FXG Godinaa Oromiyaa Hedduutti Itti Fufe. Shaggar Lixaa, Booranaa fi Godina Harargee Keessa itti FXG Jabaatee Itti Fufe.

Aside

FXGAdoolessa 20,2016 FXG  Oromiyaa godinaalee maratti marsaa 6ffaa baatii 8 oliif osoo wal irraa hin cinne itti fufee jira.  Dhiyoo godina Harargee fi Arsii keessatti GFXG haala diina hundeen raasutti finiinaa turuun ni yaadatama.  Godinoota kanneenitti uummanni jala muree Wayyaanee akka hin barbaanne gadi bahee himatee jira. Wayyaaneen aangoo ishee gadhiisuurra lubbuu hedduu barbaaddeesuu fi hidhuutti fuulleffattee jirti.  Uummanni godinaalee kanneen keessa jiraatu hidhaa fi ajjechaalubbuu hedduun wareegamus ilaalee duubatti kan hin deebine Qeerroo waliin hiriiree FXG itti fufee jira.
Haaluma kanaan godina shawaa lixaatti torban tokko dura FXG marsaa 6ffaa baatii kana keessa jabaatee itti fufuun gabaasuun keenya ni yaadatama. Amma godinni shawaa lixaa magaalonni kanneen Jalduu, Gindabarat, Gincii, Amboo, fi Goojoo tti uummanni ammaan booda sirni
Wayyaanee nu keessatti hin hojjetu jechuun murteeffateera.

Godina Shaggar  keessa yeroo ammaa daandiin konkolaataan wayyaanee kan humna waraanaa deddeebistu nageenyaan keessa deemtu hin jiru daandiwwan hedduun cufaa akka tahan Qeerroon gabaasaa jira. itti dabalee uummanni karaawwan konkolaataa Wayyanee guutummaatti hin dabarsine xumuree ofirraa cufuutti huursee cufataa jira.

Lixi Shaggar  yeroo ammaa Bilisa of baasee bulchiinsa diinaa onaa fi gandatti barbaadeessaa jira. Loltuu Wayyaanee meeshaa baattee naannofturraa kan hafe caasaan diina keessa uummata keessatti QBO dura dhaabbachuuf uummata Oromoo dabarsee diinaaf saaxilaa ture murannoo uummatichaa sodaadhaan bakka jijjiirrataa jiraatuunis Qeerroon gabaasee jira.  Deggeraan mootummaa wayyaanee godina kana keessa jiraatu yeroo amma afaan qabatee uummata waliin hiriiree jiraatuun Qeerroon gabaasee jira.
Itti fufuun har’a Adoolessa 20 godina Booranaatti FXG uummataa fi barattoota yeroo gannaa boqonnaaf galaniin itti fufee jira.  FXG Boorana ona Yaaballootti har’a gaggeeffamaa oole ganama irraa kaasee dhaadannoowwan
–       ABBAAN BIYYAA OROMOODHA
–       GAAFFIIN ABBAA BIYYUMMAA NUUF HAA DEEBIHU
–       LAFTI KEENYA SAAMAME NUUF HAA DEEBIHU
–       MOOTUMMAAN WAYYAANEE HATTUUDHA
–       JIREENYA UUMMATA OROMOO DIIGUUF KAN DHAABBATE MOOTUMMAAN ISAA HAA DIIGAMU
–       ABO’N NUU HAA BULCHU
Jechuun dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru. Daandiwwanis Qeerroo Yaabelloon cufamuun kan gabaafame yoommuu tahu jiraattota naannichaa
yeroo duraa kanaaf FXG jabeessanii humna waraanaa dura dhaabbatanii falman kana doorsisuuf dhukaasni uummata irratti dhuka;e ture uummata
hafe dachaadhaan gara FXGtti hirmaachise.
Onuma kana keessatti milishootni gara gaaffii uummataa dhaabbatuu fi deggeruu irratti hiriiruu gabaasni Qeerroo addeessera. Milishootni fi
hojjetootni waajjira dhaabaa keessaa hojjetanis gaaffiin uummata siriiddha nuti uummata keenyaaf dhaabbanna malee kan uummata
shororkeessu hin deggerru jechuun murannoo qaban agarsiisaniiru. FXG itti fufiinsaaf halkan kanas Qeerroon waraqaa adda addaa bittimsee
jira.

SBO Adoolessa 22,2016. Oduu, Gabaasa FXG fi FXG Baha Oromiyaa Keessatti Deemaa Jiru Ilaalchisee Gaaffii Fi Deebii Gabaabaa Dargaggoo Guutuu Waliin

Aside

SBO Adoolessa 22,2016. Oduu, Gabaasa FXG fi FXG Baha Oromiyaa Keessatti Deemaa Jiru Ilaalchisee Gaaffii Fi Deebii Gabaabaa Dargaggoo Guutuu Waliin

Aside

Godina Wallaggaa Waamaa Hagaloo magaalaa Qassoo keessatti fincilli Xumura garbummaa itti fufee jira!

Aside

Itti fufaAdoolessa 21,2016 ,Fincilli Xumura Garbummaa Magaalaa Qassoo jedhamtu keessatti itti fufe. Ka’umsi fincilicha poolisooti hawaasa nagaa gabaa tti daldalachuuuf ba’e reebuu fi  cunqursuutti erga ka’anii oolee kan bubbule yeroo ta’u , fincila kanarraa kan ka’e qeerroo fi hawaasi magaalaa poolisoota lama  Taammiruu fi Gulummaa kan jedhaman irratti tarkaanfii fudhateen,   poolisootni kun gara hospitalatti fudhatamaniiru!

Yeroo ammaa kana humni waraanaa magaala Kanatti bobbaafamuun hawaasaa barbaadan saamaa gidirsaa akka jiranis beekameera Fincila Kanaafis Qeerroon bakkicha magaalota olla jiraniif akkasumas gandoota badiyyaatiif waamicha fincila xumuraa garbummaa dhiyeessuu isaanii odeessi qeerroo ibseera.

Godina Arsii lixaa magaalaa Seeroftaa keessatti waraanni Wayyaanee ummata Oromoo mirga ufiif falmachuuf sochii godhu doorsisaa fi reebichaan ukkaamsaa jiraachuu Qeerroon gabaase

Aside

because-i-am-oromoGodina Arsii lixaa magaalaa Seeroftaa keessatti waraanni Wayyaanee ummata Oromoo mirga ufiif falmachuuf sochii godhu doorsisaa fi reebichaan ukkaamsaa kan jiruufi guyyaa kaleessaa Adooleessa 20 2016 halkan dargaggoota hedduu hiriiraf ummata yaasuf yaalii godhaa jirtu jechuun mana manarra deemee mana hidhaatti guuraa turuun dhagayame dargaggoota mana hidhaa maagala seeroftaatti guuraman keessaa ammaf kan maqaan isaanii nu gahe.

1, Muhaammad Adam

2, Huseen Awwal

3, Amiin Waariyoo

4 Husiyyaa Dhaqaboo

5, Jeylaan Aloo fi Qamar Muhaammad jedhamu.

Karaa biraatin magaalaa shirkaa keessatti Adoolessa 20 216 galgala polisiin feederaalaa ummata reebaa buluun kan dhagahame yoo ta,uu namoota galgaleeffatanii gara manaa galan reebaa turuu fi ummanni magaalattii yeroo ammaa dheekkamsa keessa jira , Arsii bahaa magaalaa sireetti Adoolessa 19 2016 basaasummarrati bobba,anAmaan Jundii fi Baqqalaaa Urgeessaa namoota jedhaman tarkaafii irratti fudhatameen magaalaa dheeraattii yaalamaa jiraachun himame.

Maqaa Biiroon Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa Jedhuun Mootummaan Wayyanee Mirga Lammiilee Sarbaa Jira.

Aside

FB_IMG_1469032145794 FB_IMG_1469032150175Adoolessa 20,2016/ Biiroon Industiriifi Misooma Magaalaa Oromiyaa maqaa rakkina manneen jireenyaa hiiku jedhuun Baankii itnternaashinaali Oromiyaa wajjin hojjettoota baankichaa kanneen Finfinnee keessaa hojjetaniif magaalota addaa naannawaa Finfinnee keessatti mana ijaarsisuuf jedha!

As irratti gaaffiin qabnu,Baankiin Internaashinaali Oromiyaa hoji baankiin tokko hojjetu hojjechuudhaan gibirafi qaraxa barbaachisu magaalaa finfinneef baasaa akkamin maagalota Oromiyaa irra kennamaaf kan jedhuuf hangama finfinneen harka Oromoo aka hin jirreefi mirga ofii namaa dhiisuu qabeenyaa biyyattii keessattis imaan Oromoo dalaganii bakka akka hinqabne waan agarsiisuuf Finfinneef hojjechaa Oromiyaa irraatti kan fedha isaanii hojjechuf yaaluun gad aantummaa OPDO fi mirga lammiilee Oromoo rabamuu agarsiisa

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Adoolessa 19, 2016

Aside

Wallagga,Qellem, Jimmaa Horroottii Namooti Hidhaman Muraasni Wabiidhaan Gadhiifaman, Namootni Hedduun Ammooo Reebichi Irratti Raawwataa Jira

Aside

Because I am OromoAdoolessa 19,2016 FXG godina Qellem aanaa Jimmaa Horrootti torbanoota kanneen wal irraa osoo hin citiin itti fufee jira. Waraanni wayyaanee uummata nagaa shororkeessaa jira. Adoolessa 17 uummanni hedduun mana hidhaatti guuramee jira. dhukaasni uummata irratti yeroodhaa yerootti banamuun qonnaan bulaa gara mana hidhaatti guuraatti jiru. Namootni guyyoota lama dura hidhaman keessaa har’a wabiidhaan gadhiifaman keessaa kan Qeerroon gabaase
1.      Lataa Wiirtuu
2.      Daagim Warataa
3.      Shumata Danuu
4.      Takkaaliny Waraatuu
5.      Takkilee Tadale
6.      Dastaa
Kanneen jedhaman wabiidhaan yoo gadhiifaman kanneen mana hidhaatti hafanii fi reebichi itti hammaatee jiru
1.      Sanbata Oljirraa
2.      Kibiruu Oljirraa
3.      Raammataa Tashoomee
4.      Nuuree Tashoomee
5.      Nabiyyuu Tashomee
6.      Caalii Ganjoosaa
7.      Sharinnat Tamasgen
8.      Geetuu Tasfaayee
9.      Isayyas Addisuu
10.     Kalile Idiris
11.     Zelalem Asawuu
12.     Minala Kadir
13.     Abdisa Indaaluu
14.     Amanuel Israel
15.     Gammachuu Bantii
16.     Naatoo Girmaa
Isaan kunneen mana hidhaatti reebichi irratti raawwataa akka jirus Qeerroon gabaasee jira. Har’as  itti fufee waraanni Wayyaanee naannicha shororkeessaa akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Humni WBOs naanicha qubatee jiraatuun wayyaaneetti shakkii uumeen poolisoota
naannoo irraa haga waraana humna agaaziitiin ona Jimmaa Horroo buufatee jiraatuun Qeerroon gabaase.

SBO Adoolessa 20, 2016. Oduu, Gaaffii fi deebii dargaggoota Oromoo gara qabsootti seenan waliinii- Kutaa jalqabaa fi qophii biroo, akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

SBO Adoolessa 20, 2016. Oduu, Gaaffii fi deebii dargaggoota Oromoo gara qabsootti seenan waliinii- Kutaa jalqabaa fi qophii biroo, akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside