“WBOn Keenya! WBO ni Deggerra- ABOn Keenya”!! Jechuun Ummanni Wallagga Magaalaa Mandii Hiriira Bahan.

Aside

SAGALEE QEERROO; Waxabajjii 28, 2018

Aside

Uuummata nagaa irratti lola bananii nagaa biyyaa booressun amala bineensummaa qaban calaqisiisuudha

Aside

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee Oromiyaa

Waxabajji 27,2018

Sirni Mootummaa abbaa irree EPRDF/Wayyanee gochoota jallataa uummatarratti dalaguu itti fufsiisuun gochanni tibba kana uummata nagaa irratti raawwataa jiru gocha farrummaa isaa kan saaxiludha. Gocha faashistummaan uummata nagaa qabu nagaa isaa booressanii qee’eerraa buqqaasuun kan addunyaa har’aa keessatti balaaleffatu uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira. Gochaan kun hojiiwwaan isaanii kaleessaa kan dhoksaan ilma Oromoof Oromiyaa irra gahaa ture ifaan ifatti akka saaxilamu gochaa jira. Akeeka jallataa uummata waraanaan bituuf waraanaan bulchuu fuulleffatee kan jiru sirni waggaa 28 darban amaluma qabaataa ture dabalee Oromoo irratti agarsiisaa akkasuma afaan qawween bulchuuf akeekkatee hojiin agarsiisaa jira. Akeeka kana dura dhaabbachuun ilmi Oromoo kamuu akeeka halagaan mootummaan garboomsaa baafatee jiru dura dhaabbachuu qaba! Jenna. Continue reading

Ummanni Oromoo magaalaa Asoosaa keessa jiraatu Ajjeechaan irratti raawwatamaa jira.

Aside

Lolli guddaan uummata Oromoo Magaalaa Asoosaafi naannoo daangaa Beenishaangul Gumuuz jiraatu irratti gaggeeffaman jira. Uummata Oromoo dheengadda Aanaa Toongoo jiraatu irratti yakka waraanaa rawwatameef Mootummaa Naannoos ta’ee Mootummaan Federaalaa dirmannaa tokkollee hin godhiin jiran.
Magaalaa Asoosaa keessatti hidhattootni loltootni mootummaa dhukaasaan uummata gooluu, madheessuufi shororkeessuu erga eegalanii guyyoota sadii ol lakkoofsisa jira.
Mootummaan yakka waraana kana uummatarraa dhaabsisuuf tarkaanfiin fudhatama jiru hin jiru kan har’a Magaalaa Asoosaa keessatti gaggeeffama jiru lubbuun jiraattoota gagga’amaa jiraachuufi hedduun madeeffa kan jiran ta’uun hubatamera. Haalli yeroo ammaa MagaalaaAsoosaa keessatti yakki waraanaafi saboota ollaa uummata Oromoo irratti kakkasuun uummata keenyarratti fixinsa rawwacha jiran akkan hammaatadha.

Image may contain: one or more peopleImage may contain: 1 person, sitting

Sirna cunqursaa fi garboomfataa EPRDF harka lamaan Uummata Oromootti bobba’e ofirraa deebisuun dirqama Oromoo maraati!

Aside

Ijoo Dubbii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Finfinnee Oromiyaa, Waxabajjii 26,2018

Garbummaa bar-dhibbee tokkoo fi walakkaa nurra lakkoofsiisaa jiru ofirraa qolachuuf wareegama gita hinqbane taasisaa, aarsaa Bilisummaa ofii gonfachuuf baasuu qabnu baasaa qabsoo jabaarra kan jiru Oromoon, hanga har’aa qabsoo isaa galiin utuu hingahin kan jiru ta’ullee ulaa Bilisummaa irra gahee jira. Adeemsa qabsoo Oromoo daandii ulfaataaf obsa fixachiisaa mara hulluuquun egeree uummataaf jecha qabsoo jiraachisuuf wareegama qaalii gootaawwan wareegaman kumootni, Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaati.

Akeeka qabsoo jallisanii gara maqsuun Oromoon akka waan Ithiyoophiyaa ijaaruuf lafee cabaa tureetti, Oromoon akka waan faajjii garboonfataa kan ta’e faajjii Ithiyoophiyaa jalatti kufaa tureetti oduu tirrisuun qabsoo Oromoo jallisanii gara ijaarsa Ithiyoophiyaa kan sirna Oromoof qoodaaf bakka hinqabne ijaaruuf dhaloonni wareegama baasaa akkka tureetti ilaaluun yakka seenaaf ekeraan gootota Wareegamanii nama gaafatudha jedhee amana Qeerroon Bilisummaa Oromoo. Fedhii fi hawwii uummata aangoo irraan dhiibee isaan gahee tiksuuf dadhabanii gara fedhii mataa ofiitti harkisanii dhaloota Bilisummaaf qabsoorra jiru akka waan ijaarsa sirna EPRDF jajjabeessuuf akkasuma, ijaarsa sirna nama nyaata Mootummoota garboonfattoota durii deebisuuf wareegamaa turee fakkeessuun sharafa fotolikaan daandii Bilisummaa uummataatti diilloo garbummaa buusuuf kan oolu malee kan uummataaf tattaafatamu miti.

 

Qabsoo Uummata Sharafanii Gara Dabarsuun, Utuu Ajjeesanii Uummata Oromoo Garbummaa Keessatti Tiksuuf Akeekni EPRDF/Wayyaaneen Qabatee Jiru Qabsoon Irra Aanama Dhaaltummaa hangafoota isaarraa dhaaleen, mootummaan Wayyaanee sirni EPRDF akeeka qabsoo uummata Oromoo sharafuun garbummaa keessatti uummata tiksuu irratti fuulleffatee sochiitti jira. Amna qabsoo dheeraa Wayyaanee waliin goone kana keessatti, tarkaanfiiwwan waraanaa kallattiin uummatarratti adeemsiisaa hanga ammaa waraanaan nu bitaa jiraachuun isaas waan ifaati. Qabsoo Oromoo gama waraanaan dhaabuuf carraaqqiin waggoota afran darban walitti fufiinsaan ajjeechaa Mootummaan Oromoo xiqqaa hanga guddaa irratti taasisaa ture kan sadarkaa jechaa qofaaniin himamee bira darbamu miti. Haala kamiinuu qabsoo Oromoo meeshaan waraanaa ammayyaa dhaabuu akka hindandenye dheebottoonni Bilisummaa kanneen garbummaan na gaha jedhan qabsoo saba ofiitti firii gochuuf rasaasa fuuldura dhaabatanii sagalee dhageessisaa addunyaaf diinummaa Mootummichaa saaxilaa yoona gahaniiru. Qabsoo uummanni Oromoo wareegama ulfaataan dhaadannoo “Bilisummaa barbaadna!” Jedhuun hanga ammaa Faajjii isaa qabatee taasisaa jiru utuu arganii kanneen garbummaa keessatti Oromoo tiksuu fedhan kan fedhii uummataarra dantaa isaanii eegsisu uummatatti lallabuun gara sossoobbiitti deebi’anii jiru. Qabsoo Oromoo waraanni dadhaabe sossoobbaan dhaabuuf yaaluun bakakkaa samii lakkisee bu’aa jiru samiitti oldeebisuun walkipha. Akeeka fakkeesssiin uummata bituuf garboonfata baafatee kana dura dhaabbachuuf qabsoo Qeerroo Bilisummaa dhawatumaan guddachuun murteessaa ta’uu Qeerroon hubachiisa!.

Mootummaan gita bittuu Wayyaanee/EPRDF guutummaa Oromiyaa addatti daangaawwan Oromiyaa irraan duula waraana dhaabbataa qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti taasisaa yoona gaheen hanga ammaa fandalee qabsoo Oromoo waliin tiraatuun; qabsoo Oromootti danqaa ta’uuf akeekni garboonfataan guyyuutirraa baafataa jiru humna qabsoo uummataa kan hincaalle ta’uuf qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO durfamu kan guutummaa Oromoo makatu kan hincaalle ta’uu irra deebiin Qeerroon hubachiisa. Daangaawwan Oromiyaa irratti lola banee jiru dhaabuurra, lubbuu Oromoo baasuu irratti, daangaa Oromoo cicciree akka fedhiisaatti gurgurachuu itti fufuun Mootummaa kan uummata onnachiisudha. Ajjeechaa jumulaa/deettii/ bakkoota hedduutti sirna EPRDF raawwataa jiru dhaabuurra gara hookkara olaanaatti ceesisuuf waraana qabu Agaaziidhaan uummatatti dhaadachuurra taree duula ifaan uummata Oromoo irratti banameen Uummati balaan Oromoo kallattii maraan sirna ERPDFn buqqaa jiraatuun haqni kun akka salphaatti hubatamu qeerroon ni amana.

Sirna garboomfataa har’aa qofa odoo hin taane sirnoota darban keessattis Oromoon kan qe’ee isaa irratti ajjeefamaa ture yoo tau har’aan tanas Oromoon lafa ashaaraa seenaa fi duudhaa akkasumas kan safuu isaa irraa qabu sirna kanaan maqaa Itoophiyaa Somaalee jedhuun kan moggaafamte keessaa Oromoon miliyoona tokko caalu buqqauun;Karaa Kibbaa Oromoon Gujii fi Booranaa,karaa Oromiyaa Bahaa Haragee fi Karaa Lixaatiin waraannii sirna AWDUI ofiin jedhu ifaan uummata Oromoo buqqisaa jiru.Haalli kun harka tokkoon maa taa kan jedhuuf sirni EPRDF/AWDUI ta’e jedhee humna Oromoo dadhabsiisuu fi akeeka Qeerroo Bilisummaa Oromoo laamshessuuf yaalameeti. Oromoo hiyyoomee fi rakkatu arguun Oromoo qe’ee isaa irratti beelauu fi dheebotu arguun fedhii fi sagantaa Habashootaati. Oromoo hiyyoomee fi rakkatu arguun Oromoo qeee isaa irratti beela’uu fi dheebotu arguun fedhii fi sagantaa Habashootaati.

Weerarri sirna garboomfattoota kanaa haala dawweessaa ta’ee fi afaan dhadhaa godhatanii uummata Oromoo moogaasuu kan jalqaban har’aa miti. Ilmaan Oromoo sirna ofiitti fudhatanii warra akka nama qullaa deemuutti Oromummaa ofii gatee Itoophiyaa maqaa faarsuun handhuura biyya abbaa isaa irratti afaan isaa dhiisee kan afaan isaanii haasayu,Oromummaa ofii abaaree kan Itoophiyaa Immiyyee Minilik isaanii ijaare faarsu arguun dharraa Habashootaa isa olaanaadha. Humnooti Habashaa seenaadhumaan yeroo aangoof wal waraanan humna Oromootti dhimma bahaa turan.Har’as wareegama Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaabasaa fi uummata bal’aa Oromoo waliin itti wareegamee hanga sirnicha barbadeessuttii geessise kana kanneen ofii isaanii sammuu fi qalbii keessaa fuudhanii Itoophiyummaa itti kennaniin qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo qaxxaamuruuf akeekkatanii kaan roga kanaan hanga ammaatti buaa bahiin garboomfattooti sirnichaa hin basin hin jiru.

Abjuun sirni garboomfataa kun itti jirus adda tokko ta’ee teessoo wal jijjiiruun wal harkaa fuudhinsa aangoo fakkeessuu fi qabsoo saba bal’aa qaxxaamuraan irra aanuuf yaaliin taasisan gonkumaa kan itti milkaayan akka hin taane fi harki inni jalqabaa isaan ittiin qabsoo qabachuuf yaalan Qeerroon ciqilee dhahee akka harkaa baasuu ,akeeka wareegama baasaa hara gaheef akka milkeessu hubachiisa. Harki Habashootaa gama lammataan waraana dhokataa duubaan saba Oromoo waraanuu(out flanking) taasisuudha. Sirnichi Oromoo Impaayerichaaf akka diinaatti kan ilaalu yoo tau, akkuma olitti tuqne Oromoon nageenyaa fi tasgabbiin jiraatee badhaadhinaa fi gamtaan ka’ee jennaan Ipmaayera afaan qawween itti isa galchine keessaa yaaa soda jedhurraa humni Habashootaa waraana maqaa biyyaalessaan ijaaruun uummata Oromoo duubaan waraanaa jira.Waxabajji 25/2018 Maa’oo Koomoo fi Asoosaa keessatti dhimmi Oromoon waraana raayyaa Ittisa Itoophiyaa fi humna poolisii Somaaleen kan rukutameef kanuma.Gara saba Sidaamaan yoo ijaalle walitti buiinsa Sidaamaa fi Walaayittaa gidduutti kabajaa ayyaana Cimbalalaa irratti dhalateef hooggantooti Naannichaa aangoo yoo gadi dhiisan hanga godinaa fi magaalotaatti,namooti 200 gahan kan badii kana dalagan jedhaman immoo to’atamanii jiru. Haa ta’u malee,gara Oromiyaatiin Oromoo kallattii afraniin waraanamaa jiruuf kan to’atamee fi seeratti dhiyaate hin jiru. Kunis giti bittaa EPRDF/ADWUIn ta’e jedhee saganteessuun Oromoo fi Oromiyaa irratti weerara bane akka jiru hubachiisa. Akkuma olitti kallattii harka lamaan Oromoo waraansisuun Itoophiyaa keessatti Oromoo harka kennachiisuun bituun akeekaa fi kaayyoo Habashootaa ta’e Qeerroon Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee morma balaaleffata. Duula karaa lamaan uummata Oromoo irratti aggaamame kanas wal hubachuu fi wal dhagahuun sirna Itoophiyaa fi ilaalcha anatu siif beekaa walitti si idaana /መደመር/ maqaa jedhuun Oromoon sirna Gadaa kan moggaasaa fi guddifachaa mataa ofii isaatii kan qabu akka itti ofitti nama dhuunfaa hanga sabaatti dabaluu danda’u seeraa fi duudhaa mataa ofii isaa kan qabu saba jabaa fi sirna Bulchiinsa Gadaa of harkaa qabu malee uummata sirbaan lafa qaacceessee eenyummaa ofii jijjiiru miti.

Kan isa barbaade ofitti ida’uuf/dabaluuf/ sirna Caffee fi lallaba mataa isaatii alagaaf kan baase abbaan fedhe kan itti galu,kan hin feene firoomaa fi nageenyaan isa wajjin itti jiraatu kan qabudha kanaaf sirbaan lafa dhiichisuun qabsoo Oromoo gara dabarsuun akeekaa fi kallattii isaa jijjiirsisuun akka hin danda’amne Qeerroon ammas gadi jabeessee hubachiisa.

Dhumarratti Oromoon waraana qorqalbii,diinagdee fi hawaasummaaa akkasumas fotolikaa isa irratti wal ijaaree Itoophiyaa lafee biyya isaaf wareegama gootota isaa nyaataa yoon geese jalaa bahuu qaba.Kanaaf immoo kaayyoo ganama qabatee wareegamaa yoona gahee fi wareegama gootota ganamaa milkeessuuf akka hojjatu,uummata bal’aa isaa wajjin haalli fotolikaa Impaayerichaa ilmaan Oromoof baraarama kan hin laanneefi Qeerroonis ofirraa qolachuu qabaan dhaamsa Qeerroo Bilisummaa Oromooti Sirna cunqursaa fi garboomfataa EPRDF harka lamaan Uummata Oromootti bobba’e ofirraa deebisuun dirqama Oromoo maraati!

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !

Injifannoo Ummata Oromoof !

Qeerroo Bilisummaa Oromo

SBO: Waxabajjii 27 bara 2018. Oduu, Ibsa ABO fi Marii Bu’ureessitoota ABO: Jaal Xaahaa Abdii fi Jaal Dr. Fidoo Eebbaa waliin taasifame kutaa Jalqabaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Warraaqsa Jijjiiramal Bu’uuraa Dorrobe Gatachiisuuf Duula Godhamu Callisnee Hin Ilaallu

Aside

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo, Waxabajjii 25, 2018)

Warraaqsa bara 1974 Impaayera Itoophiyaa raasee sirna Nugusummaatti xumura godheef sababootnii fi humnootni adda addaa jiraatanis kan akka qabsoo diddaa gabrummaa Saba Oromootti qooda ol’aanaa qabaate hin turre. Diddaan ummatni Oromoo Raayyaa, Daawwee fi Baalee keessatti hidhannoodhaan mootummaa Hailasillaasee dura dhaabbachuudhaan agarsiise kanaaf ragaa dha. Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi Sochii Afran Qalloo hundeessuu dabalatee sochiin qabsaawotni ilmaan Saba Oromoo sirna mooticha Hailasillaasee irratti qabsaawuudhaan mirga Saba isaanii kabajsiisuuf taasisanis ragaa biroo ti. Finciloota sirna qubattootaa irratti qotee bulaa Oromoo Arsii, Salaalee fi bakkoota adda addaatti geggeeffaman, Dhaadannoon “Lafti kan Qotee bulaa haa tahuu!” jedhu ummta keessa faca’uu dabalatee qabsoo bifoota kanaan (hidhannoo fi hidhannoo malee) ilmaan Oromoo geggeessaa turanii fi wareegama qaqqaalii qabsoo kana keessatti baafamaa tureetu wal irratti kuufamee warraaqsa bara 1974tiif bu’uuraa fi humna jabaa tahe.

Dargiin bu’aa warraaqsa sanaa afaan qawweetiin butate warraaqsa jijjiirama bu’uuraa fi bilisummaa ummatootaa dorrobee ture sana gatachiise. Dargiin dhaadannoo gurra ummatoota cunqurfamoo harkisu kan akka “Lafti qottootaaf haa tahu” jedhutti dhimma bahee yeroo murtaaweef deggersa ummatoota cunqurfamoo bal’inaan horachuu danda’e. Sanan dabalata dhaadannoo “Itoophiyaan haa dursitu !” jedhu jalatti dahachuudhaan gaaffii bilisummaa fi kan mirga dimokiraasii ummatootaa ukkaamsee fedhii aangoo fi akeeka siyaasaa qaamota muraasaa galmaan gahuuf duula cimaa eegale. Akkanaanis lubbuun ilmaan biyyaa akka baala mukaatti harca’e. Tarkaanfii maqaa “Goolii diimaa/Qayyi shibbir” jedhuu fi lola waggoota 17 guutuu karaa Kaabaa humnoota Bilisummaa Ertiraa fi Tigiray wajjin, karaa Bahaa fi Dhihaa Adda Bilisummaa Oromoo wajjin Dargiin geggeesseen lubbuun dhala namaa kuma dhibbootaan lakkaawamuu fi qabeenyi biyyaa herreguuf hin salphanne barbadaawe.

Mootummaan Dargii sana hunda oggaa raaw’achaa turetti dhaadannoon inni dhageessisee ummata of duukaa hiriirsuuf itti dhimma bahaa ture kan Tokkummaa Itoophiyummaa leellisuu ti. Akkanaanis inni/Dargiin akka humna tokkicha jaalala biyyaa qabuu fi tokkummaa fi wal qixxummaa ummatootaaf dhaabbateetti, humnootni isa morman hundi ammoo warra biyya diiguuf deemu, warra nagaa ummataa hin jaallanne, warra mootummoota birootiin bitamee ykn. qacaramee Itoophiyaa diiguuf ergame, dhiphoo ‘waanbadee’…fi kkf. akka tahanitti waggaa 17 guutuu ololamaa bahe.

Bu’aa wareegamaa fi qabsoo ummatootaa afaan qawweetiin butatee warraaqsa jijjiirama dorrobee ture kan gatachiise mootummaan Dargii qabsoo bilisummaa Oromoo dabalatee qabsoo ummatootni akka Ertiraa, Tigray fi kanneen biroos geggeessaniin bara 1991tti burkutaawee dhabama tahe. Qabsoo mootummaa Dargii kuffisuuf godhame keessattis Oromoon lubbuu qabsaawota ilmaan isaa hedduu dirree lolaa fi manneen hidhaatti gabbaree jira. Haa tahu malee kufaatii Dargii kan 1991 boodas bu’aa wareegama qabsaawota ilmaan Oromoo fi kan saboota birootiin argame sana afaan qawweetiin butatee akeeka siyaasaa fi saamicha dinagdee murna ofiitiif kan oolfate humna TPLF/EPRDF kan caalmaa humna waraanaa qabutti gargaaramee aangoo dhuunfatee fi ergamtoota isaaf lukkee tahanii ummata keessaa dhalatanitti diinoman qofa.

Waggoota 27 dabran (bara aangoo EPRDF) fedhii aangoo siyaasaa fi saamicha dinagdee aangawoota TPLF fi lukkeewwan isaanii guutuuf jecha Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuu fi gaaffii haqaa Sabni Oromoo bilisummaa ofiif kaase ukkaamsuuf lolli addaan hin citne Adda Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo irratti geggeeffamaa yoona gahe. Lola kanaa fi loloota biyyoota ollaa akka Ertiraa fi Somaaliyaatti fedhii siyaasaa fi dinagdee TPLF/EPRDF guutuuf geggeeffameen ammas akkuma bara Dargii lubbuun ilmaan ummatoota cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaawamu harca’e. Isa bara EPRDF kan bara Dargii irraa wanti adda taasisu miidhaan ummatoota kaan irra gahu akkuma jirutti tahee, Sabni Oromoo garuu akka Sabaatti addatti irratti qiyyaafatamee ajjeechaa, hidhaa, saamicha, qe’ee isaa irraa buqqifamuu fi miidhaa akaakuu adda addaatiif saaxilamuu isaa ti. Diinummaan TPLF/EPRDF kan Saba Oromoo irratti addatti xiyyeeffate kun ammoo Sabichis roorroo kana qolachuuf caalaatti xiiqeffatee Dhaaba isaa Adda Bilisummaa Oromoo faana hiriiruudhaan bilisummaa isaaf akka qabsaawu taasise. Akka kanaan waggoota 27 dabran roorroo mootummaan TPLF/EPRDF irraan gahu mormuudhaan ummatootni cunqurfamootni Impaayera Itoophiyaa hedduun bifa gara garaatiin qabsaawaa fi wareegama baasaa turuun dhugaa hin haalamne tahu illee kan akka Saba Oromootti mootummaa EPRDF irratti qabsaawee wareegama ulfaataa baase hin jiru.

Dhugaa kanaa olitti ibsame irraa wanti hubatamu hanga gaaffiin haqaa ummatootni bilisummaaf, mirga abbaa biyyummaaf, dimokiraasiif fi nagaaf kaasan deebii sirrii fi quubsaa argatee rakkoon siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa kan akkaataa hundeeffama sirna mootummaa Impaayera Itoophiyaa irraa maddu akka waliigalaatti furmaata waaraa hin argatinitti, addatti ammoo, hanga gaaffiin bilisummaa Saba Oromoo guutummaatti deebii hin argatinitti Impaayera Itoophiyaa fi naannoo isiitti nagaa fi tasgabbiin bu’uu kan hin dandeenye tahuu isaa ti.

Yeroo ammaan tanaa qabsoo ummatootni cunqurfamoon Impaayera Itoophiyaa akka waliigalaatti bifa gara garaatiin geggeessaniin, keessattuu ammoo qabsoo ummatni Oromoo hoogganummaa Adda Bilisummaa Oromootiin geggeessaa jiruun mootummaan TPLF/EPRDF kan waggoota 27 dabran duula duguuginsa shanyii fi gochaa shoororkeessummaa ummata Oromoo fi ummatoota biroo hedduu irratti geggeessaa bahe irreen isaa laamsha’ee, keessi isaa tortoree kufaatiidhaaf afaan boollaa irra gahee jira. Mootummaa farra ummataa tahe kana irratti qabsaawanii sadarkaa kanaan gahuu keessatti, akkuma olitti jedhame, wareegamni ummatni keenya akka waliiglaatti baasee fi miseensotaa fi deggertootni ABO adda-durummaadhaan baasan qooda hundaa olii qaba. Keessumaa ammoo wareegamni dargaggootni ilmaan Ormoo (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) sochii Fincila Diddaa Gabrummaa fi Fincila Xumura Gabrummaa keessatti walitti fufiinsaan baasaa yoona gahan qooda addaa qaba.

Ummatni Oromoo akka waliigalaatti fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo addatti kan isaan warraaqsa kana geggeessaa jiran gaaffii fi dhaadannoo Bilisummaa Oromoo dhawwaaqaa Alaabaa mallattoo bilisummaa isaanii taate Alaabaa ABO/Oromoo balaliisaa ti. Dhugaan kun osoo ifatti beekamuu fi ija mootummootaa fi hawaasa Addunyaa duratti mul’achaa jiruu har’as qaanii tokko malee bu’aa wareegama ummata Oromoo fi kan ummatoota cunqurfamoo biroo butachuudhaan fedhii aangoo fi akeeka siyaasaa namootaa fi humnoota murtaawaniitiif oolchuudhaan warraaqsa jijjiirama bu’uuraa dorrobe kana gatachiisuuf yaaliin godhamaa jiru guddaa tahuu argaa jirra. Kunis kanuma bara mootummaa Dargii wajjin haala wal fakkaatuun Alaabaa Itoophiyaa fi dhaadannoo “Tokkummaa Itoophiyummaa” jettu jalatti dahatanii gaaffii haqaa kan bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biroo ukkaamsuuf yaaluudhaan of mul’isaa jira.

Adeemsi akkanaa kan dhaadannoo fi maqaa tokkummaa Itoophiyummaatiin gaaffii mirgaa fi bilisummaa ummatootaa ukkaamsuuf yaaluu kun hatattamaan yoo hin sirranne diigamiinsaa fi badiin inni naannoo kanatti hordofsiisuuf deemu ulfaataa taha. Yeroo ammaatti kan barabaachisu maddi rakkoo maal akka tahee fi furmaata waaraa argamsiisuuf wanneen godhamuu qaban maalfaa akka tahan, akkasumas, qaamotni adeemsa gara furmaata waaraatti taasifamu kana keessatti hirmaachifamuu qaban eenyufaa akka tahan sirriitti addaan baasanii tarkaafiilee gara furmaata waaraa sanatti geessan hojiidhaan lafa irratti fudhachuu eegaluu dha. Waan taheef, haalli siyaasaa Impaayera Itoophiyaa kan wareegamni qaaliin itti baafamee yeroo ammaa jijjiirama bu’uuraa dorrobee jiru kun humnoota akeeka siyaasaa fi saamicha dinagdee kan mataa isaanii galmaan gahachuuf jecha gatachiisuu barbaadaniin akkan hin gatanne taasisuudhaan haala jijjiiramni bu’uuraa fi furmaatni waaraan itti argamu mijeessuuf ummatootni, jaarmayooni, mootummootnii fi qaamotni dhimma kana keessatti qooda qaban hundi hafuura itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan gaafatama isaanii akka bahatan Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee hubachiisa.

Miseensotaa fi deggertootni Adda Bilisummaa Oromoo waliigalatti, Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo haala adda taheen, akkasumas, ummatni bal’aan Oromoo kan dabre hunda irraa barachuudhaan qabsoo fi Warraaqsa Bilisummaa kan dhiigaa fi lafee keenyaan utubnee sadarkaa kanaan geenye gatachiisuuf kanneen foolatan itti dammaqnee shira isaanii hoongessuudhaan bilisummaa keenya mirkaneessuuf kan yeroo kamuu caalaatti jabaannee akka sochoonu Addi Bilisummaa Oromoo irra deebi’ee hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 25, 2018

SQ:- Injifannoo WBO Zoonii Dhihaa

Aside

[SQ, Waxabajji 25,2018] WBO’n Zoonii dhihaa, komishanari Adimaasuu 3F fi Oraalii tokko WBO adamsuuf Begiirra utuu deemaa jiruu tarkaanfii haleellaa WBO Zoonii dhiyaa Begii keessatti Sanbataduraa darbe fudhateen waraana kaan achumatti dhumuun Adimaasuun Harkarra rukutamee harka keessa darbeen raasaasni qaama seene.

Akka yaalamuuf Hospitaala Naqamteetti ergamee yaalii baqaksanii hodhuu utuu godhamaafii jiruu Diinni uummataa Komishinaarri Adimaasuun har’a Lubbuun darbuun Hospitaala Naqamteetii Reeffisaa baheera.

QABSOO OROMOO FI OROMOOTA MIRGA ABBAA BIYYUMMAA FALMSTAN

Aside

I. Imala Qabsoo Oromoo Kaleessaa, Kan Har’aaf kan fuuldura.

Moxobii/Seensa/Ittiin Lixa
Haalli qabsoo Oromoo kan gufuuwwaniif kufaatiiwwan jajjabaa qabaataa ture cicchoomina qabsaa’otaan raraaga qabsoo damdamachuun tinfa shiraaf tuullaa danqa qabsoo mara injifatee har’a irra gaheera. Imalli qabsaa’ota kaleessaa nuffisiisaa kan darbuu nii dandaa’ama hinjedhamne, imala qoree qabsoon bacaqaa/guutuu kan rakkoof gidiraa nuffisiisaan guute ture. Rakkoowwan kamiin injifachuuf kutannoo qabaachuu isaanii “rakkoo qabsoo keessatti nu mudatu kamiif hinjilbeenfannu” dhaadannoo jedhuun jilbaaf mogolee jaallaawwanii jabeeffataa har’a gahuun qabsaa’ota mirga abbaa biyyummaa kan haalamu miti. Roga qabsoo qabsiisuuf kanneen aarsaa ta’uun dirqama itti taanan aarsaa of godhan kanneen akka wareegamtoota shiinniigaa dabalatee qabsaa’oonni hedduun qabsoo jiraachisuuf of wareeguun bakka feesisuutti lubbuu isaanii gumaata godhanii uummata jaallataniif laatanii darbaniiru. Kun gabaabumatti qabsaa’ota Shinniigaatti shiftaan Sumaalee ajjeefte kanneen utuu Oromummaa ofii hinjijjiiriin, qabsoo mirga abbaa biyyumma hinsharafin lubbuun taranii qabsoo jiraachisan hammata. Akkasuma gootaawwan dirree jajjabee Waraana Bilisummaa Oromoo kanneen diina gogonbisaa diina harka buunee icciita qabsoof qabsaa’otaa laannee qabsoo hongeessuurra ofii duunee qabsoo jiraachifna jechuun lubbuu isaanii wareeganii qabsoo jiraachisan dabalata. Qabsoo keessa imala hadhooftuuf deemsa walxaxaaf nuffisiisaan kan guute kan galmi isaa dhamdhamuuf soorrachuuf nama hawwatuun guutuudha. Hededuma qabsoo kaleessaa irraa bu’aa ba’ii ulfaataa keessa akka darbamtu gooticha Oromoo Kaffaaloo Tafarraa kan dhiyeenya mana hiraarsaatii baherraa nuti dhaloonni haaraan akka waa hedduu barannu nan abdadha. Qabsoon Oromoo amna dheeraa adeemtee har’a sadarkaa gaaza guuttatee haala abdatamaan socho’u irra gahee jira. Qabsoo Gaaza guutattee ofiin adeemaa jiru qaamita hedduutu anatu oofaa jiraa jechuun wal cabsaa jiraachuusaaf mataan hedduun mumul’ahuu agarra. As keessatti ilmaan NioMinilik kanneen gumaaa hedduun irraa barbaadamus qabsoo kanatti akka ciminaan hirmaataa jiranitti osoo of dhaadessanii agarra. kana daangaa itti gochuuf eeggitii qabsoo isaaf murteessaan dhaloota har’aa kana. Egereen qabsoo ilma Oromoof intala Oromoo wareegama baasaa turtan harka jiraachuu isinii himuun fedha. Addi bilisummaa Oromoo qabsoo gaggeessuuf qabsoo isaan firiin argamaa jiru bu’aa qabsaa’otaaf uummata dila Oromoo ta’uu amana. Akkasuma kanneen isaan faallaa ammoo bu’aawwan qabsoo uummataan argamaa jiran akka jaarmiyaa isaanitti utuu dhaadessanii agarra. Qabsoo abbaa biyyummaa saba tokkoo qaama tokkoof jaarmiyaa tokkoon galii gaha ykn bu’aan argame kan jaarmiyaa tokkooti jedhanii ilaaluun daba. Keessattuu qaama diinatti maxxanee akka Silmii dhiiga sabaa xuuxaa tureef bu’aaf injifannoon kan isaaniiti jedhanii bu’aawwan qabsoon argaman diinaaf laachuun sharafa qabsooti.Sharafa qabsoo keessatti wareegamtoota ofii dagachuuf qabsaa’ota ofii dagachuutu dhufa. Kun Waaqaaf lafa gidduutti cubbuu seenaan nama gaafatudha.

1. Imala Qabsoo Kaleessaa fi Qabsaa’ota Kaleessaa

Qabsoon Oromoo kaleessaa akkuma moxobii irratti kaasuuf akeekkanne, rakkoowwan gidiraawwan hammaataa keessa darbee har’a irra gahe. Rakkoowwan kana mara damdamatee har’a gahuun qabsoo saba bal’aa kan qabsaa’ota gameeyyii qabsichatti cichanii jiran galateeffachiisuudha.Akkasuma gootota qabsoo kanaaf aarsaawwan ulfaataa kaffalaa turan kan nu yaadachiisuuf ekeraa isaanii du’aa kaasee kan kabachiisuudha. Qaamni uummata ofiif waan gaarii hojjetu kamuu hindu’u. Inni sabaaf qabsaa’uuf saba ofiif kulkulfatu ha gammadu inni jiraataa barabaraati. Inni saatii gantonniif galtuun maqaa waliin awwaalamanitti akka siidaa Aanolee uummata isaa keessaa dheeratee argama. Qabsoo Oromoo rukutuuf jechoota jajal’ataa kanneen akka dhiphummaaf jechoota ABO waliin wal hinsimne jechoota Shororkeessummaatti dabalanii qabsoo sabichaa balleessuuf daandiiwwan isaaniif aanja’e maraan habashoonni carraaqqii gurguddaa taasisaniiru. Habashoonni (Amaaraafi Tigireen) yeroo kamuu dhabama qabsoo Bilisummaa Ummata Oromoo irratti kallattiif alkallattiin hojjetu. kanarra darbanii qaama isaaniin ta’ee uummataaf waan gaarii yaadu kamiinuu balleessuuf ajjeesuu irratti fuulleffannoo hojii jajjabaa hojjetaniiru.

Habashaan kaleessaa Oromoo waan jedhame lafarra daguugee balleessuu irratti fuulleffannoon hojjete. Daguuggaawwan deettii/jumulaa ilmaan Oromoo irratti fudhachaa tureen leeylaa ilma Oromoo keessaa bahuu hindandeenye nurratti raawwateera raawwataas jira. Uummata Oromoo balleessuuf afaan Oromoo balleessuuf duula kallattiif alkallattii habashaan raawwataa tureen hanga har’aa Oromoon afaan Oromoo dubbachuu hindandeenye, Oromoo Raayyaa Azeeboo, Qobboo, Waanbaraa fi Yejjuu dabalatee Oromoonni Finfinee ragaawwan qabatamaadha. Oromoon akka Ani oromoodha hinjenneef duula alkallattiin nurratti banamaa tureen daftaroonni isaanii maqaa amnataa Orthodoksii dahoo godhatanii Bataskaan lafa jiila Oromootti babal’isuun akka Oromoon ofiisaa jibbittu Oromoo jecha jedhutti hiika fofokkataa laachuudhaan Oromoo ani Oromoodha jechuurra ani Amaara jechuu akka filatu taasisaa turaniiru. Intiin/anxaarriin yerosii kan duukaa dabartee hanga har’aa Oromoo nuti Sidaama jedhu baadiyyaawwan Oromiyaa hedduu keessa jiru. Kana Cabsuuf ABO’n obsaf kutannoodhaan Bahaa hanga Lixaa, Kaabaa hanga Kibbaatti hojii siyyaasa barsiisuuf Oromoo Oromummaa barsiisuu irratti wareefama isarra jiru mara kaffalaa yoona gaheera.

Imala ABO hanqisanii Oromoo Oromummaasaa dagachiisanii bituuf habashoonnii fi Araboonni wal hidhatanii hojjetaa turaniin Oromoo Kiristaanaaf Musiliima jechuun eenyummaasaa akka dagatee amantaa wal loluuf wal qoodutti soorrata isaallee akka walirraa deeboisee wal halagoomsu tika halagaan nurratti hojjetame. kana cabsuuf WBO ilma Oromoo keessa socho’ee ati eenyu? ani Kiristaana, ani Musiliima gaafa sabnisaa jedhu,obsumaan maaliif akkas jetta jedhee utuu hinyaariin ati oromoodha malee Musiliima ykn kiristaana miti yaada jedhu barsiisuu keessatti, afaan isaan akka barreessuuf barsiisuu keessatti qooda isarraa eegamu bahataa ture. qabsaa’onni ABO kaneen aantummaa sabaan qabsoof mAanaa bahan hedduunis qoqqooddaa halagaa kana cabsuuf hanga har’aa gamtaa’iina Oromoo jabeessanii dhaabuuf wal qabatanii wal faana bakka tokkotti Wareegamuun wareegama naannoo Shinniigaatti kaffalaniin tokkummaa oromoo raagessanii hanga har’aa qabsoon akka jiraatu kanneen godhan Waayillan Magarsaa Barii yoomiyyu kan Oromoo keessaa badan miti. Dhukaasni Elemoo Qilxuu “kun sagalee Bilisummaa Oromooti!” jedhee dhukaase hanga har’aa Oromiyaa guungumaa jiraataa jira.

Sagalee Bilisummaa gaafa sana dhagaa’ameen ilmaan Oromoo hanga har’aa falmarra jiran akka falmatan gochuu danda’eera. Imalli qabsoo Oromoo kaleessaa hedduu nuffisiisaa kan jaallan kutatoo qofa qabatee hanga har’aa jiraata jirudha.

Duuchaatti qabsoon wareegama ulfaataa gaafachuu ishees qabsaa’ota yeroo namni nuffee gatee biraa galu, yeroo hedduun dhiisee yaa’u itti chichanii dhaadannoo “hanga Bilisummaatti qabsoo itti fufna!” jedhu raagessan irraa nii hubanna. Qabsoon Oromoo imala nuffisiisaaf dheeraa qabaataa akkuma ture, qabsaa’onni Oromoo kaleessaas kutatoof chichoomoo uummata Oromoo jaallata kanneen tokkicha biyya abbaa isaanii Oromiyaa bilisoomsuuf lubbuu hinqusanne ta’uu asumaan hubachuu feesisa.

2. Qabsoo Oromoo har’aa fi Qabsaa’ota har’aa

Qabsoon Oromoo har’aa deemsa dheeraa baroottan darbaniin kan as gaheedha. Qabsoon har’aa ilma qabsoo kaleessaa abbaa qabsoo boriif abbaa Bilisummaaati. Oromoon gaafa mammaaku Oromoon ilma sadii dhalcha jedha:
1. . Ilma isa Caalu
2. Ilma Isa Dhaalu
3. Ilma Isa dhaanu
egaa qabsoon Oromoos akkuma ilma Oromoo waa kana hunda qabaachuu ishee hubachuu feesisa. Qabsoon Oromoo har’aa, qabsoo akeekaa kaleessaa qabatee akeeka caaluun galmaan gahuuf karoora qabatee itti chichee jiru, kan akeeka kaleessaa dhaalee jiruuf, qabsoo akeeka kaleesaa dhaanuun maanoo qabsoo Oromoo balleessuuf jedhu qabatee jira. Qabsoo har’aa kana roga mataa mataa isaatiin itti gargaaramuu baannaan, callisnee gugksinee harka rukutuu qofaan kan goolabuuf jennu taanaan akeeka qabsoo kaleessaa keessaa kan nu baasu ta’uu beekuu nu gaafata.

qabsoon qabsoo kaleessaa caalu akka gaggeeffamu nu warra lubbuun jiru qofa utuu hintaane ekeraa wareegamtootaatu fedha hawwas. kaayyoo Bilisummaa isaan kufaniif sharafuun gara akeeka garboonfataa suphuun garbummaa qancarsuu utuu beeknus utuu hinbeekinis itti seenuun hinfeesisu. qaama sirna kaleessaa nutti faarsu faana dibee dhahuun wareegamaaa keenya bool’a keessatti yakkamaa taasisuudha. Qaamni sirna kaleessa nu cunqursaa ture nutti faarsu isa ekeeraa wareegamtoota sirna cunqursaa sana didanii lubbuun darbanii lafa jiranitti abaaruun waltokkuma.
Akeekni qabsoo Oromoo kan sharafaa humaatuu hinqabne akeeka Bilisummaaf faajjii mataa ofii jala buluuti. kanammoo guyyaa gara guyyaatti Oromoon bahee agarsiisaa jira. Fedhii uummataan ala adeemuun Qurxummii galaanaan alaa, sinbira qoochoo hinqabme nama taasia. Qabsoo Oromoo Bilisummaa Oromiyaa sharafanii gara ijaarsa Ithiyoopiyaatti naanneessun Seeraanis seenaanis kan nama gaafachiisudha.

Oromoo sirna Cunqursaa balaalefachuun ofii biyyoo ta’ee albuuda Oromiyaa kan Oromoon ilmisaa irraa sorratu ta’uuf daangaa biyya abbaasaa daangaa Oromiyaa sararuuf Qawwee qabatee baddaaf gammoojjiin bahuun “Faashiniin qawwee hafeera” jechaa ofimmoo Qawween dhala Oromoo daguuguun gowwummaa ofii qaban cinatti Oromoo gowwomsuuf ammoo carraaquu waliin tokko. Sirna Ithiyoophiyaa har’aa cina darbanii sirna nama nyaataa kaleessaa Minilik dabalatee Oromoof waltajjii Oromoon qooda irraa fudhatu irratti lallabuun tuffii Ummata Oromoof maal fiddii jechuun nu xiqqeessuuf yaaludha jennee amanna. Afaaniin Tokkummaa lallabaa, afaaniin karaa nagaa jechaa waraana WBO tti bobbaasanii bakka Waraana bilisummaa Oromoo barbaadanii barbadeessuuf adeemuun siyyaasa yeroof of dhaadessuuf itti dhimma bahan malee siyyaasa daandii nama dabarsu miti. Oromoon “karaan Sobaan darban gala nama dhiba” jedha. Uummata sobuuf gowwomsuu yaaluun eessanuu nama hingahu. Waraana uummataatti dhukaasaa uummataaf aantummaa qabna jechuun waan wal hinfakkaannee rakasha siyyaasaati.

qabsoo har’aa daddaaqsisuuf ona WBO fi ABO itti argatan mara sakattaa’anii kaan ajjeessaa, kaan doorsiisaa fuula miidiyaatiin nagaa lallaabuun gaafa icciitiin kun uummata mara biratti saaxilamaa adeemu uummatuma har’a harka rukutuufin kabalamuutti dhufama. kanaaf qondaalota OPDO kaneen waan aantummaa sabaa qabdan fakkaachaa, waan Tokkummaa lallabdan fakkaachaa foddaa TV qofaan lallabdan egeree keessaniif wayyoo.Yoo dhugumaan jiraachuu feetan waan dubbattan hojjedhaa! waan hinojjetin akka waan hojjetaa jirtaniitti uummata burjaajessuuf yaaluun gowwummaadha jenna.
2.2. Qabsaa’ota Oromoo har’aa

Qabsaa’ota Oromoo har’aa Oromoon hamanatti nii beeka jechuun ni ulfaata. Sababaan qabsaa’aan uummatichaa of mul’isuuf ittiin ofjajuuf waan socho’u matumaa hinqabu. Hojii inni qabsoo keessatti hojjetu martuu kan jaarmiyaa isaatiif kan uummataa ta’uutti amana malee kan dhuunfaasa kan inni ittiin deemee nama harka rukuchiifatu akka ta’etti ilaaluufis qabsoo hinseenne ilaalaas hinjiru. Kanaaf yeroo hedduu qabsoo qofa gaggeessuuf daandii qabsoo ciruu qofa irratti kan fuulleefateef daandii qabsoo qofa baasuuf yeroo kan hinqabne ta’uuf miidiyaa irra kan hinjirre ta’uu asumaan himuu feena. Qaama mootora qabsoo ta’e kana diinnis firris baruun ammaaf yeroon isaa hingenye, kanaaf hanganatti qabsaa’aa isaa beekuu dhabuun tarii akkanni qaamota diinaaf ergamaa turaniif diina tajaajiluu irrayyuu sirna Minilik kaleessaa nutti faarsan akka leellisan taasiseera qaamota muraasa.

Qabsoon Qeerroon itti jiru qabsoo qaama ykn jaarmiyaa tokko utuu hintaane qabsoo sirna EPRDF/TPLF malee kan jaarmiyaa tokkoo qofaa mitii. AkkaTigiroota qofa irratti qabsaa’aa jirruutti kanneen ilaalta miti. Nuti sirna EPRDF guutummaatti hundeen buqqaa’uuf jijjiirraa sirnaaf wareegama kaffalaa dhufne. Qaamonni hubannaan kun itti hir’atu utuu hinbeekin diinaaf dibbee dhahuu malu, gaddaaf gadadoon uummata Oromoon irraa gaafa Sirni kun hundeen galagalee Mootummaan Ce’umsaa nageenya biyyattii mirkaneessu kan ABO makate akka dhaabbatuuf qabsootti jirra. Waamichi ABO akka waan taasifameetti fudhatee qaamni uummata Oromoo keessaa gowwonfamaa jiru yoo jiraate kan siyyaasaaf garboomsaan waltajjiirra taa’ee waraan xiqqeessaa irra deddeebiin “faashiniin qawwee hafeera” jechaa haasaa hokkora biraa uumu dubbata waltajjii ho’ifateen gowwomuun hinfeesisu. Nageenya biyyatti booressaa kan jiru Muummee Ministeera biyyattii irraa qabee qaama sakattaa WBO sochiitti jiruuf uummata ajjeesuu itti fuulleefatee jirudha.

3. Qabsoof Qabsaa’ota Borii
Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis walgaan Kooraa dhuma! akkuma jedhamu, shirri halagaa baay’atus dhalootaan Ithiiyoophiyaa nunyaachaa turte fudhu jechuun kan rakkoo furudha jedhanii tilmaamuun, WBO balleesssuun kan rakkoon furamudha jedhanii waan hindandeenye dhiibuun akka nama galaana Abbayyaa goksuuf humnaan ol wixxisuuti. Uumata Oromoo garboonfataatti abidda ta’ee isaan gubaa jiru jalaa bahuuf qabsoo uummatichaa gara dabarsuun akka waan muudama OPDOf qabsaa’a turee gakkeessuuf yaaluurra ABO waliin bakka qaamni sadaffaa jirutti rakkoo jiru furuuf mootummaa ce’umsaa dhaabuun isa fardiidha. kana didus humnaan waan dhufan taanan humnaanis cabsee mo’uuf humni Oromoo Tokkummaan jiru kun WBO waliin kan Bilisumnmaa biran geessudha. kanaaf egereen Oromoof qabsaa’otaa ifadha.

Horaa Bulaa
Qalbeess Dhangi’aa
Waxabajji 23, 2018
Finfinnee Oromiyaa

Oromo Voice Radio ( OVR) Waxabajjii 23, 2018

Aside