Qondaallonni Wayyaanee OPDO Ummata Oromoo Guyyuu Walgahii Jechuun Hojii Hiiksisee Rakkisaa Jiru.

Aside

Caamsaa 17/2017 Godina Arsii Aanaa Siree keessatti Rokkoolee bulchiinsa gaarii kan ummanni irraa komii kaasaa jiran ganda hundarraa qorannee adda baasuu qabna jechuun OPDOn ummata iddoo hundatti wal gahii jettee roobafii aduun qaqaa jiraachuun dhagayame.Rakkoo bulchiinsa gaarii qofa osoo hin taane ummanni tokko Shaniin deebi’ee akka ijaaramuu qabus akeekkachiifni bulchitoota gandaatiif kennamee jiraachuu maddeen oduu keenyaa gabaasanii jiru.

Kana malee Godina Addaa Oromiyaa naannawa finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqiitti koonfiiransiin dargaggootaa gaggeeffamaa jira.

Dargaggoonni magaalattii hundi akka wal gahii kanarraa hin hafne galgalaan sagalee guddiftuun iyyaa turuun isaaniis dhagayameera

SBO: Caamsaa 17 bara 2017. Oduu, Gabaasa Oduu fi Gaaffii fi Deebii Dargaggoo Gooressaa waliin taasifame -Kutaa 3ffaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Caamsaa 16,2017

Aside

Oduu Godinaalee Oromiyaa

Aside

Caamsaa 15,2017/ Daandii Aspaaltii kan Adaamarraa Asallaa deemu kan  Godina Arsii Aanaa Doddotaatti addaan citeen wal qabatee Ummanni rakkoo  saaxilamuun dhagayamee jira. Akka gabaasni achii nu gahe himutti Ummanni gatii duraan kaaffalu dachaadhaan akka kaffalu taasisamaa jiraachuu fi Tiraafiikonni Wayyaaneen daandii kanarratti bobbaaftes konkolaachiftootarraa qarshii waan argataniif Konkolaachiftoota adabaa akka hin jirree fi yeroo konkolaattonni dhufan karaarraa akka maqaa jiran gabaafamee jira Continue reading

Aside

Caamsaa 14/2017 ) Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Irraa Kaleessa galgala Dargaggoo Oromoo Kabbadaa Qoroo Waraanaa Komaandii Poostii Wayyaaneetiin ukkanfaamee halkaan guutuu reebichaa hiraarsaa ulfaataa erga irratti raawwata turani halkan gara barii harkatti Waan laafeef baasanii bakkeetti gatanii uummataan kaafamee yeroo ammaa Hospitaalaa Amboo seenee jiraachuu maddeen Qeerroo gabaasan. Dargaggoo Kabbadaa Qoroo baroota 2005 mana hidhaa maa’ikalaawiitti hiraarfamaa kanture, bara bara 2011 mana hidhaa Ambootti hiraarfamaa kanture, bara 2015 -2017 Manneen hidhaa Maa’ikalaawwii fi mana hidhaa mooraa leenjii waraana Xollaayitti hiraarsaa ulfaataa keessa turee ji’a tokko dura kan gadhiidamee hiraarsaan miidhaan ulfaataan irra gahee Sammuu isaa keessatti dhiigni ititee torbee darbee keessa Hospitaalaa Amboo irraa referiin barreeffameefi yaalaa irra kan jiru yoo ta’uu Lubbuu isaa balleessuuf waraanni Koomandii Poostii wayyanee Yakka suukkaneessaa ilmaan Oromoo irratti dalagaa jiraachuu caalaatti man muldhisuu ta’uu isaati. Kana Malees Ilmaan Oromoo hedduun dheengaddaa dargaggootni hedduun ganda Goosuu Wangee irraa kan ukkanfamanii hidhaman yoo ta’uu addatti immoo halkan edaatarkaanfii boombiidhaan Waajjira Poolisii Aanaa Midaa Qanyii irraatti fudhatameen barraaguun wayyaaneen uummata jumlaan hidhaa jiraachuu fi waraannii wayyaanees uummata shororkeessa jiraachuun ibsame. Maqaa namootaa hidhamanii adda baasuun kan gabaasnu ta’uu ni hubachiifna. Injifannoon uummata Oromoof Qabsoon itti fufa!

SBO Caamsaa 14,2017. Oduu, Gabaasa hidhamtoota Oromoo Godina Arsii fi Gaaffii fi deebii dargaggoo Gooressaa waliin taasisame kutaa lammaffaa

Aside

**Naankihkaameen**new oromo music Abbabaa Dhugaasaa 2017

Aside

ONN: Gaaddisa Dhugaa 8ffaa May 11,2017

Aside

Hawaasi Oromoo Magaalaa Jimmaa Loltoota TPLFn Dararamaa Akka Jiru Qeerroon Gabaase.

Aside

Caamsaa 12,2017/ Wayyaaneen Uummata Beelaan Dhumaa Jiru Akka Uummanni Hin Gargaarreef Hawwaasa magaalaa Jimmaa Reebuuf Hidhuun Itti Fufte.
Uummata Oromoo ilu abbaa booraa irraa sababa godaansaaf saamicha Wayyaaneen beelaaf saaxilamanii jiran, magaalaa Jimmaa keessa gaaffii karaa nagaa gaafataniif deebiin dhabamee dhoksaan uummaticha ukkamsuuf utuu yaaltuu dubbichi erga bahee  akka waan gargaaraa jirtutti Continue reading

Wayyaaneen TPLF Ummata Oromoo Jiruu Isaa Irraa Kaasuun Baadiyaa fi Magaala Irraa Walgahiin Sardaa Jiru.

Aside

Caamsaa 12/2017 Godina Shaggar Bahaa Aanota hundarraa Ummata wal gahii teessisaa jiru. Maqaa Kiraasassaabdummaa fi Daldala seeran alaa jedhuun Itti Gaafatamaan Wajjira Dhaabaa Obbo Geetaachoo Taamiraat kaabinoota Godinaa wajjiin Ummata wal gahii teessisaa jiraachuu fi Continue reading