Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Waxabajjii 25, 2015

Aside

Godina Lixa Shaggar Aanaa Xiqur Incinnii Keessatti Manni Murtii Wayyaanee Barattoota Oromoo 15 Irratti Hidhaa Waggaa 2 fi Baatii 6 Murteesse, Anaa Ada’aa Bargaa Keessatti Ammoo Jiraattoti Reebichaan Miidhamaa Jiru.

Aside

Waxabajjii 25,2015 Midaa Qanyii

Because I am OromoBarattootni Oromoo aanaa Midaa Qanyii  M/B Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa baatii Amajjii keessa balaa abiddaan barbadeeffamuu bosona  Oromiyaa aanaa Jibaati fi Xuqur Incinnii gidduutti kan argamuu bosonni Jibaat gubachaa wayitaa jiruutti barbadeeffamuu bosona Oromiyaaf hiriiraa mormii sagalee diddaa dhageessisuun barnoota dhaabuun ibiddaa bosona Oromiyaatti qabatee jiru haa dhaamsinu jedhanii waan dubbataniif mootummaan Wayyaanee isin ABO, alaabaa ABO qabattanii jirtu, about isin keessa jira jechuun sobaan yakka diinummaa irratti qindeessuun himatee manma murtiitti deddeebisaa erga turee booda dheengaddaa murtii diinummaa irratti dabarsee jira.  Murtii sobaa fi yakkaa diinummaan walqabateen barattoota Oromoo irraatti kennaame kanaan uummaatni yeroo ammaa kana sagalee dheekkamsaa fi mootummaa Wayyaaneetti akka hin bullee, ergamtuu wayyaanee OPDOtti ifaan ifatti itti himaa jiraachuun ibsame jira.

Maqaa dargaggoota barattoota yakki diinummaa irratti dabarfame keessa:

  1. Barataa Gammaachuu Taakkalaa hidhaa waggaa lamaa (lamaa) fi baatii ja’aa
  2. Barataa Birhaanuu Margaa hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aan adabame
  3. Barataa Mirreessaa   hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aan adabame
  4. Barataa Geetuu Baqqalaa hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aa adabame
  5. Barataa Waaqumaa Kumalaa hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aa adabame
  6. Barataa Caalaa Silashii  hidhaa waggaa lamaa fi baatii ja’aa adabame

Kana malees Godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti gaafa Waxabajjii 24,2015 Humnootni waraanaa Wayyaanee fi Poolisootni Federaalaa Wayyaanee soda guddaa sochii FDG Uummata irraa qabaniin wal qabatee  tarkaanfii reebichaa uummata irratti fudhachuun, yeroo hundaa waraannii Wayyaanee mana Uummataa irraa adeemuun SBO, OMN,RSO dhaggeeffattan isin Qeerrootu isin ijaaree jira, jechuun Wayyaaneen  Godina Lixa Shaggar AANAA  Ada’aa Bargaatti  Ummata dararaa jirti.  Keessattuu gandoota akka  Ulaa Goraa fi Magaalaa Reejjii keessatti uummatni akka malee reebamaa jiru, ilmaan Oromoo  poolisii feederaalaan reebamaani midhaan guddaan irra ga’ee jiru keessa:

  1. Obboo Geetuu Magarsaa jiraataa magaalaa Reejjii
  2. Obboo Munaa Daadhii  jiraataa magaalaa Reejjii
  3. Dargaggoo Biraanuu Gonfaa jiraataa magaalaa Reejjii
  4. Dargaggoo Mootii Garramuu
  5. Obboo Baqqalaa Dashuu fi kanneen jedhaman dabalatee ilmaan Oromoo hedduun reebichaa diinummaa poolisootni federaalaa wayyaanee raawwachaa jiraniin hedduun kan miidhaman ta’uun gabaafame.

 

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ: ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና::/ SQ June 24, 2015

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Eebba Eebbifamtoota Barattoota Oromoo Ilaalchisuun Qophii Addaa Marsaa 2ffaa Qopheeffachuun Hegeree Qabsoo Oromoo Irratti Marihatan, ABO fi WBOs faarsan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Waxabajjii 25,2015

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa qophii bifa adda taeen mooraa Main Campus keessatti qopheeffachuun walaloolee warraaqsaa fi sirboota warraaqsaa garaagaraa dhageesisuun ABO/WBO fi Hoggantoota qabsoo Bilisummaa Oromoo faarsan. Jaal Daawud Ibsaas Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon faarfamee jaalalaa fi kabaja qabsoo bilisummaa Oromoof qaban daraggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa ibsatan. Qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gauufi wareegama kamuu baasuun kan nurraa jiru tauun gadi jabeessuun wal hubachiisaan, keessattuu Jaalalli, tokkummaan fi kabajni Oromummaa fi eenyummaa akka jabaatuuf boqonnaa tokko malee hojjechaa kan turanii fi uummata Oromoo gidduutti addatti immoo dargaggoota gidduutti jijjirama guddaa fiduun milkii guddaa gonfachuu isaanii ibsuun tarsiimoo siyaasaa wayyaanee abbaa irree EPRDF/TPLF dura dhaabbatani kan jiran tauu mirkaneessuun qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuu itti fufan.

Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa humna waraanaa fi humnoota tikaa Wayyaaneen eeggichaan hamaan utuu irratti gaggeeffamaa jiruu fi Doorsifamaa jiranii seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti seenaa guddaa hojjechaa jiraachuu ibsatan. Goototni qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa akeekaa diinni keenya Oromiyaa diiguuf Oromoo balleessuuf, umrii gabrummaa dheereffachuuf maqaa Maaster plan Finfinnee jedhuun yeroo amma kana illee hojii irra olchuuf fiiga waan jiruuf akkeeka karooraa badii balleessii kana fashaleessuu fi karroorrii Oromoo balleessuuf irra deddeebiuun akeekkamaa jiru kun akka haqamuuf yeroon gamtaan dura dhaabbannuu amma waan taeef Uummatni Oromoo bakka jirruu hundaa dammaqinsaan akka bira dhaabbannu jechuun waamicha dabarsana, Bakka hundaatti uummatni keenyaa bakka jirruu hundatti dammaqnee Uummata keenyaa dammaqfachuun roorroo mootummaa abbaa irree dura dhaabbachuu amma jechuun waamicha dabarsan.

Simbirtuu: Oduu fi qophii IMALAA (Hawaasni Oromoo Naaroobii basaastota Itoophiyaa qabanne jedhu)

Aside

Finfinne Keessa Ona Birbirsaa Yaa’ii Gooroo Waddeessaa (Naanno Piyaassatti) Rakkoon Geejjibaa Uumameen Uummanni Gaaffii Kaase

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Irraa. Waxabajii 24,2015
kr

Waddeessa(Naannoo Piyaassaa)

Mootummaan Wayyaanee gama tokkoon filannoo diimokiraasiidhaan gaggeeffame darbine, ni injifanne jedhee aangootti fufuun durumayyuu kan hubateef mootummaan Wayyaanee filannoodhaan aangoo akka hin gadhiisne hubachuun kan ture, kijibaan aangoo itti fufuun uumanni Oromoo Oromiyaa keessa jiru FDG qabsiisee kan jiru tahuun waan hubataa dha. Kanumatti aansuudhaan ammoo guyyaa har’aa Finfinnee keessatti tajaajilli geejjiba dhaabbate. Sochiin bakkaa bakkaa uummanni ittin socho’u geejjibni tajaajila dhaabuu fi baayinni uummata bakka toora tax eeggatanitti dabalameen gaaffiin ka’e. pooliin Wayyaanee rakkoodhuma karaa mootummaan uummata mudataa jiru osoo arguu uummata dhaanuuf bakka uummanni dhaabbatee geejjiba eeggatutti humna poolisii bobbaase.

kr

Yaa’ii Gooroo

Finfinne keessatti Ona Birbirsaa Yaa’ii Gooroo Waddeessaa (Naanno Piyaassatti) rakkoon geejjibaa uumameen uummanni gaaffii kaase. Diddaa uummataa tasgabbeessuuf humni poolisaa uummata gidduutti argameen uummatnis dhagaa irratti reebuun galgala poolisii Wayyaanee ariyan.
Dargaggootni Oromoos walitti qabamuudhaan mootummaan Wayyaanee diktaatariidha, sirna abbaa irree dha. Wayyaaneen nu bulchuun nugahe, gaaffiin uumata Oromoo gaaffii mirgaati, Oromiyaan kan Oromooti, bilisummaan oromiyaaf haatahu, kan hidhaman nuuf haa gadhiifaman, jechuudhaan dargaggootni eessaa fi kallattii kamii dhufuun kan hin beekamnes galgala kana walitti qabamuudhaan poolisoota afaan qabachiisan. Uummanni hangi geejjiba eeggatus tuffii fi arrabsoo jabaadhaan mootummaa fi jalee wayyaanee xiqqeessuudhaan dargaggoota Oromoo waliin dhaadatan.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts- 24 June 2015

Aside

Naannawaa Shaggar Aanaa Sulultaa Magaalaa Caansoo Keessatti Saamichi Lafa Oromootaa Daran Jabaachuu Irraan Diddaan Jiraattotaa Itti Fufe

Aside

Waxabajjii 24,2014 Magaalaa Caancoo

11119932_491385171025823_1900945432_nNaannawa Shagar aanaa Sululta Magaalaa Caancoo keessatti saamicha lafaa fi qotee bulaa humnaan qe’ee irraa buqqiduun daran hammaachuu irraan kan ka’e diddaan uummataa jabaate. Yeroo ammaa kana Wayyaanee fi dabballoonni ishee qotee bulaa lafa irraa buqqisuun saamicha gaggeessaa kan jirtu yoo ta’u uummanni magaala Caancoo diddaa jabaa dhageessisaa jira.

Diddaa uummataa kana dura dhaabbachuuf yeroo hedduu maqaa wal gahii jedhuun uummataa fi hojjattootta mootummaa yaamuun sossobuuf yaalaa kan turte yoo tahu walgahii isheen yaamte irratti hojjattoonni dhalootaan Oromoo tahanii fi uummanni magaalaa Caancoo diddaa jabaa waan dhageessisaniif diddaa kana dura dhaabbachuu hin dndeenye. Kana waan taheef ammas diddaa uummataa kana dhaamsuuf dabballootuma waliin saamicha gaggeessaa turan yeroodhaaf jettee mana hidhaa aanaa Sulultaa magaala Caancootti guuraa jirti.11653231_491384304359243_8764961_n

Haaluma kanaan fakkeessidhaaf lafa saamtanii jirtu sababa jedhuu dabballootuma idhee itti gaafatamaa investment kan tahe nama Salamoon Debebe jedhamuu fi mahandisoota magaala Caancoo nama sadi yeroodhaaf sagalee fi didaa uummataa dhaamsuuf jettee mana hidhaatti kan darbatte.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts- 22 June 2015

Aside

Oromoota Matakkal 15 Tahan Irreecha Kabajjan Sababaa Jedhuun Manni Murtii Aanaa Dibaax Hidhaa Waggaa 2 fi Baatii 5 Irratti Murteesse.

Aside

Waxabajjii 23,2015

Because I am OromoUummati Oromoo addunyaarratti kan ittiin beekamu seera, toobaa,toobbana,Gadaa fi irreessa walumaagalatti aadaa boonsaa sabummaasaarra darbee ardii keenya Afirkaa kan boonsuu danda’u dha.

Bu’uuruma heera uumaa ganamaa ganamtee kanaan kan bulan Oromoonni Matakkal gaalessaa irreessa arfaasaa si’a darbee irreessataniin mootummaa naannoo Gomuziin yakkamanii mana murtii aanaa Dibaaxiitti erga deddeebi’aa turaniin booda Caamsaa 23,2015 manni murtii aanaa Dibaaxii walii galaan namoota kudha shan irratti murtii seeraa alaa irratti dabarse. Gochaan kun loogii  mootummaan Gumuz TPLFn hoogganamu qoodinsaa fi loogii sanyummaatiin kanaan dura Afaan Oromoo naannichaa balleessuu fi Gumuzoomsuu,shinaashessuu geggeessaa kan ture ammammoo aadaa Oromoo balleessuu irratti hojmanee sabboontotiin Oromoota kun murtii garaagaraatiin mana hidhaa Gilgalbalas godina Matakkalitti guuree jira.

Kanaafis cunqursaa Oromoota naannoo kanaatiif uummata Oromoo bal’aaf deeggarsa siyaasaa jabeessinee gaafanna Namoota hidhaman 1 Abdiisaa Dhugumaa waggaa lamaa fi ji’a jaha qarshii kuma jaha wajjin 2 Kuusaa Toleeraa waggaa lamaa fi ji’a jaha qarshii kuma jaha wajjin 3 Goobanaa Baqqalaa waggaa lamaafii baatii jaha qarshii kuma jaha wajjin 4 Dabaloo Hiikaa waggaavlamaaf baati jahaa fi qarshii kumajaha wajjin 5 Ayyaanaa Gaashuu dabalatee jaarsolii biyyaa kudha lama qarshii kuma jaha nagaan adabuun ol iyyannoo akka hinfudhannes dhorkatamaniiru