Waaqoo Nooleetiin
Biyya lafaa kana irratti mootummaan gabroomsaan afaan Qawwetiin aangotti ol bahe kamuu sirna bulchiinsa ummataa (Democracy) haqaa gaggeessuun biyya bulchu keessatti fedhii fi dantaa ummataa tiksee hin beeku; tiksiisuus hin danda’u. Impaayera Itiyoophiyaa keessattis mootummoota gita bittoota habashaa dhufoo lufoo irraa ummattoota biyyattis ta’ee Ummanni Oromoo “ Tiisisa irraa Damma hin eegan’’akkuma jedhamu mirgaa uumaan qabu sarbamuu, Qe’ee fi qabeenya isaa samamee biyyarraa baqachiifamuu, gaaffii tokkoon ala jumlaan qabamee hidhamuu fi itti qiyyaafatamee adda keessa rukutamuun ajjeefamuu irraa kan hafe kabaja mirga uumamaas ta’ee faaydaan argate tokkolee hin turre; si achiis hin jiraatu. Continue reading
Adoolessa 7,2017/ Godina Arsii Aanaa Diksiis Hamdaa Keessatti leenjii gaggeessitootaa jechuun wal gahiin Wayyaaneen guyyoota hedduuf gaggeessaa oolte guyyaa har’aa kan xummurame yoo ta’uu.xummura wal gahichaarratti sabboontonni Oromoo gaaffilee ciccimoo gafachuu isaanii maddeen keenya Hamdaa irraa gabaasanii jiru.akka gabaasa achii nu gaheetti waa’ee hiree ufii ofiin


