Waraabessi bineesa gaaraa, yeroo haadhaafi abbaakee qorxxomsee nyaatu yoo agarte, atis waraabessa sana wajjiin foon warrakee nyaattamoo, akka inni hin nyaanne irraa ariitaa?
(Hariiroo Jorgootiin-Qeerroo Bilisummaa, Oromiyaa!!)
Qabsoon abbaa biyyummaaf gaggeeffamu qawwee qofaan hin adeemsifamu.
Diyaaspooraan Oromoo irra guddaan isaa seenaa qabsoo Oromoo keessatti ga’ee ol aanaa qabaachaa akka tureefi jiru eenyullee kan haalu miti. Yeroo ammaa yeroo kamiyyuu caalaa diyaaspooraan Oromoo qabsoo Walabummaa Oromiyaafi Bilisummaa Oromoof taasifamu cinaa dhaabbachuufi gochaa diinaa saaxiluun shira mootummaan abbaa irree wayyaanee Oromoo irraan gahaa jirtu uummata addunyaatti agarsiisuun, eenyummaan Oromoo har’aan tana uummata addunyaa fuula duratti bahee mula’achuuun hanga moototii addunyaa keenyaa kanaafi dhaabbilee mirga dhala namaaf falman mara walgaafachiisaa jiraachuutti ga’uun ifa galaadha.
Qabsoon Oromoo yoomiyyuu caalaa biyya keessaafi alaan wal quba qabaatee, bifa qindaayeen adeemaa jira. Sabni Oromoos yeroo kamiyyuu caalaa dammaqee argama. Akkaataa kanaan wayyaaneen lama buluu akka hin dandeenye sirriitti of argitee jirti!
Adeemsi qabsoo biyya keessaafi Sochiin diyaaspooraan Oromoo taasisaa jiru naasuu guddaa kan itti uume wayyaaneen cinqamtee kan qabdee gadhiiftu wallaaltee tibirbiraa jirti!
Keessaafuu Oromoo irraa odeeffannoo laguun, akka hin dammaqne ukkaamsanii bituuf, akkasumas uummatni addunyaa eenyummaa Oromoo akka hin beekne aguuganii kaa’uuf jecha toftaa isaan fayyadamaa turan, awwaalli isaa Miidiyaalee akka OMN tiin jalaa diigamee Oromoon sagaleensaa dhagahamaa jira. Tarkaanfii diinni Oromoo irratti fudhatu battalatti saaxilamaa jira.Waraabessi bineesa gaaraa