Gootummaan Oromoo kana duraa ammas akka itti fufuu hawaasa keenya jajjabeessuuf gootummaa keenya kaleessaa beekùun barbaachisaadha!

Aside

Gootummaa  kutaa 2ffaa

Noolee Buttaatiin

akkatti-jiruOromoon gaafa lolaaf ba’u “lafee jedhee “nyaata” waliin nyaata namni nyaata sanatti akka tasaa dhaquyyuu dhiisee galuun qaaniidha…….

Kutaa darbe keessatti Gotummaa irratti  gootummaa Oromoon dur qabuu fi har’as gootummaa qabaannee ilaacha warra lixaa fi rakkoolee keessaatiin qabsoon Oromoo keessattuu waggoota 11ffaaf  adeemsifamaa jiru gara fuula duraatti Humna Ittisa Uummataa  kan tooftaa waraana ammayyaa fi waraana riphe lolaa Gadaatti dhimma bahuu qaba ilaalcha jedhurraa ammas kutaa 2ffaa isaa isinii barreessuuf dirqameen jira.

Gootummaa Oromootiif lammiileen alaafi diinni ollaa Oromoo utuu hin hafin barreessaniiru,ragas ba’aniiru. Kan dhiironni barreessanirraa waan dubartoonni Goojjam dhiira isaaniitin jedhan kun qofti ga’aadha!

አመጣለዉ ብሎ ጆሮ ትልትል በረ
ጮማን  ገብቶ ቀረ የጎጃም ገበረ 

Bara 1840oota keessa hattootni Goojjam keessaa ka’anii uummata Oromoo saamuuf naannoo Horroo Guduruutti yeroo nam’an waraanni riphe lolaa Gadaa laaqii keessatti eeggatanii haleelanii achitti isaan fixaa turan keessattuu laaqiin Raaree Coomman lola kanaaf mijataa akka ture loltoonni yeroo sanaa filachuu isaanii barrooleen Seenaa Oromoo galmeessaniiru.

Yeroon kun yerootti Abiisheen weerartoota yeroo lamaa ol of irraa qolateefi humnoota akka Qadiidaa Wannabee isa Jimmaa Raaree,Teessoo Qannoo isaAmuru Jaartee fi Soorii Galaa isa Jimmaa Gannatii warra alagaa wajjin Goojam irratti qunnamtii tolfatuun waraana Oromoo naannoo sanaa irratti geggeessuuf utuu jiranii,tokkummaa dhabuu Oromoota Horroo Guduruu kan hubatte Haati Mootii Gudayyaa Dojaa Arbaas akkas jette jedhama. Continue reading

SBO: Sadaasa 06 Bara 2016. Oduu, Gaaffii fi Deebii miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal Odaa Xasee waliin taasifamee fi Ibsa Ejjennoo Gurmuu Miseensota WBO Biyya Alaa.

Aside

ቄሮ : የኦሮሞ : ወጣቶች: ለነፃነት: ንቅናቄ : ድምፅ : የሳምንቱ : ዜና :: (SQ) November 4, 2016

Aside

Yuunibarsiitii Jimmaa Damee Kitoo Furdisaa (Technological science) Keessatti Barattoota  Ambulaansiidhaan Rukutuun  Ajeesanii Jirachuun Beekame

Aside

Sadaasa 5,2016

Mooraa Jimma Yuunibarsiitii damee Kitoo Furdisaa keessatti qaroo hawwaasaa kan ta’an barattoota Oromoo sadii Ambulaansiidhaa beekaa rukutuudhaan lama ajjeesanii tokko du’aaf jireenya gidduu jiraachuu Qeerroon gabaase.Ajjeechaan kun  guyyoota muraasa darban keessa kan fudhatame yoo ta’u,Barataan Ajjefame tokko gaafasuma haara reef kan mooricha seenee guyyuma sana du’aan gale yoo ta’u kanneen hafan sunneen illee haala rifaasisoon ajjeefamuun akkan kan Aarse jiru ta’uu barattoonni dubbatan

Dhumaatii fi Dhabamuu irra Dandamachuuf

Aside

Damee Boruu Irraa

Qeerroo bilisummaaWaraana Wayaanee amma funyaa isa gahutti meeshaa baraan hidhatee jiru Qeerroon Bilisumaa Oromoo harka qullaa murannoo guutuun dura dhaabbatee sochoosuu dorkuudhaan   injifannoo isa duraa uummata Oromoof galmeesse jira.  Uummatni Oromoos waamicha ijoollee isaa fudhatee Oromiyaa guututti  irree tokkoon ka’e, “lakki nu gahii nu irraa deemaa” jechuudhaan qabsoon bilisummaa akka dagaagu gargaareera. Mootummaan TPLF,” amman bakkatti  isaan galsha “jettee dhaadachaa turte waan qabduu fi waan gadi dhiistu walaaltee ofii bakka galtu mala dhachuu eegalte.

Mala argatte keessaa tokko Labsii Hattattamaa labsuudhaan uummata Oromoo caalaatti hiraarsuu fi sodaachisuu yaaluu akka tahe agarree jirra. Innis akka ishee baasuu hin dandeenye bareechitee hubatti. Gochi kun hunda caalaa saaxxila ishee baasee akka qullaa dhaabbatu ishee godhee jira. Kan dura qabeenyi  biyya sana baayyee gudachaa fi demookraasiin biyyaa sana keessatti  hedduu dagaagaa jira jedhanii warri  ishee faarsaa ture hunduu wajjin salphate. Beelli karaa tokkoon uummata fixxaa jira. Ishee aangoo irraa turuuf jechaa humna ishee dura dhaabbatu hundaa fixxuuf abbalaa jirti. Haalli kuun lubbuu ishee gabaabsaa jira malee aangoo irra kan ishee tursiisu miti. Ummatni Impayeera Itoopiyaa sana keessa jiruu hunduu ishee xireefatee irratti ka’aa jira. Continue reading

Lixa Oromiyaa Aanaa Guutoo Giddaa Ukkee Qarsaatti Hidhaaf Dararaan Uummataa Mootummaa Wayyaanee Akkuma Itti Fufetti Jira

Aside

Sadaasa,3,2016

because-i-am-oromo Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti ilmaan Oromoo Ajjeefamaa,Gideedamaa,Hidhamaa,Reebamaa jiraachuu himamaa jira.Haalli kun daran kan hidda gadi fageeffatee jiru yoo ta’u Uummata dararuuf kinaanuun waan aangoo isaarra turu itti fakkaatullee dararaa suukanneessaan kun gadoof haaloo jabaa akka uummatni qabatu taasisaa jira.
Haaluma kanaan barsiisota qaroo ummataa ta’an Aanaa Guutoo Giddaa Ukkee Qarsaatti
1,Daarikteera Mana Barumsaa High school Ukkee kan ture barsiisaa Olqabaa Asaffaa
2,Jiraataa Maagaalaa kan ta’e Oliiqaa Raggaasaa torbee kana keessa hidhamanii bakki geeffaman hin baramin jira.Achuma Aanaa Waamaa Hagaloo irraa Barsiisinni hedduun hidhamaa jiraachuu Qeerroon gabaase

Godina Wallaggaa Bakkeewwan Hedduu Keessatti Haalli Jiruuf Jireenya Uummataa Daran Yaaddeessa Ta’aa Jira

Aside

Sadaasa 4,2016

Erga labsiin ajjeechaa kallattiin nurratti labsamee asitti jiruuf jireenyi uummataa akkaan ulfaataa jiraachuu jiraattonni ona Wallaggaa bakkeewwan garaagaraa irraa nuuf himan.Haaluma kanaan FXG guyyaa dheengaddaa ona Waamaa Hagaloo keessatti ka’een wal qabatee barsiisota hedduu hidhaa kan jiran akkasuma qote bulaan akka midhaan hin sassabbanneef qote bultoota hedduu maatii isaaniirraa qabaa kan jiran kaanis suuraa isaanii qabatanii humni Command Post sakkataa’aa jiraachuun y himame.Ganamaa galagala sakkattaan seeraan alaa nurratti raawwatamaa akkasuma yakkoonni saamichaa,gudeeddii shamarran keenyarra gahaa jiraachuus maddeen Qeerroo naanichaa gabaasan.
   Achuma ona Sibuu Siree keessattis yakkoonni wal fakkaatoon kanneen Gudeeddii,Saamichaa,Sakattaa humnaan olii,Reebichaa babal’ataa jira.Ukke Qarsaa irras barsiisotaaf jiraattota hedduu adamsanii qabaa jiraachuun gabaasnee turuun keenya nii yadatama.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Sadaasa 4, 2016

Aside

Kabajaan Jaallan Qabsoo Nudura Eggalaniif Haata’u. FDG Umurii Waggaa 1 Jechuun Seenaa Jaallan Baroota Dheeraaf Wareegamanii Haaluun Seenaa Saba Ofii Wallaaluu Irraa Eegala.

Aside

FDG / FXG Waggaa 11 Guute – Warri Reefuu Hirribaa Ka’an Waggaa 1 Jedhu

fxg1Kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan tahe ABOn gama isaatiin duula diinaa kana wareegama akkaan ulfaataa tahe baasuudhaan murannoo fi cichoomina, akkasumas of kenniinsa ol’aanaadhaan dura dhaabbatee fashalsuudhaan bara 1998 Kora Sabaa Hatattamaa gaggeeffachuutti erga milkaawee booda mala ittiin duula cubbuu Wayyaaneen gaggeessu kana guutuutti irra aanuun danda’amu irratti halkanii-guyyaa hojjechuu fi mala baasuu jalqabe.diribeej2015

Tooftaa fi tarsiimoo ABOn kanaaf baafate keessaa guddaan tokko duubbeen QBO Ummaticha Abbaa Qabsoo (Saba Oromoo) fi Oromiyaa bal’oo akka tahuuf hojjechuu dha. Hojii qabsoo bal’aa fi dadhabsiisaa obsaa fi bilchina guddaa, akkasumas wareegama hadhaawaa gaafatu kanaatu bara 2000 irraa eegalee Ummatni Oromoo (keessattuu dargaggootni Oromoo) maadheedhaan ijaaramuudhaan akka QBO irraa bal’inaan hirmaatan taasisuutti milkaawuu jalqabe.

kabadajagama2009Ganna 11 dura (Sadaasa 09, 2005) hoogganummaa Adda Bilisummaa Oromoo fi hirmaannaa Saba Oromoo (keessattuu dargaggoota Oromoo)tiin Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) dhowee guutuu Oromiyaa waliin gahuudhaan sirna bittaa alagaa hundee irraa raasuu jalqabe itti fufiinsa hojii kanaa ture. Warraaqsi Bilisummaa Oromoo yeroo sana maqaa Finicla Diddaa Gabrummaa jedhuun dhowe hirmaannaa Sabni Oromoo Qabsoo Bilisummaa isaa keessatti qabu boqonnaa haaraatti kan ceesisee fi duubbeen QBO Ummatichuma Abbaa Qabsichaa sana tahuu kan mirkaneesse ture. Osoo Wayyaaneen ABO fi WBO bosona Oromiyaa fi biyyoota ollaa keessatti adamsituu magaalaalee fi baadiyyaalee Oromiyaa guutuu keessatti dargaggootni Oromoo ABOdhaan gurmaawanii Alaabaa Dhaabichaa mirmirsaa WBO fi ABO faarfachaa gaaffii Bilisummaa ifatti dhawwaaquudhaan ABOn Oromoo, Oromoonis ABO tahuu fi duubbeen ABO Ummata Oromoo tahuu ifatti mul’isan. Continue reading

SBO Sadaasa 04,2016. Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Sadaasa 9 Guyyaa Yaadannoo FDG Waggaa 11ffaa ilaalchisuun Ibsa Qeerr oo Bilisummaa Oromoo irraa kennamee fi Gaaffii fi deebii dargaggoo Mu’aaz Zeeynuu kan mana hidhaa Riyaad, Sa’ud Arab iyaa keessatti argamu waliin geggeeffame

Aside