Duulli Hidhaa Jumlaa Fincila Jabeessisa Malee Oromoo Hin jilbeenfachiisu

                                                                     (Infoo Deeskii ABO irraa)
Mootummootiin abbaa irree sagalee ummatootaa ukkaamsuuf jecha tarkaanfiilee akka meeshaatti itti dhimma bahan keessaa tokko hidhaa jumlaa ti. Hoggaa mormiin ummataa itti jabaachaa dhufe hundumaa ummata julmaan guuranii mana hidhaatti naquun aadaa isaanii ti. Ummata ni bulchina jedhanu irraa amantaa waan hin qabneef shokokkee xiqqoo tokkoon baaraganii tarkaanfii doorsisaa fudhatu.

Gaaddidduu mataa isaanii shakku. Yaada ummanni qabu dhagahuuf fedhiis tahee obsa hin qabani. Mootummaan TPLFis sirna abbaa irree waan taheef amaloota kana fakkaataniin ibsama. Ummatoota humnaan bulchaa jiru irraa soda guddaa waan qabuuf hidhaa jumlaatiin jiilchuu kajeela.

Yeroo ammaantanaa Oromiyaa keessatti balínaan kan muláchaa jirus kanuma. Sababni hidhaa jumlaa Oromiyaa bakkoota adda addaatti geggeeffamaa jiruu maal akka tahe beekamaa dha. Diddaa ummataa tu babalátaa deemaa jira. Fincila barattootaa, hojjetootaa, qotattootaa fi murnoota hawaasa Oromoo biroo tu Wayyaanee sardaa jira. Sirni bifa kanaan muddame kun ummata jumlaan guuree mana hidhaatti naquu akka tooftaa of baraarsaatti waan fudhate fakkaata.

Hará Oromiyaa keessaa bakki hidhaa jumlaa kana irraa walaba tahe hin mulátu. Bahaa dhihatti, kaabaa kibbatti Oromiyaan qehee roorroon itti hammaate taateetti. Keessumattuu odeessi Dhiha Oromiyaa onoota adda addaa irraa dhufaa jiru akka mulísutti lakkuma duulli hidhaa babal’atuun diddaan ummataas jajjabaachaa deemuutti jira. Giddu galeessa Oromiyaa keessaa odeessi bahus haaluma kana mirkaneessaa jira. Kutaalee Oromiyaa biroottis lammiileen lakkoofsi isaanii sirriitti hin beekamin guyyaa guyyaan guuramanii hidhamaa jiru.

Ilmaan Oromoo jumlaan hidhamaa jiran kun yakka tokko illee akka hin qabne waan beekamuuf maqumaafuu tahu mana murtiitti dhiheeffamuu dhorkaman. Yoo mana murtiitti dhihaatan badiin isaanii maal akka tahe waan gaafatamuuf dabballoonni Wayyaanee maqaa abbaa alangummaatiin moggaafaman deebii hin qabaatani. Kana dursanii waan beekaniif
namoota ukkaamsanii hidhaatti darbatan akkuma ukkaamsanitti tursu. Yoo kan murtiitti dhiheessan tahes ragaa kijibaa walitti qindeeffatanii ilmaan Oromoo nagaa irratti murtii duáa fi hidhaa umrii guutuu murteessuun waanuma barame. Dhugaan Oromiyaa guutuu keessatti harás muláchaa jiru kanuma mirkaneessa.

Lammiileen Oromoo Oromummaa isaaniif quuqaman miseensa ABO ti jedhamanii shororkeessummaadhaan yakkamanii hidhamu. Ilmaan Oromoo miseensota paartiilee biyya keessatti karaa nagaan sossoánii tahan baayéen duuba isaaniitiin ABO tu jira jedhamanii yakkamuun hidhaa keessatti tortorfamaa jiran. Gariin isaanii miseensota hoggana paartiilee kanaa kan akka Obbo Olbaanaa Leellisaa fi Baqqalee Garbaa faa dha. Jarri kun eega yakka sobaatiin himatamanii hidhamanii jióota heddu lakkoofsisanii jiru tahu iyyuu, dhimmi isaanii maal irra akka gahe hin beekamu. Hogganoonni paariilee biroo kan isaan booda hidhaman garuu maqumaafis haa tahuutii, mana murtiitti deddeebifamaa jiraachuun beekamaa dha.

Sirni Wayyaanee Oromoo irratti imaammata diinummaa addaa akka hordofu kan ragaa tahus tokko waanuma akkanaa faa dha. Hará yeroo miseensotni hoggana paartiilee biroo mana murtiitti deddeebifamaa jiraachuun irra deddeebi’ee gabaafamu, ilmaan Oromoo kumoota meeqaatamaan mana hidhaa dhiphisanii jiran garuu nama maqaa isaanii dhawu dhaban.

Miidiyaaleen alaa waaée murtiitti dhihaachuu hidhamtootaa gabaasu jedhamanis waaée hidhamtoota Oromoo irraa waa xiixuu yoo hanqatan mulátu. Gaazexessoonni miidiyaalee kanaa kan dirqama hagabaastummaatiin Shaggar jiranis duula sagalee Oromoo ukkaamsuu irratti waan Woyyaaneedhaaf daboo bahaa jiran fakkaata. Osoo isaan waa hin xiixin dhaabonni mirgoota namoomaa akka Amnestii International halaala irraa waaée hammeenya hidhaa isa Oromiyaa keessatti balínaan geggeeffamaa jiruu gabaasuun isaanii shakkii kana caalaatti dirree baasa. Amnesty International duula yeroo dhihoo keessatti taasifame qofaan ilmaan Oromoo mana dhibbaatti lakkaawaman jumlaan guuramanii hidhamuu gabaasaa isaa keessatti jala muruun isaa haalli hará Oromiyaa keessatti mulátu kan naannoo biyyattii kamiiyyuu caalaa yaaddessaa tahuu isaa ragaa baha. Dhugaan mulátu kana tahee osoo jiruu hagabaastonni miidiyaalee idil addunyaa tokko tokko duula hammeenyaa Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru ukkaamsuu yaaluun Wayyaaneef guuza bahuu yoo tahe malee hiikkaa biraa hin qabaatu.

Waanuma fedheyyuu tahu garuu, hammeenyi diinnan Oromoo hangamuu yoo babaláte, qabsoo diddaa gabrummaa Oromoon itti jiru duubatti deebisuu hin dandaú. Jaalatamus jibbamus hará Oromiyaan kutaalee biyyattii kamiinuu caalaa bakka diddaan farra Wayyaanee jabaatee itti muláchaa jiruu dha. Oromoon callisaa hin jiru. Karaa isaaf dandaáme hundaan sirnicha waliin dugdaa fi garaa tahuu isaa mirkaneessaa jira. Kanaafis ragaan guddaan tokko duuluma hidhaa jumlaa kan iddoo kamiinuu caalaatti Oromiyaa keessatti babalátee jiruu kana. Bakki hidhaan itti hammaatu bakka itti diddaan gabrummaa jajjabaate tahuu isaa agarsiisa. Hará Qeerroon Oromoo dhaabbiilee barnootaa sadarkaa adda addaa keessaa baratu kaabaa kibba, bahaa dhiha osoo hin jenne quba wal qaba. Qeerroon Oromoo teknooloojii baraatti akka gaariitti dhimma bahuudhaan sochii isaa qindeeffatee Wayyaanee yaaddoodhaan waadee irriba malee bulchaa jira. Ummanni Oromoo baláanis karaa isaaf dandaáme maraan ilmaan isaa kana tumsuuf murannoo ajaaíbaa agarsiisuu irratti argama.

Murannoo qabsoo ilmaan Oromoo kana tu Wayyaaneetti yaaddoo naqee jira. Akka waliigalaatti tarkaanfiin sirni Wayyaanee hará Oromiyaa keessatti fudhataa jiru hundi Oromoo fi sirnicha kan walitti araarsu osoo hin taane daranuu falmaa murteessaaf kan of qopheessisuu dha. Oromoon lammiilee biyyattii kamiinuu caalaatti qehee isaa irraa buqqifamaa jira. Lafa isaa saamamaa jira. Laggeen isaa, haroowwan isaa tu summeeffamaa jira. Biyyee lafa isaa gabbataa fi qilleensa isaa jiidhaa tu faalamaa jira.

Gabaabumattuu egeree ummatichaa tu tooftaa qindaawaadhaan dukkaneeffamaa jira. Lammii tu kumoota kumootaan guuramee hidhaatti naqamaa jira. Kan sirna hamaa kana jalaa biyya ollaatti baqates bakka itti baqatetti mirga namoomaa waakkatamee akka bosonuu adamsamaa jira. Hammeenyi sirni Wayyaanee Oromoo irratti raawátaa jiru kana qofaan kan himamee dhumus miti. Tarkaanfiin hammeenyaa kun hundi walitti idaámee akka fincilli jalqabame daranuu babalátee sirnicha dhabamsiisu taasisa malee Oromoo hin jilbeenfachiisu!

Injifannoo Ummata Oromoof!
Infoo Deeskii ABO

University Wallaggaa fi Dirree Daawwaa Keessatti Oromummaan Arrabsamuun “Yakka Miti “ Jedhame.

Gabaasa Qeerroo Laqamte,Muddee 27,2011

Mooraa University Wallaggaa keessaattii ergamtoonnii TPLF barattoota Oromoo irraatti tarkaanfii dinummaa fudhachaa  akka jiran gabaafame.Haalumaa kanaan baratoota dhaalotaan Tigiree ta’an baratoota Oromoo arrabsiisun, barattoonni Oromoos karaa seera qabeessa taheen iyyaata himataa diinii mana barnootaatti dhiheeffannaan “Kun Yakka Miti, Baga Isin Arrabsan!” deebii jedhu erga kennaniifii booda,barattoota iyyannaa kana iyyatan keessaa nama afur University irraa arhihuun barataa tokko ammo dinnina itti kennamee jira.

Barattooti arihamanis maqaan isaanii:-

1.barataa Shimaalis Nabsoo, department geology  waggaa 3ffaa

2. Warqinaa Baqqaanaa department geology  waggaa 3ffaa
3.Lataa Amanaa

4.Taaddee Adinoo

Kanneen jedhaman yeroo tahu. Mootummaan Wayyaanee tahe jechuun barattoota Oromoo dachii Oromiyaa biyya abbaa ofiitti arrabsamanii akka gad-aantummaan itti dhagahamu gochuuf baroota dheeraa carraaqaa waan jiruuf ammos kanaan qabatee Fincila Diddaa Gabrummaa Qeerroon bakka hundatti qabsiisee jiru dura dhaabbachuuf sababa barbaadaa waan jiruuf dargaggoonni Oromoo kanaaf akka hin jilbeeffanne gabaasaan qeerroo Unversity Wallaggaa addeessa.

Dirree Daaawwaa

Kanuma waliin wal qabatee  mooraa university Diree Dowaa keessaatti  mootummaan TPLF dhalootaan ilmaan Tigraay kanneen tahan ijaaree barattoota Oromoo eenyummaa isaanii jecha xiqqeessuun tahe jedhee arrabsiisaa akka jiru Qeerroon University Dirree Daawwaa irraa gabaasa. Haala kanaan barataan Tigiree tokkoo baratoota Oromoo waggaa 2ffaa daamee Saayinsii uumamaa(civil engineering) baratuun, daree barnoota kessaatti Afaan Oromoo dubbachuun yakka dha dubbachuun hin dandayamu jechuun baratoota Oromoo arrabse. Dhimmaa kanan walqabatee barattoonni Oromoo qaama mooraa sana bulchuutti himaanna dhiiyeeffaatan, himannaa isaaniif deebiin bulchiinsa irraa kenname “ Isiin barattooti Oromoo humnotaa badiitii, shororkeesitotaa waan taataniif rakkiinni tokkoo gaaffii keessan  kanaan walqabatee uumammnan isinitu itti gaafatama”  jechuu baratoota Oromoo himannaa dhiheeffataniin deebisanii yakkamtoota gochuun dorsisan.

Haala kanaan  barattonni Oromoo nuti garbummaa irraattii arrabsoo hin dandeenyuu, kanaan booda gaffii kamiifuu deebiin FDG yoo ta’ee malee furmaannii biraan akkaa hin jirree walhubachisuun,diddaa uumuuf of qopheessuun  murannoo fi akkeeka hin daddaaqamne qabannee qabsoo bilisummaa itti fufuu qofatu nubaasa kan jedhuun ejjennoo fudhachuu isaanii qeerroon mooraa University Dirree Daawwaa gabaase.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

 

Hoo Hoo…. Yaa Waaq- Yaa Waaq, nu hin dagatiin

Diddaa Qeerroo Haromaayaa                   Diddaa Qeerroo HAromaayaa15

(Odeessa Qeerroo, Haromaayaa, 26 Muddee 2011) Gabaasaan Qeerroo akka ibsuttii, yeroo ammaa kana naannoon Yunivarsitii Haromaayaa mooraa waraanaa fakkaatee jira.

Qeerroo Oromoo adamsuuf ergamtoota Wayyeenee bobba'an

Haata’uutii, marfamni kun diddaa Qeerroo dhaabuu hin dandeenye. Qeerroon naannoo san jiran haala mijjate hundatti dhimma bahanii diddaa fi mormii sirna Wayyaanee irraa qaban ibsachaa jiran.

Kanneen sirbaan diddaa isaanii ibsachaa jiran akkuma jiran, kaan immoo Odaa jalatti walgahanii akka aadaa Waaqeffannaatti fedhii fi hawwii qaban ibsatanii akka jiran hubatamee jira.

Akka gabaasaa Qeerrootti, sochiin barattootaa waan uggurameef, barattooti Oromoo guyyaa Waaqeffannaa kabajanna jechuun wayyaa aadaa Oromoo uffachuun roorroo if irraa ittisuuf jecha sambata diddaa isaanii dhageessifachaa olanii jiru.

Haalli naannoo sanii amma illee dhiphuu keessa kan jiru yoo ta’u, gama kaaniin FDG itti fufees jira.

Qeerroo dabalee akka suuraa fi sagaleen gabaasetti, yeroo ammaa kanatti humnooti Agaazii kanneen Qeerroo Oromoo adamsuuf ramadaman hidhatanii  ergama waardiyyummaa Wayyaanee bahuuf  of-eeggannaan jiran.

Dubbiin garuu daran hammaataa akka jiru odeessi nu gahe ni addeessa. Ergamtooti Wayyaanees  bobbaa  Diddaa Qeerroo fi sochii Barattoota Oromoo mooraa University Haromayaa dhaabuuf yaalan illee mormiin caalatti waan itti fufeef , humni tikaa fi waraana Wayyaanee dabalataan  naannoo sanatti akka heddummaatan godhee jira.

Diddaan Qeerroo Itti Fufe, Sagalee Dargaggoota Oromoo University Haromaayaa.

Qabsoon Itti fufa!!

Record000

Diddaa Qeerroo Oromoo Yuni Haromaayaa

Image

(Haromayaa, Muddee 26, 2011) Diddaan barattoota Oromoo Oromiyaa bahaa keessaa qillisaa jira; sirni Wayyaaneens yeroo ammaa kanatti tarkaanfii abdii kutannaa fudhachuu malee fala dhabdee raakamaa akka jirtu oduun nu gahaa jiru ni hubachiisa.

Waan sagalee fi barruun akkasumas Videodhaan waraabamee akka muldhisutti, diddaa fi sagaleen diddaa Qeerroo University Haromaayaa kan gaafa 25,2011 hedduu hoo’aa fi miiressaa ta’uun hubatamaa dha. Kanas tokko lamaan gama fuula duraa ummata keenyaaf dhiheessina.

                                                       

“Nuti, Qeerroon Oromoo, seenaa wareegama qabsaa’ota Bilisummaa Oromoo haga yoonaatti galmeeffameef bakka guddaa kennaa, nutis akka dhaloota haaraatti wareegama bilisummaa baasuuf kaanee jirra.”

Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa

Qabsoon itti fufa! Garboonfataan ni kufa!!

The Qeerroo resistance embarrassed the Woyane Government in Haromaya University

Image

(Qeerroo, Haromaya, December 26, 2011)The fake celebration of Nations and Nationalities day was disrupted by the brave resistance of Oromo Students in Haromaya University.

It is the public knowledge that the brutal government in Ethiopia is using this day to deceive the public with is deceptive propaganda machine and to buy time to its dying regimes life.

Alaabaan OPDO buqqifamee(bu'ee) Alaabaan Gadaa Bakka Bu'e

Alaabaan OPDO buqqifamee(bu'ee) Alaabaan Gadaa Bakka Bu'e

After getting in touch with and reaching a deal on the necessity of resisting the deceptive propaganda of the government with the rest of other enlightened nations and nationality students, the Oromo students were able to turn down the evil agenda of the day.

In spite of the suspicion and deployment of the Peace and Security Club, Oromiya and the Federal police in a bid to celebrate well the on the planned day, the brave students were able to tear down the flag of the repressive regime on the night of 23rd of December 2001 and started to sing motivational and freedom songs including the one that Praises the OLF.

Accordingly the highly planned ceremony on the 24th of December 2011 was forced to collapse in a shame. In a last minute effort to fix the problem and move on the program, they forced some students to carry OPDO flag but they also showed their resistance by changing it with Abba Gadaa flag with a name “Oromiya” written on it.

By doing that they have bravely demonstrated that OPDO is illegitimate and unrepresentative within the Oromo people.

Finally they called up on all citizens to realize the long overdue deception of the dictatorial regime in Ethiopia and to stand up against this deceptive day and the regime that manipulated everything in the country for so long.

The struggle shall continue!!!

@Qeerroo

Diddaa Qeerroo University Haromaayaa fi Abdii Kutannaa Wayyaanee.

Video

(Qeerroo, Haromaayaa, Muddee 25, 2011) Ayyaana Sab-lammootaa Wayyaaneen qopeessite  akka yaadde tahuu dhabee University Haroomaayaa keessatti guyyaan ayyaana sanaa  Diddaa Qeerroo bakka bu’e.

Alaabaan OPDO buqqifamee(bu'ee) Alaabaan Gadaa Bakka Bu'e

Alaabaan OPDO buqqifame Alaabaan Gadaa Bakka Bu'e

 Muddee gaafa 24,2011 Albaan Wayyaanee fi OPDO bu’ee bakka isaa alaabaan Gadaa Oromoo fannifamee oolee jira.

Gootonni barattooti Oromoo guyyaa kana guutuu sirboota Warraaqsaa fi ABO akkasumas WBO faarsaniin diddaa isaanii guutuutti muldhifataa turan.

Humni Waraana Wayyaanee diddaa kana dhaamsuuf gara University Haromaayaatti habobba’u iyyuu malee tasa itti milkaawuu dhadhabe.

Qeerroon yeroo ammaas diddaa isaanii itti fufanii kan jiran yoo ta’u, humnooti tikaa Wayyaanee immoo diddaa Qeerroo kana  maal akka godhan wallaalanii walfalmaa akka jiran beekamee jira.

Tika Wayyaanee mootummaa isaanii irraa abdii dhaban

Qeerroon Oromoo roorroon itti hammaate walleelee warraaqsaa fi sirboota gootaan tokkummaan ka’anii alaabaa diinaa buusanii bakka isaa kan gadaa Oromoo gurraacha adii diimaa buusuun ayyaana Wayyaanee qindeessite jalaa fashalchiisanii oolan.

TV n Ethiopia fi raadion Wayyaanee ayyaana sabaaf sab lammootaa kana irraa olola tolfachuuf kan naannoo sanitti bobba’e qaanyuu guutuun of irra galagalee deebi’uun gabaasi Qeerroo Haromayaa addeessa.

Alaabaan OPDO buqqifamee(bu'ee) Alaabaan Gadaa Bakka Bu'e

Alaabaa Abbaa Gada

Guutummaa sochii kanaa tahuu baatus hanga tokko sagalee fi suuraan akka armaa gadiitti dhiheessina. Video n waraabame waan humni interneetaa nuu rakkeef ammatti irra oollee bullee nu darbuu hin dandeenye.

Diddaan Qeerroo Itti fufee University Haromayaa keessatti Wayyaaneen Qaanofte.

Gabaasa Qeerroo Haromaya, Muddee 25,2011

Ayyaanni Sabaa fi sablammii Garboomfataa Mootummaa Wayyaanee yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti sabboontota Oromoon fashale! Mootummaan wayyaanee Diraamaa dharaa uummatatti raadiyoo fi televiizyiniin agarsiisuun bittaa umrii isaa dheereffachuuf tooftaalee fayyadamu keessaa tokko ayyaana sabaa fi sablammii maqaa jedhuun mirgi sabawwan impaayera biyyattii keessaa kabajameera jechuun ololuu dha.Sabboontotni oromoo fi ilmaan sabawwan cunqurfamoo tooftaa kana hubatanii fi wal hubachiisan wayita sabaa fi sablammiin yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti kabajamu diddaa uumuun dirqii akka ta’e marii’atame.Mootummaan wayyaanees diddaan kun akka itti dhufu shakkuun peace and security club kan jedhamu yuunivarsiitii keessatti dhaabuun haala gaariin kabajuunii fi federaalotaa fi poolisii Oromiyaa bobbaasuun diddaa kana dhaabuuf yaaltus diddaan kun Gaafa guyyaa 23,12,2012 galgala kan jalqabe alaabaa garboomfataa yuunivarsiitii keessatti dhaabbate buqqisuun darbachuuni dha.Sirboonni ”ABOn bulchuu qaba.”,Oromoon leencuma duruu fi sirbootni gootawwanii galgala kana bal’inaa fi dhaadannoo guddaan sirbamaniiru.

Guyyaa gaafa Muddee 24,2011 Sambata xiqqaa haala ho’aan ni kabajama yaada jedhuun qabames diddaan barattootaa daran itti jabaachuun sabboontotaan fashaleera.Alaabaa OPDO barattoota Oromootti kennuun baatanii akka deeman itti himamus alaabaa abbaa gadaa barreeffama OROMIYAA jedhutti marsuun diddaa mul’isuu fi alaabaan OPDO akka ilmaan Oromoo hin ilaallanne

mul’isaniiru.Poolisootni federaalaa diddaa kana dhaabuuf barattoota Oromoo doorsisanis diddaan daran jabaachuun ayyaana sabaa fi sablamii garboomfataa Wayyaanee fashaleesseera.Diddaan akkanaa yuunivarsiitii Hundaa keessattii fi bakkeewwan mootummaan kun diraamaa dharaa gaggeessuuf deemtutti akka jabaatuu fi Ilmaan Oromoo mootummaa garboomfataa kanaaf jalee fi tika taatan kana hubachuun Qeerroo Oromoo waliin akka hiriirtan jechuun Qeerroon yuunivarsiitii Haramaayaa fi
Naannoo ishee jabinaan dhaammatee jira.
Qabsoon itti fufa Gabarummaan ni kufa!

 

 

Wayyaaneen nagaa Ummataa Jeequu Itti fuftee,Barattooti Oromoo Wallaga Naqamtee Hidhaman.

Gabbaasa Qeerroo Naqamtee,Muddee 25,2011

Diddaa dargaggoota Oromoo( Qeerroo) dura dhaabbachuu kan dadhabde Wayyaaneen,barattoota Oromoo mooraa University lee adda addaa keessaa doorsisuu,hidhuu fi barnoota irraa arihuun dalagaa guddaa taheefii jiraatu illee gootonni barattooti Oromoo gochaa Wayyaanee kanaaf takka osoo hin jilbeeffatiin tokkummaan qabsoo diddaa gabrummaa gaggeessaa jiru.

Mooraa Kolleejjii Naqamtee Wallagga keessa barattoota barataa jira,sababaa tokkoon malee barnoota isaanii irraa qabuun mana hidhaa naqamtee keessatti kan uggurtee jirtu Wayyaneen,sagalee ummataan yoo mormiin kun irra gahe iyyuu dhagahuu diduu irraan hanga har’aatti barattoota jeeqaa jirti. Akka kanaan barattoota maqaan isaanii:-

  1. Kadhimamaa barsiisa Katamaa Soorii Ifaa barataa waggaa sadaffaa department  chemistry
  2. Kadhimamaa barsisa Boggaalaa Gonfaa
  3. Caalaa barata waggaa 3ffaa.

Kanneen jedhaman mana hidhaa Naqamtee keessatti akka argaman Qeerroon gabaasa.

Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!

Hidhu Qeerroo Yeroon Ammaa

Video