Waxabajjii 23,2014, Yuuniversitii Finfinneetti barattootni Oromoo filatnoo kijibaa Wayyaanee dura dhaabbachuun mootummaan EPRDF gabroomfataa dha kan jedhuu fi barruulee adda addaa mooraa keessa tamsaasuun diddaa sirnchaaf qaban muldhisaa jiru.
Hakkan edaa Waxabajjii 23,2015 waraqaa diddaa kan tamsaasan yoo tahu waraanni Wayyaanee diddaa kanna dhamsuuf ganama obboroo naannoo Yuuniversitii Finfinnee qubachuun barattoota doorsisuun Qeerroon gabaase, akkasuma Yuuniversitii Bulee Horaatti diddaan guyyoota lamaan kana jabeeffamuun sagaleen Qeerroo uummataan dhagayame,Oromiyaan ni bilisoomti. Mootummaan gabroonfataan nurraa haaka’u, sirni mootummaa wayyaane nun bitin , uummanni keenya Mootummaa wayyaanrr hin jenne ABO waammataa jira, Bilisummaan Keenya dhiyoo jirti kan jedhu barruuwwan hedduu tamsaasan kanuman wayyaaneen rifatte waraana akka amala ishee mooraa Yuuniversitii keessa qabachiisuun FDG duradhaabbachuun Qeerroon gabaase. Yuuniversiti biroo keessatti akkasuma godnaalee fi magaalota keessatti diddaa qabate jiru sirna mootummaa Wayyaane hundeen kan buqqisu tahuu hubatee wayyaanen waraana isaa halkanii guyyaa olii fi gadi tamsaastee jirti. Oromiyaan hanga bilisoomtutti FDG itti fufa jechuunis barattooti bakka maraa dhadachaa jiraachuun beekama.
Blog Archives
SBO Waxabajjii 24,2015. Oduu, Gabaasa Hidhaa lammiilee Oromoo irratti deemaa jiru…SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Sagalee QEERROO Bilisummaa Waxabajjii 22,2015
Aside
Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Bifa Adda Ta’een Kellaawwaan Nannawaa Finfinneetti Argaman Irratti Sakkatta’insa Guddaa Gaggeessaa Jira, Namoota Nagaa Sabaaba Itti Barbaaduun Kanneen Waraaqaa Eenyummaa Hin Qabne Hidhaatti Guuraa Jira.
Aside
Waxabajjii 23,215 Finfinnee
Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF Wayyaaneen yeroo amma kanatti muddama keessa galtee jirtu keessaa of baasuu kan hin dandeenye human waraanaa fi pooliisii of harkaa qabdutti fayyadamuun yeroo irraa gara yerootti sakkatta’insa seeraan alaa gaggeessaa kan turte, yeroo amma kanatti ilmmoo sakkatta’insa bifa adda ta’een Waxabajjii 19,2015 irra ee galuun kellaawwaan magaalaa Finfinnee nanna’uun argamaan hundaa irratti sakkatta’iinsa seeraan alaa gaggeessa jirti. Keellaawwaan magaaloota addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argaman irratti kan haalaan jabeessitee sakkatta’insa gaggeessa jirtuu fi waraaqa eenyummaa fi gaaffii qorannootiin uummata dararaa jiraachuun irra ga’ame jira.
Sochiin uummata nannawaa Finfinneetti argamuu haalaan jabaachaa jiraachuu irraa yaaddoo fi sodaan kan itti bulee Wayyaaneen waraanaaisaa hiriirsisuun duulaa sakkatta’insaa fi doorsisaa gaggeessa jirachuun uummata shoroorkeessa jira. Qeerroon bilisuymmaa Oromoo uummaatni Orromoo akeekaa Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun eenyummaa fi teessumaa Oromiyaa saamuuf maqaa master plan Finfinnee jedhuun Wayyaaneen fiigaa jirtuu dhaabsisuu fi haala waliigala qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf yeroon gamtaan falmatan amma Oromoo bakka jirtanhundaa socho’aa jechuun uummata Oromoo hundaaf dhaamsa isaa dabarsee jira.
SBO Waxabajjii 21,2015. Oduu, Gabaasa Hiriira Nagaa Washington DC. Hidhaa poolisoota Oromoo irratti geggeeffamaa jiru ilaalchisuun gaaffii fi deebii Saajin Damee Abdii waliin….
Aside
Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuuniversitii Mattuu Jumulaan Barnoota Irraa Arihaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Waxabajjii 22,2015 Yuunivarsiitii Mattuu
Mootummaan Wayyaanee gochaa diinummaa fi abbaa irrummaa isaa ifatti muldhifatee jiruu Yuunivarsiitii Mattuutti barattoota Oromoo Oromummaa yakkamuun barnoota irraa ari’aa jiraachuun ibsame. Torbee darbee irraa eegaluun Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Oromummaan yakkuun barnoota irraa arhahaa kan jiru yeroo ta’uu, yeroo ammaa kana barattoota Oromoo arihaa jiraachuun madden Qeerroo bilisummaa Oromoo gabaasan .
Irraa guddaan barattoota arihamanii kanneen barnoota isaanii Yuuniversitii irraa xumuranii fi xumurataa jiran akka ta’e Qeerroon gabaasa. Ammatti kanneen maqaan isaanii ifaan beekame keessaa :-
- Barataa Biraanuu Mokonoon barataa ispoorii saayinsii waggaa 3ffaa baratu guutummaatti barnoota irra kan arii’ame.
- Barataa Leencoo Tasgaraa barataa Afaan Oromoo waggaa 3ffaa kan baratu gutummatti barnoota irraa kan arii’atame.
- Barataa Abbabee kan jedhamuu barataa Cotton Engineering waggaa 2ffaa kan baratu guutummaatti barnoota irraa kan arii’ame.
- Barataa Annissoo barataa Cotton Engineering waggaa 2ffaa kan baratu gutummatti barnoota irraa kan arii’ame.
- Barataa Dirribaa Hayilee barataa Economics waggaa 3ffa kan baratu gutummaatti barnoota irraa kan arii’atame
- Barataa Guutuu Indaaluu barataa ispoorti Saayinsii waggaa 2ffaa kan baratu waggaa 2f adabame jira.
- Barataa Gootummaa Galaashee Mechanical Engineering waggaa 2ffaa kan baratu waggaa 2ffaa adabame
- Barataa Kaasahuun Maammuyyee barataa mechanical Engineering waggaa 3ffaa kan baratuu waggaa 2f adabamee jira. Barataan kun asiin fuldura illee waggaa tokko barnoota irraa adabamee bara kana kan itti deebi’e.
- Barataa Magarsaa barataa management waggaa 2ffaa kan baratuu waggaa 2f kan adabame.
Kanneenkeessatti argamaan Ilmaan Oromoo nagaan barattootni hedduun arii’ama jiraachuun ibsame jira. Guutummaa lakkofsa barattoota arhiamanii jidduu kana Qeerroon kan beeksisu yeroo ta’u ,Barattoota Oromoo 45 irratti immoo beeksisaa baasuun maqaa qorannoo jedhuun dararaa jiraachuun ibsame jira.
Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii Damee Qilinxoo Baratan Shira Mootummaan Wayyaanee Oromoota Irratti Addaatti Gaggeessu Dura Dhaabbatan.
Aside
Waxabajjii 21,2015 Finfinnee
Mootummaan EPRDF/TPLF akkuma amala isaa gama ittin qabee barattoota Oromoo hidhaatti guuruuf jedhee gama barattoota ilmaan Tigiree hiriiruun ilmaanOromoo irratti roorrisuuf yaalii guddaa godhus goototni barattootni Oromoo shira diinaa irratti dammaquun FDG jabeessuun dura kan dhaabbatan ta’uun ibsame. Haaluma kanaan Warraaqsii jabaata ta’ee mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee Qilinxootti argamuu keessatti qabachuun mooraan Yuunibarsiitii kunis raafama guddaa keessa galte. Goototni barattootni Oromoo dabballoota wayyaanee gama barattoota Tigiree ta’an keessan hiriiruun barattoota Oromoo hidhuu, ajjeesuu fi shiroota garaagaraa irratti rawwachuuf bobbaafaman dhagaan kan haleelaman ta’uu madden qeerroobilisummaa Finfinnee irraa gabaasan.
Goototni barattootni Oromoo ilmaan diinaa ergama diinummaa Wayyaanee baatanii fiigaa jirandhagaan of irraa haleeluun FDG waan itti jabeessaniif dabballootin mootummaan wayyaanee mooraa Yuunibarsiitii Finfinnee Qilinxootti argamu bulchaa jiran human Pooliisii Federaalaa fi Agaazii mooraa Yuunibarsiitiitti ol galchuun barattoota Oromoo irratti yakka sanyummaa rachuu kan eegalan ta’uutu ibsamee jira. Sochiin kun guyyaa kaneegalee hanga halkan keessaa sa’aa 5ttii illee kan itti fufe ta’uu irraan barattootni Yuunibarsiitii gadi lakkisuun gara Magaalaatti illee gadi ba’uun shira dabballoota wayyaaneen qabsiifame irraa gara Poolisoota federaalaa wayyaane dura dhaabbachuutti jabeessuun kan itti fufan ta’uun ibsame jira.
Mootummaan Wayyaanee sochii barattoota Oromoo kanatti yaaddoo keessa seenuun kan duraan iyyuu of dammaqaa jiraatu human poolisii federaalaa guddaa barattootatti bobbaasuun ilmaan Oromoo irratti Yakka reebichaa fi gara mana hidhaatti ukkamsee guuraa jiraachuun ibsame jira. Adeemsii kun immoo ittumaa barattoota Oromoo gara FDG kan jabeessaa jiru ta’uu irraan Yeroo ammaa kanatti adeemsii baruu fi barsiisuu mooraa Yuunibarsiitii Finfinnee Qilinxootti argamuu keessatti dhaabbatee jirachuun ibsamera.
Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 19, 2015
Aside
Abbaan Irree Waayyaanee Filannoo Kijibaa Barana Gaggeeffame Irratti Waan Hin Filataminiif Hujummoo Bishaanii Nurraa Buqqise Jedhu Jiraattotni Aanaa Adaamaa
Aside
Waxabajjii 19,2015
Aanaa Adaamaa ganda qonnaan bulaa Marabbee Marmaarsaa keessaa gabaasi Qeerroo naannichaa akka addeessutti akkuma beekamu mootummaan abbaa irree filmaata dura ummata goyyoomsuf tajaajiloota yeroodhaf kanneen akka ibsaa,bishaani fi kkf gandarra deemee galchaa turuun isaa ni yaadatama.haa ta’u malee ummatni tooftaan Wayyaanen yeroodhaa yerootti umrii bittaa dheerefachuuf itti jijjiiraa ture kun dursee waan hubateef sagalee tokkollee osoo hin laatiniif paartii KFO tif kennuun isaa kan yaadatamuudha.
Haala kanaan mootummaan abbaa irrees diddaa uummataa kanatti kan dallane tajaajiloota filmaata dura galche sana irra deemee buqqqisuu fi ciruu eegalee jira. Aanaa Adaamaa G/Q/B,Marabbee Marmaarsaa keessatti jiraattota muraasa irraa isin sagalee nuuf hin laatne akkasumas ummata nurratti kakaasaa jirtan jechuun hujummoo bishaanii jalaa buqqisee jiraattotni kun rakkoo bishaan dhugaatif saaxilamaa jiru , egaa yaa lammii koo “Surree jilbarraan dhumte Abbaatu waraannata Deega ijoollummaan dhufte Abbaatu tattaafata “akkuma jedhan ,mirga keenyaaf qaama biroo otoo hin taane numa mataa keenyaadha falma finiinsaa jedhu jiraatoti naannichaa.
Kaabinoonni Wayyaanee Bulchiinsaa fi Hoggansi Keenya Beekumsa Argachuu Qaba Sababaa Jedhuun Uummata Jeeqaa Jiru
Aside
Waxabajjii 19,2015 Naqamte
Hoggansii fi bulchiisi keenya uumata biratti amantaa fi fudhatama walii gala qabaachuu qaba sababaa jedhuun kaabinooti OPDO akkuma fedhan dhimmoota mara waliin laaqa oolanii bulaa jiru.
Waxabajjii 16,2015 Kaabinootiin Wayyaanee hojjettoota fayyaa,bishaanii,ibsaa,qonnaa fi kka bakka tokkotti walitti qabuun hogganummaan OPDO uummata biratti fudhatama waan hin arganneef dirqiin uummati fudhachuu fi nu kabajuu qaba yaada jedhu uummatatti kaasaa turan akkanatti yeroo kana Wallagga magaalaa Naqamtetti kaabinoota OPDO tti waaroon salphinaa hojjettoota fayyaa godinichaan itti uffisame walga’ichi gaafa 19,2015 xumurame.


