Warraaqsa Jijjiiramal Bu’uuraa Dorrobe Gatachiisuuf Duula Godhamu Callisnee Hin Ilaallu

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo, Waxabajjii 25, 2018)

Warraaqsa bara 1974 Impaayera Itoophiyaa raasee sirna Nugusummaatti xumura godheef sababootnii fi humnootni adda addaa jiraatanis kan akka qabsoo diddaa gabrummaa Saba Oromootti qooda ol’aanaa qabaate hin turre. Diddaan ummatni Oromoo Raayyaa, Daawwee fi Baalee keessatti hidhannoodhaan mootummaa Hailasillaasee dura dhaabbachuudhaan agarsiise kanaaf ragaa dha. Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi Sochii Afran Qalloo hundeessuu dabalatee sochiin qabsaawotni ilmaan Saba Oromoo sirna mooticha Hailasillaasee irratti qabsaawuudhaan mirga Saba isaanii kabajsiisuuf taasisanis ragaa biroo ti. Finciloota sirna qubattootaa irratti qotee bulaa Oromoo Arsii, Salaalee fi bakkoota adda addaatti geggeeffaman, Dhaadannoon “Lafti kan Qotee bulaa haa tahuu!” jedhu ummta keessa faca’uu dabalatee qabsoo bifoota kanaan (hidhannoo fi hidhannoo malee) ilmaan Oromoo geggeessaa turanii fi wareegama qaqqaalii qabsoo kana keessatti baafamaa tureetu wal irratti kuufamee warraaqsa bara 1974tiif bu’uuraa fi humna jabaa tahe.

Dargiin bu’aa warraaqsa sanaa afaan qawweetiin butate warraaqsa jijjiirama bu’uuraa fi bilisummaa ummatootaa dorrobee ture sana gatachiise. Dargiin dhaadannoo gurra ummatoota cunqurfamoo harkisu kan akka “Lafti qottootaaf haa tahu” jedhutti dhimma bahee yeroo murtaaweef deggersa ummatoota cunqurfamoo bal’inaan horachuu danda’e. Sanan dabalata dhaadannoo “Itoophiyaan haa dursitu !” jedhu jalatti dahachuudhaan gaaffii bilisummaa fi kan mirga dimokiraasii ummatootaa ukkaamsee fedhii aangoo fi akeeka siyaasaa qaamota muraasaa galmaan gahuuf duula cimaa eegale. Akkanaanis lubbuun ilmaan biyyaa akka baala mukaatti harca’e. Tarkaanfii maqaa “Goolii diimaa/Qayyi shibbir” jedhuu fi lola waggoota 17 guutuu karaa Kaabaa humnoota Bilisummaa Ertiraa fi Tigiray wajjin, karaa Bahaa fi Dhihaa Adda Bilisummaa Oromoo wajjin Dargiin geggeesseen lubbuun dhala namaa kuma dhibbootaan lakkaawamuu fi qabeenyi biyyaa herreguuf hin salphanne barbadaawe.

Mootummaan Dargii sana hunda oggaa raaw’achaa turetti dhaadannoon inni dhageessisee ummata of duukaa hiriirsuuf itti dhimma bahaa ture kan Tokkummaa Itoophiyummaa leellisuu ti. Akkanaanis inni/Dargiin akka humna tokkicha jaalala biyyaa qabuu fi tokkummaa fi wal qixxummaa ummatootaaf dhaabbateetti, humnootni isa morman hundi ammoo warra biyya diiguuf deemu, warra nagaa ummataa hin jaallanne, warra mootummoota birootiin bitamee ykn. qacaramee Itoophiyaa diiguuf ergame, dhiphoo ‘waanbadee’…fi kkf. akka tahanitti waggaa 17 guutuu ololamaa bahe.

Bu’aa wareegamaa fi qabsoo ummatootaa afaan qawweetiin butatee warraaqsa jijjiirama dorrobee ture kan gatachiise mootummaan Dargii qabsoo bilisummaa Oromoo dabalatee qabsoo ummatootni akka Ertiraa, Tigray fi kanneen biroos geggeessaniin bara 1991tti burkutaawee dhabama tahe. Qabsoo mootummaa Dargii kuffisuuf godhame keessattis Oromoon lubbuu qabsaawota ilmaan isaa hedduu dirree lolaa fi manneen hidhaatti gabbaree jira. Haa tahu malee kufaatii Dargii kan 1991 boodas bu’aa wareegama qabsaawota ilmaan Oromoo fi kan saboota birootiin argame sana afaan qawweetiin butatee akeeka siyaasaa fi saamicha dinagdee murna ofiitiif kan oolfate humna TPLF/EPRDF kan caalmaa humna waraanaa qabutti gargaaramee aangoo dhuunfatee fi ergamtoota isaaf lukkee tahanii ummata keessaa dhalatanitti diinoman qofa.

Waggoota 27 dabran (bara aangoo EPRDF) fedhii aangoo siyaasaa fi saamicha dinagdee aangawoota TPLF fi lukkeewwan isaanii guutuuf jecha Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuu fi gaaffii haqaa Sabni Oromoo bilisummaa ofiif kaase ukkaamsuuf lolli addaan hin citne Adda Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo irratti geggeeffamaa yoona gahe. Lola kanaa fi loloota biyyoota ollaa akka Ertiraa fi Somaaliyaatti fedhii siyaasaa fi dinagdee TPLF/EPRDF guutuuf geggeeffameen ammas akkuma bara Dargii lubbuun ilmaan ummatoota cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaawamu harca’e. Isa bara EPRDF kan bara Dargii irraa wanti adda taasisu miidhaan ummatoota kaan irra gahu akkuma jirutti tahee, Sabni Oromoo garuu akka Sabaatti addatti irratti qiyyaafatamee ajjeechaa, hidhaa, saamicha, qe’ee isaa irraa buqqifamuu fi miidhaa akaakuu adda addaatiif saaxilamuu isaa ti. Diinummaan TPLF/EPRDF kan Saba Oromoo irratti addatti xiyyeeffate kun ammoo Sabichis roorroo kana qolachuuf caalaatti xiiqeffatee Dhaaba isaa Adda Bilisummaa Oromoo faana hiriiruudhaan bilisummaa isaaf akka qabsaawu taasise. Akka kanaan waggoota 27 dabran roorroo mootummaan TPLF/EPRDF irraan gahu mormuudhaan ummatootni cunqurfamootni Impaayera Itoophiyaa hedduun bifa gara garaatiin qabsaawaa fi wareegama baasaa turuun dhugaa hin haalamne tahu illee kan akka Saba Oromootti mootummaa EPRDF irratti qabsaawee wareegama ulfaataa baase hin jiru.

Dhugaa kanaa olitti ibsame irraa wanti hubatamu hanga gaaffiin haqaa ummatootni bilisummaaf, mirga abbaa biyyummaaf, dimokiraasiif fi nagaaf kaasan deebii sirrii fi quubsaa argatee rakkoon siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa kan akkaataa hundeeffama sirna mootummaa Impaayera Itoophiyaa irraa maddu akka waliigalaatti furmaata waaraa hin argatinitti, addatti ammoo, hanga gaaffiin bilisummaa Saba Oromoo guutummaatti deebii hin argatinitti Impaayera Itoophiyaa fi naannoo isiitti nagaa fi tasgabbiin bu’uu kan hin dandeenye tahuu isaa ti.

Yeroo ammaan tanaa qabsoo ummatootni cunqurfamoon Impaayera Itoophiyaa akka waliigalaatti bifa gara garaatiin geggeessaniin, keessattuu ammoo qabsoo ummatni Oromoo hoogganummaa Adda Bilisummaa Oromootiin geggeessaa jiruun mootummaan TPLF/EPRDF kan waggoota 27 dabran duula duguuginsa shanyii fi gochaa shoororkeessummaa ummata Oromoo fi ummatoota biroo hedduu irratti geggeessaa bahe irreen isaa laamsha’ee, keessi isaa tortoree kufaatiidhaaf afaan boollaa irra gahee jira. Mootummaa farra ummataa tahe kana irratti qabsaawanii sadarkaa kanaan gahuu keessatti, akkuma olitti jedhame, wareegamni ummatni keenya akka waliiglaatti baasee fi miseensotaa fi deggertootni ABO adda-durummaadhaan baasan qooda hundaa olii qaba. Keessumaa ammoo wareegamni dargaggootni ilmaan Ormoo (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) sochii Fincila Diddaa Gabrummaa fi Fincila Xumura Gabrummaa keessatti walitti fufiinsaan baasaa yoona gahan qooda addaa qaba.

Ummatni Oromoo akka waliigalaatti fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo addatti kan isaan warraaqsa kana geggeessaa jiran gaaffii fi dhaadannoo Bilisummaa Oromoo dhawwaaqaa Alaabaa mallattoo bilisummaa isaanii taate Alaabaa ABO/Oromoo balaliisaa ti. Dhugaan kun osoo ifatti beekamuu fi ija mootummootaa fi hawaasa Addunyaa duratti mul’achaa jiruu har’as qaanii tokko malee bu’aa wareegama ummata Oromoo fi kan ummatoota cunqurfamoo biroo butachuudhaan fedhii aangoo fi akeeka siyaasaa namootaa fi humnoota murtaawaniitiif oolchuudhaan warraaqsa jijjiirama bu’uuraa dorrobe kana gatachiisuuf yaaliin godhamaa jiru guddaa tahuu argaa jirra. Kunis kanuma bara mootummaa Dargii wajjin haala wal fakkaatuun Alaabaa Itoophiyaa fi dhaadannoo “Tokkummaa Itoophiyummaa” jettu jalatti dahatanii gaaffii haqaa kan bilisummaa fi mirga abbaa biyyummaa ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biroo ukkaamsuuf yaaluudhaan of mul’isaa jira.

Adeemsi akkanaa kan dhaadannoo fi maqaa tokkummaa Itoophiyummaatiin gaaffii mirgaa fi bilisummaa ummatootaa ukkaamsuuf yaaluu kun hatattamaan yoo hin sirranne diigamiinsaa fi badiin inni naannoo kanatti hordofsiisuuf deemu ulfaataa taha. Yeroo ammaatti kan barabaachisu maddi rakkoo maal akka tahee fi furmaata waaraa argamsiisuuf wanneen godhamuu qaban maalfaa akka tahan, akkasumas, qaamotni adeemsa gara furmaata waaraatti taasifamu kana keessatti hirmaachifamuu qaban eenyufaa akka tahan sirriitti addaan baasanii tarkaafiilee gara furmaata waaraa sanatti geessan hojiidhaan lafa irratti fudhachuu eegaluu dha. Waan taheef, haalli siyaasaa Impaayera Itoophiyaa kan wareegamni qaaliin itti baafamee yeroo ammaa jijjiirama bu’uuraa dorrobee jiru kun humnoota akeeka siyaasaa fi saamicha dinagdee kan mataa isaanii galmaan gahachuuf jecha gatachiisuu barbaadaniin akkan hin gatanne taasisuudhaan haala jijjiiramni bu’uuraa fi furmaatni waaraan itti argamu mijeessuuf ummatootni, jaarmayooni, mootummootnii fi qaamotni dhimma kana keessatti qooda qaban hundi hafuura itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan gaafatama isaanii akka bahatan Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee hubachiisa.

Miseensotaa fi deggertootni Adda Bilisummaa Oromoo waliigalatti, Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo haala adda taheen, akkasumas, ummatni bal’aan Oromoo kan dabre hunda irraa barachuudhaan qabsoo fi Warraaqsa Bilisummaa kan dhiigaa fi lafee keenyaan utubnee sadarkaa kanaan geenye gatachiisuuf kanneen foolatan itti dammaqnee shira isaanii hoongessuudhaan bilisummaa keenya mirkaneessuuf kan yeroo kamuu caalaatti jabaannee akka sochoonu Addi Bilisummaa Oromoo irra deebi’ee hubachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 25, 2018

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: