Oromo TV: Oromoo, Oromiyaa fi Impaayera Toophiyaa – Seenaa irraa

Aside

SBO SADAASA 16,2016. Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Haala Baha Arsii keessa jiru irratti gaaffii fi deebii jiraataa naannoo waliin, akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

SBO: Sadaasa 13 bara 2016. Oduu, Xalayaa Hayyu-dureen Gumii Sabaa ABO Barreessaa-duree Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif barreessanii fi Ijoo Dubbii ABO.

Aside

SBO Sadaasa 11,2016. Oduu, Gabaasa Tarkaanfii WBO Godina Kibba-Bahaa fi Gaaffii fi Deebii Dr.Gadaa Oljirraa waliin taasisame kutaa 2ffaa

Aside

SBO: Sadaasa 9 bara 2016. Oduu, Yaadannoo FDG waggaa 11ffaa ilaalchisee qophii qindaa’e, Yaadannoo FDG waggaa 11ffaa irratti qophii Hawaasa Oromoo UK fi Hiriira Hawaasni Oromoo Kanaadaa – Otaawaatti gaggeesse Akkasumas SBO sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

SBO: Sadaasa 9 bara 2016. Oduu, Yaadannoo FDG waggaa 11ffaa ilaalchisee qophii qindaa’e, Yaadannoo FDG waggaa 11ffaa irratti qophii Hawaasa Oromoo UK fi Hiriira Hawaasni Oromoo Kanaadaa – Otaawaatti gaggeesse Akkasumas SBO sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sadaasa 9 Guyyaa FDG Ilaalchisee Faaruu Hawwisoo Qeerroon

Aside

Yaadannoo Fincila Xumura Gabrumma kan bara 2016 Ilaalchisee Ibsa Hooggana Jiddu-Galeessa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Kenname.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Dhiigni Bilisummaaf Sabaaf Dhangala’e Bolola Angoo Siyaasaan Hinsharafamu.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sadaasaa 7, Bara 2016

Waan hundaa dura miseensota Qeerroo Bilisummaa fi qabsa’oota Bilisummaa Oromoo Fincila Diddaa Gabrummaa osoo finiinsanii wareegaman hunda guyyaa seena qabeessa kanatti gootummaa olaanaan yaadachuu feena. Addatti ammoo jaallan keenya erga Fincilli Xumura Gabrummaa Sadaasaa 2015 labsamee as qabsoo saba isaanii irratti wareegamaniif, har’a qaamaan nu biraa dhiban illee, kaayyoo isaan irratti kitiman sana fiixaan baasuuf hirbuu keenya  kaleessaa irra deebinee onnee guutuun haaromsinaaf. Guyyaa seena-qabeessa kanatti gootowwan keenya nu biraa wareegaman miira wal-makaan yaadanna. Gama tokkoon jaallan keenya of biraa dhabuu irraa gaddi suur-qalbii keenya yommuu waraanu, gama kaaniin ammoo lubbuun jaallan keenya wareegamanii bu’uura Bilisummaa saba keenyaa utubaa waan jiruuf sabboonummaa cimaa nu keessatti danboobsa. Gootonni keenya kun seenaa saba keenya keessatti bara baraan yaadatamaa jiraatu.

Fincilli Diddaa Gabrummaa haaloota akkaan rakkisoo tahan keessa qaxxamuraa as gahe. Finchilichi kiyyoo diina tarsiimoo fi shira ayyaan-laallatoota keessa dandamatee waggaa kudha-tokkoffaa isaa yommuu kabajatu kana injifannoolee cululuqoo tahan galmee seenaa qabsoo Bilisummaa keessatti barreessuudhaan. Fincilli Diddaa Gabrummaa Sadaasaa 9 bara 2005 akkuma labsameen qabsoo sabicha of dura tarkaanfachiisu eegale.  Dhalootni haarawaan muratnoon cimaan guutamee Diddaa Gabrummaa sabichaa qindeessuu fi hoogganuun dirqama sabummaa olaanaa bahaachuutti bobba’e. Haala akkaan rakkisaa keessatti waggaa kudhan guutuuf qabsoo sabichaa of-irratti hirkannoo cimaadhaan taliige. Qeerroo fi Qarree Oromoo sadarkaa sadarkaan ijaaruun itti-fufiinsa qabsoo Bilisummaa saba keenya mirkaneesse. Dhalootni haarawaan Bilisummaa dhugaa fi Dimokraasii haqaa akka gonfataniif onnachiise. Continue reading

“Qeerroo Jabeessaa Diddaa Rorroo” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Eebbaa Waaqwayyaan

Aside

Oromo TV: Xurii irratti xurii biroo dabaluun ajaa/kosii hin qulqulleessu

Aside