Wayyaanee TPLF Diddaa Aanaa Ayiraa keessaa jabaate dhaamsuuf dargaggoota hidhaa jira‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 18,2012
Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa dhaamsuuf barattoota Oromoo xiyyeeffannoon mana hidhaatti guuraa turuu fi har’as itti jiraachuun beekamaa dha haala kanaan Godina Wallagga Lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo Ganda Warra Kuraa Fichii keessatti barataa Kutaa 9ffaa kan baratu Barataa Saaqqataa Abarraa jedhamu Ati miseensa ABOti jechuun yakkuun mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Aanaa Ayiraa keessatti argamu keessatti dararuu irratti argamu.
Ergamaan mootummaa wayyaanee naannoo kanatti Darajjee Tashoomee jedhamu dargaggoota Oromoo mana hidhaatti guursisaa kan turee fi har’as kan itti jiru yoommuu tahu gocha bilisummaa ilmaan Oromoo danqu jala dhaabbachuu dhaabuu dhiisnaan tarkaanfiin gatii isaa madaalu akka isa eeggatu Qeerroon naannoo kanaa jabeessee dhaammata.

Mootummaan wayyaanee Bakkeewwan Amantiitti sakatta’insa jalqabe

Aside

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 18,2012
Mootummaan Wayyaanee sodaa diddaa deemsifamaa jiruun wal qabatee hordoftoota amantii Kiristaanaa Muluu Wangeelii fi Makaana Yesuus Godina Qeellam Wallaggaa magaala Dambi Doolloo keessatti waaaqeffatan waraqaa eenyummaa agarsiisaa jechuu fi sakatta’insaan rakkiste.Mootummaan Wayyaanee waraanaa fi milishaa bakkeewwan amantii kanaatti bobbaasuun shororkeessaan galee jira maqaa jedhuun uummata rakkisaa akka jiru gabaasi Dambi Dolloo irraa nu gahe addeessa.

Sagaleen Bilisummaa Oromoo(SBO)n Waggaa 24 isaa Waxabajjii 15,2012 Kabajate

Aside

SBO Afaan Oromoo

SBO Afaan Amaaraan

Qabsaawoti Shamarran Oromoo Maal Nuu Dhaamanii?

Video

Artist Saliyaa Saamii

Artist Dirribee

Artist Ilfuu

Dabballoonnii fi Bulchiisi OPDO Sochii FDG dura Dhaabbachuuf Bobba’an Irree Qeerroon Reebaman

Aside

Waxabajjii 15,2012 Gabaasa Qeerroo Habee Dongoroo
Waxabajjii 14/2012 guyyaa har’aa Onaa Haabee Dongoroottii FDG’n Ummataan jabatee itti fufuun barattooti magaalaa keessatti diddaa kaasuu irraan kan ke’e diddaa qabate dhaamsuuf dabballoonni Wayyaanee bobba’an irraa Qeerroo magaalichaan reebaman
Haala kanaan dabbaleen OPDO itti gaafatamaan ijaarsaa dhaabaa OPDO Onaa Haabee Dongoroo kan ta’ee nama maqaan isaa
1. Amanuu Toluu
2. Getaachoo Dinquu
3. Daani’el samuu’eel j
jedhaman dargaggootaan reebaman. Haala kanaan poolisoonni aanichaa naannoo san irraa dheessuun barattoota tuquu sodaachoon of qosachuun beekame.Haala kanaa dargaggoonni amma galgalaatti magaalcha keessa sirboota ABO faarsuu fi WBO faarsu ka’I Qeerroo dhadannoo dhageessisaa turanii jiru.
Waraanni Wayyaanees halkan san naannoo Ukkee Qarsaa jedhamu irraa magaalicha guutee akka jiru gabaasi achi irraa nu gahe addeessa.
Kana malees sochiilee Godina Shawaa Dhiyaa,Aanaa Dandii ganda Ginci keessaa ta’aa jiruun wal qabatee namoota sadii shakkiidhaan deggertoota ABO jedhee qabee mana hidhaa buusee jira. Namoonni kun :
1. Barsiisaa Abuunaa-magaalaa Gincii irraa
2. Barsiisaa Bilisummaa-magalaa Gincii irraa
3. Aadde Maartaa ;

Anaa Jaartee Keessatti FDG Itti Fufee Ummanni Hiriira Guddaa Bahe.Alaabaan ABO Magaalaa Keessa Balali’e.

Aside

Waxabajjii 15,2012 Shaambuu
Waxabajjii 13,2012 G/W/B/Aanaa Jaarteetti Uummanni baayinni isaa 2320 ta’u ganama sa’a 2:00 kaasee hanga sa’a 6:00tti hiriira nagaa bahanii akka jiran Qeerroon magaalaa sanii addeessa. Kun yeroo ta’u gaaffii Uummanni kun qabatee ka’e mirgi ilmaan Oromoo hamma yoomitti kan sarbamu jechuudhaan uummanni kun daandii kulaa soogiddaa jedhamu konkolaataan akka itti darbu dhabee cufee oolee jira. Hiriira kana bittimsuu fi ummata baadiyyaa fi magaalaa keessaa walitti birmatee hiriira kana bahe hiraarsuuf humni milishaa gandaa fi poolisoonni aanaa fi waraanni Wayyaanee rasaasa akka dhukaasaa turan beekamaa dha.
Haala kanaan Hiriira kanaan wal qabatee namoonni qabamanii ukkaamsaman kan bakka buuteen isaanii dhabamee jiru:
1. Barataa Tamasgeen Filee
2. Obbo Faantaa Irranaa
3. Barataa Kilaash Mohammaad
Kanneen jedhaman waraana wayyaaneetiin kan dhokatani yoo ta’u hiriira kana dhaabsisuuf waraana Wayyaanee humna cimaa ta’e kan gadi lakkifaman waraanni 36 kan ta’an harka uummataan reebamanii hojiin ala akka ta’an Qeerroon naannoo sanii addeessa. Sababa kanaaf namoonni hidhamanii jiran immoo:
1. Abbaa Qabeenyaa Obbo Addunyaa Mokonin;
2. Barsiisaa Derejjee Dirribaa
3. Barsiisaa Tamasgeen Dheeressaa ,
4. Obbo Fiqaaduu Namarraa – ogeessa suuraa
5. Obbo Shifarraa Indaaluu
6. Obbo Rush;
Kanneen jedhaman immoo waanti isaan qaban,qabeenyaan isaanii akka saamamee jiru ta’ee jira. Hiriira kanaan wal qabatee Qeerroon magaalaa Aliiboo keessatti Alaabaa ABO balaliisuudhaan asii fi achi deddeebi’iaa akka turan gabaasaan addeessa. Kana irratti hundaa’uudhaan waraanni federaala konkolaata hedduudhaan kan wal irraa hin cinne naannoo sana irratti guuramaa akka jiru gabaafame.

Oromo – Seife Nebelbal Radio Program, June 15, 2012

Video

Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaatti Tarkaanfiin Qabeenyaa dabbaloota investerotaa Wayyaanee irraatti fudhatamuu jabaatee itti fufe.

Aside

Waxabajjii 14,2012 Naqamte
Waxabajjii 13,2012 Giddaa Ayyaanaa bakkaa ‘Fiiti Baqqoo’ mandaaraa 6ffaa  jedhamutti qabeenyaa Lukkee diinaa Nama maqaan Tewelde Biraan Amaanu’eel jedhamuu qabeenyaa isaa Baaburaa midhaan daakuu tokkoo fi konkolaataa Qotisaa tiraaktera tokkoo akkasumas qonnaan xaliixaa heektaara guddaa irraatti tarkaanfiin fudhatameen gutumaan guututti Ibiddaan barbadaa’e.

Sababaa tarkaanfii armaan Olii kanaan wal qabatee waxabajjii 13,2012 Ilmaan Oromoo nagaan Namoonnii 6 qabamanii waajjiraa poolisaa Onaa Giddaa Ayyaanatti Hidhamani  kanneen kunis

1. Baqqalaa Mosisaa,

2.Gurmeessaa Baayisaa,

3.Tolii Amantee,

4.Ababa Dhugaasaa fi namoonni lama kan maqaan isaanii yeroof nu hin geenyee qabamanii hidhamuun gabaafame.

Kanneen yeroo ta’an haalli kun itti fufee akka jiruu fi gara fuula duraattis inveesteroota lafa Oromoo saman kaan tokko tokkoon haalli fakkaataa akka isaan eegu dubbatama.

Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)

Aside

SBO

RAB: Exclusive Interview with the Chairman of the Oromo Liberation Front (OLF), J/ Daawud Ibsaa

Video