Naannawaa Shaggar Aanaa Sulultaa Magaala Caancoo Keessatti Qondaaloti Wayyaanee Uummata Samaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Hagayya 05,2015 Caancoo

11817258_508038342693839_71411907612129102_nWayyaanee fi ergamtooti sirnichaa qabeenya uummataa saamuun uummata gooluu itti fufan! Akkuma beekamu naannawa Shaggar aanaa Sulultaa magaala Caancoo keessatti qotee bulaa lafa irraa buqqisuun saamicha lafaa gaggessaa kan turanii fi sochii dargaggoonni naannichaa irraa ka’uun dabballoota lafa saamtan jedhaman

Itti gaafatamaa mana qopheessa magaala Caancoo nama Salamoon Dabbabaa jedhamuu fi mahandisoota magaala nama 3 dabalatee gaaffii fi sochii dargaggoo fuulduradhaabachuuf mana hidhaa kan galchan ta’uu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Yeroo ammaa kana Wayaanee fi kaadiroonni ishee saamicha qabeenya uummataa irratti bobba’anii sochii uummataan saaxilamanii uummata goolaa jiru. Haaluma kanaan bulchaa aanaa Sulultaa kan turee fi yeroo ammaa godina addaatti waajjira barnootaa keessa kan hojjatu namni Tashoomaa Hurrisaa jedhamu maallaqa uummataa qarshii miliyoona 1.5 gara dabarsuu isaa sochii uummataan ifatti saaxilamuu isaa irraan kan ka’e saamtonnii fi hattooti mootummaa Wayyaanee naannawa kanatti argaman uummanni nurratti sochii eegale jechuun raafama keessa galanii jiru. Kanumarraa ka’uun nama qabeenya uummataa saame seeratti siniif dhiyeessina jechuun uummata keessa naanna’uun uummata hololuuf yaalanis dargaggoo fi uummanni naannawa kanaa waliin tahuun hattuun seeratti dhiyaatus murtiin itti laatamaa hin jiru isin nu sobdu nu saamaa nu miidhaa jirtu jechuu holola isaanii dura dhaabachaa jiru.

ቄሮ :የኦሮሞ:ወጣቶች:ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ:የሳምንቱ: ዜና:: (SQ)August 4, 2015

Aside

SBO Hagayya 05,2015. Oduu, Gaaffii fi deebii Dr.Gulummaa Gammadaa kutaa 2ffaa, Barruu Jiituu Lammii fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Haqa Keenya!

Aside

Warri maqaa baqataatiin lafa dhiigni ilmaan Oromoo irratti dhangala’aa jiru diina irraa kadhachuuf bobba’an diina waliin  lammii nyaatanii – dhiiga isaanii irraa gatii baasu. Manni isaan lafee Oromoo irratti ijaarratan utubaa isaatu dhiiga lammii keessa waan dhaabbateef bantiin isaa kan hormaataa hin ta’u. Sanyiin isaan haala kanaan facaasan, qabeenyi isaan kana keessaa guduunfatan abaarsa ta’ee labata isaanii nyaata malee bultoo ta’ee itti hin jiraatan”

Jiituu Lammii                              

gantoota Naiyorobi Lafti bari’ee reefu caamni ho’a. Yeroon isaa baatii ramadaanaa keessa waan ta’eef sochiin magaalattii xiqqoo qabbanaawuu hin oolle. Ta’us garuu sagalee “Kariibu kastamaa…!” jedhu hiikkaa isaa  beekaas beekuu baadhaas  bakka deemtanitti  ammaa amma dhagahuun keessan hin oolu. Daldaltoota moggaa karaarra buufatantu isa olii fi gadi darbu ija keessa ilaalaa qalbii hawwachuuf carraaqa.

Kuni magaala guddittii Baha Afrikaa – Naayiroobii dha. Wiirtuu siyaasaa; giddugala daldalaa; lafa gammachuu fi bashannanaa yookaa ammoo handhuura jeequmsaa…jennee akkuma hubannoo keenyaatti waa hedduun fakkeessuu dandeenya. Dhugaadha! Bifaa fi amala hedduu qabdi. Gaarii fi yaraa bitaa mirgatti hammattee golaa fi golee keessatti suuqqattee jiraachifti- Naaroobiin dandeessuu dha!

Yoo akka koo lafa kanaaf keessummaa taatan dursitanii odeessa gurraa qabaachuu hin dagatinaa. Haltokko tokko “…biyyi nagaadha…!” otuma jettanii namni wayii tasa isin dhaabee ‘Late kitabulisho…!” yoo jedhe, namtichi tika ykn. poolisa biyyattii ta’uu akka malu  qalbeeffadhaa. Yoo akkas ta’e, haala keessan qoratee, bifaa fi akkaataa keessan akeekkateetu waraqaa eenyummaa isin gaafataa jiraa rifaasuu tokko malee qalbumaan dubbisuun of eeggannoo isa duraa ti.Jiituu fi Ergamtoota wayyaanee Nairobi, Hagayya,2015

Oromo TV,Dura Ta’aa Konyaa ABO MN Waliin

Aside

QEERROO CONCERT NORTH AMERICA

Aside

QEERROO_CONCERTNORTHAMERICA_4X6-FRT-2_EMAIL

Keynote Speech by Ob. Bekele Gerba at the Oromo Studies Association’s 2015 Annual Conference

Aside

 www.Gadaa.com

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Qophii Hagayya 1,2015

Aside

SBO Hagayya 02,2015. Oduu, Qophii Torban Oromoo ykn Kora Gamtaa ABO Kaaba Amerikaa ilaalchisee gaaffii fi deebii J.Tumsaa Hamzaa gaafatamaa kutaa ABO Amerikaa, akkasumas bobbaa Piresidant Obamaan gara Itophiyaatti godhe irratti gaaffii fi deebii Dr.Gulummaa Gammadaa waliin taasifame…..

Aside

Qoteebulaan Maal Balleessee??

Aside

Qotataan qotachuu dhiisee Qabamee mana hidhaa ciise

Barataan barachuu dhiisee,qabamee mana hidhaa ciise,

Barsiisaan barsiisuu dhiisee,qamamee mana hidhaa ciise

Nagggaadeen nagaduu dhiisee,qamamee mana idhaa ciise.