Yabbuutti yakki dirqisisanii gudeeduu Poolisotaa Wayyaaneen uummata irra qubsiiseen fudhatamuun walqabatee Uummatni naannichaa diddaa sirna mootummaa Itiyoophiyaaf qabu daran jabeesse,haalli kun naannicha irratti hammaachuu irraan Poolisootni Federaalaa Wayyaanes uummata irratti dhukaasa banan

Haalli rakkoon uummataa fi loltoota mootummaa jidduutti uumameen wal qabatees Uummatni Oromoo nagaan Magaalaa Yabbuu keessa jiraatuus mana isatti poolisootaan reebama bulan. Uummatni Oromoo nagaan reebamee madeeffamuu fi hedduun hidhamuu madden keenya gabaasan, maqaa namoota reebichaan hamaan irra ga’ee madeeffamanii fi kanneen hidhaman adda baasuun akka gabaasu madden Qeerroo Bilisummaa dhaaman.

Sagalee QEERROO Bilisummaa Qophii Waxabajjii 10,2015

Aside

Lead For The Master Of Our Destination Instead Of Doing Homework To Destruct.

Aside

By Dr,Baro Keno Deressa

Dr Baro Keno

The passing of our hero’s, an icon of the struggle against the colonization of our country Oromia, creates a great hope to fill.  Their death also reminds us of their life. A life unparalleled for their bravery, conviction, and devotion to a just cause, and to the liberation of their fellow men and women in Oromia and particularly their own people Oromo those who mostly affected. A life in which they struggled against the might of the Ethiopian empire and sacrificed their own liberty so that all Oromo’s and other nationalities in Oromia could enjoy dignity, prosperity, and freedom. This paper discusses the complexity of our struggle, Oromumma factor and way out. Challenges are what make life interesting and overcoming them is what makes life meaningful.

All human being  are created equal, that they are endowed by their Creator with certain unalienable Rights, that among these are Life, Liberty, equality and the Pursuit of Happiness. That to secure these Rights, governments are instituted, whenever any Form of government becomes destructive of these ends, it is the Right of the People to alter or to abolish it, and to institute new government in order to keep in place a concrete foundation for democratic governance and rule of law.

For many countries, the presence of malicious leaders forms a notable impediment to the development of their economy as well as their living conditions. This makes one wonder how these leaders can be removed, and how their rise to power can be prevented.

When it comes to the question of how to punish malevolent rulers, the international community has increased its commitment to prosecute malevolent dictators by establishing the International Criminal Court. This deters dictators from committing atrocities. For example on May 30 2012, the Special Court for Sierra Leone sentenced Charles Taylor, former president of Liberia, to 50 years imprisonment for war crimes and crimes against humanity.Read More:- Lead for the master Dr Baro

Filannoo Wayyaanee Eeboo fi Daabboon durfamu

Aside

SBOLogoAnimation(Sagalee Bilisummaa Oromoo – Waxabajjii 09,2015) — Addunyaa irra filannoo gosa lamatu jiran. Kanneen biyya ijaarratan, sagalee ummataa fi seera biyyaa kabajan, mirgi sabummaa fi matayyaa heeraan mirkaneeffame keessatti filannoon adeemsifamu kan sagalee ummatni kenne kabaju dha.  Biyyoota akkanaatti  filannoon ummata ittiin sobuuf hin gaggeeffamu. Sagalee isaa irra ejjatanii kan ofiif fedhan filame jedhanii labsatuufis ittii hin gargaaraman. Kan ummataa fi biyyaaf hojjatu itti filatan, kan waadaa isaa guutuu hin dandeenye ammoo murtii baala dhoksaa dhaan dabarfamuun aangoo irraa ittiin buusan. Ummatni sagalee isaatiin aangoo irra kaa’ee sagaleedhuma isaan aangoo irraa buusa. Kanaaf sagaleen ummataa murteessaa dha jedhama. Sagalee ummataa hatuu fi saamuun gonkumaa hin danda’amu. Sirni dimokraasii biyyoota kanneen keessatti diriirfames kana hin haayyamu. Kanatti dabalee karaan korojootti baala dhoksaa itti guuranii fi keessaa guuran hin jiru. Taajjabtoota walabaan waan to’atamuuf. Boordiin filannoos walaba qofa osoo hin taane, aangoo murteessummaa waan qabuuf hannii fi saamichi sagalee ummataa karaan itti cufamaa dha.  Filannoo akkanaan kan mo’ame isa mo’een baga gammadde jechuun dhaamsa gammachuu dabarseefii mo’atamuu isaa amanee fi labsee nagaan qadaadama. –Eeboo fi Daabboo

SBO Waxabajjii 10,2015. Oduu, Waggaa 27ffaa Hundeeffama SBO sababeeffachuun qophii Minisootaatti geggeeffame ilaalchisuun gaaffii fi deebii Aadde Saamiyaa Usumaan waliin taasifamee fi qophii biroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Naannawaa Shaggar Aanaa Sulultaa Ganda Dubar Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Daran Jabaachaa Jira,Milishooti Gandaas Uummata Adamsanii Hidhuu Itti Fufan.

Aside

Waxabajjii 9,2015 Dubar

10337748_485378124959861_4832524584612908307_n

Loltooti Wayyaanee Ganda Dubar Keessaa Uummata Yeroo Hidhaatti Guuran

Naannawa Shaggar aanaa sulultaa ganda Dubar keessatti sochiin qeerroo daran jabaatee itti fufuun Wayyaanee fi jaleewwan sirnichaa  raafama keessa buuse jira. Filannoo dharaa fi fakkeessii mootummaan abbaa irree Wayyaanee gaggeesseen booda nu filachuu diddan sababa jedhuun gandoota hedduu irraa ifaa, bishaanii fi network guutumatti balleessuun uummata dararaa kan jirtu yoo tahu, kanumaan walqabatee Qeerroon Oromoo aanaa Sulultaa ganda Dubar guyyaa 06/06/2015 galgala irraa eegalee diddaa guddaa dhageessisaa jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.

Filanoo dharaa fi fakkeessiin bitamuu hin qabnu, mirgi abbaa biyyummaa haa kabajamu, ajjeechaan reebichii fi hidhaa nurraa haa dhaabatu, dhimmi master planii finfinnee yaa haqamu jechuun sagalee dhageessisaa sirboota qabsoo garagaraa sirbaa kan bulanii fi basaasaa wayyaanee kan yeroo garagaraatti sabboontota ilmaan oromoo sobaan yakkaa ture fi bulchaa ganda Dubar kan tahe Nama Xilahuun Kebebew jedhamu manni isaa dhakaachaan tumamee jira. Jaleewwan Wayyaanee diddaa Qeerroo kana dura dhaabachuuf yaaltus yeroo sanatti dhaamsuu kan hin dandeenyee fi tikoota poolisii Wayyaanee aanaa irraa akka ergamuu taasisuun guyyaa har’aa uummata keessa naana’uun doorsisaa jiru.

Oromo Voice Radio (OVR) – 08 June 2015

Aside

“Jabaadhu Qotataa Oromoo” /Walaloo

Aside