Humni Hin Beekamne Qondaala Wayyaane Daani’eel G/Madiin Jedhamuu fi Waraana Fediraalaa 8 Irratti Tarkaanfii fudhate.Konkolaataa tokkos Hojii Alaa Taasisan

Aside

Waxabajjii 12,2012 Naqamte

Waxabajjiii 11,2012 Godina Wallaggaa bahaa Onaa Haaroo limmuutti,tarkaanfiin halleellaa diinaa irraattii jabaatee itti fufuun, Lukkee diinaa nama maqaan Daani’eel G/ Madiin jedhamu irraatti tarkaanfiin maayyii fudhatamee, konkolaataa inni ittin deemaa jiruus hojiin ala taasifame, bakki tarkaanfii kun irraatti fudhatame onaa kana keessaa bakkaa ammaan dura uummannii lafaa isaa irraa buqqifamaa ture bakkaa Abboo Mo’aa fi daangaa waarraa Guumuuz bakkaa Baariboo jedhamuu gidduutti ta’uun gabaafame, haala kanattii rifachuun sakkata’insaaf mootummaan garbofataa waaranaa isaa humnaa ol gara bakka kaanneenitti bobbaasee, waraanaa bobbaa’ee kanaa fi Ummatoota Gumuuzii fi waraana Wayyaanee gidduutti waliitti dhukaasni baname, waraanaa kanaanis poliisonii federalaa Waayyaanee namoonnii 8 battalati  du’an. Haala kanaan yeroo ammaa kanaa Namaa Daani’eel G/Madiin irraatti tarkanfii fudhaatee baasaa jechuun ummaannii Onaa Haaroo Limmuu bakkaa abbaa Mo’aa jiraatuu sakkata’amaa jiraachuun gabaafame.

Mooraa University Adaamaa Keessatti Filannoon Barattootaa Milkaawuu Hafeee Wayyaanonni Kaadhimamtoota Ofii Bakka Buufatan

Aside

Waxabajjii 11,2012 Adaamaa
Kanaan dura akkuma dhaamame ykn gabaasame Filannoon kaadhimtoota mooraa yuuniversitii Adaamaa kaleessa June 9,2012 guyyaa guutuu geggeefamaa oolus barattootni gara filannootti kan ba’an muraasa ta’anii argaman. Kanneen filannoorratti hirmaatan ammo warruma dhaaba Wayyaanee keessatti durumaan hirmaatan dha. Filannoo baroota darbanii fi ammaan dura ture bira waliin yoo wal bira qabamu hedduu kan wal hin simne barattootni irraa fagaatanii akka itti hin dhiyaannelle ta’anii argaman. Akka fakkenyaatti yoo fudhatame bara darbe barataan hiriiraa dhedheeraa uummee guyyaa guutuu yaa’ee filataa ooluun isaa yeroo yaadatamu; Kana ganama dhaqe waaree filate galature haala kanaanis filmaati bara darbee Qeerroo Mooraa University Adamaaf injifannoo ture. Kan baranaa garuu filachiiftotni karaarraa barattoota qabanii filadhaa jechuun kadhataa akka oolan gabaafamee jira; haalli kan baranaa barattooti filmaata irratti hirmaachuu dhabuu fi kanneen bakka filmaataatti argamanis miseensotuma Wayyaanee kanneen ta’an waan ta’eef warra TPLF s ta’e jala deemtota Wayyaanee OPDOtti adda ta’ee mul’atee shakkii guddaa keessa buusee jira.
Waluma galatti,barataan sa’a walfakkaatutti bakka filannootti argame yoomiyyuu nama shan ol hinta’u. Yeroon itti namni achiin darbu dhibes lakkoofsa hin qabu. Kun ammoo barattootni mufii Wayyaanonni ta’e jedhanii dabballoota ofii kaadhimamtoota godhatanii barattootaan dirqii filaa jedhaniif akka ta’e beekamaa dha. Filannoo Wayyaaneen qindeessite kanaaf barattootni Oromoo kaardii fudhatan duraanuu muraasa akka turan beekamaadha.
Ammatti haalli filannoo kunis mooricha keessatti bifa mufachiisaa ta’een akka jirtuu fi barattoota Oromoo addattis Qeerroo gara diddaatti akka akeeku beekamaa dha. Baayina barataa Oromoo mooraa University Adamaa keessa jiranii kuma torbaan tilmaaman keessaa namoonni ibbantaan lakkaawaman akka filmaata kana irratti hin argamne ifa ta’ee jira.
Kan bara darbeen yoo madaalle dachaadhaan kan caalee argameedha. Kunis mufannaa shira OPDO’f qaban akka ta’e ibsanii jiran.
Walumaa galatti namooni dhimma kana irratti kaadhimamuun filmaata jedhamee bakka ka’aman kanneen armaa gadiiti.
1ffaa) Kuubaa Daffaaruu Nadhii….Oromoo(OPDO)Pirezidaantii Kuubaa Defaru Msgana Semere G.Aregay
2ffaa) Getaachoo Xilaahun Baazzezeew…Amaara vice president(Ittaanaa Pirezidaantii)
3ffaa) Fitsum Damisee Mekuriyaa…Kibba(SouthernNNP) Secretary(barreessaa)
4ffaa) Misgna Sammeree G/Areggaay…Tigraay Cashier (Qabduu maallaqaa).
Egaa filannoowwan kun haa raawwataniyyuu malee mooricha keessatti barattootni Oromoo akka jiranitti shira OPDO mooraa sana keessatti raawwatamu daran akka balaaleffatan maadheen mooraa sana keessaa addeessa Qeerroof waraqaa fi email facaaseen beeksisee jira.
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

Caayaa ABO Si Jalattan Dheessa…..

Video

(Qeerroo, 11 Waxabajjii 2012) Qabsoon Bilisummaa Oromoo ummata Oromoo dammaqsuun karaa hundaa akka diina irratti qabsaa’an taasisaa akka jiru ragaan hojii qabatamaan golee diinaa keessatti godhamaa jiruu dha.

Amalli qabsoo bilisummaa “qabsoo dhawataa” gama hundaan gageessuun gara galii ofiitti dhiyaachuu ta’uu kan mirkaneessu, qabsoon bilisumaa Oromoo, hundee garboomfattootaa suuta suuta nyaachaa akka jirus hojiin boonsaa hojjatamaa jiru kan ragaa bahuu dha.

Artistooti qaqqaalii ilmaan Oromoo Jaallan qaroo fi jajjaboo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareega lubbuu bilisummaa saba isaaniif jecha baasan kanneen akka  Jaal Usmayo Musaa, Jaal Ebbisaa Adunyaa, Jaal Maramee Harqakaasaa, Jaal Jireenyaa Ayyaanaa , Jaal Yoseef Gammachuu  fi kkfkanneen dhihootti yaadannu dha.

Jaallan kun seenaa Oromoo keessatti dhaamsa jajjaboo nuu kaayanii darban. Kana irra darbees Jaal Suutee Baarentoo fi Usmaayo Muusaa waggaa 8 hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa bahanii osoo diinaaf hin jilbeeffatiin bara 2003  magaalaa Finfinnee bobaa diinaa jala ta’anii Jaallan arsittoota warraaqoo kaan waliin dhaamsa isaan anuu dhiisan akka you tube kana irra jiruuti.

Meetni Nama Harka Jiru Dhagaa Fakkaata

Aside

Malkaa Caffee irraa* | Waxabajjii 2012

Qabsoon Bilisummaa Oromoo kan dhiigaa-lafee fi lubbuu gootota Oromoo kumootaan utubame bu’uurri isaa akka jabaa gadi dhaabbatee jira. Bu’uura kana jabeessanii tikfachuudhaan achi irratti waan hafe ijaaruu qofaatu guyyaa bilisummaa ummata keenyaa dhiheessa. Waan akka Sabaatti dhabne sana argachuuf mala/daandii haaraya barbaaduunis hammeenya hin qabu. Waan haaraya tokko gadi dhaabuuf bu’ura amma jiru kana diiguu barbaachisa yaadni jedhu yoo jiraate garuu, dogoggora seenaa guddaa dha. “Isa Mukaan Fuudhaatti, Isa Ukaa Buufti.” inni jedhamu (mammaaksi abbootii keenyaa) sun nu mudachuu waan danda’uuf. Maaliifin kana kaase?

Ebal 21 bara 2012 irraa eegalee namoota dhimma QBOtu nu yaachise jedhaniin mariin dhimma kana irratti xiyyeeffate deemaa jira wanti jedhu oduu ow’ituu dhiheenya kanaa ti. Sanuma ilaalchisee yaadotni “Adeemsaa fi akeekni marii kanaa kan QBOf tolu osoo hin taane faallaa kanaa ti.” jedhanii dura dhaabbachuudhaan bifa shakkii, mormii, komii, qeeqaa … fi kkf. media adda addaa irratti daddarbatamaa jiraachuunis waan jiraa ti. MeetniNamaHarkaJiruDhagaaFakkaata

Qeerroon University Jimmaa, Walleelee Warraaqsaan Halkan Guutuu Mooraa Howwisuun Wayyaanee Garaa Guban.

Aside

Waxabajjii 09,2012 University Jimmaa
Waxabajjii 8,2012 University Jimmaatti, Dameen Barnoota( Dipartimentiin) Afoolaa fi Ogbarruu Afaan Oromoo( Afaan Oromo Foklar)jedhamuu erga hundeefame waggaa shan lakkofsisee jira, Dameen barnotaa kun waxabajjii 8,2012 guyyaa hundeeffama waggaa shanaffaa isaa halkan sa’aa 1:‎؛30‎ irraa egalee Mooraa University Jimmaa studiamii xiqqaa mooricha keessaatti argamuu keessaatti kabajame, qophiin kun guyyaa yoo kabajamee Qeerroon Mooraa kanaa keessaa jiruu nurraatti ka’aa jechuun halkaan irraa akka kabajamuu angawoonni moorichaa murtii dabarsan, barsisonni Oromoo hoggaantonni dipartiimentii kanaa maliif guyyaa hin kabajamuu jechuun bulchiinsaa mooraa University waliin wal mormiin uumamee, haa ta’uu wantii sodaatan namaaf hin Oluu Gootonnii Baratootaa Oromoo Mooraa University Jimmaa sirbotaa warraaqsaa garagaraan kan Qabsoof nama Onnachiisaan, kanneen ABO fi WBO faarsan fi Qeerroo Faarasan, kan akka Sirbotaa Adem Haruun fi Adinaal Mohaamed ‘michuu baay’een qaba Lixa Biftutirraa jedhu fi Eebbisaa Addunyaa faarsuun Wayyaanee garaa guban.
Haala kana sodaachuu irraan Wayyaaneen loltootaa fi poolisoota qabattee mooricha guutuun barattooti sirboota kana akka dhaabanii fi dhaaba ni gaha jechuun hedduu watwaatte. Garuu hin dandeenye.
Hala kanaan gotonni baratootaa fi barsisotaa Oromoo jaalala Oromummaa fi Qabsoo bilsummaa qeerroon gaggeessaa jiruuf qaban diinatti, lukkeelee dhaabaa jettuu kanas diddaan dura dhaabbatanii hangaa halkan keessaa sa’aa 6 ta’uutti ittifufun kabajata.

Seife Nebelbal Radio Program, June 8, 2012

Video

Dargaggoota Oromoo fi Waraana Wayyaanee Jidduutti Walitti Bu’iinsi Uumameen,Humni Dabalata Wayyaanee Karaa Darbaa Dhabe.

Aside

Waxabajjii 08,2012 Gabaasa Qeerroo Ayiraa
Abbaan Irree Mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii Fichii fi Warra Kuraa Fichii keessaa dargaggoota Oromoo waliin walitti bu’ee WBO tu dhufe jechuun humna waraanaa guuree naannicha qubachiisuu irraan kan ka’e ummanni mormii isaa caalaatti sababaa jabeessee jiruuf Waxabajjii 07 ,2012 ummata hiraarsaa oole. Kana malees dargaggoonni Oromoo aanichaa guyyaa gaafa Gimbot 20 irratti sirba ABO faarsu sirbitaniittu WBO faarsitaniittu jechuun dargaggoota Oromoo naannoo kanaa guutummaan magaalaa fi baadiyaa keessa deemuun reebaa akka ture gabaafamee ture. Haala kanaan FDG itti fufee dargaggootni dhiibbaa mootummaa Wayyaanee kanaa adda durummaan mormuun konkolaataa isaanii dura dhagaa tuuluu fi daandii waraanni Wayyaanee irra deemu mara cufuun waraanni humni dabalataa naannicha deemaa jiru karaa darbaa dhabuun of duuba deebi’ee naannoo Haroo Sabbuu jedhamu akka qubatee jiru beekame. Haalli kun hamma Waxabajjii 07,2012 itti dhagaa itti darbaa fi wal qabaa akka jiran gabaasi Qeerroo Ayira irraa nu gahe addeessa.

Daandiin Konkolaataa Wallagga Anfilloo irraan goree gara Gambela geessu FDG ka’een cufame.

Aside

Waxabajjii 08,2012 Dambi Doolloo
Uummanni Qellem Wallaggaa ,Anfilloo diddaan Qeerroo fi ummata Oromoo bifa haarawwaadhaan eegalee daandiin karaa Wallaggaa gara Gameelaatti geessu anfiilloo fi Gambeela jidduu jiru guutummaatti cufamuun konkolaattonni karaa darbaa dhabanii gara duubaa deebi’aa akka jiranii fi kaan ammo achumatti danqamanii akka jiran gabaasi naannoo sanii nu gahe addeessa.
Ummanni naannoo Muggii ,Anifiilloo fi Ashii jiraatan FDG kaasuun mukkeen gurguddaa fi dhagaa gurguddaa akkasumas karaa san boollessuun konkolaataan loltuu Wayyaanee akka achiin hin dabarreefi konkolaataan kamuu gara Gambeelaatti darbuu fi kan Gambela irraa gara Wallaggaatti dhaqus akka hin sochoone godhanii jiru. Sababa kana irraa kaasee mootummaan Wayyaanee dabballoota isaa walitti qabuun guyyaa kaleessaa Waxabajjii 07,2012 qormaata irra akka oole gabaasi naannicha irraa nu dhaqabe addeessa.
Kana malees Oromoota sabboonoo ta’an shakkii dhaan ammaan dura Jaal Laggasaa Wagii waliin hojjetaa turtan waraana ABO amma illee ni gargaartu sababa jedhuun hidhuu eegalee jira. Oromoota hanga ammaatti daandii guddaa magaalaa Aniflloo Muggii fi ganda Shebel jedhu ummata kakaaftanii cufsiiftaniitti sababa jedhuun hidhaman keessaa
1.Tigiluu Ittaanaa
2.Moosisaa Bantii
3.Shaashituu Tolaa
4.Gaaromaa Hambis
Kanneen ta’an ta’uu gabaasaan Dambi Doolloo irraa nu gahe addeessa.

Safuu fi Safeeffannaan Gurmuu Oromoo fi Dhaaba Oromoo Diiguuu Irraa of Qusachuudhaan Dhugooma

Aside

Infoo Deeskii ABO | Waxabajjii 7, 2012

Waaée safuu fi safeeffannaa Oromoo dubbachuu fi wal yaadachiisuun hammeenya hin qabu. Safuu fi safeeffannaa dhugoomsuun akka dhala Oromootti mata mataa keenya hunda irraa eegala. Afaaniin waan safuuf quuqamne fakkaachaa dalagaadhaan safuu Oromoo dhiitnee dachiitti makna yoo taheef safuu baanamu sanayyuu kan beeknu hin fakkaatu, ykn akka gaariitti osoo beeknuu beekaa lafatti rirriitnee dhidhiitna. Safuu fi seera ittiin irbuu seenan osoo beekanii irra eejjatuun ammoo hammina hammina hunda caaluu dha. Aadaan hawaasa Oromoo keessatti ‘safuu’jechuun hubatamu sirna dhaaba siyaasaa sabichaa keessattis qooda jaaraa gumaacha. Safuun ummanni Oromoo aadaadhaan qabuu fi seeraa fi heerri sirna jaarmayummaa dhaaba Oromoo wal tumsu malee wal hin faallessani. Safuu fi sirni jaarmayaa Oromoo wal utubu malee wal hin diigani. Kana irraa kaúun egaa, namas tahee murni safuuf quuqamu tokko seeraa fi heera siyaasaa dhaaba isaaf ni amanama malee hin ganu. Kan safuuf kabajaa qabu seeraa fi heera dhaaba isaa kaleessa itti kakateef san hin salphisu. Kan safuu Oromoo beeku waan kaleessa akka qabsaayaa Oromootti irbuu seene tokko hin cabsu. Kan safuu safeeffatu dhaaba kaleessa dhaaba koo ittiin jechaa bahe hará itti ejjetee hin diigu. Safuu beekuun badii fi yakkoota akkasii kana mara irraa nama oolcha waan taheef ,caalaatti dubbisuuf:- Safuu Duula Diigaa

HRLHA – Press Release

Aside

Ethiopia: Deadly, Religiously Outrageous, and Socially Destructive Consequences of Land Grab in Western Ethiopia
HRLHA – Press Release
June 7, 2012

Apart from displacements and dispossessions without consents and compensations, more and more negative consequences of land grab in the name of development are surfacing from time to time in different parts of Ethiopia; all outcries, criticisms and demands for corrective measures falling on deaf ears.
According to information obtained by HRLHA from Wixate locality in Yayyo District of Ilubabbor Zone in western Oromia, a teenager called Zerihun Girma has died after being buried alive in a man-made landslide created from a mountain of soil dumped along a small river in a residential area. The soil was coming from the digging into the ground for a coal mine project underway in the area. Zerihun, a grade eight student of age 14, was playing with his fellow
Teenagers when this happened to him without any awareness and doubt about the deadly nature of the dump. Not only that the soil and other excavations from the digging were being dumped in a residential neighborhood, but also there were no signs of warning posted to keeping people and animals away from the area. The teenager’s body could not have been located had it not been for his mates who were playing with him at the moment.
The local people told HRLHA’s agent that the operators of bulldozers, who were at work on the site when Zerihun’s body was retrieved, were not even cooperative to remove the hill of soil to reach the teenager’s remains. Read More:- HRLHA_PR-_June_7,_2012