Hagayya 06,2015 Amboo
Godina Amboo aanaawwaan garaagaraa godinicha jalatti argamaan keessatti uummaatni walga’ii bifa kamiin iyyuu mootummaan EPRDF/TPLF fi ergamtoota Wayyaanee OPDO’n gaggeessan irraa qooda fudhachuu lagatan. Mootummaan Wayyaanee maqaa sochii Qeerroo bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo dura dhaabbachuu jedhuun, akkasumas uummata nuun mormaa jiruu hidhaa fi qarshiin adabuun dorsifnee bulchina jedhuun uummata Oromoo gooluu irratti kan xiyyeeffate butachuun gandoota baadiyaa hanga magaalaatti ”uummatni keenyaa walga’ii wayyaaneen haala kamiin iyyuu gaggeessituu kam irraa iyyuu qooda akka hin fudhannee” jechuun murtii qeerroon bilisummaa Oromoo dabarsee fudhachuun bakka hundatti walga’ii Wayyaanee kam irraatti hirmannaa hin goonu, jechuun dabballoota Wayyaanee bulchitoota Aanaa fi Magaalaa dura dhaabbachuun qaanessaa jiru. keessattuu diddaan walga’ii wayyaanee lagachuu kun aanoota akka Midaa Qanyii, Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, Tokkee Kuttaayee Gudar, Xiiqur Incinnii, Amboo fi Magaalaa Amboo, Dandii,Giincii, Jalduu, Meettaa Roobii, Gindabarati, fi Adaa’aa Bargaa, irratti duulli walga’ii wayyaanee lagachuu jabaatee itti fufee jira.
Yeroo ammaa kana mormii uummatni karaa nagaa gochaa jiru kana irraa ka’uun tarkaanfiilee kanneen akka waajjira poolisii aanaatti murtii fi himata malee hidhuun dararuu fi qarshiidhaan adabuun gochaa diinummaa uummata Oromoof qaban ibsacha jiru.
Addatti immoo aanaa Midaa Qanyiitti keessatti barattoota Oromoo kutaa 9ffaa fi 11ffaa uummata kakaasaa jirtu jedhamuun Barattootni Oromo 12 waajjiraa Poolisii Aanaa Midaa qanyiitti humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessaan qabamanii hidhaman. barattootni hidhaman kunis:
- barataa Tolasaa Tashoomaa
- barataa Badhaasaa Taakkalaa
3.barataa Warquu Takkalaa
- barataa Gammachuu Xuuqur
- barataa Dinqaa Xuuqur
- Barataa Shallamaa Guutamaa
- Barataa Guutamaa Caalumaa
- Barataa Caalasaa Tarfaa
- barataa Iddasaa Deesisaa
- barataa Mul’isaa Farajaa
11. Barataa Geetuu Tamee kanneen kessaatti argamaan uummata mootummaa keenya irratti kakkasaa jirtuu jedhamuun badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu fi uummatni aangawoota wayyaanee seerri hin beekne maqaa Kumaad Post jedhamuun ijaaramee uummata goolaa jiraachuu ibsamera.
Pingback: Widespread brutalities of the Ethiopian government against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist
Waamicha QABSOO Akkam yaa lammii koo,hundumtuu nagayaa, Nagaa naaf qabdanii,taatanii ilmaan biyyaa, Baga naaf jiraattan ilmaan harmee tiyyaa, Yaada wahiin qabaa,mee gurra naan gayaa!!!
Gadaan gadoo taatee, Dhugaan nu baqattee, Gaaffiin heddummaattee, Yeroon roorroo baatee, Lammiin cunqurfamtee, Jaalalli dhokfamtee, Hattuun mirga argattee, Dukkanni hammaatee, Gadheen amanamtee, Dhugaan awwaalamtee, Lammiin koo miidhamtee,..
Goototni armaan duraa,sabichaaf jedhanii, Sodaa tokko malee,diinaan wal mormanii, Hawwii sabaa guutuuf,amaanaa baatanii, Waa of duuba hin laalle,qabeenyaa fi lubbuunii, Nuti hoo maaf rafnee,maal jettu dhaloonnii, Waamicha qabsoodhaaf,maaf jalaa ustanii, Dhala nu boodaatiif,maal himuu yaaddanii???
Mirgaa fi biyya dhabne,nuti Oromoonnii, Halkanii fi guyyaan aadaa ta’e baqnii, Baqattummaa tana,aadaa godhee namnii, Qeerroon biyyaa bahee,biyya dhaalee diinnii, Biyya diinni fudhateen,maal teenna jettanii, Oromoon dhiitamee,saroonni saamanii, Seenaan keenya badee,haqa ukkaamsanii, Oromoo abbaa biyyaa,saree hanqisanii, Bakkuma hundattuu,ajjeesuuf yaa’anii, Lafarraa fixuudhaaf sanyii duguuganii, Akka Kuruphee mukaa,qaluuf qophaa’anii, Sanyii nu kutuudhaaf,nutti wal ijaaranii, Bahaa fi gala dhabnee,mee maali furmaannii, Xiqqaa fi guddaan keenya,keessaa dargaggoonnii, Ol jedhaa dubbadhaa,hanga yoom teettanii, Waamicha qabsoodhaa maaf fagootti laaltanii, Dhaabonni bosonaas,hanga yoom raftanii, Ka’aa of wareegnaa,nu eegaa ummannii, Fala biraa hin qabnuu,qawweedhaa furmaannii!!!!!!!!!!!!!!!!!!!
Garee kami laata jarri waliin teennu, Yaada walii hin qabnu,wal hin dhageennu, Waan har’a alagaan yaadaa jiru hin beeknu, Mee nuti hoo maaliif kan ofii wal dheennu, Dhagahi lammii koo,dhaamsa waliif qoodnu, Wal qooddaa fi wal jibbaan,bakka 1 hin geennu, Galma nuuf hin gahu,wanti nu barbaadnu, Kanaaf,yaa lammii koo,akka tokkommoofnu, Wal baqachu dhiifnee,akka waliin deemnu, Hawwii gootowwanii,akka galmaan geennu, Bilisummaa dhugaa,qawween akka argannu, Jette jette dharaa,walirratti hin oofnuu, Jaalalaa fi kabajaan mee wal haa amannuu, Diinaa fi gufuu sabaa,of jalaa haa kaafnuu, Akka Dhaaba dhugaatti wal taanee haa yaanuu, Waamicha qabsoodhaa,waliin haa hirmaannuu, Oromiyaa Oromoo,haa bilisoomfannuu!!!!!
Hanga feetes turtu,aduun numa baatii, Qabsootti jabaadhaa xinnaa fi guddaan martii, Tokkummaa jabeessaa bakkuma hundattii, Nagaan naaf turaa,lammiin koo humdumtii, Itti fufa qabsoon,hanga wareegaatti, Na baruu barbaadnaan,ani AbdiiBaaleeOromiyaa tii!!!
Injifannoon kan Ummataa bal’aatii, Itti fufti qabsoon,dhalaa,dhalootatti, Gadaan gadaa ummataa Oromootii!!!
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO Hagayya 13,2015
Pingback: Widespread brutalities of Ethiopia’s Regime (Fascist TPLF) against the Oromo people in different parts of the State of Oromia | OromianEconomist