BBC-Afaan Oromoo.

Aministii Internaashinaal: ‘Shorokkeessummaan gaazexeessitoota hidhuun faallaa haaromsa itti jiramuuti’

  • 9 Sadaasa 2019

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aministii Internaashinaal seera farra shororkeessummaa fayyadamuun Itoophiyaan gaazexeessitoota hidhaa jiraachuun isaa haroomsa biyyitti keessatti argamaa jiruu waliin tasa kan wal faalleessudha jedhe.

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu ibsa gaazexxeesitoota Sagalee Qeerroo Bilisummaa shan Fulbaana 5, 2019 hidhamanii ragaan tokkollee osoo irratti hin dhiyaatiiniifi himannaan irratti hin banamiin turan waliin walqabsiisee baaseen.

Geezxeessitoota hidhaa turan kunneen Biqilaa Amanuu, Abdii Guuttataa, Firoomsaa Baqqalaa, Gadaa Bultiifi Addunyaa Keesso jedhamu.

Magaalaa Finfinnee naannoo Garjii jedhamutti kan qabaman yoo ta’u isaan keessa Firoomsaa, Abdiifi Biqilaa Onkoloolessa 29 hidhaati hikamaniiru.

Mana hidhaa Komishinii Poolisii Finfinnee Maakalawii biratti argamu keessatti hidhamanii akka turaniifi Onkolooleessa 3 mana murtiitti dhiyaachuun dura guyyaa 27f mana dukkaanaa keessa maatiis ta’e nama biraa utuu hin qunnamiin turuu isaani Firoomsaa Baqqalaa BBCtti himeera.

“Himinnaan nurratti dhiyaate isin shororkeessitoota, shaneedha, abba torbeedha, waanuma akkasiitiin nama himatu. Kun waanuma dhaabbataadha hundaafu,” jedha.

“Waanti isaan akka ragaatti dhiyeeffatan hin jiru, qorannoofis nu dhiyeessanii hin beekan.”

Hikamuu isaaniin guyyaa tokko dura yeroo jalqabaaf qorataa duratti dhiyaatanii akka qorataman Firoomsaan ni dubbata.

“Yeroo sanatti wanta isaan ittiin nu himatan kana wantokkolle akka hin beekne itti himne.

Haala kana keessa hin jirrus hin beeknus kan jedhu kanaan mallatteessine.”

“Boorumtaasa ammoo nuyi nama sadii maqaa waamanii ba’aa nuun jedhani,” jedha waggaa tokko oliif Sagalee Qeerroo Bilisummaa keessa gaazexummaan hojechaa kan ture Firoomsaan.

Hiriyyooni isaa hidhaa keessatti hafan lamaan maaliif akka duubattti isaan hambisaan akka hin beeknes dubbateera.

Biqilaa Amanuu, Abdii Guuttataa, Firoomsaa Baqqalaa,Image copyrightFB

Hidhamee kan tureefi Sagalee Qeerroo Bilissummaa keessa gara waggaa lama kan hojjate Biqilaa Amanuu gama isaan galgala naannoo saatii 3:30 fi 4:00 gidduutti qamoleen nageenya mooraa isaaniii cabsaniifi kaan ammoo yaabanii galanii to’anno jala akka isaan olchan BBCtti himeera.

Meeshaleen poolisoonni yeroo sana mana isaanitii fudhatame akka hin deebinee dubbata.

“Meeshaa keenya bilbiloota adda addaa yeroo gaafannu, namooti isin qaban wanta kana nutti hin fidne, eenyu akka isin qabeyyu nuti adda hin baafne, waa’een keessan baayye bitaa nutti gale nuun jedhu.

Nu qabanii nu hidhanii ka’anii meeshaa keenya achumaan hambifatan,” jedha Biqilaan.

Raagaalee barnoota shanan isaanii dabalatee, ragaalee barnoota namootni biroo hojii barbaacha isaanitti kutaa biyyaa irraa erganiif waliin wanti hunduu achitti akka hafee Biqilaan BBCtti himeera.

“Xalayaa yeroo sadii barreesinee hanga ammaa deebii hin arganne nuun jedhanii akkasumaan nu gadhiisani” jedha.

Waa’ee Gadaa Bultiifi Adunyaa Keessoo irratti guyyaa qorannoo Adunyaan yaaliif gara hospitaalaaf deemee waan irratti hin argamneef duubaatti hambisaniin jenne yaadne turre jedha.

“Ergasii garuu gaafa mana murtii deemanii beellama guyyaa 28 irratti qabuu isaaniiti kan dhageenye,” jedha.

Maaliif kun akka ta’e akka hin beekneefi raagaa addaa isaan irratti qabatan yoo jiraates akka addan hin baafne Biqilaan dubbateera.


Dhaabni mirga namoomaaf mormu Amnesty International Onkoloolessa 4 ibsa baaseen hidhamuu gazexeessitoota shanan kanaa balaaleeffateera.

Ibsa kanarratti gazeexxisitoonni Onkoloolessa 3 mana murtiitti dhiyaatanii himannaan ‘shororkeessummaa kakasuu’ jedhu irratti dhiyaate erga poolisiin himannaa kanaaf raagaa tokkollee dhiyeessuu hin dandeenyee hatattamaan hiikamuu qabu jedheera.

Amenest Internaationalitti Hogganaan damee Afrikaa Bahaa, Gaanfa Afrikaafi biyyoota Gireet Leeksii, Seyiif Magangoo “Raagaa tokkollee dhiyeessu dhabuun isaanii wanti qoratamu qabu akka hin jirre agarsiisa,” jedhaniiru.

“Ji’a tokko guutuu nama tokkoon osoo hin qunnamiin akkasumaan gaazexessitoota kana erga hidhanii booda, poolisiin Itoophiyaa mana murtiitti kan dhiyeessu danda’e qorannoo kanaratti gargaarsa gafachuun xalayaa Dhaabata Basaasaafi Tikaa Biyyaleesaaf ergan qofa ta’uunsa bayyee nama ajaa’iba,” jedhaniiru.

“Aanga’oonni mootummaa Itoophiyaa hatattamaafi halduree malee gazeexessitoota kana gadhiisanii akka isaan jireenya isaanii itti fufan taasisu qaba.”

Seerri kun irra deebiin ilaalamee gulaantaa idil addunyaa waliin walgituu qaba. Kana boodas gaazexxeesitoota hidhuufi gidirsuuf fayyadamamuu hin qabu” jedheera Seyiif Magango.

 

https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-50344045?ocid=socialflow_facebook&fbclid=IwAR2QI1gt1bQ1hmLsLcMAHmiPqny6gUbelSgDVzPh13vtxN9_N01l2w6XW_g

 

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s