Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Ilaalchisee Ijoo Dubbii Qeerroo Bilisummaa Oromoo

YAADANNOO DHUGAAN JAALLAN WAREEGAMANIIF TA’U, KAAYYOO ISAAN IRRATTI WAREEGAMAN ITTI CICHINEE BAKKAAN GAHUU DHA:

Ummata Oromoo maraan, maaliif Eeblli 15 waggaa waggaan kabajama?

ABO’n bara 1973 ijaaramee, baruma kana keessa qabsoo hidhannoo dirree Bahaatti eegale. Dirree Bahaatti, ajajaa ta’ee qabsoo hidhannoo kan eegale J/Elemoo Qillxuu (Hassan Ibraahiim) ture. Waggaa osoo hin guutin, qacalummaatti, qabsoo hidhannoo ABO’n eegalame dhabamsiisuuf jecha duula Haayile Sillaaseen geggeesseen, Fuulbaana 5, bara 1974 J/Elemoo Qilxuu, kanneen akka Hundee Sheeka (Ahmed Taqii) kan reefki isaa bakka inni itti dhalatee fi guddate , magaalaa Galamsoo keessatti lafa irra harkifame fi biroo hedduun wareegaman. Saba booda, bara 1976 keessa, dirree Bahaatti qabsoo hidhannoo deebisanii akka gadi dhaabaniif  miseensota Koree Gidduu ABO lama, Jaallan: Abdulkariim Ibraahiim (Jaarraa Abbaa Gadaa) fi Hassan Tukkaaleetti (Mul’isi Gadaa) dirqammi kenname. Isaanis dirqama kana gammachuun fudhatanii bobba’an. Akka kanaan, qabsoon hidhannoo humna namaa fi meeshaa lakkoobsa xiqqaan deebi’ee eegale, utuu hin turin loltoota hedduu horatee Adda Bilisummaa Oromoo gara humna waraanaatti deebisee jijjiire.

Injifatnoon kun, ija fi gurra Oromoota waan dhaqabeef, sabboontoti fi barattooti Oromoo hedduun magaalaa keessaa qabsoo hidhannootti akka dabalamn taasise. Itti fufuunis, bara 1977 keessa, miseensota Ajaja ol aanaa Siyaasaa fi Waraanaa (Supreme Political and Military Command) dabalatee miseensoti Koree Gidduu fi dabballooti hedduun magaalaa gadi dhiisanii Godinaa Bahaatti qabsoo hidhannootti dabalaman. Hoogganooti kanneen, diree bahaa seenanii, qabsoo siyaasaa fi hidhannoo dirree irraa  qindeessuu eegaluun, qabsoo baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhanii qabsoon bilisummaa Oromoo bifa waalta’ee fi qindaawe  horatee lafaa ka’uuf ogguu qophii xumuratu, bara 1979 keessa jaallan Baaruu Tumsaa (Jiilchaa) fi Badhoo Dachaasaa (maqaan qabsoo Dammaqsaa) wareegaman; Jaarraa Abbaa Gadaa ammoo ABO lakkisee deeme. Kana qofa osoo hin taane, murni Ol Aanaa Lamuun (Bobbaasaa Dhaabaa) durfamus, dhaaba keessatti jeeqamsa biroo kaasee humna hubamee ture keessaa gara buttaa tokkoo qabatee Somaaliyaatti godaane.  Haa ta’u malee, rakkoo dhalate qabsoon irra aanuuf murtiin fudhatame.

Wareegammi J/Baaruu Tumsaa, akkasumas, Jaarraa fi Ol Aanaa Lamuu ABO lakkisanii deemuun, hamilee miseensota waan cabseefi, miseensoti hedduun qawwee fudhatanii Dargiitti ganuu fi gariin ammoo qabsoo dhiisanii ganda isaaniitti galuun mudate. Kun humna dhaabicha haga tokko waan  haphiseef itti fufiinsa qabsichaa  haala yaaddessaa keessa galchee  ture.

Haalli osoo kanaan jiruu, lolli Ixoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti baname. Lollli biyyoota kana lameen gidduutti geggeeffame, dirree ABO’n keessa socho’u keessatti ture. Lolli biyyoota kana lameen gidduutti geggeeffame, bara 1978-1979tti ta’ee, lameen isaanii ABO irraa diinummaa waan qabaniif walis lolaa ABO irrattis duulaa turan. Sababa kanaatiif, bara 1978 hanga bara 1979tti, fuul-duraan Dargii, duubaan ammoo humna Somaalee ofi irraa lolee dhaabaa fi qabsoo jiraachisuuf ABO’n dirqame.

ABO’n bifa kanaan lola kallattii lamaan itti baname kanaan marfama hamaa keessa waan seeneef, kana of irraa dhowweee dhaabaa fi qabsoo jiraachisuuf rakkoon: humna namaa, nyaataa, , qorichaa,  qawwee fi rasaasaa hamaan waan isa mudateef,  kunis hamilee miseensota dhaabaa  cabsee miseensoti hedduun qawwee dhiisanii ykn fudhatanii gariin Dargiitti  oggaa ganan; gariin ammoo qabsoo dhiisee ganda isaatti galuun waan mudateef moonaan ABO  ammas haala abdii kutachiisaa  keessa seene.

Haa ta’u malee, kanneen dhaabichaa fi qabsichaatti cichan, akkasumas, irbuu ummata isaaniif seenan kabajan, duula kallattii lamaan irratti baname hunda ofi irraa faccisanii irra aanuudhaan WBO’n dirree Bahaa keessa sosso’u hundi. Naannoo Harargee,  hora Qaaleyi, Bakka laga Gaaletti  jedhamutti walitti dhufuun, Amajjii 1, bara 1980 guyyaa WBO fi waggaa haarayaa injifatnoo fi olaantummaa ABO’n kabajatan. Sababa kanaaf, waggaa waggaan, Amajjiin 1, guyyaa WBO fi waggaa haarayaa ta’ee ABO keessatti kan kabajamuufi.

Duula Dargii fi Somaalee  eerga irra aanee booda, mootummaan Soomalee yeroosi, kan Siyaad Baarreetiin hoogganamu, fuula gaarii agarsiifanaan, hoogganooti ABO biyya alaa turan, gara Moqaadishoo deemuun jaallan dirree turan achitti argamuun hojii dhaabaa waliigalaa bifa qabsiisuuf mariin akka geggeeffamu gaafatan. Akka kanaan, hooggana dirree birattis yaadichi fudhatamee jilli akka bobba’u murteeffame. Akka kanaan, baatii Eeblaa bara 1980tti, jilli ABO, hoogganoota olaanoo afuri fi qoondaloota WBO 6 of keessaa qabu imala isaa gara Somaaliyaatti eegale. Osoo imala irra jiranii, Eebla 15 bara 1980, bakka Shiniggaa jedhamutti, haxxee ykn marfama shiftoota Somaalee seenan.

Shoftooti kun, kanneen Islaama ta’an keessaa filanii gadi dhiisuun warra kiristaana ta’an ammoo qofaatti baasanii ajjeesuuf karoorfannaan, “nuhi Oromoo dha malee Isilaama ykn kiristaan miti; gargar hin baanu” jechuun gargar bahuu didanii bakka tokkotti rashanamanii awwalaman. Akka kanaan, waraana Dargii fi Somaalee irratti injifatnoo galmeessuun jireenya dhaaabaa fi qabsoo mirkaneessee kan ABO’n  Amajjii 1, bara 1980 guyyaa WBO fi waggaa haaraan gammachuun kabajate, baatii sadii booda, Eebla 15, 1980, ABO keessatti guyyaa gaddaa olaanaatti jijjiirame.

Sababi Eebli 15, ummata Oromoo maraan waggaa waggaan yaadatamuu fi  kabajamuuf, hanga bara 1980tti, qabsoo geggeessaa ture keessatti, Eebli 15 barri 1980,   hoogganootaa olaanoon ABO,  Hayyu duree dabalatee, miseensota Waajjira Siyaasaa (Polit Bureau) fi Koree Gidduu (Central Committee) afurii, qoondaloota waraanaa kan Zooniilee adda addaa fi waardiyoota hoogganaa guyyaa tokkicha, bakka tokkotti osoo bobbaa irra jiranii guyyaa itti wareegaman waan ta’eefi. Hoogganoota ABO kanneen turan, kanneen akka J/Jeneraaal Taaddasaa Birruu, J/Maammoo Mazamir, J/Elemoo Qilxuu, J/Baaruu Tumsaa, J/Mohee Abdoo, / Argawu Dinqaa,fi kanneen biroo  maqaa isaanii yoo tarrifne yeroon nu gahuu hin dandeenye hedduun  yeroo adda addaatti kan wareegaman yoo ta’e illee, guyyaa  ABO’n hoogganoota sadarkaa olii, kan Hayyu dureen keessatti argamu fi qondaalota baay’inaan hagas gahan guyyaa tokkicha itti dhabe, Eebla 15 bara 1980   dura ABO mudatee waan hin beekneefi guyyaa gootota Oromoo ta’ee akka kabajamu bara 1984 murtaahe.

Kan akka gaariitti beekamuu qabuu garuu,  Eebla 15, bara 1980 duras haa ta’u, guyyaa san  boda, haga har’aatti, ilmaan  Oromoo  kumoota hedduutu ummata Oromoo bilisoomsee biyya isaa irratti abbaa taasisuuf jecha, ABO jala hiriiree: biyya keessa, biyya alaa, magaalaa, baadiyyaa, hospitaala keessatti, dirree fi mana hidhaa keessatti wareega lubbuu kaffalaa jira. Waan kana ta’eef, Eebli 15, Jaallan 10, Eebla 15 bara 1980 wareegaman qofa kan  itti yaadannu osoo hin taane, ummatni Oromoo, qabsoo farra gabrummaa eerga jalqabe haga har’aatti, haga sa’a kanaatti, haga daqiiqaa kanaatti, haga sekondii kanaatti,  ilmaan isaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa  irratti wareegaman hunda guyyaa itti yaadannuu dha.

Hoogganooti fi qondaaloti ABO Eebla 15 wareegaman eennufaa dha?

Kanneen Eebla 15, 1980 naannawaa lafa ummata Ogaaden, Shiniggaa bakka jedhamutti gara Somaaliyatti hojii qabsoof imala ykn amina irra osoo jirani wareegamani kun:

  1. J/Bariisoo Waabee (maqaan manaa. Magarsaa Barii), yeroo wareegamu, Hayyu Duree ABO fi ajajaa olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo ture.
  2. J/Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee). Yeroo wareegamu Itti aanaa Hayyu Duree ABO ture.
  3. J/Abbaa Xiiqii Hinsarmuu (Abboomaa Mitikkuu), yeroo wareegamu, MKG fi Barreessaa
  4. J/ Doorii Barii (Yigazuu Bantii), yeroo wareegamu, MKG fi miseensa damee Waraanaa ABO ture.
  5. J/ Falmataa (Umar Caccabsaa)-Qondaala WBO kan ture.
  6. J/Faafamaa Dooyyoo –miseensa dame waraanaa godinaa Bahaa ture .
  7. J/Irrinaa Qacalee (Dhibaa)— Qondaala WBO Kibba Bahaa ture.
  8. J/Dhaddacha Mul’ataa- miseensa WBO ture.
  9. J/Daddacha Mul’ataa- miseensa WBO ture.
  10. J/Marii Galaan ta’u- dabballee WBO ture.

Eenyummaan  jaallan wareegamanii  hagi tokkko akka armaan gadiitti fakkaata.

  1. J/ Magarssaaa Barii (Bariisoo Waabee)

– Dhalootaan, Kibba Baha Oromiyaa, kutaa Baalee kan ta’ee.

-Sadarkaan barnootaa, Bulchiinsa daldalaa (Business Administration) Yunibarsitii Finfinneetti  kan baratee fi bara eebbifame, xuqaa tokkoffaa waan argateef Haayile Sillaaseen kan dahaba  badhaafame fi  dandeettii herregaan beekamaa.

– Eerga barnoota isaa xumuratee booda, yeroos biyyatti keessatti aangoo guddaa kan ture, itti aanaa bulchaa kutaa Baalee ta’ee ramadamee haga dhiisee qabsoof bosona seenutti hojjechaa ture.

– Osuma itti aanaa bulchaa Kutaa Baalee ta’ee hojjetuu, lafa jala  maadhee ABO ijaaraa  ture.

-Kora Bu’uressaa ABO qindeessuuf bara 1973 utubamte keessatti miseensa ta’ee kan dirqama olaanaa  bahaa ture.

– Yeroos, biyyatti keessatt: aangoo, miindaa fi jireenya guddaa kan  argamsiisu, hojii Itti aanummaa bulchaa kutaa Baalee dhiisee ogguu bosona seenu, ijoollee fi haadha manaa kan hin qabne garuu: haadhaa, abbaa fi obboleyyan hedduu kan qabu, akkasumas, umuriin naannawaa waggaa afurtamaa kan ture.

– Eerga dirree seenee, haga guyyaa wareegamutti, nama: ilmaan Oromoo  hunda biratti hedduu jaal’atamu: hayyummaa, gootummaa, obsa, of keniinsa  fi muratnoo daangaa hin qabne kan qabaachaa ture dha.

– Jaarraa Abbaa Gadaa dhaaba irraa foxxoqee isaa fi ABO gidduutti osoo waldhabbiin  deemaa jiru, bala isaa mudachuu danda’u osoo hin sodaatin, araara buusuuf haala lolaa san keessatti gara Jaarraa deemee araarri bu’ee tokkummaan qabsaawotaa akka tikfamuuf muratnoo cimaan kan hojjete.

-Yeroo wareegamu, dura taa’aa Koree Gidduu, Hayyu duree ABO fi ajajaa olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo ture.

  1. J/ Gadaa Gammadaa (Dammisee Tacaanee).

Dhalootaan, walakkeessa Oromiyaa, Konyaa Salaalee.

– Barnootaan, saayinsii siyaasaa fi quunnamtii Idil addunyaa( political science and international relations) kan barate.

_Haadha manaa fi ijoollee lama dhiisee qabsoo seene.

– Yeroo wareegamu,  Itti aanaa ABO ture.

_Yeroo wareegamu umuriin isaa naannoo Waggaa 35 ture.

  1. Doorii Barihamoo (Yigazuu Bantii) .

Dhalootaan, kutaa Wallaggaa, magaalaa Naqamtee..

-Barnoota fi dandeettii xiyyaara lolaa balilisuudhaan yeroos, biyyatti keessatti tokkoffaa waan tureef, sa’a warqee ykn dahaba irraa hojjetame Haayile Sillaaseen kan badhaafame.

– Yeroo dirree seenu: abbaa, haadha, obboleyyani yoo qabaate illee, haadha manaa fi ijoollee kan hin qabne.

– Paayiletummaa xiyyaara lolaa dhiisee, miindaa fi jireenya qananii dhiisee dirree lolaa kan seenee. Muuxannoo fi ogummaa fuula sani irratti qabu irraa kan ka’e  miseensa Damee Dantaa Waraanaa kan ture-

-Yeroo inni dirree seenu, maqaa Oromoo Aabbootiin kan of ijaaranii fi hidhatanii Baalee keessa socha’an, diinummaa hamaa osoo isaan ABO’f qabanii, haasofsiisee qabsootti dabaluuf sodaa tokko malee itti bobba’ee kan irratti hojjetaa ture.

–  Qaammi isaa kan lashii qaamaan ijaarame, akkasumas, haala dirree hamaa ta’e sana keessatti  illee guyyuu lashii qaamaa kan  hojjetu fi Waraana Bilisummaa Oromoo guyyuu lashii qaamaa kan hojjisiisu.

– Barruu tarsiimoo fi tooftaa lolaa Waraanni Bilisummaa Oromoo haga har’aa itti fayyadamu qopheessuu irratti kan qooda olaanaa taphate.

– Magaalaa irraa oggaa dirree seenee yeroo jalqabaatiif Waraana Bilisummaa Oromoo ija isaatiin argu, gammachuu daangaa hin qabne itti dhagahame irraa “ Oromoo qawwee qabatee bilisummaaf qabsaawu eergan arge wareegamuun gammachuu kiyya” kan jedhe.

– Hanga guyyaa wareegamuutti, Miseensa Koree Gidduu fi miseensa damee Waraanaa ABO ta’ee hojjechaa  ture.

_Guyyaa wareegamu umuriin isaa naannoo waggaa 30 ture.

  1. Abbaa Xiiqii Hinsarmuu (Abboomaa Mitikkuu).

– Dhalootaan, kutaa Wallaggaa, magaalaa Gimbii kan ta’e fi barnoota yuunibarsitii xumuruutti kan dhiyaate.

– Yuniversitii Haayile Sillaaseetti (akka har’aatti, Yuniversitii Finfinneetti), barreessaa waldaa barattootaa ta’uuf Mallas Zeenaawwii waliin dorgomee Mallas Zeenaawwii injifatuun barreessaa waldaa barattootaa  yuunibarsitichaa kan ta’e.

-Oromummaan hedduu onnataa, Oromummaa isaa qaanyii fi sodaa tokko malee Finfinnee keessaatti ittiin boonaa fi babal’isaa  ture.

– Hedduu goota kan turee fi osoo bosonatti hin bahin, qondaala Dargii gaafatamaa kutaa ta’ee hojjetaa ture magaala  Finfinnee keessatti shuquxiin dhahee kan ajjeese.

-Yeroo qabsootti dabalame umuriin isaa 25-30 gidduu kan ture.

– Dirreetti, qondaalotaa fi miseensota Afaan faranjii barsiisaa kan ture fi dandeetti Afaan faranjii: haasa’uu, barreessuu fi dubbisuu hedduu qabaachaa kan ture.

– Hanga guyyaa wareegamuutti,  barreessaa dhaabaa kan ture.

  1. Bakka hoogganoota wareegamanii kana eennutu bu’e?

Ajaji Siyaasaa fi Waraanaa (Supreme Political and Military Command) ABO: Hayyu duree, Itti aanaa Hayyu duree, barreessaa fi matooti damee kan of keessaa qaba ture. Hayyu dureen, J/Magarsaa Barii, Itti aanaa hayyu dureen, J/Gadaa Gammadaa fi Barreessaan ammoo Leencoo Lataa turan.  Kanaaf, yeroo J/Magarsaa Barii fi J/Gadaa Gammadaa Somaaliyaatti bobba’an, bakka isaanii  bu’ee yeroof ABO   kan hoogganaa  Leencoo Lataa ti.

Wareegama jaallan kanaatiin hiri’ina hoogganaa ABO mudate guutatee qabsoo itti fufuuf,  yeroo jalqabaatiif, ABO’n dirree Bahaa fi Kibba Bahaa, laga Raammis, bakka Raaree Adam Booruu jedhamutti bara 1984  walitti dhufee teessuma geggeeffatuun   qindeessaa ABO kan Bahaa fi Kibba bahaa godhatee Galaasaa Dilboo filate. Bara 1989 ammoo, korri Sabaa ABO2ffaan dirree hundaa hirmaachise dirree Bahaa, bakka Gobeellee jedhamutti geggeeffamee Galaasaa Dilboo, dura taa’aa fi Leencoo Lataa ammoo itti aanaa dura taa’ummaatti filate. Itti fufee, Kora Sabaa hatattamaa Kibba Baha Oromiyaatti bara 1998 geeggefame irrattis kan filame Galaasaa Dilboo ture.

Akka kanaan, Galaasaa Dilboo hayyu duree ABO ta’e osoo hojjetuu, baatii Sadaasaa bara 1999 keessa, sababa dhukkubsateef, hayyu durummaa dhiisuuf iyyata galfatee, iyyati isaa sun Gumii Sabaa biratti fudhatama argatee bakka isaa  Gumiin Sabaa ABO J/Daawwud Ibsaa Ayyaanee  filate; korri sabaa bara 2004 geggeeffamees irra deebii hayyu durummaa ABOtti J/Daawwudiin  filatee haga har’aatti, ABO’n hayyu durummaa J/Daawwud Ibsaatiin hoogganama jira. Akka kanaan, wareegama J/Magarsaa Barii booda,  ABO’n qabsichaaf hooggana tolchaa har’a gahe.

Qabsoo jaallan asii olii waggaa 37 dura irratti wareegamanii fi  qabsaawoti Oromoo kummi hedduun  haga har’aatti irratti wareegamaa jiran sadarkaa akkami irra jira?

Jaallan Eebla 15, 1980 wareegaman oggaa isaan: qeyee, abbaa, haadha, haadha warraa, ilmaan, mana, qabeenyaa fi qananii dhiisanii qabsoo seenuun wareegaman haala ture fi haala  Oromoo, Oromiyaa fi qabsoon  ummatichaa har’a keessa jiru wal bira qabnee ilaaluu qofaan, dhiiga jaallan wareegaman kanaa firii itti gochuuf, hooggana irraa hoogganatti, miseensa irraa miseensatti, akkasumas,  deggeraa irraa deggeraatti darbuun qabsoon Adda Bilisummaa Oromootiin haga har’aatti walitti fufiinsaan geggeeffame bu’aa maalii akka argamsiise qabatamaatti a ni arguun ni danda’ama.

Hoogganooti ABO Eebla 15, 1980 wareegaman oggaa isaan  dirree Bahaatti  qaanqee bilisummaa  qabsiisan, mataa hoogganootaa,  miseensotaa fi deggertootaa ABO yeroos hedduu xiqqaa turan, akkasumas, sagantaa siyaasaa fi heera dhaabichaa irratti yoo ta’e malee, ummatni Oromoo akka gaallaatti malee akka Oromootti of hin beeku,  hin beekamu; hin fudhatamus ture. Yeroo jaallan Eebla 15, 1980 wareegaman, Oromoo jedhanii: of yaamuun, ittiin boonuu fi ifa baasanii dhaadessuun akka yaakkaatti fudhatamee yeroo itti nama tuffachiisuu fi adabsiisu ture.

Yeroo jaallan kun wareegaman: waa’ee Oromoo, Oromiyaa fi mirga abbaa biyyummaa ummatnni Oromoo biyya isaa irratti qabu mataa: hoogganootaa, miseensotaa fi deggertoota ABO yeroos xiqqaa turan keessa yoo jiraate malee kan hedduu ifatti bahee beekamu hin turre. Yoo beekames, dhiphoo jedhamee akka yakkaatt ilaalamee adabama; ummata Oromoo biratti ammoo ni sodaatama ture.

Hoogganoota, miseensotaa fi deggertoota ABO yeroos xiqqoo turan biratti yoo ta’e malee, Oromoon, biyya Oromiyaa jedhamtu akka qabutti osoo hin taane, alagaa biyya  biraa irraa Ixoophiyaatti godaanee ummata biroo dachii isaa irraa buqqisee akka irra qubatetti ilaalamee Imppaayera Ixoophiyaa keessatti mirgi abbaa biyyummaa inni qabu haalama ture; kanneen gaafatanis, farra tokkummaa Ixoophiyaa jedhamanii ajjeechaan adabamu turan.

Yeroo jaallan kun Eebla 15, 1980 wareegaman : Oromoo, Oromiyaa fi daangaa isii, akkasumas, gaafiin abbaa biyyummaa inni seenaa fi seeraan qabu sadarkaa  biyyoota ollaa fi addunyaatti qofa osoo hin taane sadarkaa Impaayera Ixoophiyaatti  illee hagi  hin beekamu hedduu xiqqoo  ture; yoo beekame ammoo ni haalama ture. Yeroo jaallan kun wareegaman, gaaffiin ummata Oromoo, gaaffii bilisummaa Oromoo ta’uu fi dhaabi gaaffii kana bakkaan gahuuf qabsaawu Addi Bilisummaa Oromoo akka jiru  kan beekan xiqqaa yeroo ta’an, warri beekan iyyuu dhaaba kaayyoo haqaa bakkaan gahuuf qabsaawu akka ta’etti hin fudhatan turan.

Eebla 15, 1980 yeroo jaallan kun  wareegaman , kanneen luubbuun hafan xiqqaa keessa  yoo ta’e malee, ummatni Oromoo,  lolee, mootummaa gabroomfataa Ixoophiyaa Oromiyaa irra qubatee jiru inifatatee mootummaa walaba mataa isaa ijaarrachuu akka danda’u irra guddaa ummata Oromoo biratti muratnoo fi of irratti fi ABO irratti abdiin guddana hin turre. Oromoon waldhagahee fi tokkoomee jaarmaa fi sagalee tokkoon qabsaawee mirga isaa falmachuu akka hin dandeenyetti tuffatama ture. Muratnoo fi gootummaa ummata Oromoof tuffii waan  qabaniif jecha, yeroo jaallan Eebla 15, 1980 wareegaman bosona seenan, ilmaan Oromoo hedduun mirga bubuutuu qofa argamsiisuuf moonaa warra Ixoophiyaa keessaa lafa dhiphisaa turan.

Har’a, ummatni Oromoo, Oromoo ta’uu isaatti boonee mataa ol qabatee kan deemaa jiru qofa osoo hin taane, hortee Kush ta’e fi dhalataa Afrikaa Bahaa ta’ee waggoota kuma hedduuf Afriikaa keessa jiraataa  kan ture fi har’a: baay’ina ummataan, bal’ina lafaa fi qabeenyaan Impaayera Ixoophiyaa keessaa  sadarkaa tokkoffaa ta’uu, akkasumas, baay’inni isaa, walakkaa baay’ina ummata Impaayera Ixoophiyaa ta’uun: ummata Oromoo, mootummaa Impaayera Ixoophiyaa fi sadarkaa addunyaatti illee akka gaariitti beekamee jira.

Har’a, ummatni Oromoo,  saboota Impaayera Ixoophiyaa keessaa isa guddicha  ta’uu qofa osoo hin taane, mootummaa impaayera Ixoophiyaatiin cunqurfamaa, saamamaa fi dhiitammi mirga dhala namaa sadarkaa duratti akka irratti geggeeffamaa jiru: ummata Oromoo, ummattoota cunqurfamoo Kibba impaayera Ixoophiyaa, biyyoota Godinaa Baha Afrikaa fi addunyaa biratti beekameera.

Har’a, jireenya ummata Oromoo qofa osoo hin taane, biyya Oromiyaa jedhamtu akka qabu fi biyya isaa irratti abbaa ta’ee ajajuuf mootummaa Impaayera Ixoophiyaa irratti qabsoo hidhannoo fi siyaasaa geggeessaa akka jiru, akkasumas, qabsoo   qabsoo ummatni Oromoo bara 1973 irraa eegalee geggeessaa jiru sadarkaa duraatti kan hoogganu Adda Bilisummaa Oromoo ta’uu: mootummaan Impaayera Ixoophiyaa, mootummooti Godinaa Gaanfa Afriikaa fi addunyaa illee akka gaariitti beekanii jiran.

Ummatni Oromoo, gaaffii haqaa qabaachuu isaa irratti shakkii qabaachuu qofa osoo hin taane,  qabsaawee gaaffii isaaf deebii argamsiifatuuf muratnoo inni qabu irratti: Oromooti, mootummaan Impaayera Ixoophiyaa ,mootummooti Godinaa Gaanfa Afriikaa fi addunyaa shakkii qabaachaa turan. Hara’ garuu, Fincila Xumura Gabrummaa ummatni Oromoo haga har’aatti geggeessaa jiru irraa, ummatni Oromoo: Impaayera Ixoophiyaa, Godinaa Gaanfa Afriikaa fi addunyaa keessatti bakka isaaf male argachuuf dandeettii  guddaa inni qabu ifatti amananii fudhataa jiran. Kanneen yeroo jaallan kun wareegaman ummata Oromoo fi dhaaba isaa ABO tuffatanii gurraa fi dhageetti kennaafii hin turre, har’a ummata kanaa ABO faarsuun gurra kennaafii  jiran. Kun ammoo, qabsoo keessatti qabeenyaa guddaa dha.

Yeroo jaallan Eebla 15, 1980 wareegaman, ummatni Oromoo: kutaa, gosaa fi amantiin qoqqoodamee kan jiratu malee ilmaan saba tokkoo akka ta’etti  irra guddaan Oromoo of hin beeku ture. Har’a, Impaayera Ixoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane, Oromoon biyyoota ollaa Oromiyaa keessa jiraatan illee akka ilmaan abbaa fi haadha tokkootti wal beekee fi wal amanee:  wal-marasiifataa, wal jaal’achaa, waliif gaddaa, waliif dirmachaa jira. Haala yeroo jaallan wareegaman ture irra, har’a ummatni Oromoo: saba tokko, biyya tokko, hiree tokkoo fi dhaaba tokko waliin qabaachuutti amanee jira. Addi Bilisummaa Oromoo fi akeeki isaa yeroo jaallan wareegaman gartuu xiqqaa qofa biratti beekamu fi fudhatama qabaachaa ture, har’a, ummata bal’aa Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa biratti  illee beekamee fi fudhatamee: kaayyoon, dhadannoon, alaabaan, asxaan, hoogganni isaa kan ummata bal’aa Oromoo qofa osoo hin taane,  ummattoota cunqurfamoo biroof illee abdii ta’ee jira.

Yeroo jaallan armaan olii wareegaman, Addi Bilisummaa Oromoo fi akeeki isaa, gartuu xiqqoo biratti qofa kan beekamu yoo ture illee har’a, daa’immi Oromoo kan waggaa 4 illee  ABO fi akeeka isaa tolchee barateera.

Yeroo qabsoon jalqabu, ABO’n ummata bal’aa Oromoo biratti hin beekamne, har’a, ifaa fi bal’inaan, “abbaan biyyaa ABO dha, ABO’n dhufee nu haa bulchu, ABO’n lafa hin saamu, Dhaabi Oromoo, ABO dha, ABO malee alagaa jalatti hin bullu, ABO’n kan keenya, dhiigi mucaa kiyyaa dhangala’ee hin hafu, Oromoon ni bilisooma!,” jechuudhaan goleelee Oromiyaa mara irraa ummatni bal’aan Oromoo ABO fi akeeka isaa farsaa fi ittiin boonaa  jira. ABO’n, dhaaba ummata Oromoo tokkicha, fedhii ummata Oromoo irratti ijaaramee ummata bal’aa Oromoo biratti deggersa  bal’aa qabu ta’ee har’a bakka hundatti beekameera. Sababa kanaaf, har’a, dhaabota siyaaaa Impaayera Ixoophiyaa keessa socho’an hunda irra deggersa ummata bal’aa kan qabu ABO ta’uun mirkanaaweera. Waan ta’eef, har’aafis ta’e boriif, ABO’n, ummata Oromoof qabeenyaa guddicha ta’ee jira.

Yeroo jaallan eebla 15, 1980 wareegaman, ABO fi akeeki siyaasaa isaa impaayera Ixoophiyaa keessatti dhageettii fi ulfina guddaa kan hin qabne yoo ture illee, har’a, Addi Bilisummaa Oromoo fi akeeki isaa, bu’ura siyaasaa guddicha fi tokkicha mootummaa Ixoophiyaatti mataa dhukkubbii ta’e jiru, akkasumas,  hojiin: siyaasaa, waraanaa, diinagdee, hawaasummaa fi dippiloomaasii mootummaa Impaayera Ixoophiyaa kan sadarkaa duraatti  irratti qiyyaafate ta’ee argama. Har’a: Oromoon, Oromiyaan, daangaan isii, gaaffiin abbaa biyyummaa  ummata Oromoo: Impaayera Ixoophiyaa, Godinaa Gaanfa Afriikaa fi addunyaa biratti kan beekame qofa osoo hin taane, haga mirga isaa guutummaatti dhuunfatutti ummatni kun qabsoo haga ammatti geggeesse, fuuldurattis kan ittu fufu ta’uu akka gaariitti beekamee jira. Kanneen duraan, haqummaa akeeka ABO, muratnoo fi gootummaa ummatni Oromoo akeeka isaa mirkaneeffachuuf qabu shakkaa turan har’a, ummatni Oromoo tokkummaadhaan ka’ee mirga isaa falmachaa akka jiru fi mirgi isaas kan haqaa waan ta’eef kan kabajamuu qabu ta’uu  ifatti ragaa bahuu jalqabanii jiru.

Walumaagalatti, har’a, ummatni Oromoo, saba mataa isaa danda’e, biyya mataa isaa fi biyya isaa irratti ammoo bilisa ta’ee mootummaa mataa isaa ijaarrachuuf mirga seenaa fi seeraa akka qabu tokkummaadhaan itti amanee qabsootti jira. Kan isa hafe, qabsoo itti fufee mootummaa gabroomfataa Ixoophiyaa injifatuun mootummaa mataa isaa ijaarrachuu qofa. Kun hundi, qabsoo jaallan Eebla 15, 1980 irratti wareegaman itti fufee finiinsuun injifatnoo haga har’aatti ABO’n argamsiise dha.

ABO fi kaayyoon isaa, kan bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa, bara jaallan kun wareegaman Oromiyaa keessaa bakka murtaahaa qofatti facaafamee biqilaa ture, har’a, goleelee Oromiyaa hunda keessatti: biqilee, bargaagee, daraaree, firii baasee fi bilchaatee makara qofa eeggachuutti jira.

Eebla 15, 1980, yeroo jaallan wareegaman qaanqeen bilisummaa bakka murtaahaa qofatti qabsiifamte, har’a Oromiyaa waliigala keessa facaatee Oromiyaa waliigalaaf ibsaa taatee jirti. Har’a, mootummaa gabroomfataa Ixoophiyaa injifatuudhaan guyyaa ummatni Oromoo alaabaa ABO caffee fi masaraa mootummaa Ixoophiyaa irra dhaabu hedduu gabaabbatee jira. Waan ta’eef, lubbuu fi dhiigi gootoota Oromoo, haga har’aatti, kumootaan, bilisummaa Oromoof wareegamanii, lafatti hin hafne. Wareegammi jaallanii, injifatnoo irratti injifatnoo galmeessuun, mootummaa walaba Oromiyaa ijaaramuuf  bu’ura hin sochoone fi umurii dheeratu gadi dhaabee jira.  Lubbuu fi dhiigi isaanii, ija fi sammuu Oromoo banee, mirga isaatiif akka inni falmu cimsee kakaaseera. Har’a, gootota kana ofi biraa dhabuun, ummata Oromootiif gadda guddaa yoo ta’e illee, wareegammi isaanii osoo lafatti hin badin bu’aa ykn firii ykn injifatnoo hedduu ummata Oromoof kan argamsiise waan ta’eef gammachuu guddoon illee  nutti dhagahamuu qaba.

Bilisummaa, nagaa, fayyaa, badhaadhina fi gammachuu, ummata Oroomoof argamsiisuuf jecha gootota Oromoo haga har’aatti wareegamaniif yaadannoo qajeelaan maal ta’uu qaba?

 Jaallan Eebla 15, 1980 wareegamaniif yaadannoo cimaan godhamu qabu, qabsoo isaan  lubbuu tokkicha bakka bu’a hin qabne dabarsanii kennaniif, karaa irratti tiksinee bakkaan gahuuf muratnoo fi gootummaa dachaan qabsaawuuf irbuu keenya haaromsuu dha. Qabsoon ABO, amina gara bilisummaatti geggeessu sadarkaa fixatuutti dhiyaatee argama. Bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa fuuldura keenyatti argamaa jira.  Jaallan Eebla 15, 1980 wareegamani fi isaan boodas kumaan wareegaman barnoota sadarkaa olii osoo qabanii:   aangoo, qabeenyaa, miindaa, mana,haadha manaa,  ijoollee,  Abbaa, haadha, obboleyyani fi jireenya qananii hunda irra tarkaanfachuun bilisummaa ummata Oromoof jaalala qaban hojiin agarsiisuuf jecha abidda qabsootti of darbanii keessatti wareegamanii fakkii urjii taasifatuun, qabsoon dhaloota irraa dhalootatti darbee har’a gahe, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiin akka xumuramuuf, ummatni Oromoo bakka jiru hundaa, akkuma jaallan wareegaman kanaa, bu’aa dhuunfaa irra bu’aa bilisummaa dursee tokkummaadhaan ABO jala hiriiree, akeeka jaallan wareegamanii xumuraan gahuuf  dirmannaa qabsoof godhu yeroo kamuu caalaa kan inni dacha dachaan dabaluu qabu har’a.

Qabsoo qaroo fi qaqqaaliin kumootaan irratti wareegamanii tiksanii fi babal’isanii har’aan gahan, dhabamasiisuun itti fufee ummata Oromoo gabrummaa jalatti hidhuuf, mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo mirga isaaaf falmaa hadhooftuu geggeessaa jiru dhabamsiisuuf: jaarsa, jaartii fi daa’ima osoo hin jetne: ajjeesaa, hidhaatti guraa, biyyaa baqachiisaa, dachii isaa saamee hiyyoomsaa, mana barnootaa fi hojii irraa hari’uun egeree biyyaa fi maatii dhabamsiisaa jira. Diinni bifa kanaan ummata Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuuf marxifatee hojjechaa jiru kun qabsoo hadhaawaan irratti geggeeffamee injifatamuu qaba. Filatnoo ummati Oromoo har’a  qabu, muratnoo fi gootummaan qabsaawee biyya isaa dhuunfatuun, saamicha dachii fi qabeenyaa Oromiyaa xumura itti godhee: bilisummaa, nagaa, fayyaa, badhaadhina fi gammchuun jiraachuu ykn dhabamuu dha. Objuun ykn mul’ati jaallan Eebla 15 1980, saniin dura, sanaan booda illee  haga har’aatti kumootaan wareegamanii ummatni Oromoo muratnoodhaan qabsaawee bilisa ta’ee jiraachuu dha malee harka maratee taa’ee dhabamuu miti.

Objuu ykn mul’ati gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oroomoo bakkaan gahuuf osoo qabsaawanii wareegamanii  akka hojiitti hiikamuuf, akkasumas ammoo, ekeraan isaanii akka gammaduuf, ummatni Oromoo bakka jiru maraa, gargaarsa ABO’f godhu bifa hundaan dachaa taasisuun jaalala fi kabajaa gootota kanaaf qabu  qabatamaatti har’a agarsiisuu qaba.

Jaallan Eebla 15, 1980 wareegaman, ogguu qawween itti qabamu illee, amantii irra, Oromummaa isaaniif bakka guddaa kennuun, amantii adda addaa osoo qabanii bakka tokkotti awwaalaman akka fakkii urjiitti fudhatuun, garaagarummaa amantii diinnni nu gidduutti facaasuuf tattaafatu Oromummaa qofaan dura dhaabbachuun fashalsiisuuf yeroo nuhi caalaatti itti hojjetnu yeroo kamuu caalaa har’a ta’uu qaba. Osoo waraanni ABO fi Jaarraa Abbaa Gadaa rasaasaan wal adamsanii, waldhabbii dhalatee furuuf muratnoo fi obsa J/Magarsaa Barii san fakkii urjii taasifatuun, waldhabbiin ilaalchaa Oromoo gidduu jiru hammaatee Oromoo fi qabsaawota isaa akka waldura hin dhaabneef, muratnoo fi obsaan yeroo nu caalaatti irratti  hojjetuu qabnu  har’a. Jaallan qabsoo  bilisummaa Oromootiif ifi kenanii, Eebla 15, 1980 wareegaman, akkuma seenaan isaanii armaan oli ibsu, kutaa adda addaa Oromiyaa irraa ti. Kutaa adda addaa keessatti dhalatuun, ABO keessatti miseensomuun, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif qabsaawuu fi waliin wareegamuu akka nama hin dhowwine seenaa jaallan  kana  irraa baratuun, kutaan osoo hin taane akeeka bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa qofa irratti hundaahee yeroo kamuu caalaa yeroo ummatni Oromoo tokkummaadhaan waliin qabsaawuu qabu har’a.

Seenaa asii olii irraa hubatuun akka danda’amutti, ABO’n, dhaloota isaa irraa eegalee haga har’aatti, bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif jecha  wareegama qaqqaalii hedduu baaseera. Qaroon ilmaan Oromoo hedduunis, akeeka dhaaba kanaa bakkaan gahuuf haga har’aatti lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne dabarsanii kenaaniiru. Wareegammi, keessattuu hoogganoota ABO irra gahe, dhaabota siyaasaa Impaayera Ixoophiyaa keessa socho’an kamu irra gahee hin beeku,  Lubbuu dhaabi kun ummata Oromoof jecha wareege, dhaabichaa fi qabsoo inni geggeessu kan dhabamsiise osoo hin taane, hoogganoota fi miseensota xiiqii fi morkaan qabsaawan hedduu horatee muratnoo fi gootummaan  qabsoo itti fufuu akka qabu daran onnachiise. Qabsoon wareegama hedduun har’a gahe, wareegammi dachaan itti kaffalamu malee bakka gahuu hin danda’u. Waan ta’eef, seenaa darbe fakkii taasifatuun, ogguu wareegammi heddummaatu, harka kennatuu osoo hin taane : aarii, xiiqii, morka, muratnoo fi gootummaa keenya daran jabeessuu qofti furmaata akka ta’e yeroo kamuu caalaatti har’a, lammiin Oromiyaa marti hubatuu qaba. Osoo mootumma nama nyaataa Wayyaanee jalaa baqatnuu: barba Hindii, galaana Diimaa fi Madeteraaniyaan keessatti irbaata qorxummii taanee seenaa malee hafu irra, biyya abba keenyaa deebifatuuf osoo falmannuu  wareegamnee biyyeen Oromiyaa yoo nyaate dhaloota nutti aanee dhufuuf wabii taane jechuu dha.

Ummatni goota hin kabajnee fi hin faarsine, goota horachuu hin danda’u. Goota horachuu hin danda’u yoo ta’e ammoo qabsaawaa bilisummaa argachuu hin danda’u. Kana argachuu hin danda’u yoo ta’e ammoo, garba ta’ee hafa jechuu dha. Yaadannoo, jaalalli fi kabajaa dhugaan jaallan wareegamaniif qabnu, akeeka isaan irratti wareegaman waan hundaan bira dhaabbatnee bakkaan gahuu qofaan dhugooma.

Xurree Bilisummaa, jaallan wareegama lubbuun saaqan, itti wareegamnee bakkaan ni geenya !

Qabsaawaan yoo kufes qabsoon itti fufa !

Guyyaan gootota Oromoo bara baraan ni jiraata !

Inifatnoon Ummata Oromoof !

Qeerroo Bilisummaa Oromoo.

Eebla 15, 2017

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: