SBO Hagayya 12,2015. Oduu, Gaaffii fi deebii Jaal.Odaa Xasee miseensa Gumii Sabaa ABO waliin geggeeffame, Ibsa ejjennoo hirmaattota kora gamtaa miseensota ABO Godina Auroppaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Mootummaan Wayyaanee Tahe Jedhee Dargaggoota Oromoo Qor-Qalbii Cabsaa Jiru Dura Dhaabbachuun Dirqama.

Aside

IMG_20150811_062319Yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti humni nama baratee hojii dhabuun akka rakkaachaa jiru beekamaadha bu’uuruma kanaanis guutuu Oromiyaa keessatti mootummaan Wayyaanee tooftaa qor-qalbii dargaggoota Oromoo cabsuu jedhuun gaaffiin siyaasaa fi hundeen rakkina uummatootaa akka hin kaaneef jecha maqaa bakka bashannanaa jedhuun dargaggoon Oromoo lafa taphaa jechuun manneen akka araada adda addaa nama qabsiisan,Shiishaa,fiilmiiwwan dheeraa ilaaluu akkasumas qumaaraa taphatuun dhalataan Oromoo tokko akka  yeroon isaa qisaasamu waan taasisameef dargaggoonni Oromoo bakkeewwan raatessaa shira Wayyaaneen qabaawe adda addaa irraa FDG  uummatasanii keessatti hirmaatanii akka jabeessan jabeessinee Qeerroon dhaammata.

UNPO’s XII General Assembly Adopts Oromo Resolution

Aside

July 13, 2015

On 3 July 2015, Dr Shigut Geleta of the Oromo Liberation Front (OLF) presented a resolution to UNPO’s XII General Assembly, affirming his organisation’s abhorrence of the current situation faced by Oromo people in Ethiopia, and expressing a desire for more genuine democracy, greater involvement from the international community, and an end to state-sponsored violence. UNPO adopted the resolution, thus affirming its support for the Oromos’ demands for justice and equality. 

Below is the full text of the resolution:

Resolution

The Oromo Liberation Front (OLF) was established in 1973/1974 by Oromo nationalists in the heart of Oromia, Finfinne (Addis Ababa) to exercise the Oromo people’s inalienable right to national self-determination, to terminate a century of oppression and exploitation, and to form the independent republic of Oromia, or where possible, a political union with other peoples based on equality, respect for mutual interests and the principle of voluntary association. Today OLF has grown and expanded to all parts of Oromo land (Oromia). During the last 40 years, the organization has become of the leading political forces in the region. It has brought about or influenced several positive changes in the Oromo society where it has the unparalleled support of the whole population.

The Oromo constitute more than 40% of Ethiopia’s estimated 98.9 Million inhabitants. They maintain a distinct and homogenous culture, and a common language, history, descent, and separate territory from Abyssinians, who created the Ethiopian empire state. During their long history, the Oromos developed their own cultural, social and political system, known as the Gadaa. The Gadaa is a democratic, political, and social institution that governed the life of every individual in the society until its systematic suppression by the occupiers.

The UNPO General Assembly,

Underlining the persistent violation of human rights in Oromia, Ethiopia that includes arbitrary killings, disappearance,  torture, beating, abuse and mistreatment of detainees by security forces, life-threatening prison conditions, arbitrary arrest and detention, detention without charge and lengthy pre-trial detention, violation of privacy rights  including illegal searches; land grabbing, restrictions on academic freedom,  restrictions on freedom of assembly and association, on freedom of expression and movement; alleged interference in religious affairs, violence and discrimination against women, and abuse of children[1];  Visit More:-  http://unpo.org/article/18372

Wallee Haaraa Artist Bariisaa Dabaree/Hagayya 2015

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 10 August 2015

Aside

Wayyanoonni Namoonni Hirmaatan Xiqqaatnaan Hirmattota Daispora Fakkeessuuf Jedhcha Miseensota OPDO Itti Kaardii Hiraa Jiru,

Aside

001kklkkk 012

Sulultaatti waggaan tokkoffaa Hundeeffama Waaqeffannaa kabajame

Aside

(Hagayya 09, 2015 Sulultaa) Shaggar Sulultaa Galma Tulluu Guddootti Ayyaanni Amantii Waaqeffannaa  kan Hundeeffama Waggaa 1ffaa Sirna Miidhagaan Kabajamuu Qeerroon Gabaase.

11846641_509357252561948_8123398236886487319_nWaldaan Amantaa Waaqeffannaa dhaabbachuun uummata Oromoo kallattii hundaan sochoosuun tokkummaa cimaa uumaa jira.

Haaluma kanaan galmoota Waaqeffannaa Oromiyaa keessatti ijaaruuf sochii guddaan taasifamaa kan jiruu yeroo tahu galmoota naannawa Shagar Sululta keessattu hundeeffaman keessa GALMI TULLU GUDDOO isa tokko yoo tahu guyyaa har’aa Hagayya 08,2015 kan jila hundeeffama waggaa tokkoffaa haala hoo’aa fi bareedaa taheen kabajamee oolee jira.

Ayyaana kana irratti hordoftoonni abbootiin amantaa Waaqeffannaa Oromiyaa guutuu irraa walitti dhufuun ayyaanicha irratti argamaniiru.

Deeggarsi maallaqaa qarshii kuma diigdamaa ol 20000 walitti qabamee jira. Akka waliigalaatti haalli sochii Amantaa waaqeffannaantiin jiru hedduu kan nama boonsu waan taheef deeggarsi hawaasa oromoo biyya alaa jiranii nu waliin haa tahuun ergaa keenyaa galatoomaa ulfaadhaa.

Hojiin Miidiyaalee Oromoo Harka Tokkoon Ijaaraa Harka Kaaniin Diiguu Akka Hin Taane!

Aside

Miidiyaalee Oromoo Hundaaf

Malkaa Caffee irraa

oromia-knwoledge-and-social-media-sourcesCarraa guddinni ‘technology’ yeroo ammaa argamsiise irraa Miidiyaaleen Oromoo muraasni kan dhimma Oromoo tajaajiluu irratti hundeeffaman horatamuun waan nama gammachiisaa ti. Isaan kun hundi akka tokkotti firii Qabsoon Bilisummaa Oromoo argamsiise tahuunis hin falamsiisu. Kan ummatni Oromoo isaan irraa eeguu fi kan isaan himatanis galma gahiinsa QBO milkeessuutti waan gumaachu hojjechuu dha. Dhimma kana irratti jabinaa fi hanqina jiru qalbii guutuudhaan hordofanii jabinni jiru akka daran guddachaa deemuu fi hanqinni mul’atu akka guutamaa fi wayyaawaa deemuuf yaada kennuudhaan haa tahu akka danda’ame hundatti qooda gama ofii bahachuun dirqama sab-boontota Oromoo maraa ti. Miidiyaalee keenya nuutu guddifata amantii jedhu irratti hundaawuudhaanin yaada kiyya kan dhimma kana ilaalu akka armaan gadiitti gabaabsee dhiheessa.

Miidiyaan tokko waan hojjetu hunda irrattuu safuu fi ulaagaa ittiin hojjetu qabaachuun barbaachisaa dha. Safuu fi ulaagaan Miidiyaaleen Oromoo ittiin masakamuu qaban ammoo kan dantaa Oromummaa tiksuu fi jajjabeessuu irratti hundaawe tahuu qaba. Akkumaan olitti jedhe kan ummatni Oromoo isaan irraa eeguu fi isaanis himatan galma gahiinsa QBO milkeessuun kaayyoo hundeeffama isaanii tahuu waanin abdadhufin kana jedha.Miidiyaalee Oromoo Hundaaf

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Qophii Hagayya 7, 2015

Aside

Beeksisa:- Hagayyaa 10/2015 Sabboonaan Oromoo Artistii Galaanaa Gaaromsaa wallee haarawaa(Albeema Haarawaa) Finfinnee Keessatti Eebbifama.

Aside

Albama HaaraaHagayyaa 10,2015 Sabboonaan Oromoo Dhaloota qubee Artistii Galaanaa Gaaromsaa wallee haarawaa(Albeema Haarawaa) Haala Afaan,
seenaa,Aadaa, Eenyummaa fi Sabbonummaa fi Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuu danda’uun qopheese.
Guyyaa Boruu bakkaa Uummatni Oromoo 4000 ol argaman Magaalaa Finfinnee kiiloo 6 Caffee Araaraatti ebbisiisuuf Qophiin dursaa xummuramee jiraachuun hubatameera. Uummatni Oromoos guyyaa kanaa aadaa,Afaan, Seenaa, Gootummaa, fi Sabboonummaa Oromummaa isaa jabeeffachuuf bakka kanatti argamuuf guyyaa har’aa Godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa albeema artistii sabboonaa Oromoo Galaanaa Gaaromsaa Eebbisiisuun Eenyummaa isaa jabeeffachuun magaalaa Finfinnee galaa jiraachuun ibsame jira.Guyyaa Boruu akka L.Htti Hagayyaa 3/2007 Magaalaa Finfinnee keessatti uummatni Oromoo kumaan lakkaawamu kan tilmaamamu argamee eenyummaa, Oromummaa fi sabboonuummaa isaanii jabeeffachuu fi seenaa fi Afaan ofii dagaagsuuf kan wal argan ta’uun ibsamee jira.
walleen Artistii Galaanaa Gaaromsaan qophaa’ee kunis kan Gootota Oromoo faarsuu fi Seenaa fi aadaa Uummataa Oromoo faarsuun tokkummaa fi jaalala Oromummaan kan guutame Guyyaa boruu Uummata Oromoo hundaaf gadi Lakkifamuuf jira. Artistii saboonaa Oromoo dhaloota qubee keenya cina dhaabbachuun aadaa,afaan, seenaa,Duudhaa, Sabboonummaa, tokkummaa fi Oromummaa keenyaa qophii kana irratti argamuun haa jajjabeeffannu!!