Uuummata nagaa irratti lola bananii nagaa biyyaa booressun amala bineensummaa qaban calaqisiisuudha

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee Oromiyaa

Waxabajji 27,2018

Sirni Mootummaa abbaa irree EPRDF/Wayyanee gochoota jallataa uummatarratti dalaguu itti fufsiisuun gochanni tibba kana uummata nagaa irratti raawwataa jiru gocha farrummaa isaa kan saaxiludha. Gocha faashistummaan uummata nagaa qabu nagaa isaa booressanii qee’eerraa buqqaasuun kan addunyaa har’aa keessatti balaaleffatu uummata Oromoo irratti raawwatamaa jira. Gochaan kun hojiiwwaan isaanii kaleessaa kan dhoksaan ilma Oromoof Oromiyaa irra gahaa ture ifaan ifatti akka saaxilamu gochaa jira. Akeeka jallataa uummata waraanaan bituuf waraanaan bulchuu fuulleffatee kan jiru sirni waggaa 28 darban amaluma qabaataa ture dabalee Oromoo irratti agarsiisaa akkasuma afaan qawween bulchuuf akeekkatee hojiin agarsiisaa jira. Akeeka kana dura dhaabbachuun ilmi Oromoo kamuu akeeka halagaan mootummaan garboomsaa baafatee jiru dura dhaabbachuu qaba! Jenna.

Sochiiwwaan mootummaa EPRDFn durfamu maqaa sakattaa WBO jedhuun daangaa irratti waraana isaa bobbaasuun yakka ajjeechaa jumulaa uummata nagaa irratti gaggeessaa jira. Waraana dhaabbii uummata daangaa Oromiyaa irratti banamee jiruuf Oromoonni marti akka dirmachuun dhageettii addunyaan dhaqqabsiisu Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhammata. Ajjeechaawwan Mootummaa faashisti EPRDF’n durfamu uummata nagaa irratti gochaa jiru kan balalaeffatamudha. Oromoon Oromummaa isaa qofaaf lafaaf qabeenyasaa gadhiisee shiftaa Mootummaa sirna nama nyaataa baqatee lakkisaa jira. Keessattuu dhiigni ilmaan Oromoo bakkoota akka Walloo Kamisee, Karrayyuu, Godina Gujii, Hararge Cinaksaan fi Wallagga Lixaa irratti tarkaanfiin Mootummaadhaan Oromoo irratti fudhatamaa jiru sirnichi amala bineensummaa isaa kan saaxiludha. Sirna ilma namaaf Bineensa ta’erraa kan eegamu hojiiwwaan isaan amma dalagaa jiran ta’uun hubataamaadha. Ajjeechaawaan kana cinatti haala suukaneessaa adduunyaa kana irratti ta’ee hinbeekneen ilma Oromoo gorraa’ani lubbuu baasuun yakkoota rifaasisoo gurraan dhaga’uun namatti ulfaatuu uummata irratti fudhachuu itti fufe. Akeeka jallataa itti jiru kana cinatti uummata nagaa dhorkatee daangaa irraa jeequmsa hammaataa uumuu biratti afaaniin uummata Oromoo waliif akka hindirmanneef arraba toluun akeeka isaa fuulleffachiisuutti bobbaa taasisuun isaa ammoo addatti kan balaaleffachiisudha.

Kana irraa ka’uun Qeerroo Bilisummaa Oromoo ilmaan Oromoo maraaf waamicha isaa haaromsuun uummanni akka waliif dirmatu gaafata. Ajjeechaa seermaleen lubbuun ilma Oromoo ajjeefamee akka ilmoo Hantuutaatti ilaalamuun miidiyaalee garaagaraan akka hingaabafamne shirri xaxamemmoo addatti addunyaa birattii balalaeffatamaa ta’uu Qeerroon hubachiisa. Kanumaan ilmaan Oromoo maraaf waamicha gadii taasisee jira.

 

  1. Qeerroo Bilisummaa Oromoo maraaf

Qeerroo aarsaan ati qabsoo Oromoo keessatti baasaa turte, hanga lubbuu ofii wareeguun Bilisummaa uummatakee Oromoof qabsoon ati gochaa turte kabaja addaa Oromootti horuu irra taree, addunyaan akka Oromoof Oromiyaa barutti sochii addunyaan kun fakkeenya addaa taasifatu gochuukee. Ammoo; sochiin walijaaruun uummataaf qabsaa’aa turteef kan galii isaa gahee hinjirree ta’uu siif ibsina. Sa’a ammaa kanatti ammoo; ardaan Oromoo boohichaaf watwaannaan jiraataa waggoota dheeraa dabarsee, yakka irratti yakka dabalataa seenaan nama gaafatu raawwachuudhaan gochaa ayyaalaallattoonni garbummaa Bilisummaa fakkaattu oomishuun uunmata gowwumsuuf sochiitti jiran uummataaf saaxiluudhaan, hojii garboonfataa ammayyaa kanatti xumura gochuuf akeeka afaan tolisaan adeemaa jiru dura dhaabbachuun qabsoo Oromoo qicaaf qircaa habashaa irraa eeggachuu biratti, qabsoo haqaa qabsoo Bilisummaa Oromoo, Mirga hiree murteeffannaa Oromoo irratti cichoomaan qabsoo gochuun akka sirna garboomsaa kanatti xumura goonu waamicha goona.

  1. Qote Bulaa Oromoof

Ilmaan Oromoo wareegamaa turaniif qabsoo karaa waraanaa baroota dheeraa dura taasisaa turteef baroota as dhiyoo kanattimmoo; karaa nagaa hiriira mormiin mootummaa nama nyaataa addunyaaf saaxilaa turte Qeerroo Bilisummaa Oromoo yoomuu kan si ajaa’ibsiifatuf si galateeffatudha. Kanaaf; itti fufsiisuun hanga yakki Shororkeessummaa maqaa ABOtiin ilmakee, barataakeef barattuukee, barsiisaakeef barsiistuukee irratti raawwataa ture iitti fufiinsaan godhamaa waan jiruuf seera daguuggaaf saamicha kee irratti fuulleffatee bahe mormachuun dura dhaabbachuu akka qabdu Qeerroon sii dhaama, akkasumas waraanaa irreef gaachanakee ta’e waraanaa Bilisummaa Oromoo cina akka dhaabbattu asumaan sii ibsa.

  1. Barataa Oromoof

Qabsoon roga maraan taasisaa turte, waamicha Bahaa Lixaa hanga Kaabaa Kibbaatti taasisaa turte kabaja uummatakeetti horuuf aarsaan ati kaffalte qabsoo uummatichaa keessatti qooda olaanaa kan qabu, akkasuma;egeree uummataa murteessuu keessatti qooddataa olaanaa ta’uu kee asumaan hubachiifna. Kanaaf saatii abbaaf haatikee daangaarraa imimmaan dhangalaasanii boohaa jiranitti, dhiiga Oromoo dangaarraa guyyuutirraa jigaa jiru kan si gaddisisuu qofaa utuu hintaane kan si onnachiisuun qabsootti si jabeessu ta’uu hubachuudhaan qabsoo gochaa turte hanga Bilisummaatti shiminaaf daddaaqa tokko malee akka itti fuftu Qeerroo Bilisummaa Oromoo si hubachiisa. Qabsoo roga maraan taasisaa turte jabeessitee akka itti fuftu kaayyoo qabsaa’otaa galiin gahuu irratti akka fuulleeffannoon hojjettu sitti dhaammata.

  1. Hojjetoota Oromoo aantummaa sabaa qabdaniif

Kanneen mooraa diinaa keessatti qabsoo saba keessaniif tattaafataa turtan bifa addaan Qeerroon galateeffataa, sochiin isin gochaa turtan tumsi isin qabsoo Oromoof gochaa turtan saatii uummanni akkaan wareegamaa jiru kanatti jabaatee galma gahiinsa qabsoo xumura garbummaatti akka godhutti sochii akka jabeessitan isinitti dhaammataa, ilmaan keessan dila qee’eef qabeenya lakkisanii rakkinaaf kalaalamaa/kudhamamaa jiran ciina dhaabbachuun dirqama eenyummaan isinitti laatu ta’uu hubachiifna. Tumsa waraanaa Bilisummaa Oromoo WBOf gochaa turtan dachaa akka jabeessitanii xumura itti gochuuf warraqtan dhaammata. Sagalee Mormii dhageessisuun balaaleffannaa ajjeechaa nurratti raawwataa jiruuf shorri sagalee keessaanii olaanaadha.

  1. Hojjetoota Mootummaa keessattuu Kaabinootaaf Kaadiroota Wayyaanee /OPDO

Qabsoo Oromoo keessatti akka jaarmiyaa keessaniitti danqa ta’uun waggoota dheeraa uummata Bilisummaa dheebotuuf walaba ta’ee dhalatee walaba ta’ee biyyasaa keessa socho’uu fedhu dura dhaabbachuun danqaa jabaa ta’uun, Oromoof Oromiyaa ofitti mufachiisuun waggoota jireenya keessanii dabarsitaniittu. Adeemsa waggoota 28 dabarsitan keessatti Oromoof qabsaa’ota Oromoo duuchaatti ABO abaaruun bakkanni jiru diinaaf saaxiluun Oromoo kumataaman galaafattanii harka dhiigaan nyaachaa jirtu. kana cinattuu maqaa ABO jedhuun ilma Oromoo obboleessaaf obboleettii keessan diinatti laachuun afaan du’aatti darbattanii irbaata irmii nyaachaa jiraachaa jirtu, akeeka kana itti fuftanii kan hojjechuuf jirtan jaarmiyaa sana keessaa eenyu akka taatan uummataaf Qeerroon addaan baasee isin beeka. Akeeka fokkataa kana itti fufsiisuun seenaaf eenyummaa ofii waliin awwaalamuu isinitti ta’uu hubattanii waan dabaa uummatarratti akka hindalagne Qeerroon dhaammata.

Maayii irratti, uummanni Oromoo marti, gochoota faashisti wayyaanee/EPRDF jala dhaabbachuudhaan qabsoo ofiitti xumura gochuun akeeka qabsaa’ota keenya ganamaa akka galmaan geenyu dhaammanna. Qabsoo ofii halagaatti hirkisuudhaan gaa’eela siyyaasaa seermalee gantoonni qabsoof galtuun taasisa jiran kan akeekaaf qabsoo Oromoo faana hindeemne, ilmaan gumaaf warra gumaatti uummata araarsuun gumaa wareegamtoota Oromoo bishaan lagaa gochuu irratti fuulleffannaan hojjetamaa jiru, yakkamtoota hidhanii seeraaf heera biyyatiin gaafachuurra bobaa ofii jala diina uummataa kaahatanii qabsoo uummataa tumsuun matumaa wal hinfakkaatu. Duuchaatti mootummaa EPRDF fi waayillan isaa uummata nagaa irratti lola bananii nagaa biyyaa booressun amala bineensummaa qaban calaqisiisuudha. Waan ta’eef bineensa biyyaaf uummata ofii daguugee bargaanfatee jiraachuuf dharra’u of keessaa baasuun Bilisummaa gonfachuuf qabsoon Fincila Xumura Garbummaa hanga Bilisummaatti bakka maraa finiinee akka itti fufu waamicha goona!

Injifannoon Uummata Oromoof

Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee Oromiyaa

Waxabajji 27,2018

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s