Gophii Guyyaa Yaadatnoo Gootota Oromoo Ebla 15 Ilaalchisee

Aside

Continue reading

Godina Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Qeerroon Guyyaa Gootota Oromoo fi Hundeeffama Waggaa 7ffaa Qeerroo Kabajataa Jiru.

Aside

Qeerroon Godina Wallaggaa Magaalaa Mandii Ebla 15,Guyyaa Goototaa Kabajatan.

Aside

Ebla 15,2017/  Qeerroon Godina Wallaggaa  Magaalaa Mandii Guyyaa Gootota Oromoo GGO Ebla 15,2017 haala miidhagaa ta’een kabajachuu Qeerroon gabaasee jira.

Qophiin kabajaa kun maanguddootaa fi shamarraan haadhotii dabalatee eebbaa fi yaadannoo akkasumas faaruu adda addaan kabajamaa akka oole Qeerroon gabaasee jira.

 

SBO Ebla 16,2017. Oduu, Ebla 15 Guyyaa Yaadannoo Gootota Wareegamtoota Oromoo Giddu-gala Waajjira H/D ABOtti kabajame irratti haasaa H/Dn ABO Jaal Daawud Ibsaa taasisan

Aside

Aside

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Ilaalchisee Ijoo Dubbii Qeerroo Bilisummaa Oromoo

YAADANNOO DHUGAAN JAALLAN WAREEGAMANIIF TA’U, KAAYYOO ISAAN IRRATTI WAREEGAMAN ITTI CICHINEE BAKKAAN GAHUU DHA:

Ummata Oromoo maraan, maaliif Eeblli 15 waggaa waggaan kabajama?

ABO’n bara 1973 ijaaramee, baruma kana keessa qabsoo hidhannoo dirree Bahaatti eegale. Dirree Bahaatti, ajajaa ta’ee qabsoo hidhannoo kan eegale J/Elemoo Qillxuu (Hassan Ibraahiim) ture. Waggaa osoo hin guutin, qacalummaatti, qabsoo hidhannoo ABO’n eegalame dhabamsiisuuf jecha duula Haayile Sillaaseen geggeesseen, Fuulbaana 5, bara 1974 J/Elemoo Qilxuu, kanneen akka Hundee Sheeka (Ahmed Taqii) kan reefki isaa bakka inni itti dhalatee fi guddate , magaalaa Galamsoo keessatti lafa irra harkifame fi biroo hedduun wareegaman. Saba booda, bara 1976 keessa, dirree Bahaatti qabsoo hidhannoo deebisanii akka gadi dhaabaniif  miseensota Koree Gidduu ABO lama, Jaallan: Abdulkariim Ibraahiim (Jaarraa Abbaa Gadaa) fi Hassan Tukkaaleetti (Mul’isi Gadaa) dirqammi kenname. Isaanis dirqama kana gammachuun fudhatanii bobba’an. Akka kanaan, qabsoon hidhannoo humna namaa fi meeshaa lakkoobsa xiqqaan deebi’ee eegale, utuu hin turin loltoota hedduu horatee Adda Bilisummaa Oromoo gara humna waraanaatti deebisee jijjiire.

Injifatnoon kun, ija fi gurra Oromoota waan dhaqabeef, sabboontoti fi barattooti Oromoo hedduun magaalaa keessaa qabsoo hidhannootti akka dabalamn taasise. Itti fufuunis, bara 1977 keessa, miseensota Ajaja ol aanaa Siyaasaa fi Waraanaa (Supreme Political and Military Command) dabalatee miseensoti Koree Gidduu fi dabballooti hedduun magaalaa gadi dhiisanii Godinaa Bahaatti qabsoo hidhannootti dabalaman. Hoogganooti kanneen, diree bahaa seenanii, qabsoo siyaasaa fi hidhannoo dirree irraa  qindeessuu eegaluun, qabsoo baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhanii qabsoon bilisummaa Oromoo bifa waalta’ee fi qindaawe  horatee lafaa ka’uuf ogguu qophii xumuratu, bara 1979 keessa jaallan Baaruu Tumsaa (Jiilchaa) fi Badhoo Dachaasaa (maqaan qabsoo Dammaqsaa) wareegaman; Jaarraa Abbaa Gadaa ammoo ABO lakkisee deeme. Kana qofa osoo hin taane, murni Ol Aanaa Lamuun (Bobbaasaa Dhaabaa) durfamus, dhaaba keessatti jeeqamsa biroo kaasee humna hubamee ture keessaa gara buttaa tokkoo qabatee Somaaliyaatti godaane.  Haa ta’u malee, rakkoo dhalate qabsoon irra aanuuf murtiin fudhatame. Continue reading

Godina Arsii Aanaa Dodolaa Keessaa Oromoota Kumaan Lakkaawaman Badii Tokko Malee Mana Hidhaatti Geeffaman Keessaa Galmee Hanga Tokko.

Aside

Ebla 13,2017/ Mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo kan mirga isaa karaa nagayaatiin gaafataa ture Godina Arsii Aanota hedduu keessatti akkuma ABO dha jedhamanii himatamaa jiru.

Godina Arsii Aanaa Dodolaa keessattis namoota kumatamaan mana hidhaatitti guurte keessaa namoota barruu armaan gadii kanarratti tarraayan shororkeessummaan himachuudhaan mana murtiitti dhiyeessitee jirti.

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Ebla 13, 2017

Aside

ONN: Oromia News Network, Ebla 13, 2017

Aside

Continue reading

SBO Ebla 14,2017. Oduu, Guyyaa Yaadannoo Gootota Wareegamtoota Oromoo Ebla 15 ilaalchisuun Ibsa ABO irraa kennamee fi walaloo guyyaa kana ilaallatu

Aside

Aside