Gootonni Barattooti Oromoo Arbaaminc Qawwee Waraana Wayyaaneen Doosifamaa Gootummaan Haqa Falmatan.

Aside

” Haqi Keenya Raasasaa Keessan ni Injifata”  Qeerroo Bilisummaa

barattoota Barattoota11 Barattootaa

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa FDG Itti Fufuun Mudee 6,2015 Mootummaa Abbaa Irree Balaaleffataa Oolan.

Aside

FDG jimmaMuddee 6,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Warraaqsaa FDG Dhoosuun Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin kennamuu qaba, fi Karoorri Master pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse atattamaan Haqamuu qaba jechuun warraaqsaa FDG qabsiisuun Dhaadannoo Guddaa Mooraa Saayinsii Fi Teekinooloojii fi mooraa Guddicha Main Campus keessaatti galgala kana Sa’aa 3:00 Irraa eegaluun hanga Halkan keessa sa’aa 6:300tti Warraaqsaa FDG , jabeessuun dhaadannoon Qabsoo bilisummaa faarsuun jabeessuun itti fufsisan. Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Waraanni wayyaanee Gaazii Summaa’a halkaniin barattoota irratti dhukaasa jira. Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa bara darbee Ebla 11/2014 Irraa Eegaluun Waarraqsaa Mormii Master Pilaanii Finfinnee fi Gaaffii Mirga abbaa Biyyummaa dursanii kan qabsiisan karaa nagaa gaaffii isaanii iyyanoodhaan dhiyeeffachuun dhaadannoo Finfinneen Handhura Oromiyaati, Finfinneen Kan Keenya,Karoorri Maaster Pilaaniin Finfinnee Haqamuu qaba jechuun dhaadannoo guddaan mormii isaanii dhageesisuu egalaan, FDG achi irra eegalee Oromiyaa Cufa wal ga’ee, Hardhas goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Uummatni Oromoo Mootummaa dhukaasee isa ajjeesaa jiru jalatti buluu hin qabu jechuun Warraaqsaa Golee Oromiyaa keessatti qabatee Adeema jiru jabeessuun itti fufsiisan.Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa eeggicha Waraana Wayyaanee Mooraa waraana Dhihaa Magaalaa Jimmaa keessatti argamuun torbee lama guutuu eegamaa kan turan. Galgala kana warraaqsa kaachisuun sagalee dhaadannoo guddaa dhageesisuun Waraana wayyaanee Waliin Wal Dura dhaabbachaa jiru,Guutummaa gabaasa kanaaf nu eeggadha.

Mudde 05-06,2015 Godina Wallaggaa Aanaa Homaa Keessatti Qonnaan Bultooti FDG Barattoota Oromootti Makamuun Wareega Kafalaa Jiru.Hanga Ammaa Qonnaan Bulaan Oromoo 10 Hidhamanii Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde 6,2015 Hoomaa

23Mormii sirna bittaa mootummaa Wayyaanee fi master planii gidduu kana Oromiyaa keessatti gaggeeffama jiruun wal qabatee waraanni Wayyaanee godinaalee fi magaalota oromiyaa keessaa qonnaan bulaa reebichaa fi hidhaadhaan ukkaamsaa mana hidhaatti guuraa akka jiru ni Qeerroon yeroodha yerootti gabaasaa jira. Hidhaanii fi doorsifamuun gaaffii uummataa boodatti deiebisaa kan hin jirre tahuu mootummaan Wayyaanee abbaa irreee waan hubateef tarkaanfii hidhaatti uummata guuruu kan jabeesse yoommuu tahu godina Wallagga lixaa aanaa Hoomaatti Muddee gaafa 4/2015 FDG barattooni kaaasaniin wal qabatee humnoonni Wayyaanee diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf bobbaha uummannis dursuudhaan barattootni keenya miidhamuu hin qaban gaaffii dhugaaf jedhanii jechuudhaan FDGn baratootaa fi uummata wal ida’atee humna waraana wayyaanee dura dhaabbatnaan diddaa jabeessan. Kanumaan muddee 5 fi 6 uummanni qonnaan bulaan aanaa Hoomaa irraa humna waraana wayyaaneen ukkaamfamanii hidhamaa
akka jiran Qeerroon gabaasee jira. kanneen keessaa

1. Maanguddoo waggaa 60 kan tahan Tamasgeen Shifarraa-daldalaa

2. Hisi’aq Tamsgeen –Barataa

3. Haannaa Tamasgeen-barattuu

4. Amaluu Taayyee-barattuu

5. Sandaabee Laggaasee-barattuu

6. Kennasaa Laggaasaa-barataa

7. Elsa’I Dabalaa-barataa

8. Obsaa Dirribaa-barataa

9. Jootee Ittaanaa-barsiisaa

10. Daani’el Shifarraa-barsiisaa

Isaan kunneen har’aa fi kaleessa humna waraana wayyaaneetiin ukkaamsamanii mana hidhaa akka seenanii jiran Qeerroon gabaasee jira. godinaalee Oromiyaa kan biroo keessatti haall kun jabaatee itti fufee akka jru Qeerroon yoommuu gabaasu FDG kan wal irraa hin cinneen gutuu Oromiyaa keessatti itti fufaa akka jiru sochii jabeeffamee jira.

The OLF-Executive Committee meeting and Oromia wide national protest against Ethiopian rule in Oromia: Is it planned or coincidence?

Aside

  • By Leelloo Sabaa

    Barreessaa dhugaa baasa!According to press release from the OLF Executive Committee posted on this website, it means that the Executive Committee meeting of the OLF coincided with the unprecedented Oromia wide national protest against Ethiopian colonial rule in Oromiyaa. This Oromia wide national protest was unprecedented for several reasons. The protest that started in Gincii town was quickly echoed in many Oromian towns and villages with the same slogan that conveyed the dream of the founders of OLF in 1973.  How proud and happy can the martyred and the living OLF leaders can be when they see what   they dreamt in Gobeelle and Fashimii 40 years ago is becoming a reality.  The revolutionary seed  sowed by few Oromo revolutionaries so many years ago is gradually but surely bearing fruit by rallying millions of Oromians .  The slogan of the protesters, the depth, the extent and the participation of the Oromoo people was unprecedented because more than ever before, this protest was embraced by all most all sections of Oromian society. Speer headed by Oromo youth and students in: primary, secondary and University levels, the protesters, clearly and unequivocally articulated the demand for reclaiming Oromoo fatherland and Oromian independence that can finally put to rest the century old war between the Empirial rule and Oromia.

    The demand for off loading Ethiopian colonial burden from the shoulder of Oromia and the Oromo people was also echoed unanimously by Oromo: teachers, parents of students and peasants. Oromo members of Ethiopian armed forces and junior OPDO cadres and politicians have been heard also coming to their sense by siding with their brothers and sisters. Be it in Central, Eastern, Western, South East and South Oromia, the massage of the protesters was one and the same. It further articulated that the Oromo Liberation Front is the only hope and dream that can put an end to the century old Ethiopian socio-political burden which the Oromo people are no more ready to carry. This massage was coined in the protesters slogans: “OLF doesn’t sell Oromia !, OLF doesn’t sell land !, Let the OLF, our vanguard come and rule Oromia !, OLA/WBO is our hero !”. These slogans undoubtedly and clearly confirm the absolute vote of confidence the Oromo nation have on the OLF.  The slogan of the protesters in every corner of Oromia reads, “Finfinnee is ours!, Buraayyuu is ours !We do not give up any inch of Oromia land !,  Protesting against Master Plan is defending Oromo fatherland !, Master Plan is master killer !, Master Plan is a continuation of a century old Ethiopian regims campaign of displacing and dispossessing  Oromian peasants !, Master Plan is a  plan to commit genocide against the Oromo nation !” In a nutshell, all these slogans convey the message that Oromia belongs to Oromians and hence the need to reclaim Oromian independence and sovereignty. All these slogans are congruent with OLF ideology and objectives. According to my readings of OLF’s economic policy, Oromian land belongs to the Oromoo people and its going to put in place democratic ways of its utilization.

    I am strongly convinced that the coincidence of the OLF Executive Committee meeting and the Oromia wide protests against Ethiopian colonial rule in Oormia is a planned and coordinated act of political activities. If this is so, it is a big political development as far as OLF’s mobilization and organizational capacity to control and influence Ethiopian and Oromian political situation is concerned.  It is an indication of the development and the consolidation of OLF’s political activities.  It shows also how strong and influential the OLF has become in shaping the politics in the Ethiopian empire in particular, the Horn of Africa in general. What an exceptional organizational and political achievement for the OLF since 1991! Therefore, to enable the OLF to more consolidate the current gains and expand it further, it is high time that all Oromains from all corners of Oromia and political orientation rally behind the OLF financially and materially more than ever before.  The day for the burial of Ethiopian colonial rule and the establishment of an independent Oromia is just in front of us and within our reach. Let’s release our full potential today and today to reprieve our people from this brutal century old Ethiopian colonial rule. Our shoulder is tired of carrying Ethiopian rule !

    Leelloo Sabaa

FDG Itti Fufe Oromiyaa Bakkoota Adda Addaatti Deemaa Jira.Gabaasa Naannoolee Adda Addaatti Tahaa Jiru Ilaalchisee Gabaasa Qeerroo.

Aside

Gabaasaa Qeerroo Mudde 6,2015 Oromiyaa
diddaa91.Yuuniversitii Awwaddaayitti barattootni oromoo kumaan lakkaawaman guyyaa har’aa ayyaana sabaa fi sab-lammootaa mooricha gaggeeffame
sababeessuudhaan barattootni fi hojjetootni mooricha oromoo tahan keessattuu Barsiisotni barattoota waliin tahanii hucuu gaddaa uffachuudhaan mooraa keessatti barattoota oromoo mormii master pilaanii irratti wareegamani fi wareegamaa jiraniif yaadannoo guyyaa guutuu taasisaanii akka jiran caasaan Qeerroo mooraa Yuuniversitii Awaddaayi gabaasee jira. Rakkoo networkiif suurawwan achii nu qaqqaban darabsuu hin dandeenye. FDG mooricha ka’a jedhamee waan sodaatameefis humni waraanaa har’a naannicha buufatee akka oole gabaasanii jiru.
.
2.Godina Qellem wallaggaa magaala Dambi Doolloo, Sayyoo fi manneen barnootaa adda addaa keessatti guyyaa har’aa FDGn itti fufee oolera.
Qellem ona Jimmaa Horroottis diddaan akkuma eegaletti itti fufee jira. Barsiisotni mana barumsaa Ona Jimmaa Horroo irraa toohanna jala galuuf
mootummaan wayyaanee karoora keessa galchee akka jiru dursee odeesaan nu qaqqabe barsiisotni mana barumsatti barattootni FDG akka ka’an,
uummatas akka kaasaniif adda durummaan kan gaggeessaa jiru barsiisota tahuu shakkiidhan barsiisoni manneen barnootaa hunduu qoratamuu fi
toohatamuu akka qaban wayyaaneen ajaja baasaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. FDG magaala Dambi Doollotti mootummaa wayyaanee yaaddoo keessa buusee waraanni isaa hanga har’aatti gadi guurama akka jiru Qeerroon gabaasaa jira. Halkan edaa dargaggootni Qeerroo oromoo
magaala Dambi Dolloo WBO fi ABO faarsaa akka bule Qeerroon gabaasee jira.
.
3.Godina Harargee lamaanuu keessattis diddaan kan itti fufe yoomuu tahu waraanni wayyaanee humnaan ol uummata irratti miidhaa gaggeessaa
akka jiru irra deddeebiidhaan gabaafamaa jira, kunis FDG yeroo ammaa kun guutuu oromiyaa kan waliin gahamaa jiruu fi uummata oromoo hundas kan hirmaachisa jiru waan taheef mootummaan wayyaanee osoo ilaaluu uummanni irra galagalee aangoo isaa irraa darbachuuf diddaa
jabeeffachuun isa yaaddessee uummata oromoo irratti dhukaasaa fi gocha gara jabeenyaa raawwachiisuu jabeeffataa jira. Haaluma kanaan cinatti
miidhaa uummata irraan gahaa humnoota waraana isaa keessaa kanneen shakkus oromummaadhaan hidhanoo irraa hiikkachiisaa fi toohanno jala galchaa akka jirus dhaga’amee jira. Humna waraana federaalaa keessa godna Harargeetti hidhattooni lama uummata irratti tarkaanfii hin
fudhanne jechuun hidhannoo erga irraa hiikanii booda qorannoof gara Finfinneetti fiduu Qeerroon gabaasee jira. kun har’a Muddee 5/2015
ganama sa’a 3:30 irratti tahuu Qeerroo gabaasee jira.
.
4.Mootummaan wayyanee yeroo amma godinaalee keessaa Onoota FDGn hin gaggeeffamaa hin jirre dursee walgayiidhaan uummata sammu xaxuu fi uummata afaan faajjessuuf yaadu maqaa walgayiin uummata walitti qabuu yaadu uummanni gara diddaatti seenaa jira. walgayiin wayyaaneen
diddaa gaggeeffamaa jiru kana laamshessuuf ka’e fakkaatuu fi uummanni garuu bakkeewwan wayyaaneen walgayii waama jirtutti fesheleessaa akka jiru Qeerroon gabaasaa jira. Iluu Abbaa Booraa, Mattuu, Buree fi kkf keessatti walgayiin wayyaanee uumataan feshalaa’uu irratti darbee
uummanni gara diddaatti seenaa jira. Akkasuma Qellem, Anfilloo, Gabaa Roobii fi Qaaqee jedhamu keessatti walgayiin wayyaanee qonnaan
bultootaan feshalaa’e kaabinoota wayaanee kanaaf deemani qaaneessuun ariyuu fi walgayiin wayyaanee feshalaa’uu har’a Qeerroon gabaasee
jira.
5.Gooticha fi sabboonaa oromoo yeroo hedduu mana hidhaa wayyaanee keessatti dararama turan guyyaa sadii dura Caancotti tika wayyaaneen
ajjeefaman Obbo Dabalaa Xaafaa Roobii sirni awwaalcha isaanii har’a gaggeeffamuu Qeerroon gabaasee jira. Sirna awwaalcha isaanii irratti
godina shawaa kaabaa keessa kan jiraatu jiraattootni oromoo dargaggoon, maanguddoon, ijollee daa’imni osoo hin hafne gaddaa fi
boo’ica guddaadhaan kan sirna awwaalcha isaa xumuranii fi awaalcha isaanii boodas dhaadannoon dargaggoota Qeerroo oromootiin
dhageesifamaa oolee jira. Dhaadaannowwan Gumaa Baasuu, Dhaadannoo fi faaruu WBO tu dargaggoota oromootiin dhageessifamaa oole.
Godinaalee oromiyaa fi magaalota oromiyaa dhaabbilee barnootaa yuniversiitii keessatti diddaan dabalee kan hin dhaabbanne tahee jira.
Odeessaa fi guyyuudhaan FDG gaggeeffamu qilleensarra ni oolchina!

Wallagga Horroo Guduruu Aanaalee Adda Addaa Keessatti FDG Itti Fufee Jiruun Warranni Wayyaanee Barattoota Hedduu Ulee Sibiilaan Reebuun Miidhaniiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde,5,2015 Aliiboo

IMG_20150509_060148Mudde 5,2015 Godina Wallaggaa  Horroo Guduruu  Goototni  barattootni Oromoo Aanaa Jaardagaa Jaartee M/B Aliiboo Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qopha’ina fi Uummata Oromoo Magaalaa Aliiboo kan hirmachise Warraaqsii FDG , Mormiin Master pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa Warraaqsii jabaatee itti fufe.
Gootottni dargaggootni barattootni Oromoo M/B sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi qopha’inaa Aliiboo Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa uummata
Oromoo fi Mormii karooraa badii balleessii uummata Oromoo fi Dachee Oromiyaa kan ta’ee Master Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaalota
Oromiyaa caffeen Oromiyaa wayyaaneen Labsame guutummaatti haqamuu qaba jechuun dhaadannoo guddaa Magaalaa Aliiboo keessatti dhageesisuun uummata Baadiyaa kan dammaqfatan goototni barattootni Oromoo warraaqsaa FDG jabeessuun itti fufan. Mootummaan abbaa Irree
Waayyaanee humna waraana isaa poolisii federaalaa fi Kora bittinneessa jedhamu Godina Horroo Guduruu irra gubsiisee jiru uummata karaa nagaa hiriira ba’ee jiru irratti bobbaasuu sochii karaa nagaa gaggeeffamaa jiru irraatti dhukaasaa banuun uummata gooluutti gadi ta’ee jira.

Warraaqsaa gaggeeffamaa jiru kanaan ilmaan Oromoo 4 humna poolisii Fedraalaa fi Kora bittuinneessaa rukuttaa ulee sibiilaan rukutamanii haalaan kan madaa’anii haala rakkisaa keessatti argama ta’uu fi barattootni hedduun waraana Wayyaaneen qabamanii hidhamuun ibsamera.

Kana malees gaafa  Mudde 4,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Aanaa Jimmaa Raaree M/B Wayyuu 2ffaa fi Qopha’ina Uummata Oromoo Jaarsolii Biyyaa Qabachuun Bulchiinsa Aanaa Jimmaa Raareetti Gaaffii Isaanii Dhiyeeffachuun Sagalee isaanii dhageesifachuu Egaalan. Deebii Gaaffii isaaniif Wiixata dhufutti deebiif beellamni waan qabameef, Wiixatatti Aanaa Jimmaa Raaree Magaalaa Waayyuu keessatti Goototni Barattootni Mana Barumsaa Wayyuu fi Uummatni Oromoo Jaarsooliin Biyyaa utuu hin hafiin deebii gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa fi Mormii karoora Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaaf godhame fi yeroo amma kanatti duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo irratti Mootummaan Wayyaanee gaggeessa jiruuf Mootummaan kun itti gaafatamuu qaba jechuun waan gaafataniif Deebii keessan Wiixata isiniif kennina jechuun Beellamni qabame jiraachuu fi Humni waraanaa fi poolisiin Federaalaa Magaalaa Waayyuutti guuramaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan.

SBO MUDDE 06,2015. Oduu, Gabaasa FDG Guutuu Oromiyaa fi Ibsoota ABO

Aside

Dhaamsa Sabboontuu Biiftuu Tuulamaa

Aside

Yuuniverstiin Bulee Horaa Akka Jeeqametti Jira,Loltooti Wayyaanee Barattoota Oromoo Ta’e Jedhanii Miidhaa Jiru.

Aside

Mudde 05,2015 Gabaasa Qeerroo

BuleeeeYeroo ammaa kanatti Oromiyaan biyya mootummaa dhablee dha. Mootummaan Wayyaanee kan filmaata dhibbantaan mohadhe jechaa ture uummatuma na fileera jedhutti dhukaasa banuun Oromoo lafa irraa fixaa jira. Sabi Oromoo dhaa mootummaa mataa isaa dhabuu irraan miidhaan akkaanii irraan gahaamaa akka jiru eenyuufuu ifaadha. Haalli kun hammaatee deemuu irraan guyyaa har’aa kana Oromiyaa bakkoota adda addaatti FDG itti fufee jiraatu iyyuu addatti Yuuniversitii Bulee Horaa barattoota Oromoo ta’e jedhanii adamsuun reebuu,qabeenya isaanii doormii galanii bittinsuu fi doormii itti galanis jalaa gubuun mootummaan ta’e jedhee yakka hiriyyaa hin qabne ilmaan Oromoo irratti hojjechaa jira.

Barattoota Oromoo qalamaa fi dabtara ykn waraqaa malee of harkaa hin qabne sababumaa mirga gaafataniif jecha ajjeessuu fi jumulaan rasaasaan miidhuu beekumsa siyaasaa godhatee itti jira. Haalli kun MOOTUMMAA WAYYAANEE HIN BAASU! Buuulee Horaa

 

Sagalee QEERROO Bilisummaa SQ Muddee 5, 2015/Qeerroon Hojjettoota Mootummaaf Waamicha Taasise

Aside