Dhaamsa Qeerroo Bilisummaa

irree qeerroo

Filannoo Gamtaa Barattootaa Irratti Shira OPDOn barattoota Oromoo irratti raawwattu.

Aside

Waxabajjii 07,2012 Adaamaa
Akkuma yeroo darbe gabaafame Adaamaa yuuniversity keessatti filannoo gamtaa barattootaa ilaalchisee guyyaa Waxabajii 05,2012 kaadhimamtootni filannoof darban jecha waadaa isaanii barattootaaf dhiyeessaniiru. Kaadhimamtoota lafa kaayaman keessatti dargaggoonni Oromoo ilmaan Oromoo jajjaboo ta’an kaadhimuu irratti diddaa karaa Wayyaanee irra gaheen barattoota sababaa kanaaf hiraarsuun ni ture. Haala kanaan amma 4 darban jedhanii dhiheessan kanneen:
1)-Kuubaa Daffaaruu Nadhii (OROMOO-Mekaanikaala waggaa 4ffaa)
2)-Geetaachoo Xilaahuun Baazzezew (AMAARAA-Siviilii waggaa 4ffaa)
3)-Msgna Sammaree G/Aregaay (TIGIREE-Sivilii waggaa 4ffaa)
4)-Fitsum Damissee Makuriyaa (UUMMATOOTA KIBBAA-ITIM waggaa 2ffaa)
yommuu ta’an kaadhimamtootni hunduu waanta filatamuuf nu gargaara jedhan dhiyeessanii jiru.Barattootni Oromoo garuu sababa xaxaa fi shira OPDOtiin kan dhiyaate barataa Kuubaa, filachuudhaan OPDO hin deggerru jechuudhaan deggersa isaanii saboota cunqurfamoof kennuu dirqaman.
Haala kanattis kan gaddan barattooti Oromoo mooraa University Adaamaa keessa naannawuun wallee waraaqsaa fi dhadhannoo dhageessisaa akka turan gabaafama.
Filannoon kun gaafa sanbata xiqqaa dhufu guututti kan geggeeffamu yoo ta’u,gabaasa filannoo kana ilaalu bal’inaan ni gabaafama.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Qeerroon Naannoo Ayira Gullisoo Wayyaanota Karaa Darbaa Dhorkan

Aside

Waxabajjii 07,2012 Ayira Gulliso

Mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii Fichii fi Warra Kuraa Fichii keessaa dargaggoota hiraaruu irratti argama.Guyyaa Gimbot 20 irratti sirba ABO faarsu sirbitaniittu jechuun dargaggoota Oromoo naannoo kanaa guutummaan magaalaa fi baadiyaa keessa deemuun reebaa fi hidhaatti guuraa jiru.

Haalli kun daran hahammaachuu irraan Waxabajjii 05 fi 06,2012 dargaggootni dhiibbaa mootummaa Wayyaaneen irraan geessu mormanii  kallattiin bakkoota adda addaatti karaa konkolaataan mootummaa deemtu mara irra muka jigsuu fi dhagaa tuuuun dabarsuu didanii diddaa qaban muldhisaa jiru.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

Godina Ilu Abbaa Booraa Keessatti Diddaan Barsiisotaa Daran Babaldhate

Aside

Waxabajjii 07,2012 Mattuu
Diddaan barsiisotaa babal’achuun barsiisotni Oromoo Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Haluu mana barumsaa Saardoo sad 1ffaa fi 2ffaa keessaa barsiisan Dhaabbileen barnootaa siyaasa irraa bilisa tahuu qaba jechuun mormii jabaa kaasan.Mormii kanaan mootummaan Wayyaanee kan rifate yoommuu tahu barsiisotni miseensota OPDO tahanis nuyi Miseensummaa OPDO dhaabbiilee barnootaa keessatti hin barbaadnu jechuun Miseensummaan OPDO akka isaan irraa haqamu iyyatan. Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa fi Tarkaanfii qabeenya alagootaa irratti gaggeeffamuun kan baarage waraana hedduu bobbaasuun karaa hundaa irratti uummata sakatta’uu fi qorachuun rakkisuu irratti argama.
Kana malees godinuma Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu keessatti walitti bu’iinsi bulchiisa OPDO keessatti dhalateen miseensotiin OPDO namni 4 ABOf gabaasa isintu galcha jechuun qoratamanii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Dabaluun Gibiraa uummata rakkise.Qophiin Wayyaanotaas diddaa qeerroon simatamaa jira.‏

Aside

Waxabajjii 07,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Godina Shawaa lixaa keessatti gatiin geejibaa dabalaa jiraachuu irraa kan ka’e uummatni naannoo kanaa rakkachuu irratti argama.Abbootiin qabeenyaa konkolaataa naannoo kanaa gatiin gibiraa waan nutty ulfaateef dabaluuf dirqamee jirra jedhu. Uummatni naannoo kanaas maddi rakkoo kanaa mootummaa Wayyaanee tahuu hubatee waan jiruuf sirna kana of irraa jijjiranii walaba bahuun dirqii ta’uu ifatti dubbachaa jiru.
Oduu wal qabatuun Yuunivarsiitii Amboo keessatti Miseensotni Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo isin Miseensota ABOti jechuun qorannoon rakkachuu irratti argamu.Yuunivarsiitii Amboo keessatti Gumiin Afaan Oromoo kun akeeka ABO galmaan geessisaa jira jechuun miseensota qorannoon rakkisuu irratti argamu.
Yuunivarsiitii Arbaminc keessattis qophiin mootummaa wayyaaneen diddaa barattootaa dhaamsuuf wixinamee dallaa yuunivarsiitii keessatti gaggeeffamu diddaa barattootaan fashalee jira.

Ergamtoota Diinaa 6 fi Konkolaataa tokko irratti Ummanni Tarkaanfii Fudhate.

Aside

Gabaasa Waxabajjii 06,2012 Giddaa Ayyaanaa
Waxabajjii 5,2012 Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa Qaaqaro Adaree jdhamutti konkolaataa basastonnii wayyaanee qabatee sakkata’insaa sabboontotaa Oromoo FDG dhosan jedhamaniif bobba’an irraatti tarkaanfiin sabboontotaan fudhatameen luukkelee diinaa namootaa 6 madeesuun konkolaataan isaan ittiin deemaa turan guutummaatti hojii ala taasifamee jira.
Lukkeeleen diinaaf ergamuun sabboontota Oromoo adamsuuf bobba’anii karaatti tarkaanfiin warraaqsaan rukutaman kuniin keessaa.
1,Gammadaa Tufaa dabbaalee Opdo Onaa Heebantuu,
2,Mangistuu Alamaayyoo wajjira dhimmaa nageenyaa Onaa Giddaa Ayyaanaattii agaawaa,
3 Geetachoo Dhibbisaa Onaa Kiiramuutti poolisaa kan ta’anii
fi namoonnii sadii[3] kan godina bahaa wallaaggaa irraa sakkata’insaaf bobbaafama dha.
Haalli gabrummaa hammaataa yeroo deemu ummanni Oromoo roorroo if irraa ittisuun dirqama lammummaa waan ta’eef diinaa fi lukkeelee diinaa akka ciisee of irratti hin laalle beekamaa dha.
Qabsoon Itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!!

Godina Wallaggaa Ona Hebantuu Keessatti Abdiddi Warraaqsaa Qabate Jabaatee Itti Fufe.

Aside

Waxabajjii 06,2012 Giddaa
Waxabajjii 05,2012 Onaa Heebantuu Mana barumsaa Qeelloo sadarkaa 2ffaa keessaattii Gootonnii baratootaa Oromoo mana barumsaa Qeelloo sadarkaa 2ffaa Hiiriiraa mormii gaggeessuun mootummaa wayyaanee balaaleffatan, FDG kana bittineessuuf humnotni poolisaa Onaa Heebantuu rasasa baratootaa irraattii dhukaasan,
Haalumaa kanaan barsiisaa manaa barumsaa sadarkaa 2ffaa Qeelloo kan ta’ee barsiisaa Dirribaa Ayyaanaa fi baratoonnii sadii hiiriira kanaa qindeesitaan jechuun humna poolisaan qabamanii wajjiraa poolisaa Onaa Heebantuu Magaalaa Qeellootti hidhamanii jiru, barsiisonnii fi baratoonnii baay’eenis qabamuuf poolisaan hordofamaa akka jiran gabaasi Qeerroo onicha irraa nu gahe addeessa. Hiriirri kun amma sa’aa kanaatti itti fufee jiraachuunis beekame.
Kana malees Mootummaan wayyaanee Diddaa Guutummaa godinaa kana keessatti haalaan itti jabaate dura dhaabbachuuf tattaaffii yeroodhaa yerootti waraana bobbaasuun godhus kutannaa ilmaan Oromoon fashaluu irratti argama.

Ethiopia: Security Forces Raid University Campus

Aside

 HRLHA Urgent Action

June 5, 2012 

Peaceful Demonstration Needs Democratic Solution Not Violence

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) is highly concerned about the Ethiopian Government-sponsored violence against its citizens in worship places and workplaces in general and in the academic institutions in particular. A very recent case is the Ethiopian security forces stormed dormitories at Haromaya University in Eatern Hararge, Oromia, to break up a peaceful demonstration and arresting many Water Engineering Faculty students from their dormitories. In this violence which occurred on June 1, 2012, up on the demand of students for the improvement of academic condition in their Faculty, all students of 2-5 years courses of Water Engineering Faculty were taken out of their dormitories by force and kept in open air for two days in the campus without food and shelter surrounded by the security forces. Among them many students were severely beaten and some were taken by the security forces to unknown destination. In solidarity with the demand of their fellow friends, all the students of the other faculties at the Haromaya University quitted to enter into classrooms on Monday June 4, 2012, and teaching – learning process was interrupted since the incidence until this urgent action was compiled. Read More HRLHA Urgent Action June 4, 2012

Sabboontonni Godina Lixa Shaawaa Keessa Jiran Maatiilee Oromoota Hidhamanii fi Kanneen Hidhaatti Dararri Irra Gahe Hirphan.

Aside

Waxabajjii 05,2012 Finfinnee
Waxabajjii 3,2012 Sabboontonnii Oromoo Godina Lixaa Shawaa fi Amboo jiran Oromoota sirna mootummaa Wayyaaneen yakkamanii mana hidhaa biyyittii keessatti dararamaa wagga dheeraa arguun bahanii erga baaniin booda bakka galanii fi gargaarsa tokko illee warra hin qabneef tumsa ta’uuf jecha wal ijaaranii jireenya isaanii hirphuu irratti argamu.
Kana malees hidhamtoota Oromoo manneen hidhaa Wayyaanee gara garaa keessatti dararama gurgudaan irra gahe gargaaruuf kan oolu gargaarsa gochaa akka jiran beekame.
Sabboontonni Oromoo bifa maadheen gurmaayanii gochaa eebbifamaa kanaan qooda Oromummaa isaanii bahaa kan jiran keessaa
1. Maadhee Shaamarraan Oromoo M.M Kaayyoo dhugaa
2. Maadhee Jaagamaa Baadhaanee lakkofsaa 1A Jalaatti hundeeffaman yoo ta’uu
Kanneen dhuunfaadhaan gumaacha gochaa jiran keessaa maqaa gadaan
1,Adaa Agaa
2, Abdii Bilisummaa,
3, Jaalataa Sabaa,
4 Obsaa Warqii ,
5, Suuraa Sabaa, fi
6, Gaalaan Biyyaa
Kanneen jedhamaan yoo ta’uu sabboontonnii kun qarshii kumaatam gargaaruun isaanii beekkame.
Qabsoon itti fufa! Gabrumaan ni kufa!

Diddaa Ummataa Ka’een Barsisotii fi Barattooti Ayiraa Hedduminaan Hidhamaa Jiru.

Aside

Waxabajjii 05,2012 Gabaasa Qeerroo Laaloo Ayiraa
Godina wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa keessatti Mootummaan Wayyaanee barsiisotaa fi barattoota mana barumsaa Laaloo Ayiraa fi Biiftuu irraa qabuun mana hidhaa keessatti dararuu irratti argamu.Barattootnii fi barsiisotni Isin miseensota ABOti, dargaggoota unu irratti ijaaraa jirtu jechuun yakkuun mana hidhaa keessatti dararamaa jiran
1.Barataa Amantii Qabbannaa Mana barumsaa Biiftuu kutaa 10ffaa irraa
2.Barataa Garramuu Girmaa Mana barumsaa Laaloo Ayiraa kutaa 12ffaa irraa
3.Barsiisaa Gammachuu Caalii Mana barumsaa laaloo Ayiraa irraa
4.Barsiisaa Iddoosaa Oljirraa Mana barumsaa Laaloo Ayiraa irraa
5. Barsiisaa Mulgeetaa Mana barumsaa laaloo Ayiraa irraa dha.
Jala deemtotni mootummaa Wayyaanee waliin walitti hidhachuun uummata Oromoo naannoo kanaa dararaa jiran keessaa
1. Tamasgeen Mirreessaa Waajjira OPDO irraa
2. Zarihuun Taakkalaa Bulchinsa aanaa
3. Karrashaa Toonee Milishaa naannoo
4. Zarihuun Oliiqaa Milishaa naannoo kanaati.
Namootni ilmaan oromoo mana hidhaa keessatti dararaa hojii qabsoo ilmaan oromootti gufuu taatan hojii kana irraa hatattamaan hin dhaabbattan taanaan tarkaanfiin gatii keessan madaalu akka isin eeggatu qeerroon naannoo kanaa jabeessee dhaamee jira.