SBO: Adoolessa 12 bara 2017. Adoolessa 13: Guyyaa Finfinnee ilaalchisee Qophii qindaahe Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Diraamaa Gabaabduu Sa’a ibidda Dhale keessa kan fudhatame.

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Adoolessi 13-Guyyaa Fiinifnnee ti!

Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuu wareegama baasaa as gahe. Ammas wareegama qaqqaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan Oromoo mirkanaawuutti wareegama baasuun waan dhaabbatu hin ta´u.

Sabboontotni Oromoo hedduu golee Oromiyaa mara keessatti falmaa mirga abbaa biyyummaa isaani deebifachuuf diddaa godhaniin wareegama qaqqaalii baasanii jiru. Seenaan bara baraan isaan yaadatti, warri diddaa abbaa biyyummaa Oromoo irratti wareegaman bara baraan yaadatamaa jiraatu.

Bara 2001 keessa Gootooti barattooti Oromoo murtii dabaa wayyaaneen dhimma Finfinnee irratti dabarsite fi lukkeen hojiitti hiikuuf tattaafatte mormuun gaaffii kaasan, maanguddoon Oromoo kan Waldaa Maccaa fi Tulamaas hiriira nagaa bahaniif deebbiin isaaniif kenname reebicha, gidiraa, hidhaa fi ajjeechaa ture, Gaaffii kana waliin wal qabatee goototi barattoota Oromoo hedduu wareega qaalii lubbuu itti baasanii jiru, isaan keessaa warra dhimma kanaaf mana hidhaatti gidirfamaa fi rasaasaan rukutamanii ajjeefaman kumaatamaan lakkaawamu! Continue reading

ONN-Adoolessa 11,2017

Aside

Goototnni Sabboontoti Oromoo Godina Arsii Aanaa Wandoo fi Anaa Siree Keessatti Badhaasa Kijibaa ODPOn Qopheessite Didan.

Aside

19875109_292236411185459_6324387886369846469_nAdoolessa 9,2017/Godina Arsii Aanaa Wandootti OPDOn Ergamtoota isii badhaasa isin badhaafna jettee ummata goyyomistu illee gootonni sabboontoti Oromoo hedduun isin harkaa hin fudhatnu jedhanii didan. Akkuma beekkamu Miseensotaaf hojjattoota isii dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti Ummanni Oromoo erga jibba wayyaaneef qabu karaa gara garaatiin agarsiisuu eegalee waggoonni hedduun lakkaawamanii jiru.Kanumaan wal qabatee OPDOn Museensotaaf hojjattoota isii kanneen moodeelii ta’an jechuun jibbaa Ummatni Isiif qabu keessattuu hojjattoonni isii keessaa balkeessuuf jettee geebafii sartifikeeta badhaasaa jiraachuu maddeen keenya wandoo gannat Irraa gabaasanii jiru. Continue reading

Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasaa Keessatti Sabboontoti Gowwomsaa OPDO Diduun Dura Dhaabatan.

Aside

Adoolessa 9,2017/Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasaatti OPDOn Ummata Gowwoomsaa jirti. Godina Arsii Aanaa Gadab Asaasatti Ergamaan Wayyaanee bulchaa aanichaa ta’e Obbo kamaal Tolaa Ummani Aanaa Gadab Asaasaa Humnoota badii biyyaa balleessudhaaf Fasydan addaa Umnanni Oromoo finfinnee irraa argatu sirrii miti jedhanii jeequnsa kaasuf deemu dura dhaabaachuu qaba. Continue reading

ONN: Oduu Oromia News Network Adolessa 8/2017

Aside

Baratooti Oromoo Yuniverstii Wallaggaa Irraa Eebbifaman Qabxii Cuunfaa Isaanii Dhorkaman.

Aside

Wallaggaa1Adoolessa 8,2017/ Yuunversiitii Wallaggaa keessaa baratoonni bara kana eebbifaman cuunffaan qabxii barnoota saanii mootummaa Wayyaaneedhaan akka yeroon hin laatamneef shirri baratoota moorichaa irratti dalagamaa jiraachuu qeerroon gabaase.
Barattoonni mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessaa  bara kana eebbifaman  cunfaan qabxii barnoota isaanii yeroodhaan kennamuu dhabuurraan kan ka’e barattoonni moorichaa rakkoo jabaa keessa seenanii gidirfamaa jiraachuu qeerron gabaase. Continue reading

Jiraattonni Godina  Harargee Lixaa Aanaa Masalaatti Dhimma Finfinnee Irratti Labsii Bahe hin Simannu Jedhan.

Aside

19756859_460758737628705_8128824244234840654_nAdoolessa 8,2017/ Godina  Harargee lixaa Aanaa Masalaatti Dhimma finfinnee irratti Labsii bahe hin simannu jedhan. Guyyaa Sanbata har’aa Wayyaanen Mormiin waa’ee funfinneetin ka’uutu mala jettee waan shakkiteef Ummata wal gahii yaaftee haala nageenya naannoo keessanii cimsadhaa eeggadhas. Dhimmi finfinnee dhimma gadi bu’ee ummanni irratti mari’atu malee kan xummuramee miti jechuun ergamtoonni wayyaanee Ummatatti Continue reading

Radio Simbirtuu , Adoolessa 6, 2017

Aside