Adoolessa 18,2016 Humni waraana wayyaanee naannoo magaala Finfinnee keessa buufatee jira. kutaa magaalaa Bulchiinsa Finfinnee baayinnii ummataa itti heddumatutti waraana ishee bobbaastee magaala Finfinnee waardiyaa gootee jirti.
Kutaaleen kannen akka magaala Boolee, Nifaas silkii, Makkanniinsaa, Aqaaqii Qalliittii kun hundii humna waraana Wayyaaneetin marfamtee eegamaa jirti.
Dhiyoo sababa diigumsa manaan wal qabatee kutaa magaala Nifaas silkiitti taheen fincilli uummataa, uummanni osoo wal hin oodin tokkummaan mootummaa dura dhaabbatee flamii gaggeessuun isaa ni yaadatama. Haaluma kana fakkaatuun Wayyaaneen meeshaa qabduu fi aangoo qabdutti dhima bahuudhaan manneen jireenyaa gara kuma 31 olii diguuf ammas karoorsuun uummanni naannawaa Finfinnee kana dura dhaabbachuuf yeroo ammaa fincilaaf waamicha waliif dhiyeessuu jiraattota naannowaa Finfinnee hubattee Wayyaaneen yeroo ammaa kana humna waraana qabdu magaala Finfinnee keessa naanneessaa jirti.
Doorsisaa fi sodaachisa tahuunis uummanni garuu karoora wayyaanee kana fesheleessuuf kallatti hundaan of qopheesee jira. Dhiyoo akkuma gabaafame godina Qellem wallaggaa ona Jimma Horrootti FXG jabaatee itti fufuu irraan humni waraanaa magaala keessa bufatee jiru
uummata shororkeessaa jiraatuun gabaafame. Har’as Qeerroon ona JImmaa Horroo irraa gabaasuun uummanni qonnaan bulaan miidhaa gurguddaan irra gahaa, uummanni hedduun hidhaatti guuramuu fi manneen namoota heddun caccabee manca’aa akka jiru Qeerroon gabase. Shamarran oromoo magaala Jimma Horroo hedduunis miidhamaa jiru uummannis baayeen isaa madoo taheera har’a ganama irraa kaasee waraanni wayyaanee konkolaataa 10 oliin buufatee jira. Dargaggoonni hedduunis hidhamaa jiru. FXG itti fufee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( July) | OromianEconomist