Dargaggoota Oromoo Siyaasa Irraa Fageessuuf Qophii Bashannanaa Wayyaaneen Qopheesse Diddaa Qeerroon Fashale.

Aside

Waxabajjii 04,2012 Hawaasaa

Oromiyaa keessatti mootummaan Wayyaanee yaada dargaggootaa gara siyaasa irraa fageessuuf tooftaa garaa garaa dalagaa turuu fi har’as itti jiruun ni beekama.Kanneen keessaa yuunivarsiitiilee keessatti aadaawwan uummata biyyattii hin ilaalle babal’isuu fi qophiiwwan bashannanaa babal’isuun isa tokko.Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti garuu kun milkii dhabeefii jira.Mootummaan wayyaanee Guyyaa Colour day(Guyyaa qalamaa) jechuun yaada dargaggootaa hatuuf kan qopheesse diddaa qeeroon simatamee jira.Guyyaa kana irratti namoota mootummaa waliin hidhachuun guyyaa kana irratti qophii kana qopheessanbarattoota keessaa adda kan baasan yoommuu tahu,Qeerroonis qalamoota alaabaa ABO ibsan qabachuun bahanii jiran.

Qabeenya keenya bittee nuyis hin bittu jechuun sabboontoti mootummaa Wayyaanee gibira dhorkate!

Aside

Waxabajjii 04,2012

Qotee bulaan Oromoo Godina Shawaa lixaa aanaa Gindabarat gibirri nurraa funaanamu yeroo hundaa meeshaa waraanaa Wayyaanee bituuf hin oolu jechuun gibira dhorkatan.Diddaa deemsifamaa jiruun wal qabatee qotee bultootni naannoo kanaa gibira yoommuu dhorkatan barsiisotni mana barumsaa Gindabarat miindaa keenya irraa maqaa Misoomaan kan citu kanaan booda hin eyyamamu jechuun dhorkatanii jiran.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti maqaa baazarii fi misoomaan uummata Oromoo irraa maallaqa funaanuun meeshaa waraanaa bitaa kan ture yoommuu tahu, yeroo ammaa garuu uummata oromoo biratti fudhatama dhabee jira.

Utuu Lubbuun Jirruu Diinaan Hin Dhaalamnu!!

Video

“Gar-malee miidhamne,beelaan gaaga’amne” Mahdi Jabbon

Aside

http://www.Gadaa.com

Barattooti Oromoo Yuniversity Haromamaya 1000 ta’an nyaata dhorkamuun Dararamaa JIru

Aside

Waxabajjii 2,2012 Haromayaa

Rakkoo FDG waliin wal qabatee barattooti Oromoo yeroo irraa gara yerootti mooraalee University adda addaa keessatti dararamuun beekamaa dha.Haalli kun itti fufuun yeroo ammaa barattoota Oromoo sochii warraaqsa deemaa jiru waliin walitti qabsiisuun mooraa University Haromaya keessatti 1000 ol kan ta’an akka nyaata hin arganne mootummaan ajaja dabarsee jira. Bulchaan mooraa Yunversitii Haromaya akka jedhutti barattoota kana irraa baajeta dhaabaa kan jedhu qajeelfami waan nu gaheef jecha irraa dhaabne jechaa jira.

Barattooti naannoo biraa irraa mooricha keessatti barachaa jiran waan nyaatan dhabuu fi gargaarsa firaa dhabuu irraan osoo hin jaallatiin mooricha dhiisanii akka deeman taasifamaa jira.

Xaabaa Poolisoota Barattoota University Eeganii

Xaabaa Poolisoota Barattoota University Eeganii

Kana malees University Hawaasaa keessatti mormiyy Ayyaana Gimboot 20 Wayyaanotaa gochuun bakka galmi ayyaanichi itti qophaawe waan dhagaan tumamee sirni ayyaanichaa fashaleef jecha nama barnootaa san keessatti mana hidhaa banuun barattoota dararaa akka jiran qeerroon gabaasa. Poolisoonni Wayyaanees mooraa Yuniversitii Hawaasaa keessatti xaabaa akka banatanii barattoota eegaa fi doorsisaa akka jiran beekama.Mana Hidhaa mooraa University Hawaasaa

 

“Ginbot 20” which marks the TPLF dictatorship in Ethiopia was greeted by renewed resistance and attack on its economic interest.

Aside

Ginbot 20, 1983 E.C; which officially marked the TPLF control of power in Ethiopia was a day of celebration for the very few from Adwa political elites and party cadres members who enjoys the leftover of the big fishes. This year it is 21thanniversary. For the majority of Ethiopians, specially the Oromo’s it is the day of humiliation, renewed looting, different and intensified form of dictatorship. Under the current government of Meles zenawi, who ruled Ethiopia for the last 21 years, the Oromo’s have suffered the most and more than 35,000 remained political prisoners. These include Lelisa Olbana and Beqele Garba, Leaders of the officially registered OFDM and OPC parties.

In a way that looks pretty well organized, the people from the central, western and southern Oromiya has flashed their rejection of the day and the authorities on power by an act of arson on selected party economic interest, attack on the cadres and disruption of events. In central Oromiya, a warehouse of a known TPLF agent and land grabber at Gooroo area was attacked and a property estimated at more than 10 million Eth birr was damaged. Shocked by the incident right around the capital city the authorities have responded by heavy presence of the army, which includes mistreatment of innocent individuals.

In Hawasa University, the huge music concert was disrupted by committed students, which resulted in the huge mess and the burning of cars belonging to the party cadres. Despite the change of venue, the authorities failed to secure their event and the students were able to clearly speak out unequivocally that the day does not concern them except for its curse of invisible apartheid, looting and dictatorship.

In Western Shoa zone of Gindeberet and Midekengi, organized members of the community have attacked the power transformer in the neighborhood and the celebration meant was turned in to complete darkness. In Qellem Wollega too, the residents of Ashi and Garjeda villages showed their resistance by abstaining to appear on the events. However, when the government militias were trying to force residents to the event, the people responded by pulling its available weapon to chase them away. In Dambi Dollo town, several messages of resistance were posted in protest to the day and Meles led government of Ethiopia.

In Western Wollega zone of Haroo Limmu district, where several clashes has been reported in 2012; the organized resistance of the people have killed the special agent of the government Mr. Sibhat Araya, who was notorious for his anti-Oromo stance and assigned to the areas to hunt down “supporters of the Oromo Liberation Front”. After the attack, his handgun was handed over to the leaders of the resistance group.

Magaazinni Kuufama Meeshaa Wayyaanotaa Goorootti Argamu Guutummatti Barbadaaye.

Aside

Caamsaa 31,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Ummanni onneen isaa gabrummaan madaaye mirga isaa falmachuu fi qabeenya ofiif qabsaawuun gonkumaa hin dhaabbatu.Haala kanaan guyyaa Wayyaanonni ayyaana Gimbot 20 jechuun magaalaa Finfinee keessatti qophiitti jiran irratti humni hin beekamiin tokko qabeenya Investera Tigray kan ta’e magaazina kuufama meeshaa Wayyaanootaa guddaa naannoo Finfinnee lafa Gooroo jedhamutti kan argamu irratti tarkaanfii fudhatameen magaazinichi guutummaatti barbadaayee jira.
Yeroo magaazinni kun gubatutti kaabinooti mootummaa Wayyaanee hoteelotaa fi bakkoota adda addaatti ummata walitti qabuun duskurii siyaasa kijibaa fi guyyaa injifatnoo jedhanii umata irratti geeraraa dhaa osoo jiranii tarkaanfiin akkasii fudhatamuun naannicha fi qondaalota Wayyaanee guddoo waan rifaasiseef jecha humna waraanaa heddumminaan gara Goorootti bobbaasuun ummata naannichaa jequu fi hidhuutti bobbaa guddaa godhee akka jiru beekama.
Gubachuun magaazina kuufama meeshaa kun tilmaama maallaqa miliyoona 10 kan ta’u akka dhabame gabaasi achi irraa argame addeessa.
Diddaan ummataa kun kanaan osoo hin dhaabbatiin kutaalee Oromiyaa gara garaa keessattii fi University akkasumas manneen barnootaa gadii keessatti ummanni Oromoo ayyaana Gimboti 20 kana dura dhaabatee diddaa isaa muldhisee jira.Tarkaanfiileen fakkaatoos bakkoota gara garaati qondaalotaa fi milishoota Wayyaanee irratti fudhatamun beekamaa dha.
Qabsoon itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Diddaan Ummataa gara qabsoo hidhannootti tarkaanfachuun isaa basaasota Wayyaanee galaafate

Aside

Caamsaa 31,2012 Naqamte

Godina wallaggaa Bahaatti Ummaanni Oromoo FDG jabeessee itti Fufee.
Camsaa 28/2012 angawaannii wayyaanee wajjiraa dhimmaa miliishaa Godina Bahaa waallaggaa keessaa hojeetan irratti tarkaanfiin Ummataan fudhatamen ergamtoonni Wayyaanee maqaa isaanii

1.Fiisaa’aa Yonaannis

2. Hamsaaluu Teessoo

jedhaman irraatti tarkaanfiin fudhatameen Madaa’ani hosphitalaa Neqemtee galanii akka jiran qeerroon gabaasa, Fisaa’aa yoohaanis garaa isaa irra rukkutamee yeroo madaa’uu,Haamsaaluu teessoo immoo harka mirgaa irraa rukkutamee kan maada’ee ta’uu odeessii keenyaa mirkaneefatera. Tarkaanfiin kun kan itti fufiinsaa qabuu fi wal irraa hin citnee ta’uu sabboontonnii dhaammaachuun, “ilmaan Oromoo Alagaa jalaa fiigaa jirtaan gochaa keessaan irraa kan of hin deebisnee yoo ta’ee tarkaanfii maayyii kan isiin eeggaatu ta’uu ni hubachiisna” barruun jedhu magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti faca’ee bakkoota waajiroota Wayyaanee ta’anitti ammoo maxxanfamee akka jiru gabaasi nu gahe mirkaneessa.

Qondaala Tikaa Wayyaanee beekamaa Sibaat Arayaa jedhamu irrati tarkaanfiin maayyii fudhatame

Aside

Caamsaa 31,2012 Gabaasa Qeerroo

Caamsaa 30,2012 Godina wallaaggaa bahaa Onaa Haaroo Limmuu   bakkaa Yaasoo fi Abbaa Mo’aa jedhamuu gidduutti sabboontotaa Oromootiin Qondaalaa Wayyaanee nama maqaan isaa Siibaat Abiraa kan ilmaan Oromoo basaasee hiisisuuf bobba’ee,kessaatuu miseensotaa Addaa Biliisummaa Oromoo adamsuu fi yeroo ammaa kana hojii tikaaf kan ramadamee socho’aa jiruu irraatti waaree dura sa’aa 10 am irratti tarkaanfiin mayyii fudhatame.Sabboontonni tarkaanfii maayyii ergamaa Wayyaanee kana irratti erga fudhatanii booda shugguxii irraa hiikkachuun qabeenyummaa qindeessitoota FDG itti gabaasanii akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Tarkaanfiin kun qindoomina Maadhee Dhugumaa Jaldeessoo fi sadan Egguu tiin qindaa’ee karoorfamee  hojiitti kan hiikame yeroo ta’u  injifatnnoo itti aanuufis bakkoota maadheeleen diinaa dahatanii jiranitti fuulleffatanii akka jiran gaabaasu.

Kana malee karaa biroo Caamsaa 29/2012 Onaa Heebantuutti waraannii wayyaanee uummatatti bobbaafamee jiruu uummatatta dhukaasa bane, barataa Oromoo barataa Bayyanee Alamuu baraataa kutaa 12ffaa,  rasasa wayyaaneen rukutamee madaa’ee yeroo ammaa kana waldhansaaf hospitaala Neqemtee galee waan jiruuf haalli kun uummataa daran arsee waan jiruuf uummanni FDG tti jabaatee seene

Wallagga, Qeellam Keessatti Ayyaanni Wayyaanee Gimbot 20 Diddaa Ummataan Fashale

Aside

Caamsaa 30,2012 Dambi Dolloo

Ayyaana Wayyaanee Ginbot 20 ilaalchisee dhimma guyyaa kanaatti fayyadamee ummata afaan faajjessuuf jedha walgahiin Wayyaanoti Aaanaa Anfilloo Qeellamitti yaaman guutuutti diddaa ummataan fashalee jiraachuu gabaafame.

Sabboontonni Oromoo fi walumaa galatti ummanni Oromoo  Qellem wallaggaa,aanaa Anfilloo irra jiran kan ganda Ashi fi Gargeedaa bakka jedhamutti guyyaa ayyaana kanatWayyaanotaa kana mormii fi diddaan waan bahuu didaniif jecha,humnoota milishaa ganda irra bobbaaftee ummata humnaan waamuu yoo yaalan iyyuu ummanni meeshaa lolaa fi sibiila manaa qabu qabatee milishoota ganda keessa yaa’an of irraa ari’uun akka deebise Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Kana malees magaalaa Dambi Dolloo keessa ayyaana wayyaanee ilalchisee bakka torbatti(7) waraqaan dhaadannoo

“QABSOON OROMOO ITTI FUFA,

GARBOONFATAAN AMMA KUFA,

INJIFACHUUN KEENYA AMMA DHUFA”

Kanneen jedhan barreefamuun maxxanfamee akka oolee fi magaala keessattis waraqaan hedduminaan warraaqsa Qeerroon gaggeessu kan ibsu facafamuun ummata hedduu akka gammachiisee jiruu fi diinna ammoo rifaasisee haala kanatti dargaggoota magaalaa fi da’immaan kophee haxaawuun bulmaata isaanii gaggeessan karaa irraa qabanii isintu waraqaa facaase jechuun reebaa akka jiran qeerroon magaalaa Dambi Dolloo irraa gabaasa.