Wallagga Yuunibarsiitii Warraqsi FXG Eegalame Itti Fufee Jira

Aside

Sadaasa 21,2016
fxgMooraa Wallagga Yuunibarsiitii keessatti Qeerroo waan jalqabe xumura itti gochuuf waloon ka’ee gootummaasaa agarsiisaa jira.Yeroo humni xiqqoon wayyaanee ajjeesuuf,gudeeduu,hidhuu,saamuu irratti bibbaatee jirtutti nuti qeerroon barattoota ilmaan Oromoo calliifnee ilaaluun nurra hin jiraatu jechuun Sochii diddaa garaa Warraaqsaatti tarsiisuun FXG fardeessanii eegalanii jiran,Mootummaa shororkaa wayyaanee mataaf miilla wal’aalaa jirti,Qeerroo qabsoo kanatti xumura gochuuf waan eegale galmaan gahuuf gamaa gamanaa wal waamuu qabeera.Mooraa Wallaggaa keessatti amma saatii kana dhukaasa guddaatu dhaga’amaa jira. Tarkaanffiin kaaffee fi konkolaataa heedduu kan moorichaa irratti fudhatamaa jira.Lubbuin nama biyya nama hin naasifne keessatti qabeenyi nama naasiisuun akkan akka sammuu namaa xuqus agarsiisaa jiru.

Hiriira Guddaarratti Sabboontonni Magaalaa Naqamtee Nannoo Jaatootti Rasaasa Diinaan Rukuman Lama Fayyuummaan Isaanii Yaaddeessaa Ta’ee Gara Hositaala Olaanootti Dabarfamuuf Jechuun Dhaaga’ame Haalli sabboontota lama guyyaa gaafa hiriira guddaarratti rukutamee haalaan nu yaaddeessaa jira jedhu akka gadii kanatti “Sabbonaa Suyyum Asfahuu fi sabbontuu Zarituu Bultii yerobayyee hidhadhaf rebichaan dararamaakanturan ammammo rasasa wayyanenrukutamanii rakkachaa jiruu suyyumimmo rasasi qomasakesatti wanafef lenca gurraachaa demee akka bafatuuf riferi ta ewanjiruf birri busa fi jirraa”

Godina Jimmaa Keessatti Loltooti Wayyaanee Ummata Nagaa,Barattootaa fi Hojjettoota Ragaa Tokko Malee Hidhaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Sadaasa 21 2016
Jimma Yuunibarsiitii Keessatti barsiisota Yuunibarsiitii hadamsanii qabuun hiraarsuun danatee jira.Yeroo sochii jaabaaf takaroo gurguddaa uummati Oromoof diinnisaa ilmaan nafxanyootaa walii gaggeessa jiran kana keessatti barsiisota hidhuun akka waan qabsoo Oromoo naafisuutti kan fudhatanii jiran,Hojii isaanii kana itti cimanii hojjetanillee guyya guyyaa warraqsi wal horee itti finiinaa jira.Akkuma kaleesaa gabaasnee turre mooraa kitoo furdisaarraa ilmaan sabboontota barattoota saddet(8) mootummaan ukkanfamanii kan jiran yoo ta’u barattoota cinatti barsiisotas hidhaa jiraachuu Qeerroo Yuunibarsiitichaa gabaasa .
Dr.Fiqaaduu Asaffaa kannee hidhamanii hiraarfamaa jiran keessatti argamu

Leencota Oromoo

Aside

Yakka Tokkoon Malee Dargaggoonni Oromiyaa Magaalaa Hedduu Keessaa Heddumminaan Hidhaatti Guuramaa Jiru.

Aside

img_20161120_114646Sirni cunqursaa  humnaaf aangoosaatti fayyadamuun humna qawween biyya bulchaa jiru yakka duguuggaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa ture ammas naga,e osoo hin jedhin Ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniif quuqamanii Irratti duula duuguuggaa sanyummaa  raawwachuu itti fufee jira.
Oromoo sababii ta,an duwwaafis Yakkamaa taasisuun Magaalaalee Oromiyaa bakkoota garaa garaa keessaa butuudhaan achi buuteen isaanii dhabamaa jira.
Erga labsiin hatattamaa golee oromiyaa mara keessatti labsamee kaasee mootummaan faashistii wayyaanee fxg uummanni  oromoo finiinsaa jiru humna isaa ol itti ta,uun waan itti ulffaateef waan qabee gad lakkisus walaalee jira.
Kanummarraa ka,uudhaanis hidhaa dararaa fi ajjeechaan baratoota oromoo mooraa yuunversiitii wallaggaa keessa jiran irratti jumlaan raawwachaa jira.
Sadaasa 14/11/2016 Yuunversiitii wallaggaa keessaa  baratoonni oromoo oromoo lama sababii ta,an duwwaaf moorichaa keessaa butamuudhaan achi buuteen isaanii dhabamaa jira.
Kanumaan wal qabatees baratoonni torbee kana keessa mooraa yuunversiitii wallaggaa keessaa butamanii dhabaman
1,Fayyisaa Gaarii
Kaninninni dhalatee guddate godina wallagga bahaa Naannoo gabaa jimaataa jedhamutti.
Gosa barnootaa inni barachas jirus siivil injiineriingii waggaa 2ffaa .

Continue reading

Ethiopia: State of Emergency Used as Systematic State Repression in Ethiopia

Aside

HRLHA

HRLHA Press Release

November 20, 2016 The March 2014 Oromo student protests, which began at Jima University and spread quickly to Ambo University then in a few days to all universities, colleges, high schools and elementary schools in Oromia and continued for two months, captured the attention of the world community for the first time. In those two months, over 81 Oromos, mostly university students, were killed and thousands detained by the crackdown on the protest by Agazi force and silenced. After eighteen months, the protest flared up again on November 12, 2015 in Ginchi Town in Western Showa 80 km south of the capital city. Since then, Oromia has remained in a human rights and humanitarian crisis. The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) lists over 2000 Oromo deaths, thousands of disappearances and tens of thousands of detentions. Many more thousands have left their homes behind and are now living in forests in order to escape the TPLF sponsored killing squads. To calm the peoples’ anger- after indiscriminate shootings from both the ground and the air of innocent Oromos at the Irrecha festival in Bishoftu on October 2, 2016- the government declared a state of emergency on October 8, 2016repression-in-ethiopia

Jimmaa Yuunibarsiitii Mooraa Kitoo Furdisaa Barattonni Oromoo FXG Finiinsaanii Jiran

Aside

Nov 20,2016

Itti fufaHumni hidhannoo guutuun mooraa barattootaaf hawwaasa biyyaatti keessa socho’u yeroo dararaa uummata Oromoorraa dhaqqabsiisaa jirutti sodaa tokko malee gootummaa guddaan hawwaasi Oromoo akkasuma barattonni bakkeewwan hedduutti diddaa garbummaa jabeessanii jiran
Haluma kanaa guyyaa kaleessaa barattoota sabboontota Ilmaan Oromoo sababa tokko malee Jimmaa Yuunibarsiitiirraa humna Command Post n qabamanii mana hiraarsaa galanii kan jiran yoo ta’u barattoonni karaa nagaa akka hiikamaniif gaafatan illee deebiin argame akka hiikamu hin dandeenye yoo ta’u,hanga barattoota qabdaniif ilmaan Oromoo hiraarsaa jirtan gadi lakkiftanitti jechuun dhaadannoof sagalee gurguddaan
Mooraa kitoo Furdisaa keessaa barattoonni sagalee dhageessisaa jiran  Qeerroon barattoota Oromoo barruulee duula lagannaa barnotaa walii
keennaa jira.

Wallee Warraaqsaa Artist Oromoo Faaxee Anniyyaa 2016

Aside

SBO: Sadaasa 20 bara 2016. Oduu, Hiriira Hawaasni Oromoo Afrikaa-Kibbaa magaalaa Keeptaawunitti gaggeesse ilaalchisee gabaasa qindaa’e fi Gaaffii fi deebii Dr. Gadaa Oljirraa waliin taasifame -Kutaa xumuraa.

Aside

Fanxoo Dhoksuun Dhukkuba Hin Fayyisu

Aside

Damee Buruu Irraa

Saadasa 11-13, 2016 dramaa ODF fi OPDO Oromoon hin dhageenye ykn hin agarre yoo jiraate warra wal quunnamtii biyya lafaa irraa cite uummata Oromoo bal’aa qofa tahuu qaba .Seenaa qabsoon uummata Oromoo keessa godaannee as gahee warri beeknu dhaloota qubee hara’a qabsoo uummata Oromoo gatittii isaatti ol fudhate wareegama madaalii hin qabne baasaa jiruuf ibsuu yoo dhagannee dhiigni gootota Oromoo nu gaafata. Nuyi seenaa beeknu ibsuu malee  murtii fi hubannaa barbaadu kan fudhachuu qabu warra seenaa Qabsoo uummata Oromoo hordofuu taha. Waan tokko kana booda kan ifa tahuu qabu jira. “Fanxoo dhoksuun dhukkuba hin fayyisu “,jedhan.  Qabsoon uummata Oromoo akka hin miidhamne  sodaachuu irraa kan ka’ee warra qabsoo uummata  booressaa fi doomsaa jiran afaan qabanii ilaaluun dogongora guddaa dha. Hundi keenya iyyuu seenaa durati itti gaafatamuuf tenya. Hojiin keenya inni duraa seenaa agarree fi hubanne uummataa ibsuu dha. Ummatni  bal’aan Oromoo akka barbaadetti  seenaa keessa dabarree fi  itti jirru kana dhugeefachuu  ykn tasa baasee  gatuuf mirga qaba. Continue reading

Baajeta Sababa Hin Qabne Kaffalaa Barattootaan Jechuun Akkasuma Barattoota Ari’uun Manneen Barnootaa Oromiyaarraa Bakkeewwan Hedduu Keessatti Mul’ataa Jira

Aside

Nov 19,2016
Mootummaan murna bichuu wayaanee uummata nagaa saamuuf hiraarsuutti fulleeffachuun Bakkeewwan hedduu keessatti barattoota Oromoo sadarkaa tokkooffarraa qabee hanga qophaa’inatti jiru gaafachuuf wixxifachaa kan jirtu yoo ta’u,Baajeta kanaan humna diinaa hidhatee uummata gidirsu nyaachisuuf munyuuqaa jiraachuun ifadha.
Haaluma kanaan Ona Wallaggaa Aanaa guutoo Giddaa mana barumsaa qophaa’ina Uukkee barattoota kutaa 11_12ffaa  barataniin dirqamaan maallaqa qarshii dhibba lama lama  fiddan malee barachuu hin dandeessan jechuun barattoota gidirsaa jiraachuu maddeen Qeerroo naannichaa dubbatu.Mana barumsaa kana keessatti adda durummaan duula barataa gidirsuuf kunaaanuurrati kan fuulleffachaa jiru daarokteerri mana barumsaachaa Asfaahu Allaabbachoo barattootarraan dhiibbaa gurguddaa geessisaa kan jiruuf  command post magaalattii keessa socho’us adda durummaan kan ajajaa jiru ta’uu jiraataan naannoo naaf ibsanii jiran
Haaluma kanaan achuma mana barumsaa sadarkaa lammaaffaa Ukkee kan qophaa’inaan wal keessa jiru keessaa Barataa kutaa 9A kan ta’e Barataa Sanyii Gonfaa Immiruu fi yeroof kan maqaasaa hin argatin jirru irratti manni barumsaa adaba waggaa lamaan barnootarraa sababa muusiqaa afaan Oromoo dhaggeeffataniif qofa isin ABO dha alaabaa ABO moobayila keessaa qabdu jechuun badii tokko malee  moobaayila
barattoota danuu sakkata’anii barattoota lameen kana hidhaaf umuriin hin geenye jechuun waggaa 2,2 barnootarraa adabuun  Asfahu Allaabbachoo daanikteera mana barumsaa ukkee sadarkaa lammaffaa dararaa hammas hin jedhamne dhaqqabsiisaa jiraachuun himame