DUBARTOOTA OROMOOFI AADAA OROMOO:

 Dubartiin Haadha, Obboleettiifi Haadha Manaati: Oromoon Dubartootaaf Kabajaa Guddaa qaba!!

Beekan Erena (http://beekanguluma.org)

Aadaafi Dubartoota

Dubartoonni caasaa hawaasaa keessaa tokkodha. Akkuma caasaa hawaasa tokkoottis gaheefi dirqama isaanii ba’uu keessatti bakka guddaa haa qabataniyyuu malee, sirnoota adda addaa addunyaan keenya keessa darbite keessatti, sadarkaa hawaasaa keessaa akka gadi antummaatti, ilaalamaa turaniiru. Biyya keenya keessattiis, jechootaafi mammaaksa xiinsammuu dubartootaa miidhuun akka hacuucamaa turantu himama.  Waa’ee jechootaafi afoola xiinsammuu dubartootaa miidhan kana hayyuun Mutero Joy  jedhamtu kitaaba ishee (Sunday Nation, july 11, 1999, p.16), jedhmau keessatti yoo ibsitu “…traditional folktale have had negative effect on the development of young girls as long as they condition the girls to accept the institution of marriage as the ultimate way of life…” Muteroon barruu ishee keessatti Afoolli keenya maaliif dubartoota gadi qaba jechuun falmiti. Uummanni Oromos, yeroon booda dhiibbaa biyyoota yookaan saboota ollaa kana qooddachuun, yaada gadi aantummaa dubartootaaf qabu calaqqisisuu haa eegalu malee, akka sabaatti Oromoon ilaachi dubartootaaf qabu daran guddaa akka ture kan agarsiisan immoo ragaalee hedduutu mul’ata.

Aadaa Booranaa keessatti Gumii yookaan kora irratti dhimmi dubartiitu dursee ilaalama. Gumiin kora taa’ee dhimma  ilaalamaa jiru afaanii yoo qabaatanillee, dubartiin rakkoon irra ga’ee himachuu kan dhuftee yoo ta’e dhimma ilaalaa jiran battala dhaabanii, isheef dursa kennu.

Seenaa waraanaafi lola saboota olla waliin yeroo garaagaraa keessatti Uummata Oromoo qunnamaa ture keessattillee dubartoonni Oromoo kanneen ciccimoo ta’an Farda gulufuun dandeettii waraana cimaa qabaachuusanii haaluun hindanda’amne. (Kitaaba Takla Tsaadiq Makuraa 1960, seenaa Itoophiyaa mootii Libna Dingilii hanga mootii Tewoodiros maxx. 2fa A.A) keessatti;
…[ ኦሮሞዋች] ግን ከመካከላቸዉ ድንግላይ ቄስ መነኩሴ ደብተራ ባላገር ነጋደ አልጋ ጠባቂ ጓዝ ጠባቂ የላቸዉም፤ በነፈስ ወከፍ ለጦርነት ይሰለፋሉ፡፡ ከብትና ቤት የሚጠብቁ ሰቶችና ሕፃናቶች ናቸዉ፡፡ ከሰቶች እንኳን ኀይለኞቹ በሰንጋ ፈረስ እየወጡ፤ ሎጋቸዉን ይዘዉ ይዋጋሉ…

Dubartoonni sirna gadaa keessatti Abbaa Gadaa waan hin taaneef, gadaan dubartoota ni qooda jechuun hirmaannaan dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qaban kan duraa dhokatu tokko tokkoos ni jiru. Mee hirmaaannaa dubartoonni sirna gadaa keessatti qabaniifi haala kamiin akka hirmaatan, haa ilaalluu. Gaaffiin asirratti ka’uu qabuufi hubatamu qabu garuu sirni gadaa, Aangoo Abbaa gadummaa dubartootaaf hin kenninee yaada jedhumoo? dubartoonni gonkumaa sirna gadaa keessatti gahee hin qaban kan jedhudha? Dhugaan jiru garuu, yoo dubartoonni sirna gadaa keessatti hin hirmaatiin, gadaanuu hin gaggeeffamu. Gaggeeffamuu mitii gadaanuu hin qajeelu nama jechisiisa. Yaada kana boodatti kan itti deebinuu yoo ta’uu sababoota muraasa akka dubartoonni dirqama sirni gadaa ajaju keessa darbuu hin dandeenye godhan haa ilaalluu.
—Rakkoo Baayolojikaalawaa: Rakkoo baayoolojikaalawaa yeroo jennu; dubartoonni, uumamaan xurii (laguu) ji’aa waan arganiif, dirqama sirni gadaa ajaju kan akka; godaansa jila deemuu (godaanuu), duulaafi kan kana fakkaatan keessatti hirmaachuun dirqama kana galmaan ga’uu keessatti rakkoo waan itti ta’uufidha jadhama.

—Rakkoo gaa’eela: waliin walqabate kunis dubartoonni yeroo heeruman, maatii isaaniirra addaa ba’uun gara maatii abba manaa isaaniitti waan makamaniif Sirni gadaa ammoo, gurmuu sadarkaa gadaafi ijaarama miseensa gadaa caasaa hin diigamneen waan ijaarameef wal falleessuu danda’a. Kanaaf sirni gadaa baduu ykn addaan cituu danda’a jedhanii waan amamananiifidha.

—Inni sadaffaan, akka ilaalcha Oromootti dubartoonni muka laaftudhaa jedhama. kunis, akkuma armaan olitti ilaaluuf yaalleetti jabina qaamaa waliin wal qabata. Kanaafuu, balaan yoo isaan mudate, salphaatti waan miidhamuu danda’aniif  dirqama sirni gadaa ajaju galmaan ga’uu dhiisu danda’u yaada jedhu of keessaa qaba.  Kun egaa, kan calaqqisiisu, hirmaannaa dhabuu dubartoota osoo hin ta’iin dirqama sirni gadaa ajaju galmaan ga’uu keessatti rakkoolee isaan qunnamudha. Barruu keenyaa itti anuutti ammo Hirmaannaa Dubartoonni sirna Gadaa keessatti qaban kallattii garaagaraan kan ilaalluu ta’uu waadaa isiniif galaa amma Horaa Bulaa!

Hirmaanna Dubartootaa Raawwii Sirna Gadaa keessatti. “Dubartoota malee Gadaan Guutuu hin ta’u!”
kana jechuu waanti nama dandeessisu; jalqabarratti dubartoonni caasaa sadarkaalee gadaa keessa hin darbiin malee ilma deessee guddisuufi sirna gadaaf qofa osoo hin ta’iin kan biyya bulchuufi duulee biyya eeguuf geessisuun kan bakka gudda qabduudha.

Kanamalees, raawwii sirna gadaatiif dhangaafi meeshaalee adda adda kan qopheessuu dubartoota. Dhangaan qophaawwus qodaa shan jedhama, qodaan shanan kunis; qorii, caccabsaa, cuukkoo kan qabatu yoo ta’uu, yeroo Abbaan manaa ishee gadaa qabatu foolleen akka hin abarreefi  akka gadaan abbaa manaa ishee hanquu hin taaneef kan qophaawuudha.

Yeroo Abbaan manaa ishee gadaa qabatu, niitii (haati warraa) isaa ammoo uffata aadaa uffachuun meeshaalee Aadaa kana akka okoleefi gadii qabattee cina deemti. Okoleefi gadiin kunis, mallattoo hormaataafi kabaja looniif qaban kan mul’isuudha.

Akka maanguddoonni jedhanitti, yeroo dhiirri gadaa qabatu obboleettiin shaashii mataa isaatti maruufiin seera jedhu. Kunis waa lama ibsa. Tokkooffaa; shaashii sana obboleessa isaanii gadaa qabateef mataatti maruun, hirmaannaa dubartootaa ykn qooda qabaachuu dubartoota kan mulisu you ta’u, gama biraatiin ammoo, isheenis ofkalteetti yookaan gadaa qabateetti jedhamee amanama.

Sababiin inni ol’aanaa gadaan dubartoota malee guutuu hin ta’u akka jennu kan nu taasise, jalqaba yeroo namichi gada qabatu sun akka haati warra isaa seera guutuufi qabdu gaafachuun seera qabaachuu ishee mul’isa.

Namichi gadaa qabachuuf jedhu sun, akka carraa ta’ee, fudhee kan hiikee ta’uu danda’a. Hiikees  isheen jalaa baatee nama biraatti heerumuu dandeessi. Yookaan du’aan dhabuu danda’a. Hiikees dubartii biraa fuudhuu danda’a. Kanaaf seera kana kan guutuuf eenyuu? Akkamitti jechuun gaaffii uumuu mala. Jalqaba, namichi gadaa qabatu kan hin fuune yoo ta’e, Kan seera guutuufi obboolettii ykn firaa aanteedha. Itti aansuun ammoo namichi gadaa qabachuuf jedhu kun fuudhee yoo jiraatee, haadha manaa isaatu seera kana guutaaf.

Yoo kan fuudhee hiike ta’e ammoo bakka isheen jirtu barbaadee akka isheen seera guuttuufiif nigaafata. Isheenis, seera kana guutuufiif dirqama qabdi. Seera Gadaatiin kennameef waan ta’eef. Namichi sun erga hiikeellee haadha manaa biraa kan fuudhe yoo ta’e, seera kana guutuufi kan danda’u haadha manaa ishee duraati. Sababiin isaas, haadha mana qarree, kan Rakoo itti qalan waan taateef. Angafummaafi safuun kan ishee duraati. Kanamalees, yoo kan jalaa duutee taatellee, jalqaba bakka awwaala ishee irra dhaabbachuun “Koottu seeraa naa guutii” jechuun yeroo sadii gaaffiin sagalee dhageessisa. Sana booda, haadha manaa boodarra fuudhee yoo qabaate yookaan obboleetti isaatti tumaa seeraa tumuun, seera kana akka guuttuufiif qopheeffata jechuudha. Kunis seera qabeessummaa ykn seera, sana guutuuf dubartoonni hammam barbaachisoo akka ta’an hubachuun nama hinrakkisu. Dubartoota Sagantaa Eebbaafi Kadhannaa Irratti.

Sagantaan eebbaa raawwii sirna gadaa keessatti isa ol’aanaadha. Yaad-rimeen eebbaa waa lama ofkeessaa qaba. Inni jalqabaa Eebbaa jechuun, waan uummataaf barbaachisu waan akka tolu barbaadaniifi eebbisuun qaqqabsiisuu ykn badhaasuu ykn, waan uummataaf gaarii hin ta’iin  ammoo, abaaranii balleessuuf yoo ta’u, Inni lammaaffa eebbiisuun, seera tumame  mirkaneessuu jechuudha. Fakkeenyaaf, seera fooyya’ee bara waliin deemuu uummata akka tajaajiluuf baasaanii erga irratti walii galanii booda, tumaa seeraan mirkaneessu. Seera tumame kanas. “Haa eebbisnu, haa eebbisnu” jechuun mirkaneessu jechuudha. Kanaaf eebbisuun gama tokkoon, waan gaarii akka toluuf kan eebbisani qaqqabsiisan yoo ta’u, karaa gama biraatiin ammoo, seera tumame mirkaneessuu waliin wal qabata. Dubartoonnis, sagantaa eebbaa kana irratti argamuun Aadaa ykn Seeradha. Dubartoonni argamanis, qixa abbootii gadaa dhabbaachuun eebba sana mirkaneessu.  Dubartoota keessa kan argamanis tokko dubra qarree yoo taatuu; kan saalqunnamti hin eegaliintu filatama. kan biraa ammoo, jaartii cifiree kan jedhamtu kan saalqunnamtii dhaabdeefi laguu ji’aa hin argine ykn kan irraa dhaabbateetu filatama. kunis mallattoo qulqullummaa (sacred)ti. Kanafuu, dubri qarreefi jaartiin cifiree eebba sirna gadaa ykn raawwii gada irratti argamuu qofa osoo hin ta’iin, kadhaa waaqaa irratti yeroo hongeen dheeratuufi bokkaan baduu, siiqqeefi caaccuu qabatanii yoo waaqa kadhatan akka waaqni dhaga’uufitu amanama.

Dubartoota Bulchiinsa Abbaa Gadaa To’achuu keessattti.
Hirmaannaa dubartoonni Sirna Gadaa keessatti qaban kan calqqisiisu kan biraa, dubartoonni seera qabeessummaafi qajeelummaa bulchiinsa abbaa Gadaa hordofuu danda’uu isaaniti. Kunis karaa lamaani. Tokkooffaa, seera haaraanis ta’e seerri fooyya’ee tumamu yoo jiraate, akka mirga dubartoota hin miineefi kan dubartoota fayyadamoo taasisu ta’uu addaan baafachuun, kan isaan miidhu yoo ta’e akka isaan miidhuu yaada isaanii ibsachuun akka seerichi fooyya’u gochuudhaaf hirmaannaafi mirga kan qaban ta’uu isaaniiti. Lammaaffaa, jila sirni gadaa bobbaa’uufi, bakka Abbaan Gadaa deemee qubatee biyya araarsuufi jila geggeessu hundaatti haati manaa isaa akka waliin deemtuufi cina teessu seera qabaachuu isheeti. Sababiin isaas bakka jilaa sanaatti Abbaan gadaa dubartootaa biroo mil’aachuun akka qalbiin isaa gara biraatti hin hiramneefi sababa kanaanis, murtee sirrii fudhachuu keessatti akka rakkoon hin uumaamne yookaan, akka dalagaa isaa seeraan raawwatuuf ni to’atti jechuudha. Kana egaa dubartoonni sirna gadaatiif hundeedha ykn lafee dugdaati kan akka jennu nu taasise.

Dubartoota Seera Waaqaafi Safuu Hawaasaa Eegsisuu Keessatti.

Dubartoonni seerri Waaqaafi safuun hawaasaa akka hin cabneefi sababa kanaanis, ijaaramni hawaasaa akka hindiigamne, Hawaasa seera hinqabne akka hin taane to’achuu keessatti hirmaannaa daran ol’aanaa qabu. Fakkeenyaaf dhimmoota tokkummaa hawaasaa diiguu danda’uu jedhaman kanneen akka waldhabdeefi waraana gosaafi gosa gidduutti gaggeeffamu fi safuu hawaasaa eegsisuufis qooda olaanaa ni qabaatu. Kana malees, yoo waraanni gosa gidduutti uumame, Siiqqee qabachuun, wal waamanii waraana sana gidduu yoo seenan battalatti lolli qabbana’a.

Maatii, qe’eefi hawaasa keessa jiraatan keessatti wanti haaraa yoo uumamu, safuun yoo cabu, dubartoonni wal waamanii Siiqqee qabatanii “maaloo kuni Safuudha. Takkaa wanti akkasi aayyoofi Aabboo keenya keessattuu mul’atee hinbeekuu.” Jechuun akka furmaanni hatattamaa itti kennamu Sirna Gadaa waliin wal cina ta’uun hojjatu.

Dubbiin hammatee furmaanni dhibamnaan, maatiifi waatii daa’ima harmaallee osoo hin jedhiin qe’ee gadii dhiisanii, galaana ce’uun muka jalatti walitti qabamu. Haala kanaan hanga furmaanni argamee Abbaan badii dalage adabamee, araarri bu’utti qe’eetti hin deebinu jechuun dhiibbaa (influence) godhu.

Kana ega dubartiin jireenya guyyuu ilmi nama gaggeessu keessatti, hariiroo hawaasa gidduu jiru tumsuu keessatti, nageenya biyyaa eegsisuu keessatti, safuufi seera Waaqaa kabachiisuufi to’achuu keessatti gahee tilmaama hinqabne qabu yoo jedhame kan nama hin saalfachiifne.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: