Diddaan Ummata Naannoo Amaaraa Itti Fufee Jira,Barruuleen Waamicha Diddaa Sirna Wayyaanees Garee Paartii Siyaasaan Faca’aa Jiraachuun Beekame.

Aside

TglAdoolessa 19,2016  Akkuma beekamu torban kun naannoo Amahaaratti uummanni gaaffii mirgaa kaasee halkani guyya wal irraa odoo hin citin hanga har’aatti itti fufee jiraatuun waan uummanni  martuu argaa jiruudha. Paartiin kun maadhewwan naannoo kanatti qabu dammaqsuun quunnamtii bakka interneetiin hin jirrettis qaamaan walitti dhufuun fincila eegalame kana keessumaa magaalaa Dabrataaboritti uummanni kamuu ka’ee fincila naannichaa wal qixxeessuu akka qabu kaka’umsa taasisanii jiru. Kanumaanis uummanni Tigraay naannicha keeysa buufatee jiru olaantummaan Tigree kana booda akka gadi deebihu qabeenyaan isaan naannichaa qaban gubuu fi daandii itti cufuun konkolaattota isaaniibarbaadeessuutti waamichi waliif taasisaa jiru. kanumaanis wal qabsiisuun waaichi “Taallaq Yetigil Xirrii” jedhus waraqaa bittimsanii jiru.
Naannoo Tigraay zoonii dhiyaa aanaa Humaraatti uummanni gara Gondoritti konkolaataan koodii Tigraay qabdu irratti tarkanfiin uummata Amaaran fudhatama jira konkolaataan koodii Tigraay ofirraa qabsu socho’uu hin dandeessu garuu kan naannoo Amaaraa gara feetetti socho’aa jirti kun maaliif taha? jechuun uummanni naannoo Tigraay kaasee jira.  Kanumaan kaadiroonni Tigree naannichaa kan naannoo Amaraa irrattis tarkaanfii fudhachuun ni danda’ama jechun uummata force gochaa akka jirus hubatamee jira.

Konkolaataa koodii Amaaraa dhaabsisuu qabna jechaa jiru.  Uummanni naannoo Shiree jiraatu yeroo fincilli ka’u uummanni Tigraay maaliif rukutama? Maalifis qabeenyi isaa gubama? Uummanni Tigraay maaliif reebamaa? Mootummaa gaaffii hin deemnu gara tarkaanfiitti seenna jechuun jiraattotni naannichaa wal qindeessani ka’aa jiru. Mootummaan maaliif mirga tokko nuuf kennu didee jechaa jiran jedha odeessi nu gahee jiru.

Jallaa Keenyatu Nu Fixe Jedhe Mukni.

Aside

Damee Boruutiin

Barreessaa dhugaa baasa!Makmaaksaa Oromoo keessa haala har’a uummatni Oromoo keessa jiru kan  calaqisiisu tokko makmaaksa waa’ee mukaa himamu dha. “Mukkunni yaa’ii walitti bahee qottoon nu fixxee Maal haa goonu?” jedhee wal gaafatee jedhama. “ Kan nu fixe qottoo miti jallaa keenya jedhe jaarsii” jedhan.  Nuyis kunoo Wayaanee nu fixxee jennee waakkachaa jira. Garuu kan nu fixxaa jiru jallaa keenya warra garaa itti nyaatan malee sammuu itti yaadan hin qabne.

Sabni tokko bilisa tahee hiree mataa isaa ofiin murteefatee kan biyya dhaabbachuu danda’u  yoo uummatni isaa harka wal qalabate kaayyoo bilisummaaf dhaabbate dha. Namni tokko akk a nama tokkotti fedhii adda ddaa qabachuu danda’a.  Fedhii isaa kana guutachuuf dantaa uummata isaa ganee kan mataa hordofuudhaan dhiiga obbolaa isaan jiraachuuf fedhii kan qabu jira. Haalli kana fakkaatuu uummta qabsoo gochaa jiruu keessatti mul’achuun waan haaraa miti.

Kan Saba Oromoo kan haaraa godhuu gurmuudhaan ijaaramanii ifatti dantaa haalgaa tiksuuf dhaabbachuu dha. Uummatni Oromoo qabsoon isaa inni duraa warra dhalootan Oromoo tahanii yookan Oromoo ofiin jedhanii qabsoo uummata Oromoo gufachiisan of jalaaa qulqulleessuu dha. Warraa kan irratti karaa lama hojjechuu qabna. Inni duraa karaa danda’amu maraa akka badii uummata isaanii irratti hojjechaa jiran kana hubatanii uummataa isaanii wajjin hiriiro qabsoo galan dhiibaa irratti gochuu dha. Inni lammaffaa yoo didanii badii uummata isaanii irratti hojjetan kana itti fufuu filtan qabsoon uummata Oromoo dura isaan barbadeessuu qaba.

Midhaa guddaa kan ilaamaan Oromoo irraan gahaa jiru warra dhalootan Oromoo tahee, uummata Oromoo keessaa jiraachaa diinaaf odduu keenu dha. Uummatni Oromoo uummataa nagaa jaalatuu fi mirga dhala namaaf kabajaa guddaa qabu dha. Warra jallaa isa keessaa dhalate miti orma isa miidhaa jiru irratti iyyuu tarkaanfii murteessaa fudhachuun jaalala  isaa akka hin taane ni agarra .Jallaa Keenyatu Nu Fixe Jedhe Mukunni (2)

Konkolaachiftooti Hojii Dhaabuun Sirna Wayyaanee Mormaa Jiru,Waraanni Wayyaanees Kutaalee Oromiyaa Keessatti Bobba’e.

Aside

received_1043747925733185Adoolessa 18,2016/ Magaalaa Adaamaattis mormiin konkolaachiftootaa eegaluun konkolachiftoonni gara  Finfinnee fi gara Arsii bahaa dalagan dalagaa dhaabuun mormii sirna Wayyaanee eegalanii jiru.

Kana maleess galgala kana ammoo waraanni Wayyaanee humni guddaan gara magaalaa Itayyaa fi magaalaa Shaashamannee konkolaataan yaa’aa jiraachun himame. Har’a galgala keessa Saa’atii 5:30wb Naannoo Asallaatti dhukaasi meeshaa dhagahamaa jira.  Waraanni Wayyaanees galgala kana baay’innaan magaalattii guutee jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa. 

Naanoo Amaaratti Fincilli Guutummaan Guututti Itti Fufee Jiraatuu Odeessi Qeerroo Naannichaa Gabaasee Jira

Aside

Adoolessa 18,2016,Naannoo Amaaraa guutummaatti Fincilli uummataa fi barattootaan itti fufee akka jiru har’as caasaan naanoo Amaaraa gabaasee jira.   Goojjam bahaa aanaa Dajan magaalaa Dajan keessatti barattootni yuuniversitii fi koollejjii adda addaarraa eebbifaman nus nu gabroomsuu kan barbaadu mootummaa abbaa irree kana ofirraa kaasuu qabna jechuun fincila itti fufanii jiru. Leenjii yeroo gannaa barattoota walitti qabuuf yaalames barattootni magaalicha keessaa fesheleessanii jiru. Kaffaltiin kamuu jiraatu nuti walgahii Wayyaanee hin feenu jechuudhaan fincila kaasuun dhaga’ame

Itti fufees dhiyoo kaaba Gondoritti gaaffii jiraattotni walqayitti kaasaniin fincilli itti uummanni gamtaadhaan qabeenyaa wayyaanee fi miseensota poolisii wayyaanee irrattis tarkaanfii fudhatuun gabaafamee jira.  Kaleessa konkolaattotni wayyaanee magaala Gondor irraa gara Shiree godaanaa jirtu konkolaattotni wayyaanee lama qabeenyaa wayyaanee tahuun addatti beekamee waan jiruuf dargaggootni naannichaa konkolaattota lamaan kana dhaabun ibiddaan gubanii caasaa mootummaa konkolaataa sana keessatti argamu irrattis tarkaanfii wal fakkaataa fudhatuun hojiin ala taasisanii jiraatuun caasaan naannichaa gabaasee jira.

Itti fufee dhalattootni Tigree naannichatti argamu hunduu uummata magaalichaan reebamaa jira. Qabeenyaan tigree magaalicha keessatti argamus kanneen akka suuqiwwa warqii fi kkf barbaadeffamaa jiru kunis deggersa poolisoota naannoo Amaaraa waliin uummanni tokkummaa uumee Wayyaanee barbadeessaa jiraatuun gabaafame.

Aaanaa Dabaarqi jedhamutti dhalattootni ilmaan Tigree ta’an yeroodhaan akka gadhiisan tahuus baatus tarkaanfiin irratti akka fudhatamuu fi galaa mootummaa keessaniin bulaa kan nu bulchu Tigree miti jechuun akeekkachiisa itti kennuun tarkanfiin itti fufee fudhatamaa jira.
Namootni hidhamanis irree uummataan mana hidhaatii akka gadhiifamu taasifamaa jira. Fincilli naannoo Amaaratti itti fufee jiru daran
jabaatee akka jiru caasaan har’a gabaasee jira.

Godina Wallaggaa Kellem Aanaa Jimmaa Horroo, magaalaa Nuunnutti Namootni Hedduun Hidhaatti Guuramaa Jiru. FXG Aanaa Kanatti Itti Fufee Jira.

Aside

Because I am OromoAdoolessa 18/2016/ Godina Kellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo Magaala Nuunnuutti torbanoota kanaa kaasee FXG uummataa fi barattoota yeroo boqonnaa isaanii galaniin itti fufee waraana mootummaa hanga hundeen raasutti gaheetu jira. Adoolessa 12 irraa kaaseee humnoonni Wayyaanee garagaraa raayyaa ittisa biyyaa,kora bittinneessaa fi poolisoota naannoo waliin wal tahuun uummatatti ramadanii guyyaa guyyaattis dachaadhaan dabalaa
dhufuu baayina uummataa Qeerroon godina Kellem magaala Dambi Doolloo jiru gabaase.  Qonnaan bulaa, hojjetaa mootummaa keessa barsiisota,
dargaggoota hedduunis mana hidhaatti funaanama jiru. Reebichi hamaa raawwatee n namootni lama amma magaala Dambiilloo Hospitaalatti geeffamanii jiru. Namootni kunis miidhaa jabaan isaaan quunnamee du’aa ffi jireenya gidduu jiru.  Namootni kunis Alii Kadirii fi Akkattii Magarsaa jedhamu. Isaan kun raayyaa ittisa biyyaatiin hedduu miidhamanii jiru. Namootni magaala fi baadiyaarraa humneen kanaan
miidhamaa fi hidhaa jala jiranis haga ammaatti maqaa Qeerroon magaala Dambi Doolloo irraa nuuf gabaasee jirun
1.      Caalii Ganjoosaa
2.      Lataa Wiirtuu
3.      Daagim Warataa
4.      Abdiisaa Indaaluu
5.      Isaayas Addisuu
6.      Taliilee Abdulqaadir
7.      Miiftaa’uu Abdulqaadir
8.      Nashoo Tashoomee
9.      Abuuttee Tashoomee
10.     Kibiruu Oljirraa
11.     Dastaa
Kanneen jedhaman maqaan yeroof nun gahinis kan miidhaman caalaa ukkaamfamanii fudhatamanii eessa buuteen isaanii dhabameera. FXG godina Kellem aanaalee biraattis itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

Naannoo Finfinnee fi Magaala Fiinfinne Keessa Waraanni Wayyaanee Buufatee Eegaa Jira. Qellem Ona Jimmaa Horrootti Uummanni Miidhaa Guddaan Irra Gahee Jira.

Aside

2016-07-06 21.04.38-1 2016-07-12 20.33.48Adoolessa 18,2016 Humni waraana wayyaanee naannoo magaala Finfinnee keessa buufatee jira. kutaa magaalaa Bulchiinsa Finfinnee baayinnii ummataa itti heddumatutti waraana ishee bobbaastee magaala Finfinnee waardiyaa gootee jirti.
Kutaaleen kannen akka magaala Boolee, Nifaas silkii, Makkanniinsaa, Aqaaqii Qalliittii kun hundii humna waraana Wayyaaneetin marfamtee eegamaa jirti.
Dhiyoo sababa diigumsa manaan wal qabatee kutaa magaala Nifaas silkiitti taheen fincilli uummataa, uummanni osoo wal hin oodin tokkummaan mootummaa dura dhaabbatee flamii gaggeessuun isaa ni yaadatama.  Haaluma  kana fakkaatuun Wayyaaneen meeshaa qabduu fi aangoo qabdutti dhima bahuudhaan manneen jireenyaa gara kuma 31 olii diguuf ammas karoorsuun uummanni naannawaa Finfinnee kana dura dhaabbachuuf yeroo ammaa fincilaaf waamicha waliif dhiyeessuu jiraattota naannowaa Finfinnee hubattee Wayyaaneen yeroo ammaa kana humna waraana qabdu magaala Finfinnee keessa naanneessaa jirti.
Doorsisaa fi sodaachisa tahuunis uummanni garuu karoora wayyaanee kana fesheleessuuf kallatti hundaan of qopheesee jira. Dhiyoo akkuma gabaafame godina Qellem wallaggaa ona Jimma Horrootti FXG jabaatee itti fufuu irraan humni waraanaa magaala keessa bufatee jiru
uummata shororkeessaa jiraatuun gabaafame. Har’as Qeerroon ona JImmaa Horroo irraa gabaasuun uummanni qonnaan bulaan miidhaa gurguddaan irra gahaa, uummanni hedduun hidhaatti guuramuu fi manneen namoota heddun caccabee manca’aa akka jiru Qeerroon gabase. Shamarran oromoo magaala Jimma Horroo hedduunis miidhamaa jiru uummannis baayeen isaa madoo taheera har’a ganama irraa kaasee waraanni wayyaanee konkolaataa 10 oliin buufatee jira. Dargaggoonni hedduunis hidhamaa jiru. FXG itti fufee jira.

Maqaa Industiritiin lafti uummataa naannoo Kibbaa,Hawaasatti alagaatti gurguramaa jira.

Aside

Adoolessa 18,2016 , Naannoo Kibbaa Hawaastti maqaa Industiriin lafti uummata irraa fuudhamee waan jiruuf Qeerroo sidaamaatiin maqaa saamicha lafa tooftaa kanaan bahe mormuuf fincilli eegalee jira. lafti qonnaan bulaa irraa fuudhamee kennamaa jiru lammii biyyattiin ala kan lammii biyya alaatiif waan kennamaa jiruuf mootummaan kana dhaabuu baannaan Fincilli itti fufuu fi tarkaanfii uummanni naannoo kibbaa fudhatuuf deemutti itti gaafatama kan fudhatuu qabu wayyaanee tahuu qaba jechuudhan Qeerroon sidaamaa akeekkachiisee jira.
Akkauma gaaffiin uummataa gaaffii xayyaaraa miti gaaffiin uummata biyyattii yeroo ammaa gaaffii misoomaan wal qabatu miti Wayyaneen garuu maqaa buufata xayyaaraa jedhuun uummata gowomsuuf yaalaa jirtuun uummanni gaaffii qabuuf booodatti akka hin deebinee fi gowomsaa W ayyaanee kanaaf bakka akka hin laanne uummanni fincila isaa itti fufee jira.
Oromiyaa keessattis akkuma beekamu buufataale kanaan dura badan bakka 5ni ol deebisuuf wayyaaneen buufata xayyaaraa oromiyaa keessatti jettee dhagaa bu’uuraa kaa’uun xaaraa jirti.  Olitti akkuma gaaffin uummataa kana hin taane xuqe ammas oromiyaa keessattis gaaffiin
uummataa gaaffii buufata xayyaaraa dhabuu osoo hin taanee gaaffii BILISUMMAA FI WALABUMMAATI. Kana wayyaaneen beekuu qabdi. Gaaffin
kunis yeroo gabaabaa keeysatti deebii argatee kan wayyaanee duguugee biyyaa ishee baasuun Fincilli kun itti fufaa jira.  buufata xayyaaraaf lafti naannoo Kibbaa Hawaasatti dhagaa’aan bu’uuraa knaan dura kaa’amee ture yeroo ammaa uummata naannichaa harka galee bakka dheedinsa horii fi haroo uummanni irra qonnaan qotatuu qabu sodaa malee uummatni bakkicha dura dhaabbatee fesheleessee jira.
Yeroo gabaabaa keeysattis saamichi lafaa  kan maqaa Industitiin Tigreen gurgurataa jirtu fi waliifis kennaaa jirn uummanni tokkummaan
ka’ee dura dhaabbataa jiraatuun qeeyroon sidaamaa beeksisee jira.

SBO Adoolessa 17,2016. Oduu, Ibsa ABO, Gabaasa FXG, Dhaloota Qubee fi FXG-Gaaffii fi Deebii Dargaggoota Mooraa Q absootti Seenan Waliin Kutaa Xumuraa fi Qophii Haala Yeroo Irratti Hundaa’e

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Adoolessa 12, 2016

Aside

SBO Adoolessa 13,2016. Oduu, FXG Giinci irratti gaaffii fi deebii dargaggoo Lachiisaa waliin, Dhaloota Qubee fi FXG-Gaaffii fi Deebii Dargaggoota Mooraa Qabsootti Seenan Waliin kutaa sadaffaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside