Ebla 11,2017/ Godina Wallaggaa Waamaa naannoo Qassoo jedhamtuuf bakkeewwaan aanaa Sana jalaa jiran keessatti maqaa inshuraansii Fayyaa jedhuun maallaqa 250 quote bulaa tokkoon buusaa jechuun walga’iin ganamaa galgala dhiphisaa jiraachuuf uummati diduu isaa odeessi argame IFA godha.Haaluma kanarraa ka’uun hattoota gurmeessuun yakkoota waggoota danuuf itti gargaaramaa tureen uummata saamaa kan jiru yoo ta’u hattoota kana harka lafa jalaan tajaajilaa uummataan hattuu isinirraa tasgabbeessinaa jechuun IJA diimaan maallaqa kennaa jechuun gidirsaa jiran. Continue reading
Blog Archives
DUBARTOOTA OROMOOFI AADAA OROMOO:
Aside
Dubartiin Haadha, Obboleettiifi Haadha Manaati: Oromoon Dubartootaaf Kabajaa Guddaa qaba!!
Beekan Erena (http://beekanguluma.org)
Aadaafi Dubartoota
Dubartoonni caasaa hawaasaa keessaa tokkodha. Akkuma caasaa hawaasa tokkoottis gaheefi dirqama isaanii ba’uu keessatti bakka guddaa haa qabataniyyuu malee, sirnoota adda addaa addunyaan keenya keessa darbite keessatti, sadarkaa hawaasaa keessaa akka gadi antummaatti, ilaalamaa turaniiru. Biyya keenya keessattiis, jechootaafi mammaaksa xiinsammuu dubartootaa miidhuun akka hacuucamaa turantu himama. Waa’ee jechootaafi afoola xiinsammuu dubartootaa miidhan kana hayyuun Mutero Joy jedhamtu kitaaba ishee (Sunday Nation, july 11, 1999, p.16), jedhmau keessatti yoo ibsitu “…traditional folktale have had negative effect on the development of young girls as long as they condition the girls to accept the institution of marriage as the ultimate way of life…” Muteroon barruu ishee keessatti Afoolli keenya maaliif dubartoota gadi qaba jechuun falmiti. Uummanni Oromos, yeroon booda dhiibbaa biyyoota yookaan saboota ollaa kana qooddachuun, yaada gadi aantummaa dubartootaaf qabu calaqqisisuu haa eegalu malee, akka sabaatti Oromoon ilaachi dubartootaaf qabu daran guddaa akka ture kan agarsiisan immoo ragaalee hedduutu mul’ata. Continue reading
Mootummaan TPLF Godina Arsii lixaa Aanaa Adaabbaa gandoota adda addaa keessaa Oromoota hedduu qabuun himannaan irratti bane.
Aside
Ebla 9,2019 /Godina Arsii lixaa gandoota Aanaa Adaabbaa keessatti loltooti TPLF Oromoota hedduu walitti qabanii hidhuun dararaa jirturratti himannaa dharaa irratti banuun,Manca’uu qabeenya qarshii Miiliyoona 3O Oliitin himattee jirti,
Maqaan Ilmaan Oromoo Godina Arsii lixaa Aanaa Adaabbaa gandoota adda addaa keessaa qabamuun himannaan dharaa murna bicaa Wayyaaneetiin irratti banamuudhaan mana murtii walii galaa Oromiyaa dhaddacha kibbaa magalaa shaashamanneetti,yakki himannaa seeraa bara 1996 bahe keewwata 32(1A,B)fi 239 darbitanii jirtu jechuun himannaan isaanirratti baname
- Adam Yaassin H/ Waadoo Qonnaan bulaa ganda Laajoo
- Wubushet Hayla Mikaa’el Qotee bulaa ganda Laajoo
- Ganna Hasan Waaqoo Qotee bulaa ganda Laajoo
- Abbuu Huseen Fatoo Qotee bulaa ganda shaayaa jibboo
- Huseen Jaanoo Guyyee Qotee bulaa ganda Buuchaa
- Umar Abdii Kadiiroo qotee bulaa ganda Gadeedoo
- Awwal Qaasim Amboo daldalaa Aloolaa Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 9,2017
Aside
ABO Risaa Tahuu Qaba
Aside
Damee Boruu Irraa
ABO erga akka kaayyoo bilisumm ti bu’uraa’ee gara waggaa afurtamaa tahaa jira. Akeeka kana bakkaan gahuuf qaroon ilmaan Oromoo lakkoobsa hin qabne dhiiga isaanii itti lolaasanii lafee isaanii itti tareessanii jiru. Kaayyoo bilisummaa kana irratti ilmaan Oromoo warri dammaqinsa gahaa gaban utuu Kaabaa Kiba , Bahaa Dhiha hin jennee gamtaan wareegama qaalii baasanii darbaniiru. Har’as guca bilisummaa qabatee jiru galmaan gahuuf ilmaan Oromoo kumaataman irratti kitimaa jiru.
Utuu ilmaaan Oromoo qaroo tahan lubbuu isaanii kenanii kaayyoo Bilisummaa kana irratti hin ciccinee sabni Oromoo bakka har’a jiru kana jiraachuu danda’a jennee hin yaadnu. Qabsoon bilisummaa bu’aa bahii guddaa qaba. Beelaa’uu, dheebochuu, dhukkuba adda addan dararmuu, aduun gammoojii keessatti waadamu, bokkaan tumamuu , harka diina itti kufanii waxxalamuu fi isa dhumaa aarsaa tahuutu jira. Continue reading
Waajjira ABO Godina Lixa Shaggar Magaalaa Jalduu Bara 1991/ Galmee Seenaa
Aside
ONN
Aside
Ergaa torbee kana “Habtamu Lamu
Aside
Magaalaa Minneapolisitti Qophiin Dirmachuu Biyyaa Bifa Adda Ta’een Gaggeeffama Jira.
Aside
Ebla 9/2017 Sochiin ABO Qophii Addaa Dhimma Qabsoo Bilisummaa Oromoo Daran Jabeessuu irratti Kan Xiyyeeffate Sochiin ‘Dirmannaa Biyyaafi’ WBO Biyyoota Ambaa Garagaraa Keessatti Konyaaleen ABO Marii Miseensotaa, Hawaasaafi Deeggartoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo Hirmaachisuun Gaggeessa Jiruu ABOn Daran Jabeessee Itti fufe. Halumakanaan Magaalaa Minneapolisitti bifa ajaa’ibsisaa Ta’een Gaggeeffama Jira.