Sadaasa 09 Waadaa Qabsoo Haaromsachuudhaan Haa Yaadannu !
(SQ- sadaasa 9/2019)
(Ijoo Dubbii ABO – Sadaasa 09, 2019)
Har’a guyyaan Sadaasa 09 bara 2019. Sadaasni 09 seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (keessattuu seenaa Sochii Dargaggoota Oromoo/Qeerroo) keessatti iddoo ol’aanaa qaba. Waggoota 14 dura Sadaasa 09 bara 2005 ture kan Dargaggootni Oromoo yaamicha Dhaaba isaanii Adda Bilisummaa Oromoo irraa taasifameef owwaachuudhaan maqaa “Fincila Diddaa Gabrummaa/FDG” jedhuun ifatti Warraaqsa Bilisummaa bifa haaraadhaan dhoosan. Tahiinsi ykn. seenaan guyyaa sanaas akkuma tasaa guyyuma sana lafaa ka’ee waan mudate miti. Addi Bilisummaa Oromoo Diddaa Ummataa Karaa Nagaa (Civil Disobedience) irratti Ummata barsiisee ijaaruudhaan Qabsoo Bilisummaa isaa irraa bal’inaan hirmaachisuuf yoo xiqqaate waggoota shan (5) sana dura turaniif xiyyeeffannoo ol’aanaa itti kennee irratti hojjete. Manneen barnootaa ol’aanoo, caasaalee mootummaa kan gara garaa fi murnoota hawaasaa adda addaa keessatti hojiin Ummata dammaqsuu fi ijaaranii Qabsoo Bilisummaatti hirmaachisuu bal’inaan hojjetame.
Hojii sanatu milkaawina, injifannoo fi guddina argamsiisaa deemee Sadaasa 09, bara 2005tti Fincila Diddaa Gabrummaa/FDG ifatti dhoose. Fincilli/Sochiin seena-qabeessi sun jalqaba kan dhoohe barattootaan tahus hatattamaan birmannaa murnoota hawaasaa (Qonnaan bultoota, barsiisota, daldaltoota, artistoota, hojjettoota mootummaa …kkf) hundaan dabaalamee akka ibidda saafayaatti Oromiyaa waliin gahee sirna mootummaa Abbaa Irree raase. Sochii sanaan akka maleetti kan rifate dursaan mootummaa Abbaa Irree kan yeroosii (Muummichi Ministeeraa Mallas Zeenaawwii) rifaatuu isaa dhokfachuu hanga dadhabutti gahee sochii sana maqaa bubbee hamaa galaana irraa “Tsunami” jedhamuun beekamuutti fakkeessee irraa dubbachuun isaatis hin dagatamu.
Fincila Diddaa Gabrummaa/FDG gaafas ifatti labsamee dhoohetu ibidda dikee seene tahee takka riphee waan dhaame fakkaachaa, takka belbelaa yeroo irraa yerootti moyxannoo kuufachaa fi qaramaa deemee Ebla bara 2011tti ammoo boqonnaa haaraya kan Ijaaramuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo maddisiisetti tarkaanfate. Ijaaramuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo ammoo Diddaan Ummataa Karaa Nagaa (Civil Disobedience) Ummatni keenya Bilisummaa isaatiif taasisu caalaatti qindoominaa fi naamusa, akkasumas, itti fufiinsa (continuity) akka qabaatu taasisee jijjiirama har’a mul’atu kana fide.
Warraaqsa seena-qabeessa Sadaasa 09 bara 2005 dhoohee yeroo dheeraaf deeme sana keessatti Sabni keenya wareegama guddaa baase. Ilmaan Oromoo goototaa fi qaroo hedduutu lubbuu isaanii itti wareege. Hedduutu qaamaa itti hir’ate. Jireenya namootaa fi maatii hedduutu manca’e. Sun hundi adeemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gatii Bilisummaadhaaf baafamaa turee fi har’as baafamaa jiru keessatti ilaalama.
“Success has many fathers, but failure is an orphan” jedhu Faranjootni. “Mo
hiinsa ykn. milkaawina namoota hedduutu itti Abbaa tahuu fedha. Kufaatiin garuu yatiimaa (Ilmaan maatiin irraa dhuman) dha.” akka jechuu ti. Yaada kana waa malee hin kaasne. Har’a akkuma argaa fi dhagahaa jirru namootaa fi murnoota hedduutu jijjiirama har’a mul’atu kan Qabsoo Bilisummaa Saba keenyaatiif akka injifannoo guddaatti ilaalamu kanatti Abbaa of fakkeessuuf wixxifatu. Hanga yeroo dhihootti garuu sochii seena-qabeessa Sabni keenya tarsiimoo Diddaa Ummataa Karaa Nagaa (Civil Disobedience) Dhaabni isaa Addi Bilisummaa Oromoo kaa’eef hordofuudhaan taasisaa ture sana akka Ummata ficcisiisuu, wareegama hin barbaachisneef ummata saaxiluu, harka namaatiin ibidda qabachuu …kkf.tti ibsuudhaan duulli olola farra qabsoo irratti banamamuudhaan Addi Bilisummaa Oromoo ittiin balaaleeffatamaa turuu isaa taajjabbii guddaadhaan yaadanna. ABO fi Abbaan Qabsichaa (Sabni keenya) garuu maaliif maal akka gochaa turre waan beeknuuf ololootaa fi gochoota farra qabsoo sanaan osoo duubatti hin deebi’in harka wal qabannee sadarkaa har’a jirru irra geenyee jirra. Bakka irraa kaane beekna. Bakka kaaneefis hin dagannu. Kanaafiti ololli gantootaa fi ayyaan-laallattootaa yoomuu mogolee nu hin buusne, hin buusus. Dhiichisni miiraa fi mirqaana yerootiin guutames nu macheessee nu hin dogoggorsine, nu hin dogoggorsus. Akkanaan as geenye.
Har’a Sadaasa 09 bara 2019 irraa waggaa 14 of duuba deebinee Sadaasa 09 bara 2005 dura haala ture oggaa yaadannu seenaan qabsoo hojjenne akka Sabaattis tahe akka Dhaaba Adda Bilisummaa Oromootti kan itti boonnu dha. Wareegamni baasne ulfaataa tahus gatii Bilisummaa keenyaaf baasne waan taheef ittiin boonna. Haa tahu malee, har’as galma kaaneef kan wareegama ulfaataa sana itti baasnetti ni dhihaanne malee hin geenye. Bilisummaan Saba keenyaa hin mirkanoofne. Ba’aan qabsoo nu irraa hin buune. Wareegamnis nu irraa in dhaabbanne. Kanaaf, Sadaasa 09 guyyaa seena-qabeessa Fincilli Diddaa Gabrummaa Saba keenyaa itti eegale waggaa kudha afraffaa (14ffaa) isaa oggaa yaadannu galma keenya sana gahuuf haala amma keessa jirru keessatti qooda nu irraa eegamu hunda akka bahannu waadaa keenya haaromsachuudhaan tahuu qabaan dhaamsa Adda Bilisummaa Oromoo ti.
Injifannoo Ummata Bal’aaf !