Adoolessa 18/2016/ Godina Kellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo Magaala Nuunnuutti torbanoota kanaa kaasee FXG uummataa fi barattoota yeroo boqonnaa isaanii galaniin itti fufee waraana mootummaa hanga hundeen raasutti gaheetu jira. Adoolessa 12 irraa kaaseee humnoonni Wayyaanee garagaraa raayyaa ittisa biyyaa,kora bittinneessaa fi poolisoota naannoo waliin wal tahuun uummatatti ramadanii guyyaa guyyaattis dachaadhaan dabalaa
dhufuu baayina uummataa Qeerroon godina Kellem magaala Dambi Doolloo jiru gabaase. Qonnaan bulaa, hojjetaa mootummaa keessa barsiisota,
dargaggoota hedduunis mana hidhaatti funaanama jiru. Reebichi hamaa raawwatee n namootni lama amma magaala Dambiilloo Hospitaalatti geeffamanii jiru. Namootni kunis miidhaa jabaan isaaan quunnamee du’aa ffi jireenya gidduu jiru. Namootni kunis Alii Kadirii fi Akkattii Magarsaa jedhamu. Isaan kun raayyaa ittisa biyyaatiin hedduu miidhamanii jiru. Namootni magaala fi baadiyaarraa humneen kanaan
miidhamaa fi hidhaa jala jiranis haga ammaatti maqaa Qeerroon magaala Dambi Doolloo irraa nuuf gabaasee jirun
1. Caalii Ganjoosaa
2. Lataa Wiirtuu
3. Daagim Warataa
4. Abdiisaa Indaaluu
5. Isaayas Addisuu
6. Taliilee Abdulqaadir
7. Miiftaa’uu Abdulqaadir
8. Nashoo Tashoomee
9. Abuuttee Tashoomee
10. Kibiruu Oljirraa
11. Dastaa
Kanneen jedhaman maqaan yeroof nun gahinis kan miidhaman caalaa ukkaamfamanii fudhatamanii eessa buuteen isaanii dhabameera. FXG godina Kellem aanaalee biraattis itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 ( July) | OromianEconomist