Naanoo Amaaratti Fincilli Guutummaan Guututti Itti Fufee Jiraatuu Odeessi Qeerroo Naannichaa Gabaasee Jira

Adoolessa 18,2016,Naannoo Amaaraa guutummaatti Fincilli uummataa fi barattootaan itti fufee akka jiru har’as caasaan naanoo Amaaraa gabaasee jira.   Goojjam bahaa aanaa Dajan magaalaa Dajan keessatti barattootni yuuniversitii fi koollejjii adda addaarraa eebbifaman nus nu gabroomsuu kan barbaadu mootummaa abbaa irree kana ofirraa kaasuu qabna jechuun fincila itti fufanii jiru. Leenjii yeroo gannaa barattoota walitti qabuuf yaalames barattootni magaalicha keessaa fesheleessanii jiru. Kaffaltiin kamuu jiraatu nuti walgahii Wayyaanee hin feenu jechuudhaan fincila kaasuun dhaga’ame

Itti fufees dhiyoo kaaba Gondoritti gaaffii jiraattotni walqayitti kaasaniin fincilli itti uummanni gamtaadhaan qabeenyaa wayyaanee fi miseensota poolisii wayyaanee irrattis tarkaanfii fudhatuun gabaafamee jira.  Kaleessa konkolaattotni wayyaanee magaala Gondor irraa gara Shiree godaanaa jirtu konkolaattotni wayyaanee lama qabeenyaa wayyaanee tahuun addatti beekamee waan jiruuf dargaggootni naannichaa konkolaattota lamaan kana dhaabun ibiddaan gubanii caasaa mootummaa konkolaataa sana keessatti argamu irrattis tarkaanfii wal fakkaataa fudhatuun hojiin ala taasisanii jiraatuun caasaan naannichaa gabaasee jira.

Itti fufee dhalattootni Tigree naannichatti argamu hunduu uummata magaalichaan reebamaa jira. Qabeenyaan tigree magaalicha keessatti argamus kanneen akka suuqiwwa warqii fi kkf barbaadeffamaa jiru kunis deggersa poolisoota naannoo Amaaraa waliin uummanni tokkummaa uumee Wayyaanee barbadeessaa jiraatuun gabaafame.

Aaanaa Dabaarqi jedhamutti dhalattootni ilmaan Tigree ta’an yeroodhaan akka gadhiisan tahuus baatus tarkaanfiin irratti akka fudhatamuu fi galaa mootummaa keessaniin bulaa kan nu bulchu Tigree miti jechuun akeekkachiisa itti kennuun tarkanfiin itti fufee fudhatamaa jira.
Namootni hidhamanis irree uummataan mana hidhaatii akka gadhiifamu taasifamaa jira. Fincilli naannoo Amaaratti itti fufee jiru daran
jabaatee akka jiru caasaan har’a gabaasee jira.

1 thought on “Naanoo Amaaratti Fincilli Guutummaan Guututti Itti Fufee Jiraatuu Odeessi Qeerroo Naannichaa Gabaasee Jira

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( July) | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s