Aside

Image result for Barruu warraaqsaa

Continue reading

Jarmanii: Sirna kabajiinsa guyyaa gootota Oromoo fi ibsa ejjanno miseensotaa fi deggertoota ABO biyya Jarmanii

Aside

Jarmanii: Sirna kabajiinsa guyyaa gootota Oromoo fi ibsa ejjanno miseensotaa fi deggertoota ABO biyya Jarmanii

Jarmanii

Nuti kan biyya Jarmanii jiraannu miseensoonii fi deggertotiin ABO Ebla 15 bara 2017, guyyaa gootota Oromoo, sirna oowwaan kabajanneerra. Sirnni kabajaa kun Guyyaa sa`aa 12:00 iraa jalabee hanga 18:00 fufee oole. Sirni kabajaa kun akkumma aadaa qabsoo bilisummaa Oromootti eebba manguddoo fi yaadanoo goototaatiif dhungooleen hirmaattotaan qabsiifamun erga banameen booda faaruu alabaa Oromoo fi ergaa faaruu gototaa dhageessifamaniru.

Ittti aansuudhaan bakka bu`aa koree hojii qindeesitu ABO kutaa giddu-galeessa Awuropaa irraa seenaa guyyaa gototaa ilaalchisuun gadi-fagenyaan ibsi kenname. Guyyaan kun seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti bakka daran  guddaa qabuu fi kan yoomiyyuu hin dagatamnne tahuusaa ballinaan hirmaattotaaf ibsame. Itti dabaluun  bara uummati Oromoo sirna gabirummaa jalatti kufee jalqabee hanga bara ammaatti dhiignni lammii Oromoo bakka adda addaatti mootummaa Habashaa fi ergamtoota mootumichaatiin osoo wal irraa hin citiin dhangalayaa jiru hatattamaan dhaabbachuisuun akka hedduu barbaachisu ibsame. Kana fiixaan baasuuf karaa tokkichaa fi furmaanni jiru jaarmaa ABO jalatti hiriiruudhaan waan barbaachisu hundaan deggeerun, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) cimsuu duwwaatuu furmaata filannoo biraa hin qabne ta`uu ibsame. Continue reading

Qeeyroo Awwadaay yeroo guyyaa yaadannoo goototaa wareegamtootaa Ebla 15 kabajan

Aside

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Haala Hawwaan Yuunivarsiitii Oromiyaa Jimmaa Keessatti Kabajamee Oole.

Aside

Ebla 17,2017 /Guyyaan gootota Oromoo wareegamanii mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti bifa haawwatan yaadatamee oolee jira. Mooricha keessatti humni diinaa hidhannoo guutuu sochii taasisuun baraataa doorsisee irraa hamnbisuuf utuu yaaluu gotuumaan utuu humna hidhatee socho’uuf bakka hin laatin gurmuun Qeerroo Jahaan kabajamee oolee jira. Haaluma kanaan gurmuun Qeerroo Kitoo furdisaa achuma Doormitti gurmuun qeerroo lama mooraa guddaarraa bakkeetti bahuun yaadatanii akkasuma mooraa guddaarraa gurmuun lama Doormii doormitti yaadatanii oolan. Continue reading

Qophii GGO Irratti Faaruu “Tokkummaa” Artistoota Oromoon

Aside

ONN: MARII GUMII OROMIYAA ADDUNYAA 2017

Aside

DIINQA OROMOO’ Kutaa 1ffaa Obbo Gaaromaa Waaqasaa faana

Aside

Gumii Oromiyaa Adduunyaa – GGO

Aside

Gumii Oromiyaa  Adduunyaa

Hiwi Elona ~ Eb/2017

GumiiYeroo ammaa kanatti Gumiin Oromiyaa Adduunyaa 1ffaan biyya Ameerikaa Naannoo Miniisootaa keessatti gaggeeffamaa jira. Haa ta’u malee namoonni hedduun gumii kana ilaalchise hubannaafi odeeffannoo gahaa waan qaban natti hin fakkaatu. Gumiin kuni yeroo jalqabaatif kan gaggeeffamu ta’uu isaa irraan kan ka’e namoonni hedduun maalummaafi galma isaa sirritti hubannoon isaan qaban baay’ee gadi aanaadha jechuun ni danda’ama.

Akka hubannoo kootiitti Gumiin kuni Jaalleewwan Oromoo qabsoon Oromoo ( kallattii isaanitti fakkaaten) of dura akka tarkaanfattuuf kanneen ifaajaa jiraniin kan qindaawedha. Gama tokkoon gareen gumii kana qopheesse gumii isa dabre kan Hoggansa Oromoo waliin wal ta’ee maalif akka hojjachuu dadhabe wanti hunda keenyaaf ifa ta’e jiraachuu baatus, eenyumtuu gama itti fakkaaten qabsoo keenyaaf tumsaa sila jiruuf galanni isaanif qabnu akkuma eeggametti jiraachuu qaba jedheen amana. Amma irra taa’anii kallattii gara garatiin adeemuun hamileefii hawwi uummata keenyaa waliin tasuma kan hin deemne ta’us, bu’aafi miidhaa inni nuuf qabu ilaallee irraa deebi’udhaaf garuu faaydaa qabaachun isaa hin oolu. Continue reading

Gabaasa Guyyaa Kabajaa Gootota Oromoo Ebla 15, 2017

Aside

Ebla 16,2017/Sirni kabaja guyyaa Gootota Oromoo godina Wallagga bahaa  magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti  akkasumas gootowwan Qeerroon Yuunivarsiitii Wallaggaa keessaa walitti dhufuun Eebili 15 haala akkaan ho’aa ta’een kabajamee ooluu Qeerroon leeqaa gabaase.

Haaluma kanaan ayyaanni guyyaa gootota Oromoo kun bakkeewwan magaalaa Naqamtee keessaa naannoo hora hadiyyaa fi naannoo mooraa yuunversiitii Wallaggaatti gootowwan qeerroo yuunversiitii Wallaggaatiin  kabajamee akka oole  maddeen Qeerroo leeqaa ibsanii jiru.Akkasumas hora soorgaa  fi naannoo tulluu koomtoo jedhamuttis gootowwan Qeerroon leeqaa  baatii Eebilaa guyyaa seena qabeessa  kana kabajatanii  akka oolan  jaallan Qeerroon Leeqaa eeranii jiru. Continue reading

Qeerroon Yuniversitii Wallaggaa Guyyaa Yaadatnoo Gootota Oromoo Ebla 15 Kabajatan.

Aside