Dhimma olola OPDOn Afarsituun wal qabatee dhamsa gabaabduu ilmaan Oromoo mirga Oromoo kabachiisuuf kuftanii ka’aa jirtan hundaaf: 

Aside

         Seenessaa Qeerrootiin.
 Yaa Uummataa Oromoo OPDO dhaaba ergamtuu Wayyaanee fi ulee harka mirgaa Wayyaanee qabsoo keetiin irra aantee waan jirtuuf ofitti hin deebisiin!! Amma qabsoon keenyaa inni guddaan mootummaa Wayyaanee afaan qawween Oromiyaa shororkeessa jiruu waliini malee OPDO warraaqsaa keenyaan irraa aannee jirra, Uummatni Oromoo, beektootnii fi jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo injifannoo guddaa qabsoo hadhooftuu ilmaan Oromoo qaaliin itti wareegamaniin galmoofteen OPDOn kuftee maqaa qofaan malee hin jirtu. Kanaaf har’a lubbuu horachuuf waxxifachaa kan jirtuuf. Kanneen duubaa teessaanii Oromiyaa fi qabsoo bilisummaa Oromoo irraa fagoo dhaabbattanii OPDO fayyisuuf wixifachaa jirtaan of eeggadha. Uummatni Oromoo, Qeerroon bilisummaa Oromoo, beektootni fi Actiivistootni Oromoo fi jaarmiyaaleen Qabsoo bilisummaa Oromoo injifannoo diinaa fi ergamtuu diinaa OPDO irratti qabsoon gonfachaa jirru daranuu jabeessinee eeggachuun qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun mootummaa abbaa irreetti xumura gochuuf yeroon waloo fi gamtaan qabsootti jabaannuu yoomiyyuu caalaatti amma.

Continue reading

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Bitootessa 9, 2017

Aside

SBO Bitootessa 10,2017. Oduu fi gaaffii fi deebii miseensa poolisa federaalaa kan ture dargaggoo Caalaa Muddee waliin godhame kutaa 2ffaa

Aside

RAKKOO UUMMATAA DUBBACHUU QOFTI RAKKOO  UUMMATAAF FURMAATA HIN TA’U!

Aside

JIITUU GADAATIIN

Image result for lammaa magarsaaMootoleen habashaa bara dhufaa darbaa ilmaan oromoo gidirsuu fi dararsuu hojii idilee godhatanii jiru. Jaarraa tokkoo oliif oromoon gita bittaa warra habashaa jalatti kan kufee jiru garu nama rakkina kufaatii isaa dubbatu dhabee osoo hin taane; qaamni furmaata barbaadu dhibeeti; kanneen jiranis tokkummaa dhabaniiti.

Oromootni diinaaf ergamanii oromootti diina ta’an tokko tokko yeroo garaagaraatti haala hin eegamneen yeroo isaan quuqama sabaa dubbatan argaa turre, har’allee argaa jirra. Jarreen quuqqaa sabaa dubbatan kunneen sabaaf quuqamaniitii kan jedhu yoo ilaalle garuu hedduun isaanii dubbachuu waan qabaniif qofa ykn ergamni dubbachuu waan itti kennameef qofa dubbatu. Madaa uummataa tuqatanii kulkulfachiisanii, uummata nagaa dhowwatanii ofii galanii nagaan rafu. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle bara 2014 maasterpilaaniin finfinnee akka hin raggaane, nutis ni mormina jechuun uummata waliin waan dhaabbatan fakkeessaa kan turan miseensota opdo hedduudha. Bara sana ergamtichi diinaa minaasee waldagoorgis ykn abbaa duulaa gammadaa uummatni hin barbaadu taanaan hatattamaan dhaabbata jedhee arraba isaatiin waan mi’aawu, lafa madaa sabaa tuqee dubbatee ture. Haata’u malee maasterpilaaniin finfinnee haala kamiin dhaabbate akkka jedhamne garuu namuu quba qaba. Afaaniin dubbachuun ergamtoota tplf kan ta’an opdo bu’aa buuse tokkollee hin qabu. Aarsaa uummanni oromoo waliin ka’ee, waliin duulee, waliin wareegameen dhaabbate. Continue reading

Matakkal Naannoo Gaalessaa fi Ganda Qorqaa Keessaa Oromoonni Hedduminaan Qabamaanii Ma’ikelaawwii fi Gariin Ammoo Mana Hidhaa Asotti Guuramaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Uummata nagaa qabamanii yeroo hidhaatti darbatamanBitootessa 9,2017/Uumata Orommoo naannoo Matakkal akka Oromiyaa jalatti deebi’uuf jettanii gaaffii kaaftaniittu sababa jedhuun Oromoota dhalootaan Matakkal ta’an qabamanii guyyaa har’aa mana hidhaa Ma’ikelaawwiitti guuramaa jiraachuu Qeerroon gabaase.

Har’a Bitootessa 9,2017 heddummina Oromota Matakkal qabamanii Finfiinnee nama hidhaa Ma’ikelaawwiitti geeffamaa akka jiran beekame.

Kanneen keessaa:-

  1. Kefalew Nigatu Baddeessoo
  2. Habtamuu Bayyanaa Amantee
  3. Jabbeessaa Dheeressa Kabadda
  4. Bilisummaa Dhaabaa Taddesee
  5. Abdisaa Dhiinsaa
  6. Dhugaasaa Baqalaa
  7. Hudansaa Hayiluu
  8. Jabeessa  Akkumaa
  9. Fiqiruu Zallaqaa Wiirtuu
  10. Tesfayee Ababba Gannati
  11. Fayisaa Oljirra

Kanneen jedhaman garii yeroo ta’an hedduun isaanii gabaasa boodaan akka dhaqabsiifamu Qeerroon gabaase.

Haala kana irraa kan ka’u dargaggoonni nannichaa hedduminaan baqatanii yeroo ammaa bosona keessatti diddaa Wayyaanee muldhisaa akka jiranii fi gara qabsoo hidhannootti of gurmeessaa akka jiran beekame. Continue reading

ONN: Qophii Kayyoo Mar.7,2017

Aside

DR MOSISA, DURA TAA’A BORDII ONN

Aside

SBO: Bitootessa 8 bara 2017. Oduu, Gabaasa Addaa fi Miseensa Poolisa Federaalaa Wayyaanee Ka Ture Dargaggoo Caalaa Muddee Waliin Gaaffii fi deebii gaggeeffame Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 7, 2017

Aside

Waraanni TPLF Waan Qabee Gadhiisu Dhabee Jiru Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaa Magaalaa Dodolaa Keessaa Ummata Nagaa Hidhaa Jira.

Aside

Bitootessa 7,2017/ Godina Arsii lixaa Aanaa Dodolaa Magaalaa Dodolaa keessatti guyyaa har’aa waraanni Wayyaanee TPLF mana manarra  deemuun namoota nagayaa buufata konkolaataa magaalaa Dodolaa keessatti walitti qabee konkolaataan fe’uudhaan gara mana hidhaatitti guuraa oole,hanga ammaa namoota 300  dhibba sadihii ol hidheera galgala kanas magaalattii keessatti ummata daandirraa qabee reebaa jira. Continue reading