Caamsaa 10,2017/Godina Baalee Aanaa Sawweenaatti Marii nageenyaa maqaa jedhuun Kaabinoonni OPDO Godinarraa Dhufanii fi Bulchiinsa Aanichaa keessatti Argaman Ummata walitti qabanii marii gaggeessa jiraachuun dhagayameera.Bulchaan Godina Baalee Obbo Aadam Qaasim Marii kanarratti akka hasayanitti Qaamni Miseensa Adda Bilisummaa Oromoo ABO yookin Qeerroo Bilisummaa jedhee socho’u Aanaa keenna keessaa qulqullaayuu qabu.Walitti Bu’iinsi Mootummaa
Naannoo Oromiyaati fi Mootummaa Sumaalees furmaata argatee jira kanaafuu olola humnoonni nageenya biyya teenyaa hin barbaanne hafarsaniin hin jeeqaminaa fuula keessan gara nageenyaa fi misoomaa deebisaa jechuun waan lafarra hin jirre itti kijibaa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Aanaa Sawweenaa irraa gabaadanii jiru.
Kana malees Continue reading


Qabsoon daandii walxaxaa keessa akka tartu gorsaawwaniifk itaaboota tokko tokkorraa akkasuma mudannoowwan ijaan argurra hubachuu danda’eera. Bu’aa ba’ii sana qaxxaamuranii kutanii akeeka mana bahan sana bira gahuun Qabsaa’aa tokko Obsaaf booree gaafata.


