(Qeerroo, Haromaayaa, Muddee 25, 2011) Ayyaana Sab-lammootaa Wayyaaneen qopeessite akka yaadde tahuu dhabee University Haroomaayaa keessatti guyyaan ayyaana sanaa Diddaa Qeerroo bakka bu’e.
Muddee gaafa 24,2011 Albaan Wayyaanee fi OPDO bu’ee bakka isaa alaabaan Gadaa Oromoo fannifamee oolee jira.
Gootonni barattooti Oromoo guyyaa kana guutuu sirboota Warraaqsaa fi ABO akkasumas WBO faarsaniin diddaa isaanii guutuutti muldhifataa turan.
Humni Waraana Wayyaanee diddaa kana dhaamsuuf gara University Haromaayaatti habobba’u iyyuu malee tasa itti milkaawuu dhadhabe.
Qeerroon yeroo ammaas diddaa isaanii itti fufanii kan jiran yoo ta’u, humnooti tikaa Wayyaanee immoo diddaa Qeerroo kana maal akka godhan wallaalanii walfalmaa akka jiran beekamee jira.
Qeerroon Oromoo roorroon itti hammaate walleelee warraaqsaa fi sirboota gootaan tokkummaan ka’anii alaabaa diinaa buusanii bakka isaa kan gadaa Oromoo gurraacha adii diimaa buusuun ayyaana Wayyaanee qindeessite jalaa fashalchiisanii oolan.
TV n Ethiopia fi raadion Wayyaanee ayyaana sabaaf sab lammootaa kana irraa olola tolfachuuf kan naannoo sanitti bobba’e qaanyuu guutuun of irra galagalee deebi’uun gabaasi Qeerroo Haromayaa addeessa.
Guutummaa sochii kanaa tahuu baatus hanga tokko sagalee fi suuraan akka armaa gadiitti dhiheessina. Video n waraabame waan humni interneetaa nuu rakkeef ammatti irra oollee bullee nu darbuu hin dandeenye.