Diddaa Qeerroo Bulee Horaa Gurraandhala 17,2016 Irratti WBO Faarsan.

Aside

Gurraandhala 17,2016 FXG Bulee Horaa.

Aside

Gurraandhala 16,2016 FXG Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horrootti Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Gurraandhala 16,2016 FXG godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horrootti jabaatee itti fufee. Qeerrroo fi kora bittinneessaa Wayyaanee gidduutti fincilli uumamee jiru torban kan lakkaawee jiruudha. Humnoonni badii mootummaa wayyaaneen of jala hiriirsuun uummata hiraarsaa jiran manneen amantaa shira walitti buusa amantaan xaxuu irraa darbee qabeenyaa uummataallee mancaasuutti kaate.
Yeroo ammaa magaalan Jimmaa Horroo fi baadiyaalee keessatti dhukaasni guyyaa guyyaadhaan uummatarratti dhuka’aa jira.
Itti gaafatamaan poolisii aanichaa Tasammaa Waariyoo waraana wayyaanee agaazii fi kora bittinneessaa waliin tahuudhaan miidhaa gaggeessaa jira.
Haaluma kanaan dargaggootni aanaa Jimmaa Horroo hedduun yeroo ammaa hidhamaa jiran. Kanneen torbee kana keessaa aanaa kana keessa qofa irraa hidhaman jajjabeewwanii fi Qeerroon aanichaa hedduu keessaa maqaa nama muraasaa
1. Lataa Wiirtuu
2. Shuumataa Danuu
3. Saamsoon Solomon
4. Miftawu Shoori
5. Maarii Ayyawuu –kan amma reebichi hamaan irratti raawwatee dhukkubsaa jirudha mana hidhaa keessatti
6. Bulii Abdataa
7. Abdulkariim Jamaal- yeroodhaa yerootti kan hidhamaa turee
8. Hasan Jamal-obboleessa Abdulkarim kan qabsoo keessatti yeroo dheeraa qooda fudhataa tureedha
9. Sanbataa Oljirraa-FXG uummata kakaase jechuun raga irratti bahee kan ture kanaan dura manni murtii garuu bilisa isa baaasee kan ture
10. Abbushee Tsaggaa
Namootni kun guyyaa kaleessaa asitti humna waraana wayyaaneen qabamanii dhabamaniiru. FXG aanaa kana keessatti daandiin kan cufamuu yoo tahu humni waraana ofii banaa bula sagaleen uummataa dhaga’amaa jira. uummannis sodaa of duubatti deebisee bilisummaa faarsaa jira.

Godinaalee Bahaa Oromiyaa Godinota Arsii Lixaa, Harargee Bahaa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran Jabaate.

Aside

arsii Lixaa Shaashamannee (1)Guraandhala 16/2016 Godinaalee Bahaa Oromiyaa Godinota  Arsii Lixaa, Harargee Bahaa Keessatti warraaqsii Biyyoolessaa  Oromiyaa  FXG daran jabaachuun itti fufuun Walqabatee Manguddoo Ganna 60 dabalatee Ilmaan Oromoo Hedduun waraana agaaziin irratti Baneen Wareegamani Jiru.Godina Harargee Bahaa aanaa  Gaara Muldhataa Magaalaa Gurawaa keessatti warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Daran jabaachuun itti fufuun walqabatee Waraanni Mootummaa wayyaanee Daa’immanii fi Manguddoota ajjeesuu aadeeffate, guyyaa har’aa magaalaa Gurawaa keessatti Manguddoo Ganna 60  dabalatee ilmaan oromoo hedduun madeeffamuu fi gariin immoo wareegamuun gabafame jira.kanneen Wareegaman kan yeroof maqaa argannee jirruu keessa

1.       Magguddoo   Juharaa Muusaa   umriin  ganna 60 kan taatee fi
2.       Adam Mohaamed Abdallaa  kanneen jedham kan keessatti argaman ilmaan Oromoo wareegaman, kanneen qaama madoo ta’an immoo heedduu ta’uu maddeen keenya gabaasan.Arsii Lixaa Keessatti daandii Cufame
Godina Arsii Lixaa Magaalaa shaashamannee, shaallaa, Siraaroo fi Kofaleetti Warraaqsii  FXG haan jabaachuun itti fufee Gootummaa Godina Bahaa Oromiyaa fi Kibba Bahaa Oromiyaa Sochoosaa kan oole ta’uun beekame jira. Aanaa Kofaleetti goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni oromoo Mana Barumsaa Kofalee Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina Waraaqsaa finiinsuun Sirna nama nyaataa Wayyaanee balaaleffachuun Waraana Wayyaanee Agaazii fi Poolisoota federaalaa waliin wal jala dhaabbachuun Warraaqsii Jabaatee kan itti fufe ta’uu Maddeen qeerroo bilisummaa oromoo Gabaasan. Yeroo amma Kana godini Arsii Lixaa fi Harargee Bahaa Waraana Wayyaaneen goolamaa jiraachuun hubatame jira. Daandiiwwaan konkolaataa Bakkoota hedduutti Godina arsii Lixaa fi Oromiyaa Bahaa keessatti cufamuun Haalaan jabaatee itti fufee jira.

Guraandhala 16/2016 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Ammuruu Magaalaa Hoborraatti Goototni dargaggoothni Qeerroon Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Ammuruu sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina fi uummataan walta’uun Warraaqsii FXG Daran jabaachuun Itti Fufe.

Aside

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Ammuruu keessatti Waraaqsii gaggeeffama ture, Ammas Gootota Dargaggoota Qeerroo Barattoota Oromoo fi uummata Oromoon irraa deebifamee dhoofameen Sagaleen Mormii guddaan Magaalaa Hoborraa keessatti uummatni dhageesisuun itti fufe oleera. Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG kun aanota Ajkka Jaartee Jardagaa, Hagamsaa, Haratoo Guduruu fi Fincaa’aa fa’atti illeee Babaldhatee Kan itti fufuuf jiru irraa Waraanaa Wayyaanee poolisii Federaalaa fi loltoota Agaaziin eegamaa kan olaan ta’uun beekamee jira. Warraaqsaa aanaa Ammuruutti qabsiifame kana dhaamsuuf humni waraana wayyaanee Agaazii fi Poolisiin Federaalaa humnaa ol gara sanatti Guuuramaa kan jiran yoo ta’uu, Goototni barattootni Oromoo humna waraanaan qabamanii hidhaman illee jiraachuu maddeen keenya gabaasan.Yeroo Amma kanas Magaalaan Hoborraa humna waraanaa guddaan raafama jirachuun hubatame jira.

SBO Gurraandhala 17,2016. Gabaasa FXG, FXG Oromiyaa keessaa finiinaa jiru irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Jabeessaa Lammii waliin akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Guraandhala 15/2016 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG’n Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa, Shaashaamannee, fi Siraarootti Haalaan jabaachuun Finiinee, Ilmaan Oromoo 3 Olitti lakkaa’aman Shaallaa keesstti wareegaman.

Aside

Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Haalaan jabaachuun Godina Arsii Lixaa AAnawwaan Shaashamannee, Shaallaa fi Siraaroo keessatti Uummata Oromoo, Qeerroo Dargaggootni Oromoo fi Barattoota Oromoo FXG finiinsuun Warraaqsaa Seenaa qabeessa gaggeessuutti seenan.Sochiin Warraaqsaa Uummataa kun Guraandhala 14/2016 Shashaamanneetti dargaggootaan finiinaa kan jiru Shaallaa fi Siraaroo dabalatee haalan Finiinee Itti fufuun waranni Wayyaanee Agaaziin waraana ilmaan Oromoo irratti baneen ilmaan Oromoo 3 olitti lakka’aman rasaasaa loltoota wayyaanee irra itti dhukaafameen Shaallaa Magaalaa Ajjee keessatti kanneen Wareegaman keessa maqaan kan beekame 1.Fincilaa Wariyoo fi 2.Usheexoo Nageessoo dabalatee ilmaan Oromoo 3 olitti lakka’am wareegamani jiru, Ilmaan Oromoo hedduun madeeffamuu Maddeen keenya gabaasan. Maqaa wareegamtoota Oromoo adda baasuun isiniif gabaasna. Goototni Oromoo Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa Tarkaanfii Waraana Wayyaanee of irraa Ittisuuf fudhataniin Lultoota Wayyaanee Lama Galaafachuun hedduu irraan midhaa jabaa Qaqqabsiisuun tarkaanfii Of irraa ittisuu fudhachuun diinaa rifaasisan, haala kanaan walqabatee walqabatee Arsii Lixaa Shashaamannee, Shallaa Fi Siraaroon gara Dirree Waraanatti jijjiiramtee jirti. Addaatti Aanaan Shaallaatti goototni barattootni Oromoo M/B Sanbatee Shaallaatti tarkaanfii gootummaa Alaabaa Abbaa Irreecha Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO mana barumsaa keessa buusanii gubuun, Alaabaa ABO ol qabuun Dhaabuun dhaadannoon armaan gadii dhageesisan. -Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa haa kabajamu!! -hidhamtootni Oromoo hiikamuu qaba!! -Waraanni Wayyaanee Oromiyaa Gadhiisee bahuu Qaba. -dhabni jalee Wayyaanee OPDO n nu hin bulchiituu. -Sirni bulchiinsa Wayyaanee Oromiyaa gadhiisuu qaba. -Master Pilaaniin Finfinnee itti fufee jiruu hatattaman dhaabbachuu qaba kanneen jedhan dhageessisuun Warraaqsaa Jabeessaan Yeroo Amma kana Shaallaa keessatti Sagalee Dhukaasaa Meeshaa Waraanaa Gurguddaan Wayyaanee irraa uummata irratti dhukaafamaa jiruu dhagaa’ama jira.. Gabaasaan …Gabaasaan Kun Itti fufa. Godina Harargee Bahaa Aanaa Giraawwaa Magaalaa Laaftoo keessattis Haaluma walfakkattuun sochiin Warraaqsaa FXG haalaan Jabaachuun kan Itti fufee Olee yoo ta’uu Uummatni oromoo fi Qeerroon dargaggootni fi Barattootni Oromoo gaaffiin keenya gaaffii kabajamuu mirga Abbaa Biyyummaati, hanga Bilisummaa keenya gonfannuuti warraaqsaa irraa loltuu fi oloaa wayyaanee OPDO’n hin dhaabbannuu, OPDO’n nu hin bulchituu, OPDOn kan wayyaaneeti, Wayyaanee jalattii hin bulluu jechuun Warraaqsaa jabeessuun itti fufsiisan.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Guraandhala 15,2016/ Gabaasa Waayee Boqochuu Artist Admaasuu Biraanuu

Aside

Godina Wallagga Aanaa Siree Sibuu Keessatti FXG Daran Hammaate.

Aside

Har’a Guraandhala 15,2016 Warraaqsi Ummataa Daran Finiinfamee Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti Sochiin uummataa kan ba’aaf gala dhorkaa jiru itti fufee.
Waayyaanotatti umurii butuuf jechaa jira.haallaan jireenyaaf muka qabataallee hangs dhabanitti OPDO hirriba dhorkaa ka jiru yoo ta’u har’a A/Sibuu Siree Waamaa bakka jedhamutti Warshaa sukkaaraa Kan qabeenyummaansaa kan Hindii ta’e Shonkoraan akka barbadeeffame odeessi
achii nu ga’e ifoomsa.Naannoon Waamaa sa’ati kanatti humna waraanaan eegamaa jirti.kan uummata saamee duroomaa jiruuf ummata dhibbaan
Lakka’amu laficharraa godaansise Hindiin bakka lixaa dhabdee jirti.Tigiroota qubatanii achuma jiranittis tarkaanfiin akka fudhatamu abdii qabna

Aside

Har’a Gurraandhala 15,2016,  Godina Arsii Lixaa aanaa shaalla magaalaa Ajjetti lola guyyaa haraa poolisii federaalaafi ummata giddutti taasifameen poolisiin federaalaa 4 ajjiisanii meeshaarraa hiikkataniiru ummata keessaa ammaaf 3 dueera ,sababiin kalee galgagala konkolaataa magaalaa Shaashamannee keessaa osoo hamoommota fe’ee gara aanaa Shaallatti maaliif sirba caalaa bultume sirbisiisaa jedhaniin rasaasa itti roobisanii ijoollee maqaan isaanii Jannuu Tashitaa,Shuumii Nageessoo,Roobaa Jiloo fiHabtaamuu Fayyissa rukutuun yeroo ammaa hopsitaala Kuyyaa keessa jiru