Mooraa University Adaamaa Keessatti Filannoon Barattootaa Milkaawuu Hafeee Wayyaanonni Kaadhimamtoota Ofii Bakka Buufatan

Waxabajjii 11,2012 Adaamaa
Kanaan dura akkuma dhaamame ykn gabaasame Filannoon kaadhimtoota mooraa yuuniversitii Adaamaa kaleessa June 9,2012 guyyaa guutuu geggeefamaa oolus barattootni gara filannootti kan ba’an muraasa ta’anii argaman. Kanneen filannoorratti hirmaatan ammo warruma dhaaba Wayyaanee keessatti durumaan hirmaatan dha. Filannoo baroota darbanii fi ammaan dura ture bira waliin yoo wal bira qabamu hedduu kan wal hin simne barattootni irraa fagaatanii akka itti hin dhiyaannelle ta’anii argaman. Akka fakkenyaatti yoo fudhatame bara darbe barataan hiriiraa dhedheeraa uummee guyyaa guutuu yaa’ee filataa ooluun isaa yeroo yaadatamu; Kana ganama dhaqe waaree filate galature haala kanaanis filmaati bara darbee Qeerroo Mooraa University Adamaaf injifannoo ture. Kan baranaa garuu filachiiftotni karaarraa barattoota qabanii filadhaa jechuun kadhataa akka oolan gabaafamee jira; haalli kan baranaa barattooti filmaata irratti hirmaachuu dhabuu fi kanneen bakka filmaataatti argamanis miseensotuma Wayyaanee kanneen ta’an waan ta’eef warra TPLF s ta’e jala deemtota Wayyaanee OPDOtti adda ta’ee mul’atee shakkii guddaa keessa buusee jira.
Waluma galatti,barataan sa’a walfakkaatutti bakka filannootti argame yoomiyyuu nama shan ol hinta’u. Yeroon itti namni achiin darbu dhibes lakkoofsa hin qabu. Kun ammoo barattootni mufii Wayyaanonni ta’e jedhanii dabballoota ofii kaadhimamtoota godhatanii barattootaan dirqii filaa jedhaniif akka ta’e beekamaa dha. Filannoo Wayyaaneen qindeessite kanaaf barattootni Oromoo kaardii fudhatan duraanuu muraasa akka turan beekamaadha.
Ammatti haalli filannoo kunis mooricha keessatti bifa mufachiisaa ta’een akka jirtuu fi barattoota Oromoo addattis Qeerroo gara diddaatti akka akeeku beekamaa dha. Baayina barataa Oromoo mooraa University Adamaa keessa jiranii kuma torbaan tilmaaman keessaa namoonni ibbantaan lakkaawaman akka filmaata kana irratti hin argamne ifa ta’ee jira.
Kan bara darbeen yoo madaalle dachaadhaan kan caalee argameedha. Kunis mufannaa shira OPDO’f qaban akka ta’e ibsanii jiran.
Walumaa galatti namooni dhimma kana irratti kaadhimamuun filmaata jedhamee bakka ka’aman kanneen armaa gadiiti.
1ffaa) Kuubaa Daffaaruu Nadhii….Oromoo(OPDO)Pirezidaantii Kuubaa Defaru Msgana Semere G.Aregay
2ffaa) Getaachoo Xilaahun Baazzezeew…Amaara vice president(Ittaanaa Pirezidaantii)
3ffaa) Fitsum Damisee Mekuriyaa…Kibba(SouthernNNP) Secretary(barreessaa)
4ffaa) Misgna Sammeree G/Areggaay…Tigraay Cashier (Qabduu maallaqaa).
Egaa filannoowwan kun haa raawwataniyyuu malee mooricha keessatti barattootni Oromoo akka jiranitti shira OPDO mooraa sana keessatti raawwatamu daran akka balaaleffatan maadheen mooraa sana keessaa addeessa Qeerroof waraqaa fi email facaaseen beeksisee jira.
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment