QABSOO OROMOO FI OROMOOTA MIRGA ABBAA BIYYUMMAA FALMSTAN

I. Imala Qabsoo Oromoo Kaleessaa, Kan Har’aaf kan fuuldura.

Moxobii/Seensa/Ittiin Lixa
Haalli qabsoo Oromoo kan gufuuwwaniif kufaatiiwwan jajjabaa qabaataa ture cicchoomina qabsaa’otaan raraaga qabsoo damdamachuun tinfa shiraaf tuullaa danqa qabsoo mara injifatee har’a irra gaheera. Imalli qabsaa’ota kaleessaa nuffisiisaa kan darbuu nii dandaa’ama hinjedhamne, imala qoree qabsoon bacaqaa/guutuu kan rakkoof gidiraa nuffisiisaan guute ture. Rakkoowwan kamiin injifachuuf kutannoo qabaachuu isaanii “rakkoo qabsoo keessatti nu mudatu kamiif hinjilbeenfannu” dhaadannoo jedhuun jilbaaf mogolee jaallaawwanii jabeeffataa har’a gahuun qabsaa’ota mirga abbaa biyyummaa kan haalamu miti. Roga qabsoo qabsiisuuf kanneen aarsaa ta’uun dirqama itti taanan aarsaa of godhan kanneen akka wareegamtoota shiinniigaa dabalatee qabsaa’oonni hedduun qabsoo jiraachisuuf of wareeguun bakka feesisuutti lubbuu isaanii gumaata godhanii uummata jaallataniif laatanii darbaniiru. Kun gabaabumatti qabsaa’ota Shinniigaatti shiftaan Sumaalee ajjeefte kanneen utuu Oromummaa ofii hinjijjiiriin, qabsoo mirga abbaa biyyumma hinsharafin lubbuun taranii qabsoo jiraachisan hammata. Akkasuma gootaawwan dirree jajjabee Waraana Bilisummaa Oromoo kanneen diina gogonbisaa diina harka buunee icciita qabsoof qabsaa’otaa laannee qabsoo hongeessuurra ofii duunee qabsoo jiraachifna jechuun lubbuu isaanii wareeganii qabsoo jiraachisan dabalata. Qabsoo keessa imala hadhooftuuf deemsa walxaxaaf nuffisiisaan kan guute kan galmi isaa dhamdhamuuf soorrachuuf nama hawwatuun guutuudha. Hededuma qabsoo kaleessaa irraa bu’aa ba’ii ulfaataa keessa akka darbamtu gooticha Oromoo Kaffaaloo Tafarraa kan dhiyeenya mana hiraarsaatii baherraa nuti dhaloonni haaraan akka waa hedduu barannu nan abdadha. Qabsoon Oromoo amna dheeraa adeemtee har’a sadarkaa gaaza guuttatee haala abdatamaan socho’u irra gahee jira. Qabsoo Gaaza guutattee ofiin adeemaa jiru qaamita hedduutu anatu oofaa jiraa jechuun wal cabsaa jiraachuusaaf mataan hedduun mumul’ahuu agarra. As keessatti ilmaan NioMinilik kanneen gumaaa hedduun irraa barbaadamus qabsoo kanatti akka ciminaan hirmaataa jiranitti osoo of dhaadessanii agarra. kana daangaa itti gochuuf eeggitii qabsoo isaaf murteessaan dhaloota har’aa kana. Egereen qabsoo ilma Oromoof intala Oromoo wareegama baasaa turtan harka jiraachuu isinii himuun fedha. Addi bilisummaa Oromoo qabsoo gaggeessuuf qabsoo isaan firiin argamaa jiru bu’aa qabsaa’otaaf uummata dila Oromoo ta’uu amana. Akkasuma kanneen isaan faallaa ammoo bu’aawwan qabsoo uummataan argamaa jiran akka jaarmiyaa isaanitti utuu dhaadessanii agarra. Qabsoo abbaa biyyummaa saba tokkoo qaama tokkoof jaarmiyaa tokkoon galii gaha ykn bu’aan argame kan jaarmiyaa tokkooti jedhanii ilaaluun daba. Keessattuu qaama diinatti maxxanee akka Silmii dhiiga sabaa xuuxaa tureef bu’aaf injifannoon kan isaaniiti jedhanii bu’aawwan qabsoon argaman diinaaf laachuun sharafa qabsooti.Sharafa qabsoo keessatti wareegamtoota ofii dagachuuf qabsaa’ota ofii dagachuutu dhufa. Kun Waaqaaf lafa gidduutti cubbuu seenaan nama gaafatudha.

1. Imala Qabsoo Kaleessaa fi Qabsaa’ota Kaleessaa

Qabsoon Oromoo kaleessaa akkuma moxobii irratti kaasuuf akeekkanne, rakkoowwan gidiraawwan hammaataa keessa darbee har’a irra gahe. Rakkoowwan kana mara damdamatee har’a gahuun qabsoo saba bal’aa kan qabsaa’ota gameeyyii qabsichatti cichanii jiran galateeffachiisuudha.Akkasuma gootota qabsoo kanaaf aarsaawwan ulfaataa kaffalaa turan kan nu yaadachiisuuf ekeraa isaanii du’aa kaasee kan kabachiisuudha. Qaamni uummata ofiif waan gaarii hojjetu kamuu hindu’u. Inni sabaaf qabsaa’uuf saba ofiif kulkulfatu ha gammadu inni jiraataa barabaraati. Inni saatii gantonniif galtuun maqaa waliin awwaalamanitti akka siidaa Aanolee uummata isaa keessaa dheeratee argama. Qabsoo Oromoo rukutuuf jechoota jajal’ataa kanneen akka dhiphummaaf jechoota ABO waliin wal hinsimne jechoota Shororkeessummaatti dabalanii qabsoo sabichaa balleessuuf daandiiwwan isaaniif aanja’e maraan habashoonni carraaqqii gurguddaa taasisaniiru. Habashoonni (Amaaraafi Tigireen) yeroo kamuu dhabama qabsoo Bilisummaa Ummata Oromoo irratti kallattiif alkallattiin hojjetu. kanarra darbanii qaama isaaniin ta’ee uummataaf waan gaarii yaadu kamiinuu balleessuuf ajjeesuu irratti fuulleffannoo hojii jajjabaa hojjetaniiru.

Habashaan kaleessaa Oromoo waan jedhame lafarra daguugee balleessuu irratti fuulleffannoon hojjete. Daguuggaawwan deettii/jumulaa ilmaan Oromoo irratti fudhachaa tureen leeylaa ilma Oromoo keessaa bahuu hindandeenye nurratti raawwateera raawwataas jira. Uummata Oromoo balleessuuf afaan Oromoo balleessuuf duula kallattiif alkallattii habashaan raawwataa tureen hanga har’aa Oromoon afaan Oromoo dubbachuu hindandeenye, Oromoo Raayyaa Azeeboo, Qobboo, Waanbaraa fi Yejjuu dabalatee Oromoonni Finfinee ragaawwan qabatamaadha. Oromoon akka Ani oromoodha hinjenneef duula alkallattiin nurratti banamaa tureen daftaroonni isaanii maqaa amnataa Orthodoksii dahoo godhatanii Bataskaan lafa jiila Oromootti babal’isuun akka Oromoon ofiisaa jibbittu Oromoo jecha jedhutti hiika fofokkataa laachuudhaan Oromoo ani Oromoodha jechuurra ani Amaara jechuu akka filatu taasisaa turaniiru. Intiin/anxaarriin yerosii kan duukaa dabartee hanga har’aa Oromoo nuti Sidaama jedhu baadiyyaawwan Oromiyaa hedduu keessa jiru. Kana Cabsuuf ABO’n obsaf kutannoodhaan Bahaa hanga Lixaa, Kaabaa hanga Kibbaatti hojii siyyaasa barsiisuuf Oromoo Oromummaa barsiisuu irratti wareefama isarra jiru mara kaffalaa yoona gaheera.

Imala ABO hanqisanii Oromoo Oromummaasaa dagachiisanii bituuf habashoonnii fi Araboonni wal hidhatanii hojjetaa turaniin Oromoo Kiristaanaaf Musiliima jechuun eenyummaasaa akka dagatee amantaa wal loluuf wal qoodutti soorrata isaallee akka walirraa deeboisee wal halagoomsu tika halagaan nurratti hojjetame. kana cabsuuf WBO ilma Oromoo keessa socho’ee ati eenyu? ani Kiristaana, ani Musiliima gaafa sabnisaa jedhu,obsumaan maaliif akkas jetta jedhee utuu hinyaariin ati oromoodha malee Musiliima ykn kiristaana miti yaada jedhu barsiisuu keessatti, afaan isaan akka barreessuuf barsiisuu keessatti qooda isarraa eegamu bahataa ture. qabsaa’onni ABO kaneen aantummaa sabaan qabsoof mAanaa bahan hedduunis qoqqooddaa halagaa kana cabsuuf hanga har’aa gamtaa’iina Oromoo jabeessanii dhaabuuf wal qabatanii wal faana bakka tokkotti Wareegamuun wareegama naannoo Shinniigaatti kaffalaniin tokkummaa oromoo raagessanii hanga har’aa qabsoon akka jiraatu kanneen godhan Waayillan Magarsaa Barii yoomiyyu kan Oromoo keessaa badan miti. Dhukaasni Elemoo Qilxuu “kun sagalee Bilisummaa Oromooti!” jedhee dhukaase hanga har’aa Oromiyaa guungumaa jiraataa jira.

Sagalee Bilisummaa gaafa sana dhagaa’ameen ilmaan Oromoo hanga har’aa falmarra jiran akka falmatan gochuu danda’eera. Imalli qabsoo Oromoo kaleessaa hedduu nuffisiisaa kan jaallan kutatoo qofa qabatee hanga har’aa jiraata jirudha.

Duuchaatti qabsoon wareegama ulfaataa gaafachuu ishees qabsaa’ota yeroo namni nuffee gatee biraa galu, yeroo hedduun dhiisee yaa’u itti chichanii dhaadannoo “hanga Bilisummaatti qabsoo itti fufna!” jedhu raagessan irraa nii hubanna. Qabsoon Oromoo imala nuffisiisaaf dheeraa qabaataa akkuma ture, qabsaa’onni Oromoo kaleessaas kutatoof chichoomoo uummata Oromoo jaallata kanneen tokkicha biyya abbaa isaanii Oromiyaa bilisoomsuuf lubbuu hinqusanne ta’uu asumaan hubachuu feesisa.

2. Qabsoo Oromoo har’aa fi Qabsaa’ota har’aa

Qabsoon Oromoo har’aa deemsa dheeraa baroottan darbaniin kan as gaheedha. Qabsoon har’aa ilma qabsoo kaleessaa abbaa qabsoo boriif abbaa Bilisummaaati. Oromoon gaafa mammaaku Oromoon ilma sadii dhalcha jedha:
1. . Ilma isa Caalu
2. Ilma Isa Dhaalu
3. Ilma Isa dhaanu
egaa qabsoon Oromoos akkuma ilma Oromoo waa kana hunda qabaachuu ishee hubachuu feesisa. Qabsoon Oromoo har’aa, qabsoo akeekaa kaleessaa qabatee akeeka caaluun galmaan gahuuf karoora qabatee itti chichee jiru, kan akeeka kaleessaa dhaalee jiruuf, qabsoo akeeka kaleesaa dhaanuun maanoo qabsoo Oromoo balleessuuf jedhu qabatee jira. Qabsoo har’aa kana roga mataa mataa isaatiin itti gargaaramuu baannaan, callisnee gugksinee harka rukutuu qofaan kan goolabuuf jennu taanaan akeeka qabsoo kaleessaa keessaa kan nu baasu ta’uu beekuu nu gaafata.

qabsoon qabsoo kaleessaa caalu akka gaggeeffamu nu warra lubbuun jiru qofa utuu hintaane ekeraa wareegamtootaatu fedha hawwas. kaayyoo Bilisummaa isaan kufaniif sharafuun gara akeeka garboonfataa suphuun garbummaa qancarsuu utuu beeknus utuu hinbeekinis itti seenuun hinfeesisu. qaama sirna kaleessaa nutti faarsu faana dibee dhahuun wareegamaaa keenya bool’a keessatti yakkamaa taasisuudha. Qaamni sirna kaleessa nu cunqursaa ture nutti faarsu isa ekeeraa wareegamtoota sirna cunqursaa sana didanii lubbuun darbanii lafa jiranitti abaaruun waltokkuma.
Akeekni qabsoo Oromoo kan sharafaa humaatuu hinqabne akeeka Bilisummaaf faajjii mataa ofii jala buluuti. kanammoo guyyaa gara guyyaatti Oromoon bahee agarsiisaa jira. Fedhii uummataan ala adeemuun Qurxummii galaanaan alaa, sinbira qoochoo hinqabme nama taasia. Qabsoo Oromoo Bilisummaa Oromiyaa sharafanii gara ijaarsa Ithiyoopiyaatti naanneessun Seeraanis seenaanis kan nama gaafachiisudha.

Oromoo sirna Cunqursaa balaalefachuun ofii biyyoo ta’ee albuuda Oromiyaa kan Oromoon ilmisaa irraa sorratu ta’uuf daangaa biyya abbaasaa daangaa Oromiyaa sararuuf Qawwee qabatee baddaaf gammoojjiin bahuun “Faashiniin qawwee hafeera” jechaa ofimmoo Qawween dhala Oromoo daguuguun gowwummaa ofii qaban cinatti Oromoo gowwomsuuf ammoo carraaquu waliin tokko. Sirna Ithiyoophiyaa har’aa cina darbanii sirna nama nyaataa kaleessaa Minilik dabalatee Oromoof waltajjii Oromoon qooda irraa fudhatu irratti lallabuun tuffii Ummata Oromoof maal fiddii jechuun nu xiqqeessuuf yaaludha jennee amanna. Afaaniin Tokkummaa lallabaa, afaaniin karaa nagaa jechaa waraana WBO tti bobbaasanii bakka Waraana bilisummaa Oromoo barbaadanii barbadeessuuf adeemuun siyyaasa yeroof of dhaadessuuf itti dhimma bahan malee siyyaasa daandii nama dabarsu miti. Oromoon “karaan Sobaan darban gala nama dhiba” jedha. Uummata sobuuf gowwomsuu yaaluun eessanuu nama hingahu. Waraana uummataatti dhukaasaa uummataaf aantummaa qabna jechuun waan wal hinfakkaannee rakasha siyyaasaati.

qabsoo har’aa daddaaqsisuuf ona WBO fi ABO itti argatan mara sakattaa’anii kaan ajjeessaa, kaan doorsiisaa fuula miidiyaatiin nagaa lallaabuun gaafa icciitiin kun uummata mara biratti saaxilamaa adeemu uummatuma har’a harka rukutuufin kabalamuutti dhufama. kanaaf qondaalota OPDO kaneen waan aantummaa sabaa qabdan fakkaachaa, waan Tokkummaa lallabdan fakkaachaa foddaa TV qofaan lallabdan egeree keessaniif wayyoo.Yoo dhugumaan jiraachuu feetan waan dubbattan hojjedhaa! waan hinojjetin akka waan hojjetaa jirtaniitti uummata burjaajessuuf yaaluun gowwummaadha jenna.
2.2. Qabsaa’ota Oromoo har’aa

Qabsaa’ota Oromoo har’aa Oromoon hamanatti nii beeka jechuun ni ulfaata. Sababaan qabsaa’aan uummatichaa of mul’isuuf ittiin ofjajuuf waan socho’u matumaa hinqabu. Hojii inni qabsoo keessatti hojjetu martuu kan jaarmiyaa isaatiif kan uummataa ta’uutti amana malee kan dhuunfaasa kan inni ittiin deemee nama harka rukuchiifatu akka ta’etti ilaaluufis qabsoo hinseenne ilaalaas hinjiru. Kanaaf yeroo hedduu qabsoo qofa gaggeessuuf daandii qabsoo ciruu qofa irratti kan fuulleefateef daandii qabsoo qofa baasuuf yeroo kan hinqabne ta’uuf miidiyaa irra kan hinjirre ta’uu asumaan himuu feena. Qaama mootora qabsoo ta’e kana diinnis firris baruun ammaaf yeroon isaa hingenye, kanaaf hanganatti qabsaa’aa isaa beekuu dhabuun tarii akkanni qaamota diinaaf ergamaa turaniif diina tajaajiluu irrayyuu sirna Minilik kaleessaa nutti faarsan akka leellisan taasiseera qaamota muraasa.

Qabsoon Qeerroon itti jiru qabsoo qaama ykn jaarmiyaa tokko utuu hintaane qabsoo sirna EPRDF/TPLF malee kan jaarmiyaa tokkoo qofaa mitii. AkkaTigiroota qofa irratti qabsaa’aa jirruutti kanneen ilaalta miti. Nuti sirna EPRDF guutummaatti hundeen buqqaa’uuf jijjiirraa sirnaaf wareegama kaffalaa dhufne. Qaamonni hubannaan kun itti hir’atu utuu hinbeekin diinaaf dibbee dhahuu malu, gaddaaf gadadoon uummata Oromoon irraa gaafa Sirni kun hundeen galagalee Mootummaan Ce’umsaa nageenya biyyattii mirkaneessu kan ABO makate akka dhaabbatuuf qabsootti jirra. Waamichi ABO akka waan taasifameetti fudhatee qaamni uummata Oromoo keessaa gowwonfamaa jiru yoo jiraate kan siyyaasaaf garboomsaan waltajjiirra taa’ee waraan xiqqeessaa irra deddeebiin “faashiniin qawwee hafeera” jechaa haasaa hokkora biraa uumu dubbata waltajjii ho’ifateen gowwomuun hinfeesisu. Nageenya biyyatti booressaa kan jiru Muummee Ministeera biyyattii irraa qabee qaama sakattaa WBO sochiitti jiruuf uummata ajjeesuu itti fuulleefatee jirudha.

3. Qabsoof Qabsaa’ota Borii
Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis walgaan Kooraa dhuma! akkuma jedhamu, shirri halagaa baay’atus dhalootaan Ithiiyoophiyaa nunyaachaa turte fudhu jechuun kan rakkoo furudha jedhanii tilmaamuun, WBO balleesssuun kan rakkoon furamudha jedhanii waan hindandeenye dhiibuun akka nama galaana Abbayyaa goksuuf humnaan ol wixxisuuti. Uumata Oromoo garboonfataatti abidda ta’ee isaan gubaa jiru jalaa bahuuf qabsoo uummatichaa gara dabarsuun akka waan muudama OPDOf qabsaa’a turee gakkeessuuf yaaluurra ABO waliin bakka qaamni sadaffaa jirutti rakkoo jiru furuuf mootummaa ce’umsaa dhaabuun isa fardiidha. kana didus humnaan waan dhufan taanan humnaanis cabsee mo’uuf humni Oromoo Tokkummaan jiru kun WBO waliin kan Bilisumnmaa biran geessudha. kanaaf egereen Oromoof qabsaa’otaa ifadha.

Horaa Bulaa
Qalbeess Dhangi’aa
Waxabajji 23, 2018
Finfinnee Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s