GGO Ebla 15 fi Hundeeffama Waggaa 7ffaa Qeerroo Bilisummaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Aside

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo fi Hundeeffamuu Jaarmiyaa Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waggaa 7ffaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Nuti Qeerroon Dagaggootni Oromoo, Biyyi keenya Oromiyaa fi waliigalatti ummatni Oromoo bal’aan bu’aa Gootota Oromoofi firii kaayyoo Goototni Oromoo irratti wareegamaniiti. Guyyaan Gootota (Wareegamtoota) Oromoo Ebla 15, 1980 irraa eegalee waggaa waggaan kabajamaa fi yaadatamaa yoona gahe. Gootota gaafa alagaan biyya Oromoo cabsuuf ittiduule diina biyya ofii irraa ittisuuf jecha diddaa gabrummaa irratti wareegaman dabalatee Qabsaawota Bilisummaa Oromoo bifa adda addaan hanga har’aatti wareegama baasan hunda guyyaa kana yaadatna. Kana waliin, Guyyaan Gootota Oromoo, guyyaa miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, deeggartootniifi ummatni Oromoo bal’aan kaayyoo Goototni Oromoo qaqqqaaliin irratti wareegaman galmaan gahuuf irbuu isaanii itti haaromsanidha. Seenaa fi imaanaa gootonni Oromoo wareegamaniif galmaan gahuuf jecha Qeerroon Bilisummaa Oromoos guyyuma kana irratti Ebla 15,2017 Oromiyaa keessatti sirnaan hudeefamee sochii seena qabaeessa eegalee har’a gahee jira.

Seenaa ummata Oromoo keessatti Ebla 15, guyyoota kaan irraa wanti adda taasisu bara 1980 keessa guyyaa kana hoogganootni siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo akka qaroo ija Oromootti ilaalaman Kiristaana-Islaamaafi lagaan osoo wal hinqoodin jumulaan wareegama qaalii kanfaluun tokkummaa saba Oromoo dhiiga isaaniin mirkaneessan ta’uu isaati. Hanga har’aattillee hoogganootaa fi miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, Qeerroo Bilisummaa Oromoo, deeggartootaa fi Sabboontotni ummata Oromoo, qabsaawotni bilisummaa bifa adda addaan qabsoo keessatti qooda qaban walumaagala sab-boontoti Oromoo xurree hoogganooti ABO gaafa duraa saaqan irra bu’anii mirga abbaa biyyummaa Oromoof osoo falmaa irra jiranii wareegaman kuma hedduutti lakka’amu. Continue reading

Mooraa Jimma Yuunibarsiitii Keessatti Jala Bultiin GGO Ebla 11 Kabajame.

Aside

Jimma Yuunibarsiitii keessatti bara 2014 FDG moorichatti eegaleen guutummaa Oromiyaa Mara dhaqabee Wayyaanee hudhee qabuu eenyuullee
waan neekudha. FDG gurmuu Qeerroon bifa qindaa’aan akkasuma bifa haaraan eegale kanaan sabboontota danuun carraa barnootaa dhabanillee
bu’aa guddaa hawwaasa Oromoof buusee darbeera. Akkasuma tokkummaa lallabamaa ture hojiin agarsiiseera. Bu’aa gurmuun socho’uu lafa
kaahee kan darbe yoggaa ta’u, 2014 irraa eegalee moorichatti haalaan kabajamaa as gahee jira. Qeerroon moorichaas Kan bara kanaa haala
gaariin kabajatee jira. Mooraa guddaa, Kitoo furdisaa keessatti gurmuu gurmuun kabajatanii jiran. Guyyaa gootota Oromoo fuuldura jiru irratti
marii taasifatan.

ONN: Press Reless

Aside

Wayyaaneen TPLF Godina Arsii keessaa ummata Oromoo Xoollayitti hidhee gaddiisee irra deebi’ee qabee hidhaa jira.

Aside

Ebla 11,2011/ Mootummaan Wayyaanee Godina Arsii keessaa ummata Oromoo Xoollayitti hiitee gaddiifte irra deebi’uudhaan gandoota adda addaa keessaa namoota 500 ammas deebiftee Magaalaa Asallaatitti hiite tursiisuun isii ni yaadatama,yeroo ammaa namoota kanniin shororkeessummaa fi manca’uu qabeenya mootummaa himannaan dharaa irratti banuudhaan namoonni hedduu guyyaa boruu 4/8/2009Mana murtiitti akka dhiyaatanii fi maatiin isaanillee isaan gaafachuuf yoo dhaquu qaamuma mootummaa kanaatiin saamamaa akka jiru maddeen keenya magaalaa Asallaa gabaasanii jiru.

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 11, 2017

Aside

SBO Ebla 12,2017. Oduu, Sochii gama diplomasiin jiru irratti gaaffii fi deebii miseensa G/S ABO J/Dr.Shuggux Galataa waliin gaaffii fi deebii geggeeffamee fi SBO Sagantaan Afaan Amaaraa

Aside

Hamma tuffatamtu utuu beektee?

Aside

Waliin dubbii Saree fi Harree

Image result for dog and donkeyToora facebook Abdiisaa Guuttataa jedhurraa


Saree : Jirtaa akkam yaa abbaa Gurra guddaa?
Harree : Jira akkam abbaa morma Furdaa?
.
Saree: Akkam dugdikee madaan fayyee?
Harree : Humaa hin jedhu hayyee
.
Saree : Hamma tuffatamtu utuu beektee…
Harree : Hamma jibbamtu utuu bartee…
.
Saree : Dugda madaan baattee halaakta
Harree : Tuffatamaa jiraatta
.
Saree : Akka Sangaa hin kunuunfamtu
Harree : Atis akka Adurre hin kabajamtu
.
Saree : Ba’aa hormaaf dalagaasaaf Harki si dhubba
Harree : Siinimmoo alaaf manaa martuu si jibba
.
Saree : Gaafa ba’aa si waammatu
Harree : Karraaf qe’ee si eegsifatu Continue reading

“Yaa Baraa” SQn Qophawe

Aside

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Ilaalchisee Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroon Qindaawe

Aside

Dabballoonni Wayyaaneen TPLF Qonnaan Bultoota Bishaan Qulqulluu Isinii Baafna Jedhanii Gowwomsaa Jiru

Aside

Ebla 11,2017/ Dhiyeenya kana mootummaan Wayyaanee baha Wallaggaa Waayyu Xuqaa keessatti tajaajila bishaan dhugaatii isinii galchina jechuun gowwomsaa guddaa hawwaasa naannoo Moloo, Guftee, Oddoo, Burqaa,keessa jiraatan sossobuuf yaalaa ture. Warraqsa hawwaasaa itti dhaamsuuf bishaan guddaa laga Waamaarraa tubboon hidhamullee tubbii laastikaa irraa hawwaasa ittiin sobachuuf kan yaale waa daddabarsuuf yaalullee onoota Sana keessatti erga gaafa galee qabee utuu guyyaa tokko hin turin dhohuun uummatni hanga waan dhugy dhabutti gahee jira. Ololli miudiyyaarraa dubbatamuuf waan arginu Marti wal qabachaa hin jiru jechuunis komataa jiran. Continue reading