Ergamtooti TPLF (OPDO)Godina Baalee Aanaa Sawweenaa Keessatti Marii Nageenyaa Jechuun Ummata Rakkisaa Jiru.

Caamsaa 10,2017/Godina Baalee Aanaa Sawweenaatti Marii nageenyaa maqaa jedhuun Kaabinoonni OPDO Godinarraa Dhufanii fi Bulchiinsa Aanichaa keessatti Argaman Ummata walitti qabanii marii gaggeessa jiraachuun dhagayameera.Bulchaan Godina Baalee Obbo Aadam Qaasim Marii kanarratti akka hasayanitti Qaamni Miseensa Adda Bilisummaa Oromoo ABO yookin Qeerroo Bilisummaa jedhee socho’u Aanaa keenna keessaa qulqullaayuu qabu.Walitti Bu’iinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaati fi Mootummaa Sumaalees furmaata argatee jira kanaafuu olola humnoonni nageenya biyya teenyaa hin barbaanne hafarsaniin hin jeeqaminaa fuula keessan gara nageenyaa fi misoomaa deebisaa jechuun waan lafarra hin jirre itti kijibaa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Aanaa Sawweenaa irraa gabaadanii jiru.

Kana malees 

Uummata Oromoo baha Oromiyaa Hararge jiraatu waggaa torban dura lafaasaarraa Wayyaaneen Buqqaasuun Iluu abbaa Booraa keessa
qubsiisanii turan. uummata kana irraa buqqaa’iinsa hamaan erga irratti raawwatee booda, ammas dabalataan sababa Waarshaa dhedheessaan  bakka biraatti godaansisan. Amma bakki itti gidaanan sun marti waan mijaahuufii dideef balaa beelaan saaxilamanii uummanni 3000 (kumni
sadii ) ol gara Jimmaatti torbee darbe imaluun gara biyya isaaniitti deebi’uuf utuu yaalanii haalli itti hammatee kaawwan bakkuma beellu
dhaqqabe iluu abbaa booraatti deebi’ani. Uummanni kuma lamaa (2000) ol immoo ammayyuu waan nyaatu dhabee magaalaa Jimmaa bakka Gibee
handaraasha jedhamutti dararamaa jira. barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaa gargaarsa maallaqaa gochuuf walitti funaanuu jalqabnaan OPDOn
dhorkitee uummata beelaan fixaa jirti.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: