Rakkoo Koleeraa Biyyattii Dhaqqabee Jiruun Sababeeffachuun Mootummaa Wayyaanee Shira Jabaa Xaxaa Waan Jiruf Of Eeggannoo Jabaan Nii Barbaachisa

Aside

Sadaasa 21,2016

Rakkoo Koleeraa Biyyattii Dhaqqabee Jiruun Sababeeffachuun Sirni bulchiinsa Wayyaanee Shira Jabaa Xaxaa Waan Jiruf Of Eeggannoo Jabaan Nii Barbaachisa
Ummanni Oromoo afaan Qawwee diinaarraa damdamatee saatii warraaqsa waloo dhoosee jiru kanatti icciita gadi fagoo fayyaadamuun balaa koleeraa biyyattii mudaterraa bilisa taatu jechuun Lixa Shaggar bakkeewwan hedduutti qoricha summaawaa laachaa jiraachuun lubbuu ilmaan Oromoo hedduu gqlaafataa waan jirtuuf Uummanni Oromoo gama maraan of eeggannoo jabaa taasisuu akka qabu Qeerroon hubachiisa.

Kalukalamiin Barnootaa Hanqina Baajeta Supha Jedhamee Itti Yaadamee Jijjiramuuf Qophiin Cumurame

Aside

Sadaasa 23,2016
Wayyaaneen TPLF dhimma hanqina baajetaa mudate suphachuuf guutummaa biyyattii keessatti sirna baruuf barsiisuu manneen barnootaa sadarkaa olaanoo irratti waggaa tokko tokko ida’uuf qophii xumuraa jiraachuun dhaga’ame.Haaluma kanaan barattoota moora Yuunibaesiitii hunda keessattuu wagaa tokko tokko ida’uun garaagarumma waggaa tokkoo gidduutti baajeta qisaasame deeffachuuf mala salphaa taasifachuun uummatatti gadi baasaa jirachuu maddeen garaagaraa gabaasa jiru.Department hunda irratti waggaa tokko tokko ida’uun baru dhuguu ka’ee hojiirra nii oola jedhamee yaadama.

SBO: Sadaasa 23 bara 2016. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Qophii Haala Yeroo Irratti Fuuleffate Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Stand-up Oromoo!! Ka’i Ka’i !! Wallee Warraaqsaa Bashannaan Haayiluu

Aside

Seenaa Gootota Oromoo- Tolchaa Wagii Irraa

Aside

Tolcha Wegi15135763_1183407701751915_4818155840607933021_n irraa #SeenaaGootaa-Otumaan ta’ee yaadan wa’ee keenya kana ol basee, gadi busee dawwadhuu, yeroo hunda namini ija koo funduraa hin banne natti dhufe . Namini kun akka abbatis, akka obboleessatti nama na gorseewaan hunda na keessatti uume yoon jedhe sooba dubbachuu koo miti.Nama jalatamaa kanaan Oromommatu mana rakkoo keessatti wal nubarsiise.Namini kun amma lubbudhan hin jiru.Wareggameera. Inni waregamuus seenaa isaa Irriyoota koo fb irra jiraniif qoduun natti mullaate. mee kunoo qodadhaa.Maqaan isaa Nagasaa Kumsaati.

Dargiin namoota akka Mullataa Fayisoofa Jalduutti eerga nu biraa fiixee namooni lubbuun haafine sababii adda addatiin harka isaani seenne. Dugiddi keenya amma qunca’uutti reebamine. mana hiidhaa Amboo keessatti lukitti keenya sansalaata(Chain) Kilo grama 10 ulifatun hidhamine teenye mana hiidha keessatti boolli nutti itti ajjeefaminu balinaan qotameera. Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Sadaasa 22, 2016

Aside

Don’t call me Shawaa!

Aside

By Rundassa Eshete

Don’t call me Shawaa,
Because that’s not my name,
And don’t call me Wallagga…
Because to me it’s all the same.
I’m not your “Shawaan”
because I was born as an Oromian,
And I’m not from west Shawaa…
So don’t attach to me your Habasha plate,
Just because you love to imitate,
As if you can’t think on your own,
Using your own able brain. Continue reading

Godina Wallaggaa Ukkee Qarsaa Bakka Jedhamutti Waraanni Wayyaanee Diddaa Ummataa Qabaneessuuf Hidhaa fi Reebicha Raawataa Bahaa Jira.

Aside

Sadaasa 21,2016 , Godina Wallaggaa ,Guutoo Giddaa Ukkee Qarsaatti Yakka Tokkoon Alatti Erga Manni Murtii Akka Lakkifamaniif Ajaje Baaseellee Humni diinaa Aangotti Fayyadamee ummata Hidhaa Jiraachuun Himame.
Erga biyyi keenya biyyi Oromiyaa afaan qawween buluu qabdee kan ture ta’ulle dhiyeenya of tultoti kallatti kan labsatanii hojiitti bobba’nii jiran,oggayyuu uummata kunaanuuf gidirsuu itti fufaanii jiran. Haaluma Kanaan jiraataa magaalaa Ukkee kan ta’an Obbo Oliiqaa Raggaasaa sababa tokkoon alatti mana hiraarsaa keessatti erga baatiwwan hedduu dabarsaniin booda manni murtii bilisa kan baase ta’ullee Waajjirri polisaa humnaan qabee hidhee jiraachuu odeesse Qeerroo Ukkee gabaasanii jiran. Continue reading

Yuunibarsiitiiwwaan Hedduu Keessatti Warraqsi Qeerroo Barattoota Oromoon Eegalamee Itti Fufee Jira

Aside

QerroooSadaasa 21,2016
Qeerroon barattoota  Oromoo sirna bittuu wayyaanee balaaleeffachuun,addatti gochaawwaan jii’ota kana uummatarra dhaqqabaa jiran yakka Gudeeddii,Saamichaa,Ajjeechaa,Hidhaa akkaan akka duubatti hin deebifne humna hudhatee jiru dura dhaabbatee dhageessisaa jira.
Haaluma kanaan tokkummaan Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Wallaggaa,Amboo hanga ammaatti wal harkaa fuudhanii diddaa jabaa dhageessisaa jiraachuu gaabasi sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaqqabe ifa godha.Duulli kun Yeroo dhiyootti haala duuba deebi’uu hin dandeenyeen guutummaa Uummata Oromoof barattoota Oromoon akka finiinfamu dhaamsa jabaa walii dhaamuutti jiran.

Yuunibarsiitii Amboo Damee Awwaaroo Warraqsi Barattootaan Finiinee Itti Fufee Jir

Aside

Sadaasa 21,2016
Yuunibarsiitii Amboo damee Awwaaroo Qeerroon diddaa sirna garboomsaa nafxanyaa jabeessee itti fufe.Sagalee dhukaasaa mooricha
keessaa nii dhaga’ama.Barattoota seenaan reebaa jiraachuunis Qeerroon gabaase