Caamsaa 12/2017 Godina Shaggar kaabaa (salaaleetti) magaalaa Fiicheetti halkan keessaa naannoo sa’a 4:30 itti Galma Diida Heexoo kan jedhamu keessatti hordoftootaa Amantii Waaqeeffannaa Osoo isaan barumsa idilee amantaa Waaqeeffannaa gaggeessaa jira ni baay’inaan namoota 50 kan ta’an Poolisoota TPLFn marfamuun tohannaa jala olchuun achi buutee isaani dhabamanii akka jiran gabaasi Fiiche irraa nu gahe addeessa.
Blog Archives
Godina Shaggar Kutaa Jalduu Magaalaa Goojjoo Keessatti FXG Itti Fufe.
Aside
Caamsaa 12,2017 Godina Shaggar kutaa jalduu magaalaa Goojjootti FXG eegaluun beekame.akkuma saamicha Qeerroon qellem lukkelee diinaa(basaastota)gogombisuun daandii qulquulleessa jiran,naannoo jalduu magaalaa Goojjoottis qeerroon bifa gaariin eegalan.
Mana ergamaa diinaa kan tadhe Araarsaa Iddoosaa kan jedhamu hanga dandaadhan waan qabaniin erga tumani,Mana saadhibasaa akkuma sa’a ergamaa diinaa Ajjamaa Beeggi kan jedhamu humni diinaa daddaffiin marsuun hardhaaf qeerroo jaalaa baraaranis gumaan qeerroo nibaasna jedhu qeerroon naannoo Sana’a akka nugabaasetti,hima diddu du’a hindiddu jedhuumiree!! Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Caamsaa 12, 2017
Aside
Gabaasi biraan jiru, Continue reading
SBO: Caamsaa 12 bara 2017. Oduu, Gaaffii fi Deebii Dargaggoo Gooressaa waliin taasifamee fi Qophii Haala Yeroo Irratti Fuuleffate.
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Caamsaa 11,2017
Aside
Gootichi Atileetii Fayyisaa Lelisaa Shaampiyaanaa Aanota Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Keessatti Farfamaa Oole.
Aside
Caamsaa 10/2017 Shaampiyaanaa Aanota Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Magaalaa Sagureetti Gaggeeffamerratti Qeerroon Mormii Dhageessisee jira.yeroo Dorgommiin Atileetiksii gaggeeffamutti wal jalaa qabuudhaan akkuma waraana wayyaanetiin marfamee jirutti FAYYISAA FAYYISAA LEELLISAA LEELLISAA jechaa oolaniiru sababuma kanaanis halkan edaa namoota hedduu mana hidhaatitti guuraa turuunis dhagayamee jira
Calgary,Edmonton get ready for support-ONN
Aside
Qophii Qaanqee Show Caamsaa 10, 2017 Gaafi fi deebi Obbo Beekan Guluma waliin
Aside
Godina Arsii Aanaa Digaluu Xijjoo Magaalaa Saguree Keessatti Poolisoonni Wayyaanee Qophii Isportii Aanotaa Jeeqaa Jiru.
Aside
Caamsaa 10,2017/Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Magaalaa Saguree Keessatti Dorgommii Shaanpiyoonaa Ispoortii Aanota Godina Arsii gaggeeffamaa jirurratti Poolisoonni Wayyaanee TPLF Uffata Seeraa Osoo hin diranne Ummataan wal fakkaatanii Bakka Dorgommiin itti gaggeeffamutti Argamuun Yeroo Ummanni Wal gahicharraa galuuf Staadiyoomichaa yaa’u. Dargaggoota qabanii hidhaa jiraachuun dhagayamaa jira.Dargaggoonni Caamsaa 9/2017 hidhaman Ibraahim Amiinoo Magaalaa Itayyaa irraa kan dhufe,Muussaa Hajjii Magaalaa Boqqojjii Irraa kan dhufe, Continue reading


