Sagalee Seife Nebelbal Qophii Waxabajjii 19,2015

Aside

Sagalee Simbirtuu Qophii Waxabajjii 18,2015

Aside

የተደበቀው የራያና አዘቦ አኩሪ ብሔራዊ ማንነትና ታሪክ (በቦሩ በራቃ) | Brief National History of the Raya & Azebo People in Ethiopia

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/brief-national-history-of-raya-azebo-in-ethiopia

Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati!

Aside

Kutaa 1ffaa

image-63b4e402449dd50b58c13b4a413c0254db73f8a4b70dfcacb88e7a7fff0f7211-VOromoon erga Oromiyaa dhabdee, mirga, bilisummaafi demokiraasummaa isiis walumaani dhabde.

Dhimmi amantii dhimma siyaasaati. Amantiifi Siyaasaa addaan baasanii ilaaluun hin danda’amu. Sababiinsaa mirga amantii qabaachuun mirga demokiraasummaa qabaachuudha. Namni mirga demokiraasii hin qabne waan fedhe amanuu hin danda’u!

Erga Maqaan Oromiyaa, Daangaan Oromiyaa, Qabeenyaan Oromiyaa, Bulchiinsi Oromiyaa, Dinagden Oromiyaa, … kkf Itoophiyaa jalatti kolonneeffatamee jalqabee hanga guyyaa har’aatti Oromoon mirga demokiraasummaa waan barbaadetti amanuu dhabee, Amantii bittoota isaa akka hordofu, bifa garagaraatiin dhiibbaa gurguddaan, yakki jajjabaan iratti gaggeefamaati as ga’e.

Bara Minilik amantii  Ortoodooksii akka hordofu dirqisiisuuf jecha, Hordoftoonni Waaqeffataa, Musliimaafi Protestaantii qawween ajjeefamaa turan. Hordoftoota amantaa Waaqeffataa adamsanii sassaabanii bakka tokkotti jumlaan rashanaa turaniiru. Akka fakkeenyaatti erga mootii Shawaa/Gullallee Tufaa Munaa ajjeesanii booda, Qaalluu Oromoo, Naannawa Finfinneetti argaman mara mana mana isaanii irra adeemanii guuranii fidanii magaalaa Finfinnee lafa amma piyaassaa jedhamutti bataskaana Giyoorgis ammaa cinaatti Jumlaan jiraa qotanii akka owwaalan seenaafi ragaaleen ni ibsan. Bara dabre kana Bakka awwaala qaallota Orommoo kana wayyaanticha Alaamuddiiniif akka gamoo guddaa gidduu gala gabaa/isa ‘Mall’ jedhan/ akka ijaaru yeroo kennaniifiitti wayta lafa kana bu’uura gamoo kanaa dhaabuuf qochisiisutti Lafeen qaalluulee Oromoo jumlaan ajjeefamanii kumaatamaan lakkaa’amu argamuu isaa irraa, akka uummanni seenaa kana beekee fincila hin kaafne dhoksaan halkan siinoo tiraakii chaayinaan guuramee bakka yeroof hin beekamnetti akka geeffame irra gahameera.

Akkasumas, Nama Macaafa Qulqulluu, Afaan Oromootti Hiike, Oniis Moos Nasiib /Abbaa Gammachiis/Hiikaa irrattis amantii proteestaantii akka hin lallabne murtii du’aa itti murteessee akka ture seenaan dhugaa baha! Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati

Aad. Worknesh & Aad. Lense Recount Jaal Lemessa Boru’s Revolutionary, Courageous & Exemplary Years in the Oromo Struggle (Via OMN)

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts -17 June 2015

Aside

SBO Waxabajjii 17,2015. Oduu, Hundeeffama SBO Waggaa 27ffaa Waxabajjii 15,2015 Giddu Gala Waajjira H.D ABOtti geggeeffamee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና::/ SQ June 16, 2015

Aside

Mootummaan Waayyaanee Gaaffii Mirgaa Uummanni Kaase Dura Dhaabbachuuf Jecha Poolisoota Sirnichaa Kutaalee Magaalaa Adda Addaa Keessatti Leejisaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 16,2015 Finfinnee

kr

Leenjii Kutaa Magaalaa Piyaassaa

FDG dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee poolisoota isaa naannoo Finfinnee kutaa magaalaalee garagaraatti leenjii kennaa jira.
Madda oduu Qeerroo Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullallee irraa Waxabajii 16,2015. Torbee fi erga filannoon kijibaa darbee qixa garagaraa fi godinaalee akkasuma dhaabbilee barnootaa keessatti humna waraanaa kan ramade FDG finiina jiru dura goruu fi gara dhabsiisuu yaaluudha. Bara darbee yeroo ammaa diddaan uummata Oromoo jabaachaa jiraachuun tika mootummaan hagam dura dhaabbatamullee Wayyaanee sodaachisee jiraachuun waan ifaadha. Kanumaan wal qabateemmoo Finfinnee keessatti diddaan guyyaa guyyaatti jabaachaa waan deemaa jiruuf miseensi poolisii mootummaa kamuu akkamiin diddaa kana addaan kutuu fi fesheleessuu akka danda’an, uummata diddaa kanatti hirmaatanis toohachuu fi hidhuun jabeeffamuu akka qabu irratti poolisoonnti Finfinnee kutaa magaala garagaraatti leenjii fudhachuu eegalan.

Uummanni FDG kaasu humna keenyaan ol ta’uu danda’a. akkasuma of eeggannoon kana booda akka sochootan uummanni isin irratti tarkaanfii fudhachuu danda’a jechuudhaan leenjii sodaan wal qabate poolisoota Finfinneef kennamaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Suuraan as irratti argitan kun poolisoota walgayii irraa bahaa jiran isaanuma keessaa poolisootan suuraan kun kaafamee kenname kan kutaa magaalaa Piyaasatti leenjiiin kun kennamaa ture tahuu isaa gabaasni nugahe ibsa. Sodaa aangoo gadhiisuu mul’achuun poolisoonni FDG dura dhaabbachuu akka qaban leenjiin kennamus FDG hanga bilisummaatti itti fufa, kanas ni deggerra kan jedhan miseensonni poolisoota leenjii kana keessatti argaman Qeerroo fi uummata oromoo waliin dhaabbachuu dhaamsa kennuu Qeerroon gabaase.

Kaardii Filatnoo Gurguramaa Tureen Wal Qabatee Diddaan Uummataa Daran Jabaachaa Dhufe, Godina Matakkal Hora Cufaa Caancoo Irrattis Irreessi Arfaasaa Kabajamee Oromoonni Hidhaman

Aside

Waxabajjii 16,2015 Naqamte

diddaa9Filmaata kijibaa mootummaan abbaa irree Wayyaaneen gaggeesseen wal qabatee namoonni mootummichaaf amanamoo ta’anii filmaaticha tohannaaf ta’an sagalee uummataa fuudhanii dabballoota Wayyaaneetti akka gurguratan waan beekamaa dha. Godinaalee Oromiyaa mara keessatti haalli hanna sagalee uummataa kun baldhatee deemaa ture.

Godina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagalootti Obbo Qannoo Addunyaa fi Mulaatuu Waawayyaa kanneen jedhamann sagalee uummataa waan gurgauraniif  jecha wajjira MMD itti yaamamanii badhaafamuu fi mootummaa harkaa qarshii kuma kudhan fudhachuun beekame, Waxabajjii 16,2015 haalli kun falmisiisaa ta’uu irraan garee poolisoota mootummaa bakka lamatti qooduun waldhibdeen guddaa jidduutti waan dhalateef kanneen filmaata dharaan morman keessaa farra mootummaati jedhamuun akka qabaman yeroo ta’u. Poolisiin Geetachoo Fiixee jedhamu ammo haala kana irraa kan ka’u barbaadaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Gama biraan godina Beeneshangul Gumuz aanaa Matakkal keessatti ayyaanni Irreessaa argaasaa Hora Cufaa Caancoo irratti Waxabajjii 12,2015 gaggeeffameen wal qabatee diddaan sirna Wayyaanee waan ka’eef jecha Oromoonni hedduun Oromummaa isaaniin hidhamaa akka jiran gabaasi Qeerrooa addeessa.