Ijoo Dubbii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Finfinnee Oromiyaa, Waxabajjii 26,2018
Garbummaa bar-dhibbee tokkoo fi walakkaa nurra lakkoofsiisaa jiru ofirraa qolachuuf wareegama gita hinqbane taasisaa, aarsaa Bilisummaa ofii gonfachuuf baasuu qabnu baasaa qabsoo jabaarra kan jiru Oromoon, hanga har’aa qabsoo isaa galiin utuu hingahin kan jiru ta’ullee ulaa Bilisummaa irra gahee jira. Adeemsa qabsoo Oromoo daandii ulfaataaf obsa fixachiisaa mara hulluuquun egeree uummataaf jecha qabsoo jiraachisuuf wareegama qaalii gootaawwan wareegaman kumootni, Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaati.
Akeeka qabsoo jallisanii gara maqsuun Oromoon akka waan Ithiyoophiyaa ijaaruuf lafee cabaa tureetti, Oromoon akka waan faajjii garboonfataa kan ta’e faajjii Ithiyoophiyaa jalatti kufaa tureetti oduu tirrisuun qabsoo Oromoo jallisanii gara ijaarsa Ithiyoophiyaa kan sirna Oromoof qoodaaf bakka hinqabne ijaaruuf dhaloonni wareegama baasaa akkka tureetti ilaaluun yakka seenaaf ekeraan gootota Wareegamanii nama gaafatudha jedhee amana Qeerroon Bilisummaa Oromoo. Fedhii fi hawwii uummata aangoo irraan dhiibee isaan gahee tiksuuf dadhabanii gara fedhii mataa ofiitti harkisanii dhaloota Bilisummaaf qabsoorra jiru akka waan ijaarsa sirna EPRDF jajjabeessuuf akkasuma, ijaarsa sirna nama nyaata Mootummoota garboonfattoota durii deebisuuf wareegamaa turee fakkeessuun sharafa fotolikaan daandii Bilisummaa uummataatti diilloo garbummaa buusuuf kan oolu malee kan uummataaf tattaafatamu miti.
Qabsoo Uummata Sharafanii Gara Dabarsuun, Utuu Ajjeesanii Uummata Oromoo Garbummaa Keessatti Tiksuuf Akeekni EPRDF/Wayyaaneen Qabatee Jiru Qabsoon Irra Aanama Dhaaltummaa hangafoota isaarraa dhaaleen, mootummaan Wayyaanee sirni EPRDF akeeka qabsoo uummata Oromoo sharafuun garbummaa keessatti uummata tiksuu irratti fuulleffatee sochiitti jira. Amna qabsoo dheeraa Wayyaanee waliin goone kana keessatti, tarkaanfiiwwan waraanaa kallattiin uummatarratti adeemsiisaa hanga ammaa waraanaan nu bitaa jiraachuun isaas waan ifaati. Qabsoo Oromoo gama waraanaan dhaabuuf carraaqqiin waggoota afran darban walitti fufiinsaan ajjeechaa Mootummaan Oromoo xiqqaa hanga guddaa irratti taasisaa ture kan sadarkaa jechaa qofaaniin himamee bira darbamu miti. Haala kamiinuu qabsoo Oromoo meeshaan waraanaa ammayyaa dhaabuu akka hindandenye dheebottoonni Bilisummaa kanneen garbummaan na gaha jedhan qabsoo saba ofiitti firii gochuuf rasaasa fuuldura dhaabatanii sagalee dhageessisaa addunyaaf diinummaa Mootummichaa saaxilaa yoona gahaniiru. Qabsoo uummanni Oromoo wareegama ulfaataan dhaadannoo “Bilisummaa barbaadna!” Jedhuun hanga ammaa Faajjii isaa qabatee taasisaa jiru utuu arganii kanneen garbummaa keessatti Oromoo tiksuu fedhan kan fedhii uummataarra dantaa isaanii eegsisu uummatatti lallabuun gara sossoobbiitti deebi’anii jiru. Qabsoo Oromoo waraanni dadhaabe sossoobbaan dhaabuuf yaaluun bakakkaa samii lakkisee bu’aa jiru samiitti oldeebisuun walkipha. Akeeka fakkeesssiin uummata bituuf garboonfata baafatee kana dura dhaabbachuuf qabsoo Qeerroo Bilisummaa dhawatumaan guddachuun murteessaa ta’uu Qeerroon hubachiisa!.
Mootummaan gita bittuu Wayyaanee/EPRDF guutummaa Oromiyaa addatti daangaawwan Oromiyaa irraan duula waraana dhaabbataa qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti taasisaa yoona gaheen hanga ammaa fandalee qabsoo Oromoo waliin tiraatuun; qabsoo Oromootti danqaa ta’uuf akeekni garboonfataan guyyuutirraa baafataa jiru humna qabsoo uummataa kan hincaalle ta’uuf qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO durfamu kan guutummaa Oromoo makatu kan hincaalle ta’uu irra deebiin Qeerroon hubachiisa. Daangaawwan Oromiyaa irratti lola banee jiru dhaabuurra, lubbuu Oromoo baasuu irratti, daangaa Oromoo cicciree akka fedhiisaatti gurgurachuu itti fufuun Mootummaa kan uummata onnachiisudha. Ajjeechaa jumulaa/deettii/ bakkoota hedduutti sirna EPRDF raawwataa jiru dhaabuurra gara hookkara olaanaatti ceesisuuf waraana qabu Agaaziidhaan uummatatti dhaadachuurra taree duula ifaan uummata Oromoo irratti banameen Uummati balaan Oromoo kallattii maraan sirna ERPDFn buqqaa jiraatuun haqni kun akka salphaatti hubatamu qeerroon ni amana.
Sirna garboomfataa har’aa qofa odoo hin taane sirnoota darban keessattis Oromoon kan qe’ee isaa irratti ajjeefamaa ture yoo tau har’aan tanas Oromoon lafa ashaaraa seenaa fi duudhaa akkasumas kan safuu isaa irraa qabu sirna kanaan maqaa Itoophiyaa Somaalee jedhuun kan moggaafamte keessaa Oromoon miliyoona tokko caalu buqqauun;Karaa Kibbaa Oromoon Gujii fi Booranaa,karaa Oromiyaa Bahaa Haragee fi Karaa Lixaatiin waraannii sirna AWDUI ofiin jedhu ifaan uummata Oromoo buqqisaa jiru.Haalli kun harka tokkoon maa taa kan jedhuuf sirni EPRDF/AWDUI ta’e jedhee humna Oromoo dadhabsiisuu fi akeeka Qeerroo Bilisummaa Oromoo laamshessuuf yaalameeti. Oromoo hiyyoomee fi rakkatu arguun Oromoo qe’ee isaa irratti beelauu fi dheebotu arguun fedhii fi sagantaa Habashootaati. Oromoo hiyyoomee fi rakkatu arguun Oromoo qeee isaa irratti beela’uu fi dheebotu arguun fedhii fi sagantaa Habashootaati.
Weerarri sirna garboomfattoota kanaa haala dawweessaa ta’ee fi afaan dhadhaa godhatanii uummata Oromoo moogaasuu kan jalqaban har’aa miti. Ilmaan Oromoo sirna ofiitti fudhatanii warra akka nama qullaa deemuutti Oromummaa ofii gatee Itoophiyaa maqaa faarsuun handhuura biyya abbaa isaa irratti afaan isaa dhiisee kan afaan isaanii haasayu,Oromummaa ofii abaaree kan Itoophiyaa Immiyyee Minilik isaanii ijaare faarsu arguun dharraa Habashootaa isa olaanaadha. Humnooti Habashaa seenaadhumaan yeroo aangoof wal waraanan humna Oromootti dhimma bahaa turan.Har’as wareegama Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaabasaa fi uummata bal’aa Oromoo waliin itti wareegamee hanga sirnicha barbadeessuttii geessise kana kanneen ofii isaanii sammuu fi qalbii keessaa fuudhanii Itoophiyummaa itti kennaniin qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo qaxxaamuruuf akeekkatanii kaan roga kanaan hanga ammaatti buaa bahiin garboomfattooti sirnichaa hin basin hin jiru.
Abjuun sirni garboomfataa kun itti jirus adda tokko ta’ee teessoo wal jijjiiruun wal harkaa fuudhinsa aangoo fakkeessuu fi qabsoo saba bal’aa qaxxaamuraan irra aanuuf yaaliin taasisan gonkumaa kan itti milkaayan akka hin taane fi harki inni jalqabaa isaan ittiin qabsoo qabachuuf yaalan Qeerroon ciqilee dhahee akka harkaa baasuu ,akeeka wareegama baasaa hara gaheef akka milkeessu hubachiisa. Harki Habashootaa gama lammataan waraana dhokataa duubaan saba Oromoo waraanuu(out flanking) taasisuudha. Sirnichi Oromoo Impaayerichaaf akka diinaatti kan ilaalu yoo tau, akkuma olitti tuqne Oromoon nageenyaa fi tasgabbiin jiraatee badhaadhinaa fi gamtaan ka’ee jennaan Ipmaayera afaan qawween itti isa galchine keessaa yaaa soda jedhurraa humni Habashootaa waraana maqaa biyyaalessaan ijaaruun uummata Oromoo duubaan waraanaa jira.Waxabajji 25/2018 Maa’oo Koomoo fi Asoosaa keessatti dhimmi Oromoon waraana raayyaa Ittisa Itoophiyaa fi humna poolisii Somaaleen kan rukutameef kanuma.Gara saba Sidaamaan yoo ijaalle walitti buiinsa Sidaamaa fi Walaayittaa gidduutti kabajaa ayyaana Cimbalalaa irratti dhalateef hooggantooti Naannichaa aangoo yoo gadi dhiisan hanga godinaa fi magaalotaatti,namooti 200 gahan kan badii kana dalagan jedhaman immoo to’atamanii jiru. Haa ta’u malee,gara Oromiyaatiin Oromoo kallattii afraniin waraanamaa jiruuf kan to’atamee fi seeratti dhiyaate hin jiru. Kunis giti bittaa EPRDF/ADWUIn ta’e jedhee saganteessuun Oromoo fi Oromiyaa irratti weerara bane akka jiru hubachiisa. Akkuma olitti kallattii harka lamaan Oromoo waraansisuun Itoophiyaa keessatti Oromoo harka kennachiisuun bituun akeekaa fi kaayyoo Habashootaa ta’e Qeerroon Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee morma balaaleffata. Duula karaa lamaan uummata Oromoo irratti aggaamame kanas wal hubachuu fi wal dhagahuun sirna Itoophiyaa fi ilaalcha anatu siif beekaa walitti si idaana /መደመር/ maqaa jedhuun Oromoon sirna Gadaa kan moggaasaa fi guddifachaa mataa ofii isaatii kan qabu akka itti ofitti nama dhuunfaa hanga sabaatti dabaluu danda’u seeraa fi duudhaa mataa ofii isaa kan qabu saba jabaa fi sirna Bulchiinsa Gadaa of harkaa qabu malee uummata sirbaan lafa qaacceessee eenyummaa ofii jijjiiru miti.
Kan isa barbaade ofitti ida’uuf/dabaluuf/ sirna Caffee fi lallaba mataa isaatii alagaaf kan baase abbaan fedhe kan itti galu,kan hin feene firoomaa fi nageenyaan isa wajjin itti jiraatu kan qabudha kanaaf sirbaan lafa dhiichisuun qabsoo Oromoo gara dabarsuun akeekaa fi kallattii isaa jijjiirsisuun akka hin danda’amne Qeerroon ammas gadi jabeessee hubachiisa.
Dhumarratti Oromoon waraana qorqalbii,diinagdee fi hawaasummaaa akkasumas fotolikaa isa irratti wal ijaaree Itoophiyaa lafee biyya isaaf wareegama gootota isaa nyaataa yoon geese jalaa bahuu qaba.Kanaaf immoo kaayyoo ganama qabatee wareegamaa yoona gahee fi wareegama gootota ganamaa milkeessuuf akka hojjatu,uummata bal’aa isaa wajjin haalli fotolikaa Impaayerichaa ilmaan Oromoof baraarama kan hin laanneefi Qeerroonis ofirraa qolachuu qabaan dhaamsa Qeerroo Bilisummaa Oromooti Sirna cunqursaa fi garboomfataa EPRDF harka lamaan Uummata Oromootti bobba’e ofirraa deebisuun dirqama Oromoo maraati!
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !
Qeerroo Bilisummaa Oromo