Yoo Garaa Irraa Booyan Imimmaan Hin Dhibu
(Ibsa ABO – Sadaasa 01, 2019)

Akkasumas, yeroon isaan gumaacha maallaqa ABOf taasisan akka tures dubbachuu isaanii dhageenya. Kun dhugaa moo soba? Maaliifis dhimma kana irra deddeebi’anii kaasuun feesise? gaaffii jedhuuf deebisaa kennuun barbaachisummaan isaa waan nutti hin mul’anneef cal’isuu filannee turre. Haa tahu malee dubbiin kun deddeebi’ee ka’uu isaa dugda duubaan akeekni dhokataan jiru waan nutti mul’atuuf fi Ummatni keenyas haqa jiru dhagahuun waan isa gargaaruuf dhimma kana irratti dhugaa jirtu ifa gochuu filanne. Dubbichi akkana:
Muummeen Ministeeraa Itoophiyaa har’aa Dhaabbata INSA (Information Network Security
Agency) Itoophiyaa keessatti hojjechaa akka turan beekamaa dha. Wareegamuu Jaal Laggasaa
Wagii xiqqoo dursee namni caasaa Tikaa EPRDF keessa hojjechaa ture (kan ammatti maqaa
isaa dhawuun hin feesisne) tokko biyya Jarman irraa Hayyu–Duree ABO Jaal Daawud Ibsaatti
bilbiluudhaan namni Abiy Ahmed jedhamu kan odeeffannoolee wal–qunnamtii adda addaa
hordofuu, dhaggeeffachuu fi butuu …kkf. irratti hojjetu tokko akka Jaal Daawud dubbisuu
barbaadu itti hima. Jaal Daawudis tole jedhee qunnamtii kanaaf haala mijeessa. Akkaataa
kanaan Dr. Abiy (yeroo sanatti Jaal Daawud waliin eenyummaa walii kan wal hin beekne
tahamus) qilleensa irraan Jaal Daawud Ibsaa waliin qunnamtii godhee wal haasawuun isaa
waan jiraa ti. Haasawa sana keessatti Jaal Laggasaa Wagii ajjeesuuf akka hordoffiin
gaggeeffamaa jiru odeessaa fi yaada qabu Jaal Daawuditti himuun isaatis dhugaa dha.
Gumaacha maallaqaa ilaalchisee kan jedhame garuu wanti Dhaabni/ABOn beeku hin jiru.
Hayyu–Dureen (Jaal Daawud Ibsaa) akkuma odeeffannoo kana argateen Jaal Laggasaa Wagii
dubbisuudhaan akka tarkaanfii baraarsaa fi of eeggannoo fudhatu (hanga nannoo sana gadi
dhiisee deemuutti) ajaja itti kenne. Jaal Laggasaa Wagii gama ofitiin odeeffannoo loltummaa
(military intelligence) sadarkaa ofiitti qabus erga ibseen booda tarkaanfiilee baraarsaa fi of
eeggannoo barbaachisan kan fudhatu tahus, loltoota ajaja isaa jala jiran kan bakkoota adda
addaatti bobbaasee jiru marfama diinaa keessatti, naannichas diinaaf dhiisee bakka sana kan
gadi hin lakkisne tahuu isaa beeksisuudhaan murtii fudhate. Qunnamtii qilleensa irraatiin kuni
tahee osoo hedduu oolee hin bubbulin Jaal Laggasaa Wagii wareegame.
Wareegama Jaal Laggasaa Wagii ilaalchisuudhaan dubbii Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa
Dr. Abiy Ahmed biraa deddeebi’ee ka’u ilaalchisee dhugaan jiru kanuma. Jaal Laggasaa Wagii
akkuma Jaallan hiriyoota, hordoftootaa fi angafoota isaa Gootowwan Qondaaltota WBO
hafaniitti Bilisummaa Saba Oromootiif jecha waggoota dheeraaf lolee, lolchiisee gootummaa
ol’aanaadhaan wareegama lubbuu baase. Dhugaa kana eenyu illee haaluus tahe dantaa siyaasaa
kamiifuu jallisee Ummata keenya ittiin burjaajessuu hin danda’u. Duulli waraanaa (Military
Operation) sadarkaa ol’aanaatti Mootummaa Itoophiyaa kan EPRDF–n hoogganamuun
qindeeffamee Jaal Laggasaa Wagii ajjeesuuf gaggeeffame sun bifa kamiin akka gaggeeffamee
fi eenyuun akka hoogganames tahe eenyufaan akka keessatti hirmaatan ammoo viidiyoo yeroo
sanatti mootummaan Itoophiyaa maqaa Iccitii Gammoojjii Sahaaraa jedhuun qindeessee
miidiyaa qabuun tamsaase irraa caalaatti hubachuun ni danda’ama.
Kana erga ifa goonee booda, Dr. Abiy gaafas Sab–boonummaa fi aantummaa Qabsoo
Bilisummaa Oromootiin Goota keenya Jaal Laggasa Wagii baraaruuf kan qooda isaanii
gumaachan yoo tahe seenaan sun har’a yeroo isaan aangoo fiixee kan Itoophiyaa bulchuu of
harkaa qabanitti hordoftootaa fi faan–dhahii Jaal Laggasaa Wagii irratti duula gaggeeffamaa jiru
wajjin bifa kamiin walitti araarfama ? hibboo jettu Ummataaf dhiisna.
Maayyii irratti, Gumaan Jaal Laggasaa Wagii Bilisummaa Saba keenyaa mirkaneessuu tahuu
hubachiisaa, Kabajamoo Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed wajjin waan
gaafa sana Ummata keenyaafis tahe biyyattii tanaaf waliin dalaguu dandeenyu turreen olitti
(yoo garaa irraa tahe) har’a yeroo isaan aangoo kana of harkaa qabanii fi Hoogganni ol’aanaan
ABOtis qaamaanuu isaan cinaa jiru kanatti waan nuti waliin hojjechuu dandeenyutu irra guddaa
dha jennee waan amannuuf isa irratti waliin haa hojjennu jenna. “Yoo garaa irraa booyan
imimmaan hin dhibu.” jedhu mitii ree?
Injifannoo Ummata Bal’aaf !
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 01, 2019