Qophii Qaanqee Show waa’ee video “Gochaa Shorokeessaa ABO fi Hadha Jawar Mohamed jedhame irratti

Aside

Continue reading

Gootummaan Oromoo gandaa,aanaalee fi guutuu Oromiyaa irra darbee hamma adduunyaa biyya lafaa raajutti itti fufee jira. Atileet Taammiruu Dammisee seenaa galmeesse!

Aside

demissee

Fiixa Baasuutu Nu Hafe!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

annis_biyyaan_qabaQabsoon Oromoo ABOn hogganamu, qabsoon hidhannoo fi qabsoon FXG qeerroo dargaggoota Oromootiin finiinaa jiru guyyaadhaa gara guyyaatti babbalachaa fi jabaachaa deemuudhaan yeroo ammaa kana diina ulaa/ holqa/ duubatti deebi’uun hin danda’amne seensiisee jira. Oromoon firii qabsoo isaa, qabsoo hidhannoo ABOn gaggeeffamu, qabsoo FXG qeerroo dargaggoota ilmaan isaan finiinaa jiruu dhandhamuuf sadarkaa xumuraarra gaheera jechuun ni danda’ama.

Har’a caasaan diinaa gutummaa Oromiyaa keessaa ciramee bahaa jira.

Caasaan diinaa duraan ummata goolaa ture tokko shanee irraa eegalee amma kaabinee gandaa,Onaa fi Godinaatti Oromiyaa keessaa gara magaalaalee gurguddoo biyyattiitti baqachaa jiru. ummanni Oromoo Oromiyaa iddoo hedduutti gibirra kaffaluu, walgahii Wayyaanee fi jalee ishii OPDO dhaquu dideera.

Ummanni Oromoo keessuumaa WBO fi qeerroon Oromoo ergamtoota sirnichaa bakka arganitti adabaa jiru. Qabeenyaa isaa barbadeessaa, meeshaalee aadaa qabaniin reebaa jiru. Hidhattoonnii fi miseensoonni waraana sirnichaa kanneen ilmaan cunqurfamootaa ta’an hedduuniis ajaja sirna wayyaanee lammii keessan ajjeesaa jedhu diduun gara qabsoo ummataatti makamaa jiraachuun ifatti gabaafamaa jira. Continue reading

Waldaan Christian Oromoo Magaalaa Finfinnee.

Aside

Qeerroon Godina Shaggar Lixaa Aanaa Jibaat Kaabinootaa fi Basaasota Wayyanee Magaalaa Shaanan Keessa Jiraataniif Dhaamsa Ariifachiisaa Dabarse.

Aside

Fulbaana 11,2016 Qeerroon Bilisummaa Aanaa Jibaat  Basaastoota Aannaa Jibaat Magaalaa Shaanan Keessaa jirta hundaaf akeekachiisa maayyii dabarse- Kanneen keessaa Kabinee keessaa

1ffaa Baqqaalaa Abdaataa

2ffaa Fayyeeraa Diribbaa Jareen kun akka ijooti Ummata reebisisuu fi Hisisuu keessati Shoraa guddaa gochaa jiru. kan biroos :-

3ffaa Taddaalaa Girmaa

4ffaa Tasfaayyee Dagaafaa

5ffaa Mallakuu Tafarii

6ffaa Dabaalaa Damisee

7ffaa Zanabbaa Kabaddaa

8ffaa Dasuu Zanabbaa Kabaddaa

9ffaa Takkalaa Tashomaa

10ffaa Toolasaa Kabaddaa

11ffaa Dajjaanee Faajjii

12ffaa Dhibissaa Moottii

13ffaa Kaabbaabaa Bayisaa

14ffaa Kumissaa Dhanigiyyaa

15ffaa Abbarraa Dhabassaa

16ffaa Galanaa Likuummaa

17ffaa Shallammaa Idoosaa

18ffaa Amaarree Laggaassaa

19ffaa Addee Ararrisee Indaabuu

20ffaa Addee Abbaabuu Qaalibeessaa

21ffaa Abbarraa Naageesoo

22ffaa Waaldee Fayyeeraa

23ffaa Shuummaa Naagaasaa Jarreenii Maqaan issaan armaan olitti eerraamee ( xuqaamee ) kun daddaffiin ummata Oromoo dhiifama gaafachuun gochaa keessaan irraa akka dhaabbattan dhaamsa Qeerroo Bilisummaa irraa isinii darba. Haala kana irra dabartanii ummata nagaa ajjeessuu fi hiraarsuu,Oromoo mirga namoomaa fi abbaa biyyummaa dhorkattu taataan gaafatamni kan mataa keessanii ta’uu hubachuun waajiba.

Karaan Oromiyaa Keessaa Garam Nama Geessaa???

Aside

abo abo3abo1 abo2 abo5

“Goota Akka Fayyisaa Ciccimootu Dhalata ” Artist Hirphaa Ganfuree fi Danga Haileyesus

Aside

Oromiyaa Guutuu Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

fxgFulbaana 10,2016 Wayita kana akkuma beekamu haalli ormiyaa keeysa jiru danqaa fi ummanni Oromoos yeroo itti bilisummaa isaa gonfatu fakkaatee jira.
Fooliin Bilisummaa kan urgaa’aa jiruudha. Torban kana sababan dirqama hojif bobbahee tureef caasaan odeesa sochiiwwan Qeerroo fi uummataa kan godinoota hundaa irraa yeroo kana sochiin hubatamu haala jabaa tahuun kan diina abdii kutanna dhumaa fi uummatas kan boonsu tahuun shakkii kan hin qabne tahee mul’ateera.
1.      Godina Qellem wallaggaa irraa magaala Dambi Doolloo fi naannowaa ishee guutummaatti FXG dhowee uummanni magaalicha dhuunfatee kan ture Wayyaaneen humna lakkoofsa guuddaa fi meeshaalee gurguddaa bobbaasuun uummata irratti dhukaasni banamee kan jiru guyyoota muraasa asitti haga ammaatti namni 5n wareegamuun beekamee jira. ijoolleen lama magaala DD ganda 07 keessatti yoommuu tahu kaanis baadiyaattii miidha jabaan uummata irra gahaa jiraatuun odeessi dhufe addeessa. Uummanni FXG baadiyaa keessatti finiinsuun daandii cufuu, riqicha addaan kutuu fi kkf irratti hojeta jira. Fulbaana 6 kaasee magaalli Dambi Doolloo humni uummataa waan isaan sodaachiseef uummanni manaa akka gadi hin baane gootee jirti. Humna addaa daangaa irraa dhufe achi buusuudhaan Qeerroo dhabamsiisuuf meeshaa kanneen akka matiriyeesii fi kkf konkolaataa hedduudhaan magaalicha nannawuun uummata doorisaa turaniiru. Sababa kanatti uummanni guyyoota sadan kana mana keessaa gadi bahuu hin dandahu har’a garuu manaa bahuun garuu bittaanii fi gurgurtaan akka hin jirre magaalicha keessa gabaafamaa jira. Inni kun waggaa kana guutuu irratti hojjenna jechuun naggaadoni itti walii galaa jiran. Tajaajila geejjibaas kennuun itti fufiinsaan akka tahu uummanni ammallee waamicha isaa waliif dabarsaa jira.  namoni hedduunis hidhaatti guuramaa jiru.
2.      Magaala shawaa lixaati hojjettootni baatii tokkoon dura hojii dhaabanii jiru. Godina kana keessatti Amboo, Geeddoo, Gudar, Mugar, fi kkf keessatti duulli hojii dhaabuu milkaawee waan jiruuf Qeerroon caasaa isaa toohachuudhaan kan warraaqsicha butachuuf barbaadanis toohannoo caasaa tolchuudhaan hojii itti fufsiisanii jiru.
Konkolaattotni hedduun barbaadeeffamaniiru. Yeroo kana waraqaan Qeerroodhaan barreeffames ABO fi WBO kan leellesu Shggar  lixaatti haalan bittimfamee argama. Inni kun halkan halkan waan hojjetamuuf humni waraana agaazii jedhamu magaalota sana keessa buufatee jira.
hojiin tikoota dina achi keessa buufatanii jiran halkan waraqaa Qeerroo faca’e bulu ganama osoo uummanni hirribaa  hin kahin funaanuudha. Haala kanaan uummanni qabamee qabamee gadhiifamaa jira.
3.      Wallagga lixaa Gimbii, Najjoo, Mandii, Hoomaa fi kkf keessatti FXG uummataa jabaatee itti fufeetu jira. godinoota kana keessatti haaluma kana wal fakkaataadhaan diddaa gibiraa, gabaa dhiyeessuu, walgahii diduu fi kkf kan wal irraa hin cinneen itti fufeetu jira.  akka lixa Oromiyaa waluma gala injifannoo gurguddaatu jira gama FXGtiin gama tarkaanfii uummata keessaa fi humna FXG keessatti ijaaramee socho’u kan of duuba hin deebineen gumaa gootota waregamanii baasaa jiru, kan adaba basaastota diinatti kennaa jiru magaalota oromiyaa garagaraa keessatti haala wal fakkaadhaan itti fufee hojjetamee jira.
4.      Naannoo FF fi Shaggar kaabaa dabalatee godinoota addaa keessattis Qeerroon uummanni keenya dhiyeessii garagaraa gara FF dhiyeessu irraa deebisaa jira. waggaa kana akkuma karoora keenyaatti dhiyeessii kutuu ,yeroodhaa yerootti daandii cufuu, tarkaanfii fudhachuu, walgahii diduu, gibira kaffaluu diduu, fi kkf mirkaniidha.  Shawaa kaabaa fi naannoo amaaraa kan geessu daandiiwwan bakka hedduutti citanii jiru. Amma mootummaan wayyaanee kufaatii isaa mirkaneeffataa dhufeera. Godinoota biroo oromiyaa keessatti FXG sadarkaa baadiyaatti itti fufee jira waggaa dhufaa jiru kana manneen barnootaa kamuu oromiyaa keessatti akka hin gaggeeffamne akkuma murtii Qeerroo olaanaa irraa darbetti caasaadhan gadi buhee uummanni oromoos FXGf of qopheessaa jira.

SBO Fulbaana 11,2016. Oduu, Gabaasa xalayaa gareen mirga dhala namaaf falman Tokkummaa Mootummootaaf barreessan irratti qophaa’ee fi gaaffii fi deebii Artist Zarihun Wadaajoo waliin godhame kutaa lammataa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 9, 2016

Aside