Duulli Mana Diiggaa Handhuura Oromiyaa Finfinneetti Jalqabe Magaalota Oromiyaa Biroos Dhaqabaa Jira.

Aside

Haggayya 08,2014 Naqamte

IMG_20150807_060829Guyyaa kaleessa Hagayya 7,2015 mootummaan abbaa irree Wayyaaneen/Tigray  Uummata magaalaa Naqamtee dhaloota irraa dhalootatti naannicha jiraataa turan maqaa Investeraaf bakka kennuu fi plilaala malee mana ijaaraa turtan sababa jedhuun seeraan ala mana jiraattootaa diigaa jiru.

Kutaa bulchiinsa Bakkee Jamaa  naannoo Yuunibarsiitii Wallaggaa ganda 07 fi naannoo masaraa Kumsaa morodaa maqaa green area jedhuun manneen dhibba afurii ol diiguuf saganteessan itti fufee Hagayya guyyaa 6 fi 7, 2015 duulli faccifannaa ykn qabsoon warraaqsa bilisummaa uummataa kutaa Bakke Jamaarraa kan Wayyaanee fi  ergamtoota isaanii OPDO kan isaan mudate  yeroo ta’u  kana irrattis  yeroo ta’u amma naannoo Yuunibarsiitii 07 manneen pilaastikaan ijaaraman kan diigamaniifi manneen biroo haala qindawaa ta’een ijaaramanis akka diigamuu qaban akeekkachiisi itti kennameera.
Keessaayyuu kan nama dhibu immoo utuu humna waraanaa isinitti hin bobbaasin diigaa jechuun akeekkachiisaa jiraachuun Wayyaanee dhumashee ta’uuf mallattoo fi Abdii kutannaa cimaa ta’uu ilmaan Oromoo walabummaa fudhanne tti himuu barbaanna.
Manni Abbaa fi haadha ofii yeroo diigamu callisan ilaaluun qaanii waan taa’eef Tokkummaa kaanee yaafalmannu falmachuutu nuuf furmaata!

Waraabessa Bineensa Gaaraa

Aside

Waraabessi bineesa gaaraa, yeroo haadhaafi abbaakee qorxxomsee nyaatu yoo agarte, atis waraabessa sana wajjiin foon warrakee nyaattamoo, akka inni hin nyaanne irraa ariitaa?

 (Hariiroo Jorgootiin-Qeerroo Bilisummaa, Oromiyaa!!)

barruuQabsoon abbaa biyyummaaf gaggeeffamu qawwee qofaan hin adeemsifamu.

Diyaaspooraan Oromoo irra guddaan isaa seenaa qabsoo Oromoo keessatti ga’ee ol aanaa qabaachaa akka tureefi jiru eenyullee kan haalu miti. Yeroo ammaa yeroo kamiyyuu caalaa diyaaspooraan Oromoo qabsoo Walabummaa Oromiyaafi Bilisummaa Oromoof taasifamu cinaa dhaabbachuufi gochaa diinaa saaxiluun shira mootummaan abbaa irree wayyaanee Oromoo irraan gahaa jirtu uummata addunyaatti agarsiisuun, eenyummaan Oromoo har’aan tana uummata addunyaa fuula duratti bahee mula’achuuun hanga moototii addunyaa keenyaa kanaafi dhaabbilee mirga dhala namaaf falman mara walgaafachiisaa jiraachuutti ga’uun ifa galaadha.

Qabsoon Oromoo yoomiyyuu caalaa biyya keessaafi alaan wal quba qabaatee, bifa qindaayeen adeemaa jira. Sabni Oromoos yeroo kamiyyuu caalaa dammaqee argama. Akkaataa kanaan wayyaaneen lama buluu akka hin dandeenye sirriitti of argitee jirti!

Adeemsi qabsoo biyya keessaafi Sochiin diyaaspooraan Oromoo taasisaa jiru naasuu guddaa kan itti uume wayyaaneen cinqamtee kan qabdee gadhiiftu wallaaltee tibirbiraa jirti!

Keessaafuu Oromoo irraa odeeffannoo laguun, akka hin dammaqne ukkaamsanii bituuf, akkasumas uummatni addunyaa eenyummaa Oromoo akka hin beekne aguuganii kaa’uuf jecha toftaa isaan fayyadamaa turan, awwaalli isaa Miidiyaalee akka OMN tiin jalaa diigamee Oromoon sagaleensaa dhagahamaa jira. Tarkaanfii diinni Oromoo irratti fudhatu battalatti saaxilamaa jira.Waraabessi bineesa gaaraa

SBO Hagayya 09,2015. Oduu, Galgala Irbaata WBO Minisootaa ilaalchisee gaaffii fi deebii dura ta’aa Gurmuu Miseensota WBO duraanii biyya Alaatti argaman, gaaffii fi deebii Dr.Gulummaa Gammadaa kutaa xumuraa akkasumas qophiilee biroo…

Aside

Oromo TV:Breaking news: OLF opens a branch office in Minnesota

Aside

Hojjettoottiin Warshaa Shukkaaraa Fica’aa Bulchiisa Warshichaa Irratti Gaaffii Mirgaa Kaasuu Qeerroon Gabaase.

Aside

diddaa9Hagayyaa 06,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Hojjettootni Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa keessaa hojjechaa turan Oromummaan yakkamuun hojii irraa ari’aman ilaalchisuu uumanni bilchiinsa warshaa Shukkaata Finca’aa irratti hiriira bahe.

Oromoonni yeroo dheeraa warshaa Sukkaaraa Finca’aa hojjechaa turan dhibbaatamaan  tilmaaman badii tokkoo malee hojii irraa arii’atamuun walqabatee Hojjettootni warshaa sukkaaraa Fincaacaa’aa Hojjettootni arii’aman balleessaa hin qaban waan ta’eef mirgi hojjettoota kanaa kabajamuu qaba jechuun Hojjeettootni Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa hojii dhaabuun Sagalee mormii sirna mootummaa abbaa irree irratti gaggeessan. Gaaffiin bu’uura hojjettootni Warshaa Shukkaaraa Fincaa’aa kaasaan :
1. Mirgi namummaa fi dimookiraasii nuuf kabajamuu qaba,
2. Mirgii biyyaa abbaa keenyaa keessaatti nurraa sarbamee nuuf kabajamuu qaba.
3. Haal duree tookko malee hojjeettootni warshaa Suukkaaraa Fincaa’aa irraa Oromummaan yakkamanii arii’aman hojiitti deebi’uu qabu.
4. Oromummaan yakkamuun hojii irraa arii’atamuun, hidhamuu fi doorsifamuun atattamaan dhaabbachuu qaba.
5. Mootummaan wayyaanee Ilmaan Oromoo hojjettoota warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa hojii irraa arii’uun , ilmaan saboota biiroo ulaagaa tokko
malee namoota 250 fidee bakka ilmaan Oromoo arii’amni qacaree yeroo gabaabaa keessaatti carraa guddinaa fi sadarkaa kennaafi jiruu
atattaamaan dhaabuun tajajillii seeraa qabeessi hojjetoota hundaaf wal qixa kenaamuu qaba.
6. Daballiin miindaa hojjettoota warshaa Sukkaara fincaa’aa haalaa hin eegamnee gadi bu’ee waan jiruuf hojjettootni Warshichaa haala jiruu fi
jireenyaan dararamaa waan jiraniif daballiin miindaa jiruuf jireenya hojjeettootaaf mijataa ta’ee akka kennaamuuf kanneen of keessaa qaban
gaaffii mirgaa kaachisuun hiriiraa ba’uun sagalee mormii guddaa dhageesisaniru.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee afaan qawween biyya bulchaa jiruu gaaffii Uummataaf deebii sirnaa kennuu dadhabuun, Akkuma Amala isaa
humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessaa jedhaman uummataa gaaffii karaa nagaa dhiyeeffataan irratti bobbaasuun Uummata nagaa
dararuu fi gooluu irratti argama. humni waraana wayyaanee fi hojjettootni Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa gaaffii mirgaa kaachiisaa
jiran waliin waldura dhaabbatan, ilmaan Oromoo hedduun hidhamuu fi dararamaa jirssnyaa madden qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa
Fincaa’aa irraa gabaasan. Ilmaan Oromoo hedduun hidhamuu fi reebamuun addaa baasuun kan isiniif erginu ta’uu ni hubachifna.

“Diaspora” Maqaa Jedhuun Daldala Siyaasaa Wayyaanee Ilaalchisee QOPHII ADDAA Sagalee QEERROO

Aside

Lixa Shaggar Godina Amboo Keessatti Ummanni Walgahii Wayyaanee Lagachuun Diddaa Mul’isaa Yeroo Jirutti Baratoota Kutaa 9fffaa fi 11ffaa Baratan 11 Ammoo Midaa Qanyii Keessaa Hidhaman

Aside

Hagayya 06,2015 Amboo

Because I am OromoGodina Amboo aanaawwaan garaagaraa godinicha jalatti argamaan keessatti uummaatni walga’ii bifa kamiin iyyuu mootummaan EPRDF/TPLF fi ergamtoota Wayyaanee OPDO’n gaggeessan irraa qooda fudhachuu lagatan. Mootummaan Wayyaanee maqaa sochii Qeerroo bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo dura dhaabbachuu jedhuun, akkasumas uummata nuun mormaa jiruu hidhaa fi qarshiin adabuun dorsifnee bulchina jedhuun uummata Oromoo gooluu irratti kan xiyyeeffate butachuun gandoota baadiyaa hanga magaalaatti ”uummatni keenyaa walga’ii wayyaaneen haala kamiin iyyuu gaggeessituu kam irraa iyyuu qooda akka hin fudhannee” jechuun murtii qeerroon bilisummaa Oromoo dabarsee fudhachuun bakka hundatti walga’ii Wayyaanee kam irraatti hirmannaa hin goonu, jechuun dabballoota Wayyaanee bulchitoota Aanaa fi Magaalaa dura dhaabbachuun qaanessaa jiru. keessattuu diddaan walga’ii wayyaanee lagachuu kun aanoota akka Midaa Qanyii, Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, Tokkee Kuttaayee Gudar, Xiiqur Incinnii, Amboo fi Magaalaa Amboo, Dandii,Giincii, Jalduu, Meettaa Roobii, Gindabarati, fi Adaa’aa Bargaa, irratti duulli walga’ii wayyaanee lagachuu jabaatee itti fufee jira.

Yeroo ammaa kana mormii uummatni karaa nagaa gochaa jiru kana irraa ka’uun tarkaanfiilee kanneen akka waajjira poolisii aanaatti murtii fi himata malee hidhuun dararuu fi qarshiidhaan adabuun gochaa diinummaa uummata Oromoof qaban ibsacha jiru.

Addatti immoo aanaa Midaa Qanyiitti  keessatti barattoota Oromoo kutaa 9ffaa fi 11ffaa uummata kakaasaa jirtu jedhamuun Barattootni Oromo 12 waajjiraa Poolisii Aanaa Midaa qanyiitti humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessaan qabamanii hidhaman. barattootni hidhaman kunis:

  1. barataa Tolasaa Tashoomaa
  2. barataa Badhaasaa Taakkalaa

3.barataa Warquu Takkalaa

  1. barataa Gammachuu Xuuqur
  2. barataa Dinqaa Xuuqur
  3. Barataa Shallamaa Guutamaa
  4. Barataa Guutamaa Caalumaa
  5. Barataa Caalasaa Tarfaa
  6. barataa Iddasaa Deesisaa
  7. barataa Mul’isaa Farajaa
    11. Barataa Geetuu Tamee  kanneen kessaatti argamaan uummata mootummaa keenya irratti kakkasaa jirtuu jedhamuun badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu fi uummatni aangawoota wayyaanee seerri hin beekne maqaa Kumaad Post jedhamuun ijaaramee uummata goolaa jiraachuu  ibsamera.

Ela Akkasi !! Garaan Na Ciise Reefu / Wallee Qeerroo Bilisummaa

Aside

Diigamuu Manneenii fi Qabeenyaa Dura Dhaabbachuun Uummanni Shaggar Kaabaa, Sulultaa Gamtaan Qabeenya Isaa Oolfate‏

Aside

Hagayya 05, 2015 Sulultaa
diddaa9Naannowaa Finfinneetti ijaarsi manaa seeraan ala jedhamee diigamullee dhimma Investimentiif karoorri qabame diigumsi mana jireenyaa uummataa jabeeffamee itti fufaa jirus garuu uummanni naannoo adda addaatti jabaatee kan dura dhabbataa jiru tahuus kan mul’ataa jiruudha. Haata’u malee Buraayyuutti turban lamaan dura manni 140 ol diigamee kan jiruu fi kan karoorfame isaan ol tahuun kan hubatameedha. Kanumaan Hagayya gaafa 3,2015 kaayyoon diigumsa mana jireenyaa maqaa seeraaan ala jedhamee diigamu magaala Sulultaa irratti xiyyeeffatame diddaa uummataan dhaabbate.
Odeessa Qeerroo magaala Sulultaa irraa gabaasuun manneen jireenyaa hedduun lakkoofsa hin qabne diigamuuf karoorfame, seeraan ala ijaarame kan jedhuun uummanni abbaan qabeenyaa kun itti karoorfamee fi kan dhimmi kun isaan hin geenyes wal irratti dammaqummaadhaan qaama mootummaa wayyaanee dhimma kana irratti bobbahee jiru dura dhaabbatuun diddaa taasiseen feshelatee jira. Karoorri kun naannowaa oromiyaa
hundatti akeekamee jiraachuu fi Qeerroon Bilisummaa dhimma kana uummata waliin irratti dammaqummaadhaan dura dhaabbachuun qabeenya
isaa oolfachuu akka qabu waamicha taasisa. Qabeenyaa isaa irraa buqqa’uu irra wareegamuu filachuun roorroo ofii yerodhaan ofirraa gaggeessuun kan karoorfame hojjetamuun dura irratti dammaquu dhaamsaa

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast – 05 August 2015

Aside