BBC-Afaan Oromoo.
Aministii Internaashinaal: ‘Shorokkeessummaan gaazexeessitoota hidhuun faallaa haaromsa itti jiramuuti’
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aministii Internaashinaal seera farra shororkeessummaa fayyadamuun Itoophiyaan gaazexeessitoota hidhaa jiraachuun isaa haroomsa biyyitti keessatti argamaa jiruu waliin tasa kan wal faalleessudha jedhe.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu ibsa gaazexxeesitoota Sagalee Qeerroo Bilisummaa shan Fulbaana 5, 2019 hidhamanii ragaan tokkollee osoo irratti hin dhiyaatiiniifi himannaan irratti hin banamiin turan waliin walqabsiisee baaseen.
Geezxeessitoota hidhaa turan kunneen Biqilaa Amanuu, Abdii Guuttataa, Firoomsaa Baqqalaa, Gadaa Bultiifi Addunyaa Keesso jedhamu.
Magaalaa Finfinnee naannoo Garjii jedhamutti kan qabaman yoo ta’u isaan keessa Firoomsaa, Abdiifi Biqilaa Onkoloolessa 29 hidhaati hikamaniiru. Continue reading

Har’a guyyaan Sadaasa 09 bara 2019. Sadaasni 09 seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (keessattuu seenaa Sochii Dargaggoota Oromoo/Qeerroo) keessatti iddoo ol’aanaa qaba. Waggoota 14 dura Sadaasa 09 bara 2005 ture kan Dargaggootni Oromoo yaamicha Dhaaba isaanii Adda Bilisummaa Oromoo irraa taasifameef owwaachuudhaan maqaa “Fincila Diddaa Gabrummaa/FDG” jedhuun ifatti Warraaqsa Bilisummaa bifa haaraadhaan dhoosan. Tahiinsi ykn. seenaan guyyaa sanaas akkuma tasaa guyyuma sana lafaa ka’ee waan mudate miti. Addi Bilisummaa Oromoo Diddaa Ummataa Karaa Nagaa (Civil Disobedience) irratti Ummata barsiisee ijaaruudhaan Qabsoo Bilisummaa isaa irraa bal’inaan hirmaachisuuf yoo xiqqaate waggoota shan (5) sana dura turaniif xiyyeeffannoo ol’aanaa itti kennee irratti hojjete. Manneen barnootaa ol’aanoo, caasaalee mootummaa kan gara garaa fi murnoota hawaasaa adda addaa keessatti hojiin Ummata dammaqsuu fi ijaaranii Qabsoo Bilisummaatti hirmaachisuu bal’inaan hojjetame.
1. Eng.Dandii Garbooshee. Finfinnee
Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed waltajjiilee ilmaan Oromoo itti mariisisan adda addaa irratti waa